SEENAA XALHAA BINU UBEEYDULLAH

 


       5. SEENAA XALHAA BINU UBEEYDULLAH

“Namni wareegamaa lubbuun jiru, kan dachii irra qaamaan socho’u yoo laaluu fedhe, gara Xalhaa Binu Ubeeydullahi haa laalu.” jedhe Rasuulli s.a.w.

Dhihaadhu; gara nama duula Uhud keessatti lubbuu isaa nabi Muhaammadiif s.a.w gumaachetti.

Dhihaadhu; gara wareegamaa lubbuun jiru osoo warra jannataa ta’uu isaa beeku, lafarra miilaan deemu.

Xalhaan Binu Ubeeydullah islaamahuu isaa dura biyya Basraa hojii daldalaatif, namoota umriin isa caalan waliin deemee, Namticha beekaa kitaaba Toowraatii fi Injil ta’e tokko kan ummata gabaaf dhufetti “mee eennu namni Makkaa dhufe?.” jedhee lallabee ummata Makkaa gaafatu arge.

Sababa ummata waliin dhufan dura jiruuf namtichatti siqee akka isa ta’e itti hime. Yeroo kana namtichi “Nabiyyiin Ahmad jedhamu ergamee Makkatti?.” jedhee gaafate. Xalhaanis Ahmad kam akka ta’e addaan baruuf isa gaafate, Ahmad binu Abdallaah binu Abdul Muxxalib akka ta’ee fi jiini inni itti ergamu akka gahe itti hime.

Dhumarratti “Nabiyyii kana jala deemuun siif gaaridha, Ummanni Makkaa biyyarraa isa baasee, booda biyyoo mukaafi timiraa heddummaatutti gala.”jedheenii mallattoo Nabiyyicha ergamuu himeef.

Xalhaan dubbii kana akkuma dhagaheen waan dhufeef itti dhiisee, Farda isaa yaabbatee gara Makkaatti deebi’e. Erga biyyaa bahe waan tureef akkuma Makka gaheen waa’e Nabi Muhammad s.a.w gaafate. Akka nabi Muhammad s.a.w an nabiyyii dha ofiin jechuu eegalee fi Abbaan Bakriitis isa dhugoomse itti himan. Yeroma kana gara Abbaa Bakriitti deemee, waan isa muudate itti hime. Abbaan Bakris waan Xalhaan odeesseef kana akkuma dhagaheen fuudheeni Nabii s.a.w biraan gahe. Waan dhagahe hunda Xalhaan akkuma Nabi s.a.w odeessee geesseen islaamummaa qabate.

Akkuma islaamahuu dhagaheen Abbeeraan isaa Nowfil Binu Kuweeylid maqaan isaa Asad Quureeyishii kan beekkamu Abbaa Bakrii fi Xalhaa walitti hidhee, warra gowwoota Makkaa kan nama dararanitti kenne. Sababa kanarraa kan ka’e Muqarrineeyni (walitti qindeeffamoo) jedhaman.


Arjooma Xalhaa Binu Ubeeydullah

Guyyaa tokko hadramootirraa qabeenyi kuma dhibba torbaa (700,000) dhufteefii jennaan halkan san sodaataa, obsa dhabaa, yaaddawaa bule. Niitiin isaa Ummu Kulsuum bintu Abii Bakrii Siddiiq itti olseentee, “maal taate; yaa Abbaa Muhammad, anattu sitti balleessee?.” jettee gaafatte jennaan. “lakki! ati hintala gaariidha. Sirraa waa na hin miidhan.” jedheeni diinagdee kalee itti dhufte saniif akka yaaddahutti jiru itti hime. Osoo diinagdeen hamma kana gahu mana kiyya keessa bulu, Rabbi maal naan jedha kajedhu isa dhiphe. Niitiin isaa “maalif Muhaajirtootaa fi Ansaaraaf hin kennine? Akka bariiteen deemiiti ofirraa sadaqadhu.” jettee mala malteef. Yoo kana innis yaada isiititti gammadee “Rabbi Rahmata siif haa godhu, ati intala muslimaa haqa qunnamtuu, intala Abbaa haqa qunnamaati.” jedheen.

Innis akka Haati mana warra isaa mala malteefitti ganamaan ka’ee, ummata hiyyeessa Muhaajiraa fi Ansaaraa qoodee fixee.

Akkasumas gurbaan tokko itti dhufee firummaa (aanummaa) itti himatee, gargaarsas irra barbaade. Xalhaan namtichaan walitti firumaa akka qaban akka hin beekne erga itti himee booda, Lafa Usmaan irraa bite san fedhu akka fudhatu, yoo fedhe immoo gurgureefii akka mallaqa kennuuf itti hime. Namtichi akka mallaqa fedhu itti himnaan, Kuma dhibba sadihitti gurguree mallaqa cufaa kennef.


Duula Uhudfii xalhaa

Xalhaa binu Ubeydallah duula Uhudii keessatti duulaaf qofa osoo hin taane, du’ee wareegamummaa duraan Rasuulli s.a.w hin argatta jedhaniin barbaacha bahe. Milkiin duula Badrii irratti injifannoo muslimaatiin goonfame, duula Uhud irratti, sababaa; waraanni Rasuulli s.a.w gaara Uhud irratti ajajaa (abbaa duulaa) Abdallaha binu Jubeyrii erga godhanii booda “yoo diinni akka Allaattiin foon lafaa guurtutti ka nuguurtu ta’ellee, Gaara tana gadi lakkistanii hin bu’inaa.” jedhanii ajajan, boojuu guuranna jedhanii iddoo qubannaa fi ajaja Rasuulaa s.a.w dhiisanii bu’an. Kun immoo waraana mushriktootaatiif carraa injifannoo uumee muslimtoota moo’atan.

Waraanni muslimaa; erga lolli eegalamee dirree lola Uhud kana keessatti, iddoo gara garatti addaan ciccitan. Rasuula s.a.w biratti namni hafee Ansaara torbaa fi Muhaajira lama turan. Muhaajira lamaan turan keessaa tokko Xalhaa bin Ubeydullah ture. Torban Ansaarotaa osoo Rasuula s.a.w irraa diina deebisutti jiranuu ajjeefaman.

Oduu bukaari fi muslim odeessan keessatti Abbaa Usmaan irra ‘Rasuula s.a.w biratti Xalhaa Binu Ubeydullahi fi Sa’ad binu Abii Waqqaas malee namni tokkoo hin hafne’ jedhan. Guyyaa lola Uhud, Nabiin s.a.w xiyya ufiif qopheeffatan Sa’ad jalatti gadi naqanii, “yaa Sa’ad ittiin darbadhu, ati Ayyoof abboo kiyyaan furamaa dha.” jedhaniin.

Akka Jaabir irraa odeeffametti “Guyyaa duula Uhud keessatti; waraanni baqatee, Nabiin s.a.w nama kudha lama waliin qofa hafe. San keessaa tokko Xalhaadha.” jedhe.

Mushrikoonni Nabitti s.a.w marsanii jennaan, Rasuulli s.a.w “eentu narraa deebisa.” jedhanii, Namoota bira jiran irraa gargaarsa gaafatan. Xalhaan yeroo kana “ana.” jedhee du’aaf of kennuuf kaanaan, “ati taa’i “jedhaniini dhorgan. Booda sahaabonni biratti hafan dabaree dabareen hunduu dhumanii jennaan, Xalhaa dhumarratti kophaa isaa iddoo nama kudha tokkoo bu’ee osoo loluu, qubbeen isaa irraa ciramee jennaan dhukkubbiin obsa isaatii ol taate itti dhagahamee jennaan, sagalee “A’aa!.” jedhu baafatee aade. Miira isaa ka dhukkubbii ibsatee jennaan Yeroo kana Rasuulli s.a.w sagalee isaa kana dhagahanii “osoo hamma “A’aa!.” jette, bismillah! jettee, silaa mala’ikoonni ol si fuuti hamma namni si argutti.” jedhaniin akka Haakim nuu gabaase muktasara (Kitaaba gabaabaa) keessatti.

Akka Xabaraaniin nuuf gabaasetti immoo ‘Osoo bismillah jettee, sila malaa’ikaan siin bararti, osoo namni ilaale si argu jedheen’Akka imaamu Nasa’ii fi imaamu Beeyhaqiin dalaa’ila (maqaa kitaabaati) keessatti nuuf gabaasanitti; ‘osoo bismillah! jettee Hamma siin seentutti mala’ikaan, qilleensa samii keessa siin deemti jedhaniin’.

Akka Ahmad nuuf gabaasetti immoo; ‘osoo bismillah jettee, silaa ni garta; mana siif ijaaramtee jannata keessatti. Osoo ati addunyarra jirtu jedhaniin’

Duula kana keessatti Xalahaan Binu Ubeeydullah iddoo soddoomi shan (35) ykn iddoo soddomi sagal (39) waraanamee, quba arrabsituu fi quba quboota keessaa dheeraas muramuun duula kanarraa lubbuun hafe. Sababa kanaaf Rasuulli s.a.w.” namni wareegamaa osoo hin du’in lubbuun dachii irra deemu laaluu jaalatu, Xalhaa Binu Ubeeydullah haa laalu.” jedhan.

Aa’ishaa irraa akka odeeffametti ‘Abbaan isii Abubakar; duulli Uhud kan Xalhaa Binu Ubeeydullahi qofa jedha, waan Xalhaan gahee guddaa taphateef’.

“Guyyaa duula Uhudii qaama guutu waraaname, hamma qaamni saalallee nan hafinitti.” jedhee Xalahaan ofirraa dubbate.

Rabbiin rahmata isaa haa godhuu Xalhaan Binu Ubeeydullah, goota dirree arjoomaa fi dirree duulaa ka ta’e, Goota qalbiin isaa sodaa Rabbiitiif qofa cabde, Goota Lubbuu fi qabeenya isaa Nabii Rabbiitii fii s.a.w diin Islaamatif wareegedha.




Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH