Utubaalee Islaamummaa Shanan

 

  Utubaalee Islaamummaa Shanan


Amantaa Hojii

Musliimonni yemmuu du’an hojiin isaanii gaarin hojii

isaanii badaa waliin akka madaalamu ni amanu. Hojiin

isaanii badaan isa gaarii irra caalee kan argamu yoo

ta’e kara gahaannamaa (ibidda barabaraa) akka

adeemanii fi gara jannataatti galuu isaanii dura

gidiraan akka isaan irra gahuudha. Hojiin isaanii gaarin

yoo madaale immoo fedha Waaqayyoo yoo ta’e

qajeelumaan gara jannataa adeemuu ni danda’u.

Haata’u malee isaan mirkaneeffachuu hin danda’an;

sababni isaas hunduu kan murteeffamu filannoo

Waaqayyootin waan ta’eefi. Isaan keessaa tokko tokko

kan yaaadan namoonni jihaada irratti du’an

qajeelumaan gara jannataa akka galaniidha. Haata’u

malee walumaa galatti Musliimonni hunduu gara

gahannamaa adeemuu jalaa bahuu akka danda’an

guutumaa gututti mirkaneeffachuudhan beekuu hin

danda’an. Kanaafidha Musliimonni baay’en sodaa

keessa kan jiraataniif.

Hojiin isaanii gaarin caalaa akka madaalu Musliimonni

gochaawwan shan akka hojjetan ajajamanii jiru.

Musliimonni kan amanan yoo hojiilee kanneen hin

hojjetin carraan gara ibiddaa adeemuu isaanii baay’ee

bal’aa akka ta’eedha. Gochaalen kunneen utubaalee

Islaamaa shanan jedhamuun beekkamu. Dabalataanis

seera Islaamaa, jechuunis, shari’aa ajajamuun isaan

barbaachisa.


1. Amanticha Labsuu

Amanticha ibsuun “Shahaadaa” jedhamuun beekkama.

Shahaadaa jechuun haala salphaatin ‘‘labsuu’’ (dhugaa

bahuu) jechuudha. Musliimonni wanta amanan yeroo

hundaa dhugaa bahuu yookin dubbachuu qabu. Hiikni

isaan wanta Arabiffaan dubbatanii akka armaan

gadiiti:-

“Allaah malee waaqni biraa akka hin jirre,

Muhaammadis ergamaa isaa akka ta’e nan rageessa.”

Musliimonni akka jedhanitti namni tokko Musliima

ta’uuf jechoota kanneen ragoota lama fuulduratti si’a

sadii jechuu qaba.


2. Salaata

Islaamummaa keessatti Waaqayyo fagoo fi kan hin

beekkamneedha. Kadhannaan Musliimotaa seera

gaggeessudha. Waaqni akka kadhata isaanii dhagahu

mirkaneeffannaa hin qaban.

Musliimonni kadhannaa duraa fi yeroo kadhannaa

gaggeessan seerota amantaa hundaa raawwachuu

qabu. Kan isaan amananis kadhannaa kadhachuu

isaanitiin dura qaamni isaanii Qulqulluu ta’uu akka

qabuudha. Kutaa qaama isaanii kan akka harkaa,

mataa, fuula, ilkaan, afaan, areeda, miila fi quboota

miila isaanii dhiqachuu qabu. Yeroo rafan Seexanni

funyaan isaanii keessa akka bulu waan amananiif

funyaan isaanitis bishaanin lolla’uu (qulleessuu) qabu.

Dhiqannaalee kanneen yoo hin gaggeessine ta’e

kadhannaan isaanii akka hojii gaaritti kan hin

lakkawwamne akka ta’e amanu.

Yeroo kadhatan Musliimonni fuula isaanii gara

Makkaatti garagalchuu qabu; mataadhanis lafa tuqanii

sagaduu qabu. Yeroo kanattis kadhannaalee irra

deddeebi’an ni qabu. Kadhannaalen isaanis Arabiffaan

dubbatamuu qabu. Musliimonni addunyaa guutuu irratti

argamanii fi Arabiffa dubbachuu hin dandeenye yeroo

kadhatanitti hiika wanta jedhaniituu hin beekan.

Musliimonni guyyaatti si’a shan kadhachuu qabu.

Kunneenis:- barraaqa, guyyaa walakkaa, guyyaa

walakkaan akkuma darbeen, walakkeessa guyyaa

booddee irratti, akkuma aduun dhiiteen akkasumas

erga dukkanaa’ee booda. Musliimonni guyyaa jimaataa

akka guyyaa boqonnaa isaanitti lakkaa’u. Guyyaa

jimaataa kadhannaadhaf walakkaa guyyaa irratti

dhiironni gara Masgiidaa adeemuu qabu. Achittis

Imaamni (dursaan masgiidichaa) lallaba inni lallabu

kadhannaa dura ni dhaggeeffatu.

Naannoo masgiidni jirutti gara kadhannaatti

sassaabbamuudhaf waamicha afaan Arabaatin

godhamu yeroo baay’ee ni dhageechu. Yeroo

waamicha kadhannaa kanattis sagale-guddistuu

fayyadamuun hanga danda’ametti waamichi fageenya

irratti akka dhagahamu gochuun baramaadha.

Musliimonni eddoon waamichi kadhannaadhaf

godhamu itti dhagahamu marti Islaamummaadhaf kan

daangeffameedha jedhaniit amanu.

Waamichi kadhannaadhaf godhamu Arabiffaan

“Waaqayyo jabaadha. Ani nan rageessa: Waaqayyo

malee waaqni biraa hin jiru, Muhaammad immoo

ergamaa isaati. Kadhannaadhaf koottaa, gara wanta

gaaritti koottaa” kan jedhuudha. Yeroo kadhannaa

barraaqatti immoo “kadhannaan hirriiba irra baay’ee

wayya” dubbiin jedhu itti dabalama.


3. Sooma

Soomnis kutaa Islaamaa baay’ee barbaachisaadha.

Innis kan taasifamu akkaataa kaalaandara Musliimatiin

ji’a saglaffaa irrattidha. Ramadaanni kan eegalu

addeessi haarofti yeroo itti baatutti yoo ta’u kan

raawwatamus ji’a itti aanu irratti yeroo addeessi

baatudha.

Ji’a ramadaanaa keessa kan soomaniif Muhaammad

yeroo ergamaa Gabri’eelii itti argeedha jedhamu sana

yaadachiisufi.

Yeroo sooma Musliimaa aduun baatee hamma lixxutti

nyaachuu, dhuguu, sigaaraa aarsuu yookan saal

qunnamti raawwachuun hin jiru. Kunis ji’a ramadaanaa

guutuu ni taasifama. Haata’u malee guyyaa

guyyaadhan akkuma aduun lixxeen soomni

Musliimotaa gara ayyaana nyaatatti jijjiirama. Halkan

keessaa hanga sa’aatii saddeetitti hanga danda’an

hunda nyaachun Musliimotaan kan barameedha.

Ji’oota kaawwan caalaa, ji’a Ramadaanaa keessa

Musliimonni baay’ee nyaatu.

Ji’a Ramadaanaa keessa itti yaadanii sooma cabsuun

akka wanta baay’ee badaa ta’etti lakkaawwama. Sodaa

gara ibidda barbaraa adeemuu bira darbee namoota

sooma cabsan irratti adabbii baay’ee cimaatu irra ga’a.

Biyyoota Musliimaa tokko tokko keessatti namni tokko

sooma isaanii osoo cabsuu yoo argame adabbii

maallaqaa baay’ee kafaluu qaba yookin reebamuu fi

akkasumas hidhamuuyyuu ni danda’a.

Jiini sooma Ramadaana akka lakkoofsa keenyatti

waggaa waggaan ji’oota gara garaa irra oola. Kunis

lakkoofsa guyyaa Musliimotaa fi Kiristiyaanota gidduu

garaa garummaa guddaan wanta jiruufidha.


4. Zakaata

Musliimonni kan amanan Islaamummaa deeggaruu fi

Musliimota harka qalleeyyii gara garaaf maallaqa yoo

keennan gara Jannataatti galuudhaf carraa fooyya’aa

akka qabaataniidha. Musliimonni Sunnii ta’an galii

argatan hunda irraa, harka dhibba keessaa harka 2.5

kennuu fi akkasumas kenna fedhaa kennuu qabu.


5. Hajjii (Imala Amantaa gara Makkaa)

Musliimonni hundinuu kan danda’an yoo ta’e bara

jireenya isaanii keessatti yoo xinnaate si’a tokko gara

Makkaa imaluu qabu. Imalli amantaa kun Hajjii

jedhamuun kan beekkamu yoo ta’u akka lakkoofsa

guyyaa Musliimotaatti ji’a 12ffaa irratti ta’u qaba.

Makkaanis kan beekkamtu magaalaa qulqullittii

Musliimotaa jedhamteeti. Makkaa keessatti boca

kiyuubii kan qabu ijaarsi guddaan Ka’aabaa jedhamu ni

argama. Imaltoonnis isa si’a torba ni naanna’u.

Musliimonni Yemmuu Ka’aabaa naanna’an dhagaa

gurraacha roga ijaarrame tuquun ni dhungatu. Tarii

qaama mitiyooraayitii (urjii furguuggamtuu) akka ta’e

kan amanamu dhagaan gurraachi kun Islaamummaan

eegalamuu isaatin duratti paagaanotaan

waaqeffatamaa kan ture ennaa ta’u akka wanta

baay’ee ulfina qabuu fi Qulqulluu ta’etti ni lakkaa’ama

ture.

Musliimni gara Makkaatti imale Haajii jedhamee kan

waammamu yoo ta’u Musliimota kaawwan biratti

ulfinni guddaan ni kennamaaf.

Jihaada (Waraana Qulqulluu)Utubaa jahaffaa?

Maddeen barreeffamoota Islaamummaa fuulota Isaanii

irratti Waaqa fi Islaamummaadhaf jihaadan waraana

gaggeessudhaaf dubbii ulfina kennu ni qabu. Shari’aan

kan dubbatu jihaadni hojii bu’uura amantaa guddaa

akka ta’etti. Musliimonni heddu kan amanatan lola

jihaadaa irratti hirmaachun gocha Musliimummaa

baay’ee barbaachisaa ta’eefi utubaa Islaamummaa isa

jahaffaa akka ta’eedha. Kanaafidha Musliimonni tokko

tokko ofii isaanii fedhaan shororkeessummaadhaf

dabarsanii kan kennan.

Musliimonni addunyaa bakka lamatti qoodanii ilaalu.

1. Naannoo Musliimonni bulchan – Naannoleen

kunneen Dar Al-Islaam (mana Musliimotaa)

jedhamuun waammamu.

2. Naannolee Musliimni hin bulchine – eddoowwan

kunneen Dar Al-Harb (mana lolaa) jedhamuun

waammamu.

Musliimonni mana waraanaa gara mana nageenyatti

jijjiiruf loluu qabu.

Akka Islaamummaa baramaatti jihaadni amanticha

babal’isuudhaf karaa waaqa biraa kennameedha.

Waraanni Musliimaa namoota Musliima hin taane akka

waraanuf dursuun namni duulchisu Kaalif (gaggeessaa

Musliima) ti.

Musliimonni tokko tokko ilaalcha waraanaa kana hin

fudhatan. Isaan jihaada kan hiikan akka waraana

hafuuraa onnee keessatti amala cubbuu waliin

taasifamuuti. Musliimonni baay’en kan amanan

jihaadni Islaamummaa, Musliimotaa fi daangaa

Musliimaa weerara adda addaa irraa ittisuuf gocha

amantaa taasifamu akka ta’eedha.

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH