SEENAA SA'IID BINU ZEEYID
9. SEENAA SA'IID BINU ZEEYID
Leenca duula yamruuk. tokkoo kurnan warra jannataan badhaafame irraa ka ta’e. tokkoo warra dura islaamahe irraa ka tahe. tokkoo warra Rabbi irraa jaalate fi ka Isaanis Rabbii irraa jaalataniti.
Dacheen gaariin waanuma gaarii biqilchiti; akkuma jedhamu abbaan Sa’iid, Zeeyid Binu Amrii kophummaa filatee, mushrikkan makkaa irraa sababa siidaa gabbaraniif addaan bahe.
Zeeyid abbaan Sa’iid kun yeroo Arabni ilmoo durbaa lubbuun awwalanitti, inni “hin awwaalinaa!.” jedhee, lubbuu durbaatif warra waan kana dalaguun walitti bu’uun of dararaa ture. Ilmoo durbaa abbaan ajjeesuf boollatti darbe erga fuudhee guddise booda, Abbaa isii dhaleetti geessun “Yoo feete guddifadhu, yookin anuu waan cufa danda’ee guddisaa.” jedhee, ilmaan namaatif bara dukkanaa sanitti ifa ta’aa ture.
Re’ee ummanni Makkaa siidaa isaaniitiif dhiiga isii gad dhangalaasaniif “sila Re’ee Rabbiin uume, tan akkasuma Rabbiin inni bishaan gubbaa gadi roobeefi lafaa baala biqilchuuf, yoo siidaa ofii boccan kanaaf dhiigaa isii dhangalaastan hin qaaneeffattani, sila hin saalfattani, Rabbii keessan hin sodaattani “jedhee ummata makka gorsaa ture.
Guyyaa tokko warra Makkaatif, ayyaanni siidaa tan waggatti al-takka kabajatu geettee, ummanni walitti yaa’anii siidaa harka ofiitin bocan, kabajaa gooftaan malu kennaniifii, ulfinna itti godhanii, irra naannawaa sujuudaniif, itti marsanii kadhaaf jala taa’an.
Waan kana ka balaaleffatan namni afurii maqoo (marii dhoksaa) waliin taa’an. Namoonni kunneen, Waraqaa Binu Nowfil, Ubeyidullahi Binu Jahishii, Usmaan Binu Huweyris fi inni afraffaan immoo Zeeyid abbaa Sa’iid ta’un waan ummanni makka itti jiru kana irraa fuula gargalfatanii Amantii Nabii Ibraahim (as) barbaadachuuf walii galan.
Haala kanaan biyyoota adda addatti baqatanii, amantiilee gara garaa qorachuuf, daandii gara amantii abbaa isaanii Nabii Ibrahimitti (as) isaan geessu sakatta’an.
Isaan keessa Waraqaaan Binu Nowfil amantii nasaaraa baratee isuma filatee, nasaara ta’e.
Ubeeyidullaahi Binu Jahishii immoo hamma amantiin islaamaa eegalamtutti amantaa nasaaraa keessa erga turee booda, muslima ta’ee Ummu habiibaa haadha mana isaa waliin gara biyya Habashaatti baqate. Booda garuu amantii islaamaa gad dhiisee Nasaaraa ta’ee biyyuma Habashaatti du’e.
Usmaan Binu Huweeyris immoo; gara biyya Ruumitti deemee mootii biyya Ruum qeysaar bira deemee achitti diin Nasaaraa baree kabajamee jiraata ture.
Abbaan Sa’iid garuu amantaa tamuu osoo hin seenin, naannoo foon baktaahe nyaatamu irraa, naannoo dhiigaa siidaaf jedhamee gadi dhangala’u irraa fagaate.
Yeroo dheeraaf amantaa Nabi Ibraahim (as) soqaa erga turee booda homaa waan isa gammachiisu dhabee jennaan gara biyya makkatti deebi’e.
Ummata makkaatin yoo hundaa “isin amantii Nabi Ibraahim (as) irra hin jirtan, gadi dhiiftanii waan ofii jaalattanitti gabbartan. Akka fedha keessanii, waan ofii feetan gabbartan.” jedhee, yeroo dheeraf ummata makkaatin wal dhabaa waan tuureef, Warri biyya makkaas waan inni siidaaf duulachuu isaanii hin jaalanneef, akkuma diinni diina jibbutti mushrikkan makkaas isa jibbaa turan. Keessahu abbaan Umar Kaxxaab dargaggooti itti qacaree akka inni gara Magaalaa makkaa hin seenne waan isa dhorkeef gaara makkaa keessa akka bineensa daggalaa babbadaa yeroo dheeraf ture.
Dhumarra gara biyya shaam osoo amantii nabi Ibraahim (as) barbaacha deemu biyya lafti isii ol kaatuu taatetti dhufe. Naannoo san yoo gahu Namticha beekkumsi amantii nasaaraa isa biratti akka waan hundeen isii isa taatee, achitti hiddaan lafa qabatte fakkaatu takkotti dhufe. Waan barbaacha deemu namticha beekaa amantii nasaaraatin sammuun isaa badhaadhe kanatti itti hime. Amantiin Haniifaa (amantiin Nabii Ibrahiim) akka dachee kanarra hin jirree namtichis itti hime. Garuu waan inni barbaacha isiidhaaf raatahaa jiru ta caaltu “Biyya ati dhufte irraa yeroo ammaa kanatti Nabiyyiin haaran ergamee jira, Barri inni itti ergamu gahee jira.Yahuudaa fi Nasaaran biyya sanii isa hin jaalattu, deemii biyya keetti deebi’i.” jedhee qalbii isaa gammachuun badhaase.
Waan kana akkuma dhagaheen Zeeyid binu Amrii sardamaa gara biyya ofii osoo inni gammachuun itti ulfaattee, dhiphamaa qalbiin isaa Nabiyyicha s.a.w ergame, eennu akka ta’ee fi maal irratti akka inni nama ajaju beekuf osoo rarraatu, karaa irratti namaan waraaname, mana deemuf osoo hin gahin kararratti kufe.
Abbaan Sa’iid iddoo kufee ciisu irraa, dheebuu bishaan madda dhugaa fi qulqulluu irraa kan ka’e, osoo hin dhugin sababa hadhaa du’aa karatti hafe. Garuu bishaan dheebote san ilma isaa obaasuf hawwii qabu irraa, ija isaa gara samitti ol garagalchee “Yaa Rabbii yoo dhugaan Nabiyyiin siin ergame, an itti gahuu hin dandeenne, akka an hongawetti ilma koo Sa’iidin hin hongeessin.” jedhee rabbii isaa kadhatee du’e.
Kadhaa Zayid Binu Amrii kana Rabbiin dhagaheefi, Sa’iid Binu Zeeyid osoo Rasuulli s.a.w ganda Arqam binu Arqamitti hin galiin, dura warroota islaamummatti amanee ta’e.
Sababa islaamahuu isaa dararaa fi dorsisa hedduu isa dhandhamsiisaa turan.
Akka Qeyis ilma Haazim Sa’iid irraa dubbatetti; ‘ Osoo argitanii, yeroo Umar nu hidhee anaafi obboleetti isaa osoo hin islaamahin dura.’
Faaximaan Sa’iid abba manaa isii waliin islaamahun, Umariif sababa guddaa ta’e, akka inni amanuuf.
Sa’iid akkka ofirraa dubbatetti. ‘ Osoo nu gaara hiraa’i gubbaa jirruu, gaarri sosochoote. Yeroo kana Rasuulli s.a.w gaara miilaan gad dhiitaa, gaaraan “gad dhaabadhu!. Sirra ka jiru Nabiyyii, Siddiiq fi Shahide malee si gubbarra hin taane.” jedhan. Shahiidee dhan suniis;- Umar, Usmaan, Aliyyi, Xalhaa, Abdurahmaan, Zubeeyir, Sa’aad fi Sa’iidi.’
Awwaatamuu Kadhaa Sa’iid
Akka Hishaam ibnu Urwaa abbaa isaa Irraa nuu oddeessetti Arwaa intala Ureyis bulcha yeroo sanii Marwaan kan tahetti dhaquun “Sa’iid daangaa na dhiibe.” jechun himatte. Sa’iidis “dubbii (hadiisa) nabii s.a.w dhagahee akkamiin dachii isii fudha?.” jedhe. Marwaanis nabii s.a.w irraa maal dhagahe laata kan jedhu irraa “mee nabii s.a.w irraa maal dhagette?.” jedhee gaafateen. Sa’iidis ana ergamaa Rabbi s.a.w namni taakkuu takkallee dachii namaa dhiibe, guyyaa Qiyaamaa dachi turban irraa itti gad dooqeffama (itti fannifama) kan jedhu dhagahe.
Marwanis eega hadiisa irraa dhagehee “ani kana booddee ragaa takkallee sirra hin barbaadu.” jedheen dhugoomseen.
Sa’iidis akkana jechun intala isa himatte abaare ‹’Yaa rabbi yoo isiin ka kijibdu taate ija ishee ballessi. Dachee isheen naan falmite tana kessatti ajjeesi’’ Rabbinis akkuma giddu kiyyaa fi miidhamaa girdoon hin jiru jedhe waadaa guutee kadhaa isaa awwaatefi, ijji ishees badde osomaa dachee san keessa deemtu boolloma orruu san kessa buutee duute. Dachuma san keessatti awwaalamte.
Akka bektonni tokko tokko nuu odessanittis akka ani daanga itti hin dabriniragaa naf bahi jechunis kadhatee robni takkaahu akkasitti naannaha sani hin roobin roobee, dachee irraa biyyee dhiqee daangaa isheen itti falmite san ifatti baase dhugaa dubbatuu isaa dirree baase.
Karaa Rabbii Keessatti Duuluu
Sa’iid duula nabi Muhammad s.a.w dulee takkallee biraa hin hafne, duula badrii malee. Duula kanas faaydaa lubbuu ofii ykn sodaadhaf hin hafne. Hajaa Rasuulaatif s.a.w malee. Ergamaanis s.a.w Sa’iid hawwii duulaa qabaachuu fi ajaja isaatif qofa hafuu waan bekuuf boojus akkuma warra duulanitti qoodef.
Duulota inni gahee keessati taphate keessaa tokko duula yamruuki. Duula kana keessatti teessoo Kisraa fi Qeysari gargalchuu irratti Muslimoota wajjiin gahee guddaa taphate. Oduu guyyaa kana matuma isaatin akkana jechuun nuu oodesse ‘’Nuti gaafa duula yamruuk tilmaamni namaa 24000 ni taana ummatni ruumi immo 120,000 kuma dhibba tokkoofi digdama. Haala Ulfinni tarkaanfii isaanii gaara sossootu fakkaatuun, kan qeesotni dura isaanii masqala baatanii sagalee ol fuudhuun yoo jarri faarsan, waraanni duubaa jalaa qabaa, akka mandiisa roobaa sagalee nama rifachiisuun deemaa dhufan. Muslimootnis haalaa fi bay’inna isaanii arginaan onneen isaanii sodaan liqimfamte.
Abu Ubeydaa Ibnu Jarrah ajajaa waraana muslimtotaa kan yeroo sanii ka tahe. ka’ee dhaabbatuun “Yaa gabroottan Rabbbii, Rabbiif tumsaa Rabbiin isiniif tumsaa, faana teessaniinis gadi dhaabadhaa yaa gabroottani Rabbii, obsaa, obsi kuffaararraa nagaa nama baasti jaalala Rabbii namaaf argamisiifti. Qaanii (eyibii) jalaa nama baasiti. Eeboo keessanis kurfeeffadhaa, gaachana keessanin dayadhaa, lubbuu keessan keessatti faaruu Rabbii malee waan biraa hin dubbatinaa hamma ani isin ajajutti.” jechun waraana isaa keessatti onnee uumee. Yeroma kana gurbaan tokko hiriira waraanaa keessaa bahee, “yaa Abbaa Ubeeydaa Ani shahidurratti muradheetin jiraa, waan jaalallee keetti siif himu waan dhaamattu qabdaa? Jedheen. Innis ee nin qaba! salaamtaa kiyyaaf kan Muslimtootaa nurraa geessi. Itti ansun yaa ergamaa Rabbii s.a.w nuti arginee jirraa, waan Rabbiin waadaa nuuf seene.” jedheen. Mucaan kun akkuma ergaa fudhateen kophaa isaa seeyfii luqqifatee waraana keessaa bahuu arginaan aniis bararee fuul dura warana kaafiraatti jilbifadhee bakka qabadhee eboo darbadhee goota ruumi kan duraa akkuma ajjeeseen. Rabbiin sodaa onnee tiyya kessaa dhabamsiisee, diina fixuu irratti utaalee ummatni muslimaas na duubaan itti fiigee haala kanaan Rabbiin tumsa nuuf godhee ruumin cabsine jedhe.
Du’a Sa’iid
Hanga Rabbiin isaaf qoode jiraatee, rizqiin isaa dachii irraa dhumnaan sahaabdichi gootummaa fi arjummaan islaamummaa babaldhisuu keessatti gumaacha guddaa godhe, leenci leenca qureeyshaa Amiiraa Mu’umintootaa Umariin islaamummaa keessatti fakkeenya amanuu ta’eef, jiruu isaa Rabbiif jiraatee gaafa umriin isaa 70 hijraa irraa wagga 50 ykn 51 tti bakka aqiiq jedhamutti addunyaa irraa gara jannata Rabbii, gama mana isaa kan kophaatitti gama jaalalleedhan isaatti godaane. Reeffa isaa gara Madiinaa fidanii akkuma inni jiruu isaa keessatti amantii islaamaa kabaje, Rabbiinis isa kabajee reeffa isaa Sa’ad binu Abii waqqaas dhiqee Abdallah Ibnu Umar wajjiin qabrii kaahanii geggeessan.
Comments
Post a Comment