Utubaalee Islaamummaa Shanan
Utubaalee Islaamummaa Shanan
Amantaa Hojii
Musliimonni yemmuu du’an hojiin isaanii gaarin hojii
isaanii badaa waliin akka madaalamu ni amanu. Hojiin
isaanii badaan isa gaarii irra caalee kan argamu yoo
ta’e kara gahaannamaa (ibidda barabaraa) akka
adeemanii fi gara jannataatti galuu isaanii dura
gidiraan akka isaan irra gahuudha. Hojiin isaanii gaarin
yoo madaale immoo fedha Waaqayyoo yoo ta’e
qajeelumaan gara jannataa adeemuu ni danda’u.
Haata’u malee isaan mirkaneeffachuu hin danda’an;
sababni isaas hunduu kan murteeffamu filannoo
Waaqayyootin waan ta’eefi. Isaan keessaa tokko tokko
kan yaaadan namoonni jihaada irratti du’an
qajeelumaan gara jannataa akka galaniidha. Haata’u
malee walumaa galatti Musliimonni hunduu gara
gahannamaa adeemuu jalaa bahuu akka danda’an
guutumaa gututti mirkaneeffachuudhan beekuu hin
danda’an. Kanaafidha Musliimonni baay’en sodaa
keessa kan jiraataniif.
Hojiin isaanii gaarin caalaa akka madaalu Musliimonni
gochaawwan shan akka hojjetan ajajamanii jiru.
Musliimonni kan amanan yoo hojiilee kanneen hin
hojjetin carraan gara ibiddaa adeemuu isaanii baay’ee
bal’aa akka ta’eedha. Gochaalen kunneen utubaalee
Islaamaa shanan jedhamuun beekkamu. Dabalataanis
seera Islaamaa, jechuunis, shari’aa ajajamuun isaan
barbaachisa.
1. Amanticha Labsuu
Amanticha ibsuun “Shahaadaa” jedhamuun beekkama.
Shahaadaa jechuun haala salphaatin ‘‘labsuu’’ (dhugaa
bahuu) jechuudha. Musliimonni wanta amanan yeroo
hundaa dhugaa bahuu yookin dubbachuu qabu. Hiikni
isaan wanta Arabiffaan dubbatanii akka armaan
gadiiti:-
“Allaah malee waaqni biraa akka hin jirre,
Muhaammadis ergamaa isaa akka ta’e nan rageessa.”
Musliimonni akka jedhanitti namni tokko Musliima
ta’uuf jechoota kanneen ragoota lama fuulduratti si’a
sadii jechuu qaba.
2. Salaata
Islaamummaa keessatti Waaqayyo fagoo fi kan hin
beekkamneedha. Kadhannaan Musliimotaa seera
gaggeessudha. Waaqni akka kadhata isaanii dhagahu
mirkaneeffannaa hin qaban.
Musliimonni kadhannaa duraa fi yeroo kadhannaa
gaggeessan seerota amantaa hundaa raawwachuu
qabu. Kan isaan amananis kadhannaa kadhachuu
isaanitiin dura qaamni isaanii Qulqulluu ta’uu akka
qabuudha. Kutaa qaama isaanii kan akka harkaa,
mataa, fuula, ilkaan, afaan, areeda, miila fi quboota
miila isaanii dhiqachuu qabu. Yeroo rafan Seexanni
funyaan isaanii keessa akka bulu waan amananiif
funyaan isaanitis bishaanin lolla’uu (qulleessuu) qabu.
Dhiqannaalee kanneen yoo hin gaggeessine ta’e
kadhannaan isaanii akka hojii gaaritti kan hin
lakkawwamne akka ta’e amanu.
Yeroo kadhatan Musliimonni fuula isaanii gara
Makkaatti garagalchuu qabu; mataadhanis lafa tuqanii
sagaduu qabu. Yeroo kanattis kadhannaalee irra
deddeebi’an ni qabu. Kadhannaalen isaanis Arabiffaan
dubbatamuu qabu. Musliimonni addunyaa guutuu irratti
argamanii fi Arabiffa dubbachuu hin dandeenye yeroo
kadhatanitti hiika wanta jedhaniituu hin beekan.
Musliimonni guyyaatti si’a shan kadhachuu qabu.
Kunneenis:- barraaqa, guyyaa walakkaa, guyyaa
walakkaan akkuma darbeen, walakkeessa guyyaa
booddee irratti, akkuma aduun dhiiteen akkasumas
erga dukkanaa’ee booda. Musliimonni guyyaa jimaataa
akka guyyaa boqonnaa isaanitti lakkaa’u. Guyyaa
jimaataa kadhannaadhaf walakkaa guyyaa irratti
dhiironni gara Masgiidaa adeemuu qabu. Achittis
Imaamni (dursaan masgiidichaa) lallaba inni lallabu
kadhannaa dura ni dhaggeeffatu.
Naannoo masgiidni jirutti gara kadhannaatti
sassaabbamuudhaf waamicha afaan Arabaatin
godhamu yeroo baay’ee ni dhageechu. Yeroo
waamicha kadhannaa kanattis sagale-guddistuu
fayyadamuun hanga danda’ametti waamichi fageenya
irratti akka dhagahamu gochuun baramaadha.
Musliimonni eddoon waamichi kadhannaadhaf
godhamu itti dhagahamu marti Islaamummaadhaf kan
daangeffameedha jedhaniit amanu.
Waamichi kadhannaadhaf godhamu Arabiffaan
“Waaqayyo jabaadha. Ani nan rageessa: Waaqayyo
malee waaqni biraa hin jiru, Muhaammad immoo
ergamaa isaati. Kadhannaadhaf koottaa, gara wanta
gaaritti koottaa” kan jedhuudha. Yeroo kadhannaa
barraaqatti immoo “kadhannaan hirriiba irra baay’ee
wayya” dubbiin jedhu itti dabalama.
3. Sooma
Soomnis kutaa Islaamaa baay’ee barbaachisaadha.
Innis kan taasifamu akkaataa kaalaandara Musliimatiin
ji’a saglaffaa irrattidha. Ramadaanni kan eegalu
addeessi haarofti yeroo itti baatutti yoo ta’u kan
raawwatamus ji’a itti aanu irratti yeroo addeessi
baatudha.
Ji’a ramadaanaa keessa kan soomaniif Muhaammad
yeroo ergamaa Gabri’eelii itti argeedha jedhamu sana
yaadachiisufi.
Yeroo sooma Musliimaa aduun baatee hamma lixxutti
nyaachuu, dhuguu, sigaaraa aarsuu yookan saal
qunnamti raawwachuun hin jiru. Kunis ji’a ramadaanaa
guutuu ni taasifama. Haata’u malee guyyaa
guyyaadhan akkuma aduun lixxeen soomni
Musliimotaa gara ayyaana nyaatatti jijjiirama. Halkan
keessaa hanga sa’aatii saddeetitti hanga danda’an
hunda nyaachun Musliimotaan kan barameedha.
Ji’oota kaawwan caalaa, ji’a Ramadaanaa keessa
Musliimonni baay’ee nyaatu.
Ji’a Ramadaanaa keessa itti yaadanii sooma cabsuun
akka wanta baay’ee badaa ta’etti lakkaawwama. Sodaa
gara ibidda barbaraa adeemuu bira darbee namoota
sooma cabsan irratti adabbii baay’ee cimaatu irra ga’a.
Biyyoota Musliimaa tokko tokko keessatti namni tokko
sooma isaanii osoo cabsuu yoo argame adabbii
maallaqaa baay’ee kafaluu qaba yookin reebamuu fi
akkasumas hidhamuuyyuu ni danda’a.
Jiini sooma Ramadaana akka lakkoofsa keenyatti
waggaa waggaan ji’oota gara garaa irra oola. Kunis
lakkoofsa guyyaa Musliimotaa fi Kiristiyaanota gidduu
garaa garummaa guddaan wanta jiruufidha.
4. Zakaata
Musliimonni kan amanan Islaamummaa deeggaruu fi
Musliimota harka qalleeyyii gara garaaf maallaqa yoo
keennan gara Jannataatti galuudhaf carraa fooyya’aa
akka qabaataniidha. Musliimonni Sunnii ta’an galii
argatan hunda irraa, harka dhibba keessaa harka 2.5
kennuu fi akkasumas kenna fedhaa kennuu qabu.
5. Hajjii (Imala Amantaa gara Makkaa)
Musliimonni hundinuu kan danda’an yoo ta’e bara
jireenya isaanii keessatti yoo xinnaate si’a tokko gara
Makkaa imaluu qabu. Imalli amantaa kun Hajjii
jedhamuun kan beekkamu yoo ta’u akka lakkoofsa
guyyaa Musliimotaatti ji’a 12ffaa irratti ta’u qaba.
Makkaanis kan beekkamtu magaalaa qulqullittii
Musliimotaa jedhamteeti. Makkaa keessatti boca
kiyuubii kan qabu ijaarsi guddaan Ka’aabaa jedhamu ni
argama. Imaltoonnis isa si’a torba ni naanna’u.
Musliimonni Yemmuu Ka’aabaa naanna’an dhagaa
gurraacha roga ijaarrame tuquun ni dhungatu. Tarii
qaama mitiyooraayitii (urjii furguuggamtuu) akka ta’e
kan amanamu dhagaan gurraachi kun Islaamummaan
eegalamuu isaatin duratti paagaanotaan
waaqeffatamaa kan ture ennaa ta’u akka wanta
baay’ee ulfina qabuu fi Qulqulluu ta’etti ni lakkaa’ama
ture.
Musliimni gara Makkaatti imale Haajii jedhamee kan
waammamu yoo ta’u Musliimota kaawwan biratti
ulfinni guddaan ni kennamaaf.
Jihaada (Waraana Qulqulluu)Utubaa jahaffaa?
Maddeen barreeffamoota Islaamummaa fuulota Isaanii
irratti Waaqa fi Islaamummaadhaf jihaadan waraana
gaggeessudhaaf dubbii ulfina kennu ni qabu. Shari’aan
kan dubbatu jihaadni hojii bu’uura amantaa guddaa
akka ta’etti. Musliimonni heddu kan amanatan lola
jihaadaa irratti hirmaachun gocha Musliimummaa
baay’ee barbaachisaa ta’eefi utubaa Islaamummaa isa
jahaffaa akka ta’eedha. Kanaafidha Musliimonni tokko
tokko ofii isaanii fedhaan shororkeessummaadhaf
dabarsanii kan kennan.
Musliimonni addunyaa bakka lamatti qoodanii ilaalu.
1. Naannoo Musliimonni bulchan – Naannoleen
kunneen Dar Al-Islaam (mana Musliimotaa)
jedhamuun waammamu.
2. Naannolee Musliimni hin bulchine – eddoowwan
kunneen Dar Al-Harb (mana lolaa) jedhamuun
waammamu.
Musliimonni mana waraanaa gara mana nageenyatti
jijjiiruf loluu qabu.
Akka Islaamummaa baramaatti jihaadni amanticha
babal’isuudhaf karaa waaqa biraa kennameedha.
Waraanni Musliimaa namoota Musliima hin taane akka
waraanuf dursuun namni duulchisu Kaalif (gaggeessaa
Musliima) ti.
Musliimonni tokko tokko ilaalcha waraanaa kana hin
fudhatan. Isaan jihaada kan hiikan akka waraana
hafuuraa onnee keessatti amala cubbuu waliin
taasifamuuti. Musliimonni baay’en kan amanan
jihaadni Islaamummaa, Musliimotaa fi daangaa
Musliimaa weerara adda addaa irraa ittisuuf gocha
amantaa taasifamu akka ta’eedha.
Comments
Post a Comment