Du'aa'ii yeroo rakkoo,yaadoo, cinqii fi gaddaa

 



Du’aa’ii nama rakkoon isa mudatee

إِنَّا لِلَّهِ وَإِنَّا إِلَيْهِ رَاجِعُونَ، اللَّهُمَّ أْجُرْنِي فِي مُصِيبَتِي، وَأَخْلِفْ لِي خَيْرَاً مِنْهَا
Nuti kan Rabbiiti. Nuti gara Isaa deebi’oodhas. Yaa Rabbi rakkoo kiyya keessatti na mindeessi. Kan isa caalu bakka naaf buusi.


Du’aa’ii yaaddoofi gaddaa

اللَّهُمَّ إِنِّي عَبْدُكَ، ابْنُ عَبْدِكَ، ابْنُ أَمَتِكَ، نَاصِيَتِي بِيَدِكَ، مَاضٍ فِيَّ حُكْمُكَ، عَدْلٌ فِيَّ قَضَاؤُكَ، أَسْأَلُكَ بِكُــــلِّ اسْمٍ هُوَ لَكَ، سَمَّيْتَ بِهِ نَفْسَكَ، أَوْ أَنْزَلْتَهُ فِي كِتَابِكَ، أَوْ عَلَّمْتَهُ أَحَداً مِنْ خَلْقِكَ، أَوِ اسْتَأْثَرْتَ بِهِ فِي عِلْمِ الغَيْبِ عِنْدَكَ، أَنْ تَجْعَلَ القُرْآنَ رَبِيعَ قَلْبِي، وَنُورَ صَدْرِي، وَجَلاَءَ حُزْنِي، وَذَهَابَ هَمِّي
Yaa Rabbi ani gabricha keeti. Ilma gabricha keetiiti. Ilma gabrittii keetiiti. Sammuun kiyya sirka jira. Murtiin kee narratti raawwatamaadha. Murtiin kee anaaf haqa. Maqaa kee hundaa kan ati ittiin of moggaafte, yookiin kitaaba kee keessatti buufte, yookiin uumama kee irraa tokko barsiifte yookiin beekumsa fagoo si bira jiru keessatti filatteenin akka ati Qur'aana boqonnaa qalbii kiyyaa, ifaa qoma kootii, dhabamsiisaa gadda kiyyaatiifi deemsisaa yaaddoo kiyyaa taasiftun Si kadha.

اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنَ الْهَمِّ وَالْحَزَنِ، وَالْعَجْزِ وَالْكَسَلِ، وَالْبُخْلِ وَالْجُبْنِ، وَضَلَعِ الدَّيْنِ وَغَلَبَةِ الرِّجَالِ
Yaa Rabbi ani yaaddoofi gadda, dadhabbiifi taatiyoo, doynummaafi luynummaa, hidaan ulfaachuufi namootaan mo’atamuu irraa sittin maganfadha.


Du’aa’ii Yeroo Cinqii

اَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ الْعَظِيمُ الْحَلِيمُ، لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ رَبُّ الْعَرْشِ الْعَظِيمِ، لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ رَبُّ السَّمَوَاتِ وَرَبُّ الْأَرْضِ وَرَبُّ الْعَرْشِ الْكَرِيمِ
Dhugaan gabbaramaan Rabbii guddaa obsaa malee hin jiru. Dhugaan gabbaramaan Rabbii arshii guddaa malee hin jiru. Dhugaan gabbaramaan Rabbii samii, dachiifi Rabbii arshii guddaa malee hin jiru.
اللَّهُمَّ رَحْمَتَكَ أَرْجُو، فَلاَ تَكِلْنِي إِلَى نَفْسِي طَرْفَةَ عَيْنٍ، وَأَصْلِحْ لِي شَأْنِي كُلَّهُ، لاَ إِلَهَ إِلاَّ أَنْتَ
Yaa Rabbi rahmata keen kajeelaa milluu ijaatiif lubbuu kiyyatti na hin hirkisin. Dhimma kiyya hundaa naaf gaaromsi. Dhugaan gabbaramaan si malee hin jiru.
لاَ إِلَهَ إِلاَّ أَنْتَ سُبْحَانَكَ إِنِّي كُنْتُ مِنَ الظّالِمِينَ
Dhugaan gabbaramaan si malee hin jiru. Sin qulqulleessa. Ani miidhaa raawwattoota irraa ta’eera.


Du’aa’ii yeroo diinaafi abbaa taayitaa qunnaman godhamu

اللَّهُمَّ إِنَّا نَجْعَلُكَ فِي نُحُورِهِم، وَنَعُوذُ بِكَ مِنْ شُرُورِهِمْ
Yaa Rabbi nuti qoma isaanii keessa si godhanna. Hamtuu isaanii irraa sitti maganfanna.

Du’aa’ii Diina irratti godhamu

اللَّهُمَّ مُنْزِلَ الْكِتَابِ، سَرِيعَ الْحِسَابِ، اهْزِمِ الأَحْزَابَ، اللَّهُمَّ اهزِمْهُمْ وَزَلْزِلْهُمْ
Yaa Rabbii buusaa kitaabaa! Qorannoo ariifataa! Garee diinaa bittinneessi. Yaa Rabbi isaan bittinneessii isaan urgufi.


Waan namni ummata wahii sodaate jedhu

اللَّهُمَّ اكْفِنِيهِمْ بِمَا شِئْتَ
Yaa Rabbi waan feeteen isaan narraa gahi.

Du’aa’ii nama shakkiin iimaana keessatti isa mudatee


يَسْتَعِيذُ بِاللَّهِ، يَنْتَهِي عَمَّا وَسْوَسَ فِيهِ، يَقُولُ: آمَنْتُ بِاللَّهِ وَرُسُلِهِ، يَقْرَأُ قَوْلَهُ تَعَالَى، (هُوَ الْأَوَّلُ وَالْآخِرُ وَالظَّاهِرُ وَالْبَاطِنُ وَهُوَ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ)

Rabbitti maganfata. Rabbiifi ergamoota isaatti amaneera. jedha. Jecha Rabbii kana qara’a: "Inni duruma jira; kan boodaatis; mul’ataadha; dhokataas [argaadha] Inni waan hunda beekaadha"


Du’aa’ii hidaa kaffaluu

اللَّهُمَّ اكْفِنِي بِحَلاَلِكَ عَنْ حَرَامِكَ، وَأَغْنِنِي بِفَضْلِكِ عَمَّنْ سِوَاكَ
Yaa Rabbi halaala keetiin haraama kee irraa na tiksi. Tola keetiin waan si malee jiru irraa of na geessisi.
اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنَ الْهَمِّ وَالْحَزَنِ، وَالْعَجْزِ وَالْكَسَلِ، وَالْبُخْلِ وَالْجُبْنِ، وَضَلَعِ الدَّيْنِ وَغَلَبَةِ الرِّجَالِ
Yaa Rabbi ani yaaddoofi gadda, dadhabbiifi taatiyoo, doynummaafi lunnummaa, ulfina hidaafi namootaan mo’atamoo irraa sittin maganfadha.


Du’aa’ii nama dhimmi wahii itti ulfaate

اللَّهُمَّ لاَ سَهْلَ إِلاَّ مَا جَعَلْتَهُ سَهْلاً، وَأَنْتَ تَجْعَلُ الْحَزْنَ إِذَا شِئْتَ سَهْلاً
Yaa Rabbi waan ati laaffifte malee laafaan hin jiru. Ati yeroo feete gadda laafaa taasifta.


Waan namni yakka hojjate jedhuufi hojjatu

مَا مِنْ عَبْدٍ يُذنِبُ ذَنْباً فَيُحْسِنُ الطُّهُورَ، ثُمَّ يَقُومُ فَيُصَلِّي رَكْعَتَيْنِ، ثُمَّ يَسْتَغْفِرُ اللَّهَ إِلاَّ غَفَرَ اللَّهُ لَهُ
Gabrichi tokko yoo yakka wahii raawwatee wuduu gaaromfatee ergasii dhaabbatee raka’aa lama salaatee sana booda araarama Rabbiin kadhate Rabbiin isaaf araaramu malee hin hafu.


Du’aa’ii namni wanti inni hin feene itti argame godhu

قَدَرُ اللَّهِ وَمَا شَاءَ فَعَلَ
Kun murtii Rabbiiti. Waan fedhe hojjata.


Du’aa’ii yeroo dallansuu

أَعُوذُ بِاللَّهِ مِنَ الشَّيْطَانِ الرَّجِيمِ
Shayxaana abaaramaa irraa Rabbittin maganfadha.

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH