Sadarkaa nabirratti s.a.w. salaata buusuun qabdu.
Sadarkaa nabirratti s.a.w. salaata buusuun qabdu.
#Abbaa xalhaarraa r.a. nabiin s.a.w. guyyaa tokko
kan gammachuun fuula isaarraa iftu nutti olseene,
gammachuudha fuula keetirratti garra maaliifi?
jenneen. Akki Nuun jedhe malaaykichaatu natti dhufee
yaamuhammad Rabbiin namni tokkolleen salaata takka
sirratti buusee ani kudhan irratti buusu malee hin
hafu, namni tokkolleen yoggu takka sirratti salaamtaa
buusee ani yoggu kudhan irratti buusu malee hin hafu,
kuni sin gammachiisuu? siin jedha naan jedhe. Nasa'ii
1283, albaaniin hasan jedheen.
Namni hadiisa kana odeesse.
Abuu xalhaa, maqaan zeydi ibnu sahli ibnu aswad
al-khazraji anna-jjaarii sahaabaa beekamaadhaa,
eessumman nabiirraa tokko. manguddoota 12n aqabaa
keessaa tukko. badrifii lola san boodaa hundarratti
hirmaatee jira. nama haalaan islaamaaf tumsaa ture.
Isa kan qabrii nabii qotee lahdii ciibse. Hadiisa 92
qaba. Soomanaa jihaada godhaa jiraate, akkasumatti
soomanaa jihaada godhaa du'e. akkuma duulaaf bahetti
bahrarratti osoo deemanu du'e bakka itti awwaalan
dhabanii guyyaa torba janaazaan isaa os0o hinjijiiramin
ture, eegasii jaziiratti bahani awwaalan. Hijraa waggaa
50tti du'e.
Barnoota hadiisa kanarra argannu
1.Salaataaf salaama (nagayaaf rahmata) nabirratti
S.a.w. buusuun akkaan barbaachisaadha. Sawaaba (ajrii)
hedduu qaba.
Akkaataan itti buusanis irra caalaan isaa kana.
Allaahumma salli alaa muhammadin wa'alaa aali
muhammadin kamaa salleyta alaa ibraahiima wa'alaa
aali ibraahiima innaka hamiidun majiid. Allaahumma
baarik alaa muhammadin wa alaa aali muhammadin
kamaa baarakta alaa ibraahiima wa alaa aali ibraahiima
innaka hamiidun majiid.
2.Rabbiin salaata nabirratti buusuu hiikkaan isaa
kabajuu jechuudha. Yaa Rabbi salaata kee nabirratti
buusi jechuun yaa Rabbi rahmata kee isaaf godhi isa
guddisi jechuudha.
3.Akkasuma nagayas nabirratti buusuun
barbaachisaadha, qur'aanarraa wanni kanarratti
nuqajeelchu jecha Rabbii oltaheeti
Allaahaafi malaaykaaleen isaatis nabirratti salaata
buusan isin yaa warri amantanis salaata buusaa
isarratti salaata buusiinsa. Suuraa ahzaab 56.
Hadiisattis nabiin s.a.w. akkana jedhan Rabbiin
malaykaalee qaba, kanneen dachii keessa deddeemtee
salaamta ummata kiyyarraa natti geessitu. Nasaa'ii.
Akkasuma nagayaaf rahmata nabirratti buusuun yeroo
hundaawu barbaachisaadha. Akkasuma ammas yer0o
masgiida seenan, yeroo masgiidarraa gadi bahan, yeroo
azaanaa, yeroo tashahuda salaataa fii kkf keessatti
nabirratti salaataaf salaama buusuun barbaachisaadha.
Bakka inni hinjirretti salaamtaa jechuuniin nabuma
qofaafi,isaa waan malaaykaan itti geessituuf jecha.
nama biro kan fagoo jiruuf hintahu.
4.Salaama jechuu hikkaan qulqullina fii nageenya
jechuudha.
5.Akkaataan itti salaamtaa buusan (assalaamu aleyka
ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuhuu)
yookaan (assalaamu aleeyka yaa rasuulallaahi)
yookaan (assalaamu aleyka yaa nabiyyallaah) yookaan
(assalaamu alannabiyyi) jechuudhaan taha.
Salaamtaan tenya tuni nabitti nigeeysi jedhanii yaaduu
barbaachisa.Garuu walitti qabamanii sagalee gamtaatiin
allaahumma salli jechuun hintahu dhoowwaadha.
Akkasuma dibbeefii meeshaalee mooziqaa adda addaa
itti dhawuunis hintahu.
Jzk
Comments
Post a Comment