Yeroo Hajjii fi umraa jadhamuu

 



Muhrimni hajjii fi umraa keessatti akkamiin talbiyaa jedha

لَبَّيْكَ اللَّهُمَّ لَبَّيْكَ، لَبَّيْكَ لاَ شَرِيكَ لَكَ لَبَّيْكَ، إِنَّ الْحَمْدَ، وَالنِّعْمَةَ، لَكَ وَالْمُلْكَ، لاَ شَرِيكَ لَكَ
Siif owwaadhe yaa Rabbi siif owwaadhe! Shariikni siif hin jiruu siif owwaadhe. Faaruun, qananiifi mootummaan kan keeti. Shariikni siif hin jiru.


Takbiiraa yeroo rukn al-aswaditti dhufanii

طَافَ النَّبيُّ ﷺ‬ بِالْبَيْتِ عَلَى بَعِيرٍ كُلَّمَا أَتَى الرُّكْنَ أَشَارَ إِلَيْهِ بِشَيْءٍ عِنْدَهُ وَكَبَّرَ
Nabiyyiin (saw) gaala irra taa’anii ka’abaa irra naanna’an. Hanguma ruknal aswaditti dhufanuun, wahiin itti akeekanii takbiiraa godhu.


Du’aa’ii jidduu Rukn Alyamaaniifi Hajar Al-aswaditti godhamu

رَبَّنَا آتِنَا فِي الدُّنْيَا حَسَنَةً وَفِي الْآخِرَةِ حَسَنَةً وَقِنَا عَذَابَ النَّارِ
Gooftaa keenya! addunyaatti toltuu, Aakhirattis toltuu nuuf kenni; adabbii ibiddaa irraa nu baraari.


Du’aa’ii Safaafi Marwaa irratti godhamu

لَمَّا دَنَا النَّبِيُّ ﷺ‬ مِنَ الصَّفَا قَرَأَ: ﴿ نَّ الصَّفَا وَالْمَرْوَةَ مِنْ شَعَائِرِ اللَّهِ فَمَنْ حَجَّ الْبَيْتَ أَوِ اعْتَمَرَ فَلَا جُنَاحَ عَلَيْهِ أَنْ يَطَّوَّفَ بِهِمَا وَمَنْ تَطَوَّعَ خَيْرًا فَإِنَّ اللَّهَ شَاكِرٌ عَلِيمٌ}.. }البقرة : 158{ ) أَبْدَأُ بِمَا بَدَأَ اللَّهُ بِهِ) فَبَدَأَ بِالصَّفَا فَرَقِيَ عَلَيْهِ حَتَّى رَأَى الْبَيْتَ، فَاسْتَقْبَلَ الْقِبْلَةَ، فَوَحَّدَ اللَّهَ وَكبَّرَهُ وَقَالَ: (لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَحْدَهُ لاَ شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ وَلَهُ الْحَمْدُ وَهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ، لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَحْدَهُ، أَنْجَزَ وَعْدَهُ، وَنَصَرَ عَبْدَهُ، وَهَزَمَ الْأَحْزَابَ وَحْدَهُ، ثُمَّ دَعَا بَيْنَ ذلكَ. قَالَ مِثْلَ هَذَا ثَلاَثَ مَرَّاتٍ) الْحَدِيثُ. وَفِيهِ: (فَفَعَلَ عَلَى الْمَرْوَةِ كَمَا فَعَلَ عَلَى الصَّفَا)
Nabiyyiin (saw) yeroma Safaatti dhihaatanu "[gaarri] Safaafi Marwaa mallattoolee Rabbii irraayi" jechuu qara'an. "Waan Rabbiin jalqabeenin jalqaba" jedhan. Safaatti ol ba'anii Manicha (ka'abaa) argan. Qiblaatti gara galanii Rabbiin tokkoomsanii isa guddisan. Ni jedhan: "Laa Ilaaha Illallaah; Wahdahuu laa shariika lah. Lahul mulk, walahul hamdu wahuwa alaa kulli shay'iin qadiir. Laa'ilaaha illallaahu wahdah, anjaza wa'adah; wa nasara abdah. Wahazamal ahzaaba wahdah" hiikti isaas "Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru; inni tokkicha. Shariikni isaaf hin jiru. Mootummaan kan isaati; faaruunis kan isaati. Inni waan cufa irratti danda'aadha. Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru. Beellama isaa ni guute; garbicha isaas ni tumse; garee diinotaas kophaa isaa bittinneesse." Ergasii jidduu sanatti du'aa'ii godhanii fakkiidhuma isa kanaa yeroo sadii jedhan. Ergasii Safaa irraa gara Marwaatti bu'an. Yeroma miilli isaanii garaa dhiibuu keessa gadi dhaabbatu ni fiigan. Yeroo ol koran immoo gara Marwaa deeman. Marwaa irrattis fakkiidhuma waan Safaa irratti hojjatanii hojjatan.


Du’aa’ii guyyaa Arafaa

قَالَ النَّبِيُّ ﷺ‬: (خَيْرُ الدُّعَاءِ دُعَاءُ يَوْمِ عَرَفَةَ، وَخَيْرُ مَا قُلْتُ أَنَا وَالنَّبيُّونَ مِنْ قَبْلِي: لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَحْدَهُ لاَ شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ وَلَهُ الْحَمْدُ وَهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ)
Caalaan du’aa’ii, du’aa’ii guyyaa Arafaati. Caalaan waan aniifi nabiyyoonni ana duraa jedhanii "Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru; inni tokkicha. Shariikni isaaf hin jiru. Mootummaan kan isaati; faaruunis kan isaati. Inni waan cufa irratti danda'aadha.


Zikrii Mash’ar Alharaam biratti godhamu

رَكِبَ النَّبِيُّ ﷺ‬ الْقَصْوَاءَ حَتَّى أَتَى الْمَشْعَرَ الْحَرَامَ فَاسْتَقْبَلَ الْقِبْلَةَ (فَدَعَاهُ، وَكَبَّرَهُ، وَهَللَّهُ، وَوَحَّدَهُ) فَلَمْ يَزَلْ وَاقِفاً حَتَّى أَسْفَرَ جِدَّاً فَدَفَعَ قَبْلَ أَنْ تَطْلُعَ الشَّمسُ
Nabiyyiin (saw) geejjiba yaabbatanii mash'aral Haraamiin dhufanii qiblaatti deebi'uun du'aa godhan; Rabbiin guddisan. Laa Ilaaha Illallaah jedhan. Isa tokkichoomsan. Hanga bareechee ifutti achi dhaabatan. Achumaan odoo biiftuun hin bahin deeman.


Yeroo jamraa darbatan takbiiraan shafee hunda waliin jedhama

يُكَبِّرُ كُلَّمَا رَمَى بِحَصَاةٍ عِنْدَ الْجِمَارِ الثَّلاَثِ، ثُمَّ يَتَقَدَّمُ، ويَقِفُ يَدْعُو مُسْتَقْبِلَ الْقِبلَةِ، رَافِعاً يَدَيْهِ بَعْدَ الْجَمْرَةِ الْأُولَى وَالثَّانِيَةِ. أَمَّا جَمْرَةُ الْعَقَبَةِ فَيَرْمِيهَا وَيُكَبِّرُ عِنْدَ كُلِّ حَصَاةٍ وَيَنْصَرِفُ وَلاَ يَقِفُ عِنْدَهَا
Jamraa sadan birattuu hanguma shafee darbatuun takbiiraa godha. Jamraa tokkoffaafi lammaffaa booda gara fuulduraa deemee qiblaatti deebi’ee harka isaa ol fuudhee du’aa’ii godha. Jamrat Al-aqabaa biratti immoo ishee darbatee shafee hunda biratti takbiiraa jedha. Ergasii ni deema dhaabatee du’aa’ii hin godhu.

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH