Zikrii yeroo salaata irraa salamtaa bahanii boodaa

 



Zikrii yeroo salaata irraa salaamtaa bahanii

أَسْتَغْفِرُ اللَّهَ (ثَلاَثَاً) اللَّهُمَّ أَنْتَ السَّلاَمُ، وَمِنْكَ السَّلاَمُ، تَبَارَكْتَ يَا ذَا الْجَلاَلِ وَالْإِكْرَامِ
Yaa Allaah naaf araarami (si’a sadii jedha) Ergasii "yaa Rabbi situ nagaadha. Nageenyi si biraa argamas. Yaa abbaa guddinaafi kabajaa khayriin kee baay’ateera"

لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَحْدَهُ لاَ شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ وَلَهُ الْحَمْدُ وَهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ [ثلاثاً]، اللَّهُمَّ لاَ مَانِعَ لِمَا أَعْطَيْتَ، وَلاَ مُعْطِيَ لِمَا مَنَعْتَ، وَلاَ يَنْفَعُ ذَا الْجَدِّ مِنْكَ الجَدُّ
Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru. Inni tokkicha hiriyaa hin qabneedha. Mootummaan kan isaati. Faaruunis kan Isaati. Inni waan hundaa danda’aadha. Yaa Rabbi waan ati kennite dhorgataan hin jiru. Waan ati dhorgatte immoo kennaan hin jiru. Abbaa qabeenyaa adabbii kee irraa qabeenyi isaa hin fayyadu.

سُبْحَانَ اللَّهِ، وَالْحَمْدُ لِلَّهِ، وَاللَّهُ أَكْبَرُ (ثلاثاً وثلاثين)
 لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَحْدَهُ لاَ شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ وَلَهُ الْحَمْدُ وَهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ
Rabbiin qulqullina isaan malu qulqullaa’e. Faaruun kan Rabbiiti. Rabbiin waan hundarra guddate. (Si’a soddomii sadii jedha)
Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru. Inni tokkicha hiriyaa hin qabneedha. Mootummaan kan isaati. Faaruunis kan Isaati. Inni waan hundaa danda’aadha.

اللَّهُمَّ إِنِّي أَسْأَلُكَ عِلْماً نافِعاً، وَرِزْقاً طَيِّباً، وَعَمَلاً مُتَقَبَّلاً
Yaa Rabbi ani beekumsa fayyadu, soorata gaariifi hojii qeebalamaan si kadha. Booda salaata Fajrii irraa salaamtaa bahee jedha.


Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH