SEENAA ABU UBEEYDAA BINU JARRAH

 


   10. SEENAA ABU UBEEYDAA BINU JARRAH

“Ummata cufaafuu nama amanamattu jira, amanamaan ummata kiyyaas Abu Ubeeyda binu Jarraahiiti.” jedhe nabi Muhammad s.a.w

Bareedaa fi ifa fuulaa, kan laaluuf nama harkisu, kan qaama qal’aa, kan dhaabbannaa dheeraa, kan fuulli isaa gad qajeelaa fi qal’aa, kan ijji yoo isa laaltu gammaddu, kan lubbuun isa arguun qofa bohartu, kan onneen yoo isa argitu tasgabbii argattu, kan hedduu qaanfatuu fi gadi uf-qabu, nama amala salphaa kan fuula bashaashaa, kan yeroo haalli jajjaboon argame haala fi amala isaa hunda lafa kaawwatee akka leencaatti utaalu, kan fuulli isaa akka bakkalcha urjiitti ifu, irra caalaa amanamaa ummta Muhammad s.a.w, Innis Aamir binu Abdallah binu Jarraah al-fihiruyyu al-qureyshiyyu dha.

Ta’ullee garuu Aamir Binu Abdallaah kun, maqaan isaa kan cooraa fi kan ittiin hedduuu hordoftoota amantii Islaamaaa biratti beekkamuun “Abu Ubeeydaa Binu Jarraah.” jedhameeti. Abdallah ilma Umaris baredinaafi amala Abu-ubeeydaan ummata Qureyishii biratti qabu akkana jechuun faarseen “Namni sadi Qureyishi keessaa irra bareedoo fuulaa, irraa gaarii amala fi irraa qaanfatoo namaati. Yoo siin hasawan kan sitti hin kijiibne, yoo itti haasofte kan si hin kijibsiifneedha. Isaanis Abbaa Bakri, Usmaan binu Affaan fi Abu Ubeeydaadha.”

Akkaa Abdalla ilmi Umar nuuf odeessetti; tarree nama malaa’ikaan irraa qaanfattuu (Usmaan binu affaan) fi erga Anbiyootaati fi Rusultootaatti nama imaana qabaachuun, sadarkaa duraa qabate (Abbaabakri) wajjiin isa hiriirseen.

Abu Ubeeydaan erga Abaa Bakarii islaamahee booda guyya lama turee islaamawun, warroota dura mi’aa islaamummaa dhandhamanii bu’uura islaamaa tahan keessaa tokkodha.

Akkuma mi’aa islaamummaa ergamaa Rabbii s.a.w irraa dhandhamee, Qureyishotarahis hokkorsaa fi dararaa warroota duraa, kan akka Bilaal wajjin cinqii namni tokko erga gaafa islamummaan ife irraa, hanga guyyaa har’aattii hin dhandhamin dhandhamuun, dararaa guddinni isii Gaara uhuditti madaaltu itti obsuun, amantii islaamaa dhiiga isaanitin utubaa dhaaban.

Dararaan inni islaamummaa keessatti dararame, wanta herreegdon herreegu hin dandenne, tan sammuun namaa ni taha jettee hin eegne, tan yeroo dubbatan arrabatti ulfaattu, tan onnee namaa laalessitu dhandhamuun, qaamaa fi lubbuu isaa aarsaa godhe.

Gumaacha inni godhe keessa tokko; kan guyyaa lola Badrii godhe. Guyyaa kana Abu Ubeeydaan seeyfii isaa hidhatee hiriira kaafirtootaa dhoose. Addaan dhoosiinsa nama du’a hin sodaanne, irraa naannawee, babbaqaqsee lola kaafiraa keessaa seene. Gootni tokko gaaru kaafirtoota keessaa akka inni hin lolleef fuula isaa dura dhaabbate. Yoo inni kallattii mirgaatti goru namtichi kaafiraas kallattii mirgaatiin itti dhufa. Yoo Abu Ubeeydaan gara bitaatiin dhufus, akkasuma innis bitaan itti dhufa. Dhuma irratti obsa isa fixachiisee, Akkumaa obsi isaa dhumeenis gara laafiinsa takka malee, seeyfiin mataa isaa dhahee bakka lamatti dhoosee namtichas lubbuun isaa osomaa Abu Ubeeydaan argu baate. Yaa obboleessa koo kabajamoo fi qaalii kan kitaaba kan dubbistu hoo, namni kun enyuu jettee beekuuf hin yaalin akkuma dura seensaratti sii hime mokkortii Abu Ubeeydaa herreguu mitii tilmaamuu hin dandeettu. Inumaahu ni taha jettee yaaduun si dhibaa.

Yaa obboleewwan koo! Namni Abu Ubeeydaan ajjjeese kunis, nama adunyaratti argamuu isaatiif sababa isaa tahe. Innis Abdallah binu Jarraah kan tahe Abbaa isaati. Obboleesa koo garuu asitti wanti ati hubachuu qabdu Abu Ubeeydaan ajaja Rabbiin ajaje san didee ykn jibbaa abbaa isatiif isa hin ajjeesne. Inni jibbaa shirkiitiif qofa shirkii ajjeese malee.

Wanti raajii namatti tahus Rabbiin ajaja kiyya kan ani “abbaa keessan kabajaa!.” jedhe didde jedhee balaa itti hin buusne. Inumaahuu dalagaa isaa jaalatee deeggaruun aayaa qur’aanaa tan hanga guyyaa qiyaamaatti qara’amtu suuraa Mujaadalaa aayata 22 sababa isaa buuse, Kan aayata sanirratti dalagaa isaa gaarii tahu kan ragaa bahu.

Gochii isaa kuni Abu Ubeeydaa ibsuuf, kun qofti gahaa miti. Guddinni imaana isaa, amantii islaamaati gaarii yaaduun isaa, amanamaa ummata Muhammad s.a.w tahuun isaa, kan lubbuun ilma namaa kajeeltu tahee argameera.

Muhammad Binu Ja’afer akkana jechun odeesse “Ummatni Nasaaraa gama Rasuulaa s.a.w dhufuun, “Yaa Abal Qaasim hordoftoota kee keessaa nama dalagaa isaa irraa jaalattu, dinaagdee nuti irraatti wal dhabne keessaatti nuu murteessu nuduuka ergi. Isin warrootni muslimaa nu biratti jalatamoodha.” jennan Rasuulli s.a.w “waaree booda natti koottaa. Nama jabaa amanamaa isin wajjiin ergaa.” jedhaniin. Umar Ibnu Kaxxaabis ni hawwe. Nama kana tahuufis ganamaan gara salaataa deeme. Yeroo hawwii guyyaa sanii nuuf himu Umaris; “Guyyaa tokkollee mootummaa hin barbaanne, guyyaa kana maalee. Akka namticha Rasuula s.a.w ibse kana tahuf malee Rasuulis s.a.w akkuma nuun salaatee geeseen gamaa gamana mimildhachun waa soquu eegale. Anis na haa arguuf kajeelee morma kiyya ummata keessaa ol dhedheeresse. Innis osomaa akkas mimildhatuu Abu Ubeeydaa argee yaame. Abu Ubeeydaas Nasaarota waliin akka waan wal dhaban keessatti haqaan murteessuuf isa erge.”

Abu Ubeeydaan amanamummaa isaa irraa gaafa Rasuulli s.a.w daldaltoota Qureeyishii afaan haa bahaniif ergu, waraanaaf waan siinqii hidhu dhabee tamira qalqalloo takka qofa hogganaa waraanaa sanii; Abu Ubeeydatti kenne. Innis ani amiira jedhee nyaata san ofiif hin kaawwanne. Hundaafuu tamira firee tokko tokko qoodeefii sanuma akka ilmoon harma haadhaa xuuxattutti xuuxxataa, bishaan irratti dhuguun, Rabbiin Barakaa keessa kaaheefii, sunummaan nyaata guyyaa tokko kan ganamarraa hanga galgalaa taateef.

Guyyaa duula Uhudis yeroo ummatni muslimaa cabee mushiriktoonni “gara Muhammaditti s.a.w na qajeelchaa! gara Muhammaditti s.a.w na qajeelchaa.” jechuun iyyutti seenan, Abu Ubeeydaan tokkoo tuuta kurnan Rasuularraa s.a.w laphee isaaniitiin xiyya mushirikitootaa warra dhorkaa turan keessaa tokko.

Erga waraanni qabbanaahe booda Rasuula s.a.w uffanni lolaa kan sibiilaa irraa tolfame (kombortaan sibiilaa) jabeenna dhahaa kaafirtoota irraa dhonfoora isaa lameen waraanee, ilkaan (qarriffaan) isaa cabde arganiin.

Abu Bakris sibiila dhonfoora Rasuulaa s.a.w waraane harkaan irraa buqqisuuf itti siqnaan, Abu Ubeeydaan Rasuula s.a.w hin dhukkubaa sodaatee “Rabbiin si qabe! Anatu irraa buqqisaa naaf dhiisi.” jedheen. Abbaan Bakriitis akkuma fedha Abu Ubeeydaa ni dhiiseef.

Abu Ubeeydaan sibiila Rasuula s.a.w konfoora waraane yoo harkaan buqqise Rasuula s.a.w laalessaaf sodaatee, ilkaan isaa tan fuulduraa lameenin cininna jajjabaa ciniinuun yeroo sossoosu, seerreen isaa duraa irraa cabde. Yeroo isa lammaffaas irraa buqqisuuf yaalus seerreen isaa tan hafte irra cabde. Akkasumatti sibiila dhonfoora lameen waraane irraa buqqise.

Abban Bakriis booda “Abu Ubeeydaan irra bareedaa shergeeti.” jechuun isa faarse.

Abu Ubeeydaan nama salphaa angodhaaf hin dheebonnee fi namoota birattis akkaan jaalatamaa ture. Yeroo Rasuulli s.a.w lubbuun jiranitti Abu Ubeeydaan hogganaa waraana guutuu ture. Kanuma keessa Rasuulli s.a.w ganda maqaan isii Balaa jedhamtu, tan haati Amri Binu-Aas keessa jiraattutti Amri Binu Aasin duula salaasilaatti hogganaa waraanaa godhuun erge.

Duula kanarratti Amris biyya haa cabsuuf itti ergame, tolaa fi gorsaan waan ummata to’annaa jala oolchuu dadhabeef, lolaaf waraana dabalata barbaade. Rasuullis s.a.w Abu Ubeeydaa hogganaa waraanaa gochuun “akka angoof wal hin dhabne.” jechuun Abu Ubeeydaa dhaameefi gara Amrii waraana dabalataa erge.

Yeroo inni achi gahes Amri ati hogganaa narratti hin tatu jechuun dide. Abu Ubeeydaanis nama gadi of-qabaa waan tureef hoggansa Amrii dhiisee jalatti bulee, ummataanis akka salaatu eyyameef.

Bara bulchiinsa Abbaa Bakarii keessattis hogganaa hoggantoota waraanaa ture. Garuu Angoo tana diduun ofirraa buuse.

Amiirri mu’mintootaa Umar bara bulchiinsa isaa garuu osoo Abu Ubeeydaan jiru nama tokkollee hogganaa isarrati hin tahu jechuun, hogganaa waraanaa kan seenaa islaamaa keessatti; yeroo hunda yoo maqaan isaa dhahamu, collee hogganaa waraanaa jedhamee kan faarfamu; Kaalid Binu Waliid akka angoo irraa bu’ee, Abu Ubeeydaan hoggansatti deebi’u, xalayaa barreessee hoggansaaf isa ajaje. Abu Ubeeydaan ajaja Umer fudhatus yeroodhaaf hogganummaa isaa ifa hin goone. Waraana waliin hiriiree, Kaalid Binu Waliid jalumatti duulu fi ajaja Kaalidiin lolaa ture.

Kaalidis erga lola itti marsee jiru cabsee booda, Angoo Abu Ubeeydaaf Umariin laatame dhagahe. “Rabbiin siif haa araaramu! yaa Abu Ubeeydaa hogganaa kiyya taatee osoo jirtuu, akkamiin na jalatti bulta? Akkamittis na duubaan salaatte?.” jedheen. Abu Ubeeydaanis “Rabbiin siifis haa araaramu! Ani angoo addunyaa hin fedhu. Addunyaafis hin dalagu. Nuti ganda cinnanni hin jirreef, dalagna. Nuti obboleewwani. Warra Islaamummaa Rabbiitiin dhaabbatu. Obboleessi immo obboleessa isaa jalatti buluun addunyaa fi amantii isaa keessattis waa isa hin miitu. Inumaahu kan ajajuttuu, kan jalatti bulantuu mokkoraa fi dogongoratti dhihaataadha.” jedheeni Of-gadi qabiinsa Rabbiif qabuu fi angoo barbaaduu dhabuu isaa waraana hundaaf fakkenya ta’ee, waraana isaa waliin jiru boochise. Kanaafis hoggantoonni jajjaboo fi goototni hundi Abu Ubeeydaa ofirratti ajajaa gochuuf dheebotaa turan.

Bara bulchiinsa Abbaa Bakrii keessattis Kaalid Binu sa’iid obboleyyan isaa, dardarran naannawaa fi nama gosa isaa irraa tole isa jedhe, hundaa walitti qabee Abbaa Bakritti dhaqee “ani karaa Rabbii keessatti mushriktootaan hanga dhumanitti hogganummaa Abu Ubeeydaa jalatti loluuf waadaa siif seena. Ani Yazid binu abi Sufiyan ilma adeeraa kiyyaa hedduu jaaladha. Garuu Abu Ubeeydaa obboleessa koo kan aakiraa jalatti miseensa waraanaa ta’ee loluu filadha jaaladha.” jechuun hoggantummaa ilma adeeraa isaa irra kan Abu Ubeeydaa filatuun, gosa isaa wajjiin hoggantummaa Abu Ubeeydaa jalatti duulu filate.

Mu’aaz Binu Jabal kan Rasuulli s.a.w “Ati irra beekaa nama kiyyaati haraamaa fi halaala keessatti.” jedhaniin, yeroo tokko gurbaan biyya Shaam irraa tahe tokko, miidhaginna islaamni qabdu osoo haasawan, Kaalid binu Waliidi fi Abu Ubeeydaa dubbima keessatti yeroo wal-madaalchisu “Kaalidituu caala!.” kan jedhee dubbatu dhagahe. Yeroma kana Mu’aaz miira dallansuutin ka’ee “sila Abu Ubeeydaa fi Kaalid Binu Waliid wal-madaalsistaa? Rabbiin kakadhaa! Abu Ubeeydaan irra caalaa nama dacheerra deemuuti.” jechuun ragaa bahef.

Ummatni Shaamii hedduun erga isaalmummatti seenan, caaliinsa Abu Ubeeydaa, Kaalidirra hoganummaa isaa waan filataniif, yeroo dubbatan akkana jechuun ragaa bahu. Abu Ubeeydaan obsaa fi tarkaanfii fudhatuu keessatti suuta deema, nama qoma baldhatu, nama amaanaa eeguu fi dhugaa dubbatu, lola irra nagaha jaalataa dha.

Gochi isaa kun warra Shaami biratti nama hundarra isa caalsiftee, waa hundaanuu gama isaatti nu deebiste. Waa hunda keessatti malaan deemaadha. Dhiiga jiigsuun durattis mala, ogummaa fi gara laafitin ofitti nama qabee nama waama. Kanaanis dhiiga ummata hedduu tiksee jira. Kunis duultota biratti hogganummaaf hoggantoota biroo irra, isa jaalatamsiisee isas filatamsiisee jira.

Walumaa galatti Abu Ubeeydaan hogganaa hoggantootaa fi ajajaa ajajtootaa tahuun beekkamee jira.

Ergamaa s.a.w wajjiinis eegala ergamsa isaa irraa hanga du’a isaatti duula inni duule hunda duulee, Guyyaa saqifaas (Abba bakrii filatan) Umer Bakka Abu Ubeeydaan Rasuula s.a.w biratti qabu waan beekuuf, harka kee naaf diriirsi baallama siif seenaa kan Rasuulli s.a.w “ummata hundaafuu amanamattuu jira. Amanamaan ummata kiyyaas sihi, kan siin jedhu dhagahe.” jedheen. Abu Ubeeydaanis nama angoodhaaf dheebotu waan hin tahiniif “ani nama Rasuulli s.a.w ummataaf imaamaa godhate, akkamitti imaama, dura bu’aa ta’ee dura dhaabadha. Akkamitti isa salaachisa.” jechuun dide.

Erga Rasuulli s.a.w darbees Abuu Bakriin baallame isa wajjinis amaanaa Rasuulaa s.a.w bakkan gahufi diinii rabbii babaldhisuuf kufaa ka’aa, bu’aa bahii hedduu keessa cehee jira. Erga Abu Bakar addunyaarraa godaanee Umar bulchaa tahes babaldhiinsa diinii islaamaa fi baniinsa magaalota hedduutif humna qabuu fi hin qabneen, tattaafatee aarsaa baay’ee godhee jira. Ajaja bulchitootaas gaaf tokkollee jarri bulchitootaa miti jedhee, kan didu ykn akka murtaddootaa, ajaja ergamaa Nabi Mohammad s.a.w lubbuun hin jiru jedhee, arkaana islaamaa kan hirdhisu hin turre.

Abu Ubeeydan bara bulchiinsa Umar keessatti hogganaa waraanaa tahun gara suuriyaa (shaamii) deemun biyya sham bahaan hanga laga Furaatitti, bitaan hanga aasiyatti qabatee, Osoo babaldhisaa jiruu dhukkubni Xaa’un (koleeraa) biyya inni itti duule seenee, ummata akka konkolaataa midhaan hamutti haame.

Bulchaan yeroo sanii Amiirri mu’mintootaa Umar waahee dhukkuba kanaa dhageennaan hatattamaan xalayaa barressee itti erge.

Qabiyyeen Xalayaa sanii.

“Hajaa guddoo sirraa duroomuu hin dandeenne takkattu na qabee; yoo xalayaan tiyya tun galgala si geette yaabbattu malee akka hin bariisifne, yoo ganama si geette immoo yabattu male akka aduu siratti hin seenne, sirratti kakadhe jira.”

Abu Ubeeydaanis akkuma xalayaa dubbiseen akka Umar waan hin olle (du’arra) isa oolchuu fedhe, beekee miilli tiyya na haa baastu jedhee waraana isaa gatee lubbu isaa baraaruu hin deemne.

“yaa Amiira mu’mintootaa hajaa ati narraa qabdu dhugumaan beekee jira. ajaja kee diduuf immoo dhiifama guddaan si gaafadha ani waraana koo asitti dhiisee, kophaa biraa deemuu hin fedhu. Quufa sammuu naaf hin kennu, Boqonnaa naaf hin horu, hanga Rabbiin murtii isaa fidutti waan jarri ta’an wajjiin ta’uu fedha. Yoo barreesasan tiyya tun si geette atis kakuu kee akka narraa kaaftuufi, hajaa tee na malee akka hikkattu fedha.” jechuun xalayaa quuqa isaa ibsituuf barreessee waraanuma wajjiin duularratti du’uuf haafe.

Umaris akkuma xalayaa isaa dubbiseen sagalee funyaaniin facaatuun hiqqifatae boohe. Warronni jabeenna booyinsa Umar xinxallanis “Abu Ubeeydattu du’ee?.” jedhanii gaafataniin. Innis “hin dune. garuu du’atti kaluu jira.” jedhen.

Abu Ubeeydanis yeroo muraasa keessatti dhibee xaa’uniin qabamee itillee du’aa tan nu hunduu irra ciisuuf deemnu irra ciise.

Du’a isaa dura osoo lubbuun kokeetti rakkattee girgirii du’aatin dararaa keessa jiruu, dhamsa bareedduu tan waraana isaa qofa osoo hin taane, hanga guyyaa qiyaamaatti ummata Muhammad s.a.w hunda fayyaddu, mi’ooftu afaan isaa mi’aawaa hin quufamne saniin, waraana isaatii fi nuullee dhaamsa nuuf dhaame. ‘’Ani dhaamsa yoo kan isitti raawwattan taate; yero hundaa dandii toltuu irra deema taatan takkaan isinii dhaama. Salaata dhaabaa, soomana soomaa, hajjii fi umraa godhaa, gaarii waliif dhaamaa, ajajoota keessaniifis gaarii dhaamaafi, hin ganinaa addunyaan isin hin dagin, ilmi namaa osoo waggaa kuma tokkollee kan jiraatu tahee waan ani amma itti jiru (du’a) ni dhaqaphaa irraa hin hafu, Rabbiin bani Aadam irratti du’a murteessee jira. Hunduu du’uuf deemaadhaa. Colleen namaa immo nama Rabbiin “tole.” jedhe. Nama jiruu itti aantuf carraqateedha. Nagahaafi rahmatni rabbii isinirra haa jiraatu.” jedhe jalalledhan isaatti erga nagaa dhaamee ijan gara mu’aazitti mildhatuun akka namaan salaatu ajaje.

Sanaa booda osoo hin turin lubbuun hogganaa waraanaa, kan halkaniifi guyyaa lubbuun isaa amantii islamaa tajaajiluuf hirriba dhabde, osoo amantii islamaatif gaarii bololtuu, tan waraantota isaa fi mushriktoota jaalalaan islaamummatti waamaa turte, jabaattee hirriyyoota ishee geggessitee boqatte.

Umariinis Seeteen isaa hin hafne! Xalayan biraa tan akka waan onneen bakka ishee gadi dhiiftee baatetti nama dhukkubsitu itti barreeffamte isa dhaqqabde.

Mu’aazis erga ummataan salaatee geessee yeroo gadda guddoo sanitti imimmaan fuula dhiqataa, ol ka’ee akkana jedhe “isin dhugumatti du’aa gurbaa irra baldhaa qomaa, irra fagaataa wanyoorra, irra jaalaataa aakira, irra dhaamaa ummataaf gaarii, dhabdanii jirtu araarama isaaf kadhaa Rabbiin isiniif haa araaramu.” jechuun erga inni du’es toltuu isaa irraa ragaa bahee bakka isaa san bu’uu dadhabus ummata jajjabeesse.

“Gootni wareegamus dalagaan isaa hin baddu!.” akkuma konkolaataan konkolaachisaa hin qabne dandiiirra dabutti, sammuun ilmaan muslimaas marii malee, ajajamtee gootumma fi dalaga isa akka yaadannu, yaadatti nu darbiti.

Seena amanamaa kanaas nu qofaa miti, leenci bookkisa islaamaa, haqaa fi dhara gargar baasun kan Rasuulli s.a.w “faaruq!.” jechuun maqaa moggaaseef. Umar Binu Kaxxaab erga Abu Ubeeydaan dabre yaadan gara duubatti debi’ee, seenaa waa’ee jaalallee isaa yaadichifte tokko kaase.

“Yeroo tokko Umar sahaabdota isaa walitti qabee “mee namu hawwi keessan naaf himaa?.” jedheen. Namuu hawwii isaa ibsate. Gariin isaanii “oso addunyaan Ziqayaan guuttamtee, karaa Rabbii keessatti kennadhee!.” jedheeti hawwi isaa himate. Gariin immoo osoo dachiin faaya babbareedaan guuttamtee karaa Rabbiititti kennannee.” jedhan. Ammas amiira mu’mintootaa “hawwaa hawwii keessan ibsadhaa.” jedheen. “Nu kana olitti waan jennee ibsannu hin beeknu. mee hawwii kee nuuf himi jedhaniin. Hawwiin isaa garuu tan jaraa irraa faallaa fi baay’ee fagoo turte. Umer akka jaraa ziqaya ykn meeshaalee addunyaa hin hawwine, hawwiin isaa jaalaleedhan isaa kan dabran yaadaan deddebi’aa sammuu isa hadoochan, osoo addunyaan sahaabota sanniiniin guttamtee hawwee akkana jechuun ibsate.” Ani osoo addunyaan tun dhiirota akka Abu Ubeeyda ibnu jarrah, mu’aaz binu jabalii, Saalimu Mowlaa Abi Huzeyfa, Huzeeyfaa ilma yamaniitin guuttamtee hawwa.”

Umar leenci bookkisaa Rasuulaa s.a.w seenaan dubatti deebi’ee, Abu Ubeeydaan adunyaa tanaaf hangam takka faayidaa qabeessa akka tahe nuuf ibse. Abu Ueebydaan du’us dalagaan isaa hin dune.

Rabbiin nus nama adunyaatti dabalamee deemu qofa osoo hin taane, akka isatti (Abu ubeeydatti) dhala keennaaf seenaa gaarii fi tan Rabbi nurraa jaalatee islaamni ittiin karaa qajeelfatu waa dabalu haa taanu. kan seenaa dubbisuun qofa “Ayii Abu bakariin moo? Amanamaa sahaaabaa rasuula! Umariin hoo leenca bookkisaa islaamaa, Usmaan hoo Arjoomaa diin Rabbii.” ka jedhuun garaa of nyaachoon mararoo boohu qofa osoo hin taane, seenaa sahaabdotaa irraa toltu dhaallee, warra sahaabdota waliin jannatatti makamuu fi addunyaa kanallee fakkeenyummaa jaraatin akeekannee, fakkeenya gaarii, dandii diriiraa islaamaa ijaarru akka taanu, seenaa sahaabdotaa raawwiin haa itti dalagnu. Isaanis jannatul Firdoowis keessatti wal nu haa agarsiisu.




Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH