Du'aa'ii Dhukkubsataaf godhamuu

 



Du’aa’ii yeroo dhukkubsataa gaafatan godhamuuf

لاَ بأْسَ طَهُورٌ إِنْ شَاءَ اللَّهُ
Homaa miti، yoo Rabbiin fedhe qulqulleessituudha.

أَسْأَلُ اللَّهَ الْعَظيمَ رَبَّ الْعَرْشِ الْعَظِيمِ أَنْ يَشْفيَكَ (سبع مرات)
Rabbii guddaa abbaa arshii guddaan si fayyisuu kadha. (si’a torba jedha)


Sadarkaa dhukkubsataa gaafachuu

إِذَا عَادَ الرَّجُلُ أَخَاهُ الْمُسْلِمَ مَشَى فِي خِرَافَةِ الْجَنَّةِ حَتَّى يَجْلِسَ، فَإِذَا جَلَسَ غَمَرَتْهُ الرَّحْمَةُ، فَإِنْ كَانَ غُدْوَةً صَلَّى عَلَيْهِ سَبْعُونَ أَلْفَ مَلَكٍ حَتَّى يُمْسِيَ، وَإِنْ كَانَ مَسَاءً صَلَّى عَلَيْهِ سَبْعُونَ أَلْفَ مَلَكٍ حَتَّى يُصْبِحَ
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: namni tokko yeroo obboleessa isaa Muslimaa gaafate hanga taa’utti fuduraa jannataa funaannachuu keessa deemaa jira. Yeroo taa’e rahmanni isa haguugdi. Yoo ganama ta’eef hanga dhihutti maleykaan kumni torbaatamni rahmata isaaf kadhatti. Yoo galgala ta’e immoo hanga ifutti maleykaan kumni torbaatamni rahmata isaaf kadhatti.


Du’aa’ii dhukkubsataa jireenya irraa abdii kutee

اللَّهُمَّ اغْفِرْ لِي، وَارْحَمْنِي، وَأَلْحِقْنِي بِالرَّفِيقِ الْأَعْلَى
Yaa Rabbi naaf araarami; na mararfadhu. Hiriyootii ol aanootti na dhaqqabsiisi.


Nama duuti itti dhufe laqqansiisuu

مَنْ كَانَ آخِرُ كَلاَمِهِ لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ دَخَلَ الْجَنَّةَ
Namni dhumti haasaa isaa “dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru” jechuu ta’e jannata gala.

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH