Amantii Rabbiin biraatti bilisa nama baasu Islaamummaa qofa

 


Amantii Rabbiin biratti bilisa nama baasu Islaamummaa qofa.

❤❤❤❤❤❤❤

Islaamni amantii Rabbii isa kophaa ta’eedha. Rabbiin gabroota Isaa namaafi jinnii irraa isa malee hin qeebalu. Rabbiin ni jedhe: “nama Islaamaan alatti amantii barbaade isarraa hin qeebalamu.” (Aali Imraan: 85). Ammas Rabbiin ni jedhe: “Amantiin Rabbiin biratti Islaama qofa.” (Aali Imraan: 19).

👇👇👇👇

Islaamni amantii nabiyyoota hundaati. Rabbiin ni jedhe: “[Yaa Muhammad] Si dura ergamaa irraa tokkollee “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; kanaafuu Ana qofa gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine.” (Al-ambiyaa’i: 25). 


Ammas Rabbiin ol ta'e ni jedhe: “Dhugumatti, Nuti akkuma gara Nuuhiifi nabiyyoota isa booda turaniitti beeksisa goone gara keetti beeksisa gooneerra; Gara Ibraahiim, Ismaa’iil, Is-haaq, Ya’aquub, ilmaan Ya’aquub, Iisaa, Ayyuub, Yuunus, Haaruuniifi Suleymaanittis beeksisa gooneerra. Daawuudiif Zabuuriin kennine. Ergamtoota san dura seenaa isaanii siif himneefi kan seenaa isaanii siif hin himinis [ergineerra]. Rabbiin haasofsiisuudhuma Muusaa haasofsiise. Akka Ergamtoota booda Rabbi rratti namaaf ragaan hin argamneef Gammachiisoofi dinniinoo taasifnee ergamtoota [ergine]. Rabbiin injifataa ogeessa ta’eera.” (Annisaa’i: 163 - 165). 


Rabbiin erga Nabiyyii isaa (saw) Nuuhiin, Ibraahiim, Is-haaq, Ya’aquub, Daawud, Suleymaan, Ayyuub, Yuusuf, Muusaa, Haaruun, Zakariyyaa, Yahyaa, Iisaa, Ilyaas, Ismaa’iil, Alyasa’i, Yuunusiifi Luuxiin dubbatee akkana jedhe: “Isaan warra Rabbiin qajeelcheedha. Qajeelfama isaanii hordofi.” (Al-An’aam: 90).


Amantiin nabiyyoota hundaatuu bu’uura irratti waliif gala. Dameelee garii keessatti wal dhaba; garuu hundaa miti. Dameeleen ni jijjiirama. Bu’uurri immoo hin jijjiiramu. Rabbiin Banii Israa’iliif Muusaafi Iisaa ergeera. Injiil isa Iisaa irratti buufameen garii waan Tawraat isa Muusaa irratti buufame keessa jiruu shaare. Iisaan ummata isaatiin ni jedhe: “Waan na dura ture Tawraatiin kanan dhugoomsu ta'ee garii wantoota dhorgaa isin irratti taasifamanii halaala isiniif taasisuuf jechan ragaa Gooftaa keessan irraa ta’een isinitti dhufe. Rabbiin sodaadhaatii anaaf ajajamaa.” (Aali Imraan: 50). Muusaafi Iisaan nabiyyii ummata tokko keessatti ergamaniidha. Garuu sharii’aan isaanii dameen gariin wal dhaba. Kan biroo immoo akkam ta’u ree!


Dabalata immoo sharii’aa hunda keessayyuu harki namaa seenee jijjiireera. Rabbiin ni jedhe: “Isaan irraa garee osoo inni kitaaba irraa hin ta’in akka isin kitaaba irraayi jettanii isa yaaddaniif jecha arraba isaanii kitaabaan micciirantu jiru. Osoo inni Rabbiin biraa hin ta’inis Rabbiin biraayi jedhu. Odoma beekanuu Rabbirratti kijiba dubbatu.” (Aali Imraan: 78).

Ammas Rabbiin ni jedhe: “Isaan yahuudoman irraa warra jechoota iddoo isaanii [kan sirrii] irraa jijjiirantu jiru.” (Annisaa’i: 46).


Kanatu namoota baay’ee akka Rabbiin buuseen haqatti dhaqqabuu irraa dhorge. Kallattiin ittiin sirreeffamu nabiyyii haaraa erguudha. Rabbiin amantii isaa kan dhugaa nabiyyii isaa Muhammadiin (saw) deebise. Islaamaafi amantiin dhugaa kan isaa malee hin jiru. Rabbiin ni jedhe: “Namni Islaamaan alatti amantii barbaade isarraa hin qeebalamu. Aakhiraattis inni warra hoonga’an irraayi.” (Annisaa’i: 85).

Ergaa isaa ummata hunda namaafi jinniidhaaf taasise. Rabbiin ni jedhe: “Nuti nama hundaaf walumaagalatti gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergine. Garuu irra hedduun namootaa hin beekanu.” (Saba’i: 28).

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee (ra) ni jedhe:  Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “Isa lubbuun kiyya harka isaa jirtuun kakadhee! Ummata kana irraa Yahuudaas ta’ee Kiristaanni, ergamuu kiyya dhaga’ee osoo isa ani ittiin ergametti hin amanin du’e, warra ibiddaa irraa ta’u malee hin hafu.”

Rabbiin Qur'aanni jijjiiramuu irraa tikseera. Rabbiin ni jedhe: “Dhugumatti, Nuti Zikrii (Qur'aana) Numatu buuse. Numatu isaaf tiksoodha.” (Alhijr: 9).

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH