Du'aa'ii yeroo Nyaataa fi Dhugaati jadhamuu

 



Du’aa’ii nyaata duraa

إِذَا أَكَلَ أَحَدُكُمْ طَعَاماً فَلْيَقُلْ بِسْمِ اللَّهِ، فَإِنْ نَسِيَ فِي أَوَّلِهِ فَلْيَقُلْ (بسمِ اللَّهِ فِي أَوَّلِهِ وَآخِرِهِ)
Tokkoon keessan yeroo nyaachuuf ka’e “maqaa Rabbiitiin” haa jedhu. Yoo jalqaba irratti dagate 'jalqaba isaatiifi dhuma isaas maqaa Rabbiitiin eegale haa jedhu'


Du’aa’ii yeroo nyaata xumuranii

الْحَمْدُ لِلَّهِ الَّذِي أَطْعَمَنِي هَذَا، وَرَزَقَنِيهِ، مِنْ غَيْرِ حَوْلٍ مِنِّي وَلاَ قُوَّةٍ
Faaruun kan Rabbii kana na nyaachiseeti. Tooftaafi humna na biraa hin ta’iniin isa na soore.


Du’aa’ii keessummaan abbaa nyaataatiif godhu

اللَّهُمَّ بَارِكْ لَهُمْ فِيمَا رَزَقْتَهُم، وَاغْفِرْ لَهُمْ وَارْحَمْهُمْ
Yaa Rabbi waan isaan soorte keessa barakaa kaa’iif. Isaaniif araaramii isaan mararfadhu.


Du’aa’ii nama isa obaaseef godhamu

اللَّهُمَّ أَطْعِمْ مَنْ أَطْعَمَنِي، وَاسْقِ مَنْ سَقَانِي
Yaa Rabbi nama na nyaachise nyaachisi. Nama na obaases obaasi.


Du’aa’ii yeroo fuduraa haaraa arganii

اللَّهُمَّ بَارِكْ لَنَا فِي ثَمَرِنَا، وَبَارِكْ لَنَا فِي مَدِينَتِنَا، وَبَارِكْ لَنَا فِي صَاعِنَا، وَبَارِكْ لَنَا فِي مُدِّنَا
Yaa Rabbi fuduraa keenya keessa barakaa nuuf kaa’i. Yaa Rabbi Madiinaa keenya keessas barakaa nuuf kaa’i. Saa’ii keenya keessas barakaa nuuf kaa’i. Konyee keenya keessas barakaa nuuf kaa’i.

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH