Arkaanni Salaataa kudha afur:




Arkaanni Salaataa kudha afur:

**************************


Arkaana jechuun roga manaa isa cimaadha. Arkaana Salaataatti kan fedhame qaama isaa kan gonkumatti hafuun hin eeyyamamne; yoo irraanfatames raka'aa sanarra deebi'ama. Yoo takbiiraa ihraamaa ta'e qofa salaata fayyaatu deebifama. Isaanis kudha afur: namni dandeettii qabu dhaabbachuu, takbiiraa yeroo salaanni harramatamuu, Faatihaa qara’uu, rukuu’a godhuu, irraa ol ka’uu, qaama torba irratti sujuuda bu’uu, isa irraas ol ka’uu, sujuuda lamaan jidduutti taa’uu, arkaana hunda keessattuu tasgabbaa’uu (xuma’iniinaa godhachuu), duraa duuba eeguu, tashahhuda dhumaa (attahiyyaatuu dhuma irratti qara’amu), isaaf jecha taa’uunis, Nabiyyii (saw) irratti rahmata buusuufi salaamtaa lamaani. 

👇👇👇👇👇👇👇

. Rukniin inni duraa namni dandeettii qabu dhaabachuudha. Ragaan isaa jecha Rabbii ol ta'eeti: 

{حَافِظُوا عَلَى الصَّلَوَاتِ وَالصَّلَاةِ الْوُسْطَى وَقُومُوا لِلَّهِ قَانِتِينَ} [البقرة: 238]

“Salaatowwan irratti, keessattuu salaatattii giddu galeessaa irratti tikfadhaa. Haala Rabbiif ajajamoo taataniinis dhaabbadhaa.” [Albaqaraa: 238] 


. Lammaffaan immoo takbiiraa yeroo salaanni harramatamuuti. Ragaan isaa immoo hadiisa “wanti (wantoota salaataan ala keessatti raawwatamu) haraama godhu takbiiraadha; kan halaala godhu immoo salaamtaadha.” Booda takbiiraatii du’aa’ii salaanni ittiin banamutu jira. Inni immoo sunnaadha. 


'Subhaanaka Allaahumma wabihamdika watabaaraka ismuka wata’aalaa jadduka walaa ilaaha ghayruka.'

Hiikti isaa: yaa Rabbi! Faaruu keetii wajjinin qulqullina siin malun si qulqulleessa. Tolli maqaa keetiis baay’ate. Guddinni keetis ol ta’eera. Si malees kan dhugaan gabbaramu hin jiru.

Hiikti subhaanaka Allaahumma jechuu qulqulleessuu guddina keetiin malun si qulqulleessa; wabihamdika jechuun immoo faaruu sirra jiru jechuudha. Watabaaraka ismuka jechuun immoo barakaan faarsuudhaan argamaadha; wata’aalaa jadduka jechuun guddinni kee ol ta’e; walaa ilaaha ghayrukaan immoo dachiifi samii keessa yaa Rabbi! Si malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. 

Sana booda ‘a’uuzu billaahi minashayxaani-rrajiim’ jedha. Hiikti isaas shayxaana rahmata irraa fageeffamaa ta’e irraa Rabbittin maganfadha jechuudha. A’uuzu jechuun gara keen daba, nan hirkadha, siinan of tiksa yaa Rabbi jechuudha. Minashayxaan arrajiim immoo shayxaanni rahmata Rabbii irraa darbatamaafi fageeffamaa ta’e akka amantii kootiifi addunyaa koo keessatti na hin miineefin isarraa Rabbittin maganfadha jechuudha. 

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

. Rukniin sadaffaan Faatihaa qara’uudha. Inni akkuma hadiisa “nama Faatihat Al-kitaabiin hin qara’iniif salaanni hin jiru” jedhu keessa jirutti raka’aa hunda keessatti rukniidha. Isheen haadha Qur’aanaati. ‘Bismillaahi Arrahmaani Arrahiim’ immoo barakaafi gargaarsa barbaachaaf ta’a. Alhamdu lillaahi; Al-hamduun faaruudha. ‘Al’ kun akka seera Lughaa Arabaatti ‘istigraaqaaf’ taati. Istigraaqa jechuun waan faaruu ta’e hunda of keessatti hammachuudha. Gaarummaan inni abbaan isaa hojii wahii keessaa hin qabne kan akka bareedumaafi kkf isaan faarfamuun jajuu jedhama malee faarsuu (galateeffaachuu) miti. ‘Rabbil aalamiin’ immoo Rabbiin isa gabbaramaa, uumaa, nyaachisaa, mootii, wantoota gara gaggalchaafi uumama hundaa tola isaatiin guddisaa kan ta’eedha. Aalamiin jechuun immoo wanti Rabbiin ala jiru hundinuu aalama jedhama. Inni immoo gooftaa hundaati. Arrahmaan immoo rahmata uumama hunda wal geesseedha. Arrahiim immoo rahmata mu’umina qofaaf dhuunfaa taateedha. Ragaan jecha Rabbii ol ta'eeti: 

{وَكَانَ بِالْمُؤْمِنِينَ رَحِيمًا} [الأحزاب: 43]

“Inni Mu’umintootaaf rahiim (mararfataa) ta’eera.” [Al-ahzaab: 43]

Mootii guyyaa murtii kan jedhame immoo guyyaa mindaatiifi qormaataati. Guyyaa namni hundi dalagaa isaatiin yoo khayrii ta’e khayriidhaan, yoo hamtuu ta’e immoo hamtuudhaan mindaa galfamuudha. Ragaan jecha Rabbii ol ta'eeti:


{وَمَا أَدْرَاكَ مَا يَوْمُ الدِّينِ - ثُمَّ مَا أَدْرَاكَ مَا يَوْمُ الدِّينِ - يَوْمَ لَا تَمْلِكُ نَفْسٌ لِنَفْسٍ شَيْئًا وَالْأَمْرُ يَوْمَئِذٍ لِلَّهِ} [الانفطار: 17 - 19]

“Sila guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise? Ammas, guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise? (Inni) guyyaa lubbuun tokko lubbuu biraatiif homaa godhuu hin dandeenye. Guyyaa san ajajni (hundi) kan Rabbiiti.” [Al-infixaar: 17-19] 

Hadiisni Ergamaa Rabbii (saw) irraa odeeffame immoo “nama collee jechuun kan fedhii lubbuu isaa mo’atee waan du’a boodaatiif hojjateedha. Dadhabaan immoo nama lubbuu isaa fedhiidhuma ishee hordifsiisee hawwii qofa Rabbirratti hawweedha.” Si qofa gabbarra jechuun immoo waan siin ala jiru hin gabbarru jechuudha. Kun immoo waadaa gidduu garbichaatiifi Rabbii isaa Isa malee gabbaruu dhiisuu irratti jiruudha. Si qofa gargaarsifannaan immoo waadaa gidduu garbichaatiifi Rabbii isaa si malee hin gargaarsifadhu jechuun jiruudha. ‘Ihdina Assiraaxal musataqiim’ karaa sirraawaa nu qajeelchi. ‘Ihdina’ jechuun immoo nu qajeelchi, nu raggaasisi jechuudha. Karichi immoo Islaama; Ergamaadhas jedhameera; Qur’aanas jedhameera. Hundinuu dhugaadha. Sirraawaa jechuun isa jallinni keessa hin jirreedha. Karaa warra isaan qanansiifteetti kan fedhame immoo warra tolli Rabbiin biraa itti oolameedha. Ragaan jecha Rabbii ol ta'eeti: 

{وَمَنْ يُطِعِ اللَّهَ وَالرَّسُولَ فَأُولَئِكَ مَعَ الَّذِينَ أَنْعَمَ اللَّهُ عَلَيْهِمْ مِنَ النَّبِيِّينَ وَالصِّدِّيقِينَ وَالشُّهَدَاءِ وَالصَّالِحِينَ وَحَسُنَ أُولَئِكَ رَفِيقًا} [النساء: 69]

“Namni Rabbiifi Ergamaadhaaf ajajame isaan sun nabiyyoota, dhugoomsitoota, shahiidotaafi warren gaggaarii irraa warra Rabbiin qanansiise waliin ta’u. Warra kanaan hiriyoomuun waa tole!” [Annisaa’i: 69] 

Kan isaan irratti hin dallanaminiifi hin jallatin ogga jennu kan irratti dallaname Yahuudaa warra odoo beekumsa qabanuu itti hojjachuu didaniidha; Rabbiin karaa isaanii irraa nu fageessuu kadhanna. Jallattoonni immoo Nasaaraa warra wallaalumaafi dogongoraan Rabbiin gabbaranuudha. Ragaan jallattoota kanaa jecha Rabbii ol ta'eeti: 

{قُلْ هَلْ نُنَبِّئُكُمْ بِالْأَخْسَرِينَ أَعْمَالًا - الَّذِينَ ضَلَّ سَعْيُهُمْ فِي الْحَيَاةِ الدُّنْيَا وَهُمْ يَحْسَبُونَ أَنَّهُمْ يُحْسِنُونَ صُنْعًا} [الكهف: 103 - 104]

“Sila warra hojiin isaanii akkaan honga’oo ta’an isiniif himnuu?” jedhi. Isaan warra odoo dalagaa tolchinee hojjannaa yaadanuu addunyaa keessatti hojiin isaanii duraa badeedha.” [Alkahf: 103-104] 

Hadiisa Ergamaa Rabbii (saw) irraa odeeffame keessatti immoo “karaa warra isiniin duraa hanga qalahaan xiyyaa xiyya hordofu tokko hordofuuf jirtu” jennaan (sahaabonni) ‘Yahuudaafi Nasaaraamoo?’ jedhan. “Eenyu ree?” jedhaniin. Bukhaaariifi Muslimtu gabaasan. Hadiisni lammaffaan immoo Nabiyyiin (saw) “Yahuudaan garee torbaatamii tokkotti qoodamte; Nasaaraanis qoodaa torbaatamii lamatti qoodamte. Ummatattiin kunis qoodaa torbaatamii saditti qoodamuuf jirti. Tokko malee hundi isheetuu ibidda keessa” jedhan. ‘Isheen eenyu ree? Yaa Ergamaa Rabbii!’ jenne. Isaanis (saw) “nama fakkii waan aniifi sahaabonni kiyya irra jirru irra jiraateedha” jedhan. 

Rukuu’ii 

. Shanaffaan immoo isa irraa ol jechuudha. 

. Jahaffaan immoo qaama torban irratti sujuuda bu’uudha. 

. Torbaffaan sujuuda irraa sirraa’anii ol ka’uudha.


Arkaanni Salaataa Saddeettaffaan jidduu sujuuda lamaanii taa’uudha. 

Ragaan jecha Rabbii ol ta'eeti: 

{يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا ارْكَعُوا وَاسْجُدُوا} [الحج: 77]

“Yaa warri amantan! Rukuu’a godhaa; sujuudas godhaa.” [Alhajji: 77]


Hadiisni Ergamaa Rabbii (saw) irraa odeeffame immoo “lafee torba irratti sujuuduun ajajame” jedha. 


. Ulaagaan Saglaffaan immoo arkaana hunda keessattuu tasgabbaa’uudha. 


. Kurnaffaan immoo duraa duuba gidduu arkaanaa eeguudha. Ragaan kanaa immoo hadiisa namicha salaata isaa balleessee salaateedha. Abuu Hurayraa irraa odeeffamee  رضي الله عنه  ni jedhe: odoo nuti Ergamaa Rabbii  صلى الله عليه وسلم wajjin taa’aa jirruu  namichi tokko seenee salaate, sana booda dhufee Nabiyyiidhaan  صلى الله عليه وسلم salaamataa jedhe. Isaanis "deebi'ii salaati; ati hin salaannee" jedhan. Innis deebi'ee akkuma duraan salaatetti salaatee ergasii dhufee Nabiyyii  صلى الله عليه وسلم irratti salaamtaa jedhe. Isaanis "deebi'ii salaati; ati hin salaanne" yeroo sadi jedhaniin. Innis "Isa dhugaadhaan si erge natti haa ta'uu! Kana malee ani hin tolchu kanaafuu na barsiisi" jedhe. Isaanis "yeroo gara salaataa dhaabbatte takbiiraa godhi; ergasii Qur'aana irraa waan siif laafe kan sii wajjin jiru qara'i. Ergasii hanga rukuu'a keessatti tasgabbooftutti rukuu'a bu'i. Sana booda hanga dhaabbiitti tasgabbooftutti dhaabadhu. Ergasii hanga sujuuda keessatti tasgabbooftutti sujuudi. Ergasii hanga taa'ichatti tasgabbooftutti ol ka'ii taa'i. salaatuma kee hunda keessattuu kana raawwadhu" jedhan. 


.. Kudha tokkoffaan tashahhuda dhumaati. Tashahhuda kana nuti attahiyyaatuu jennee beekna. Inni ruknii dirqama. Kun immoo hadiisa Ibn Mas’uud keessatti dhufee jira. Ibn Mas’uud irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: odoo tashahhudni dirqama nurratti hin godhamin dura akkana jenna turre: ‘nageenyi gabroota Isaa irraa ta’e Rabbirra haa jiraatu! Nageenyi Jibriiliifi Mikaa’iil irra haa jiraatu.’ Nabiyyiin (saw) ni jedhan: ‘nageenyi gabroota Isaa irraa ta’e Rabbirra haa jiraatu!’ hin jedhinaa. Rabbiin isumatu nagaadha. Haa ta’u malee kan armaan gadii jedhaa: 


"Attahiyyaatu lillaah! Wassalawaatu, waxxayyibaatu. Assalaamu alayka ayyuhannabiyyu warahmatullaahu wabarakaatuh. Assalaamu alaynaa wa alaa ibaadillaahi assaalihiin. Ash-hadu Allaa ilaaha illallaah; wa ash-hadu anna Muhammadan Abduhuu warasuuluh."


Hiikti isaa: Kabajaan, salaatonni (ibaadaan adda addaa)fi dubbiin gaggaariin hunduu kan Rabbiiti. Yaa Nabiyyichaa! Nageenyi sirra haa jiraatu; Rahmanni Rabbiitiifi barakaan isaas. Nageenyi nuufi gabroota Rabbii gaggaarii irras haa jiraatu. 'Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiruu' ragaan ba'a. Muhammadis garbicha Rabbiifi ergamaa Isaa ta'uu ragaan ba'a.


Hiikti attahiyyaatuu kabajaan hundinuu kan akka Isaaf of gadi qabuufii, rukuu’a godhuu, sujuuda bu’uufi achi keessatti hafuufi turuu akka abbummaattis ta’ee Isaan maluudhaan kan Rabbiiti. Wanti Gooftaan aalama kanaa ittiin kabajamu hundinuu kan Allaahti. Namni isaan keessaa waan tokkollee waan Rabbiin ala jiruuf kenne inni Mushrika kaafira. Salawaanni immoo hiikti ishee du’aa’ii hunda jechuudha. Salaata shananis jedhameera. Waxxayyibaatu lillaahiin immoo Rabbiin gaariidha; jechaafi gocha irraas gaarii malee hin qeebalu jechuudha. Yaa Nabiyyichaa! Nageenyi sirra haa jiraatu; Rahmanni Rabbiitiifi barakaan isaas kan jedhu immoo Nabiyyiidhaaf (saw) nageenya, rahmataafi barakaa Rabbi biraa kadhatta. Nabiyyiin (saw) inni du’aa’iin isaaf godhamu kun Rabbi waliin hin kadhatamu. Nageenyi nuufi gabroota Rabbii gaggaarii irras haa jiraatuun immoo lubbuu keetiif nageenya barbaadda; akkasumas gabroota Rabbii gaggaarii ta’an kan samiifi dachii keessa jiranuufis nageenya kadhatta. Nageenya barbaaduun du’aa’iidha. Warri gaggaariin immoo du’aa’iin isaaniif kadhatama malee Rabbii waliin hin kadhatamanu. Ash-hadu Allaa ilaaha illallaah wahdahuu laa shariika lah! Ragaa yaqiina (dhugaa) ta’ee 'Dhugaan gabbaramaan dachii keessas ta’ee samii keessa Rabbi malee hin jiruu' ragaa baata.


Muhaamad Ergamaa Rabbiitii ragaa ba’uun immoo isaan Gabricha Rabbiitii hin gabbaramanu; ergamaa Rabbiitii hin kijibsiifamanu. Inumaayyuu ittiin bulamu; ni hordofamu. Gabricha Rabbii ta’uun kabajaa isaaniiti (saw). Ragaan jecha Rabbii ol ta'eeti: 

{تَبَارَكَ الَّذِي نَزَّلَ الْفُرْقَانَ عَلَى عَبْدِهِ لِيَكُونَ لِلْعَالَمِينَ نَذِيرًا} [الفرقان: 1]

“Inni furqaaniin (Qur’aana) akka aalama hundaaf dinniinaa (sodaachisaa) ta’uuf, garbicha Isaa irratti buuse toltuun isaa baay’ate.” [Alfurqaan: 1]

Kudha lammaffaan tashahhudichaaf taa’uudha. 


. Kudha sadaffaan immoo 

“Allaahumma salli alaa Muhammadin wa alaa aali Muhammadiin Kamaa sallayta alaa Ibraahiima wa alaa aali Ibraahiima innaka Hamiidun Majiid" jechuudha.


Hiikti isaa ‘yaa Rabbi akkuma Ibraahiim irratti Rahmata buufte Muhammadiifi Maatii Muhammad irrattis Rahmata buusi; Ati faarfamaa guddaa waan taateef’ jechuudha.

Salaanni Rabbirraa ta’e kun gabricha Isaa Muhammadiin garee maleykaa warra olii keessatti isa faarsuudha. Bukhaariin Abul Aaliyaa irraa odeessee ni jedhe: ‘Salaanni Rabbirraa ta’e gabricha Isaa garee olii (maleykaa) keessatti isa faarsuudha.’ Rahmatas immoo jedhameera. Isa duraatu irra sirriidha. Maleykota irraa immoo araarama kadhachuudha. Ilmaan Aadam irraa du’aa’ii godhuudhaaf. 


. Kudha afraffaan salaamtaa lamaani. 

Wabarakaatuhuufi wanti isa boodaa jechas ta’ee gochi hunduu sunnaadha.


Tashahhuda/Attahiyyaatuu Salaata keessa yeroo teessu qaraatu hiika isaa wajjin haffazi:

************************


 ﺍﻟﺘﺤﻴﺎﺕ ﻟﻠﻪ ﻭﺍﻟﺼﻠﻮﺍﺕ ﻭﺍﻟﻄﻴﺒﺎﺕ، ﺍﻟﺴﻼﻡ ﻋﻠﻴﻚ ﺃﻳﻬﺎ ﺍﻟﻨﺒﻲ ﻭﺭﺣﻤﺔ ﺍﻟﻠﻪ ﻭﺑﺮﻛﺎﺗﻪ، ﺍﻟﺴﻼﻡ ﻋﻠﻴﻨﺎ ﻭﻋﻠﻰ ﻋﺒﺎﺩ ﺍﻟﻠﻪ ﺍﻟﺼﺎﻟﺤﻴﻦ، ﺃﺷﻬﺪ ﺃﻥ ﻻ ﺇﻟﻪ ﺇﻻ ﺍﻟﻠﻪ ﻭﺃﺷﻬﺪ ﺃﻥ ﻣﺤﻤﺪﺍ ﻋﺒﺪﻩ ﻭﺭﺳﻮﻟﻪ . ‏

"Attahiyyaatu lillaah! Wassalawaatu, waxxayyibaatu. Assalaamu alayka ayyuhannabiyyu warahmatullaahu wabarakaatuh. Assalaamu alaynaa wa alaa ibaadillaahi assaalihiin. Ash-hadu Allaa ilaaha illallaah; wa ash-hadu anna Muhammadan Abduhuu warasuuluh."


Hiikti isaa: Kabajaan, salaatonni (ibaadaan adda addaa)fi dubbiin gaggaariin hunduu kan Rabbiiti. Yaa Nabiyyichaa! Nageenyi sirra haa jiraatu; Rahmanni Rabbiitiifi barakaan isaas. Nageenyi nuufi gabroota Rabbii gaggaarii irras haa jiraatu. 'Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiruu' ragaan ba'a. Muhammadis garbicha Rabbiifi ergamaa Isaa ta'uu ragaan ba'a.

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH