Du'aa'ii Yeroo Hirriibaa Jadhamuu

 



Du'aa hirriiba dura godhamu

باسمِكَ ربِّي وَضعتُ جَنبي وبِكَ أرفعُهُ، إن أمسَكْتَ نفسي فارحَمها، وإن أرسلتَها فاحفَظها بما تحفَظُ بِهِ عبادَكَ الصَّالحينَ
Yaa Rabbi maqaa keetiniin cinaacha kiyya keeyyadhe. Siinin ol kaasa. Yoo lubbuu kiyya fuuteef ishee mararfadhu. Yoo ishee deebiftee ergiteef waan gabroottan kee gaggaarii tiksituun ishee tiksi.


Du'aa'ii yeroo hirriba irraa k'anii


الحَمْدُ للَّهِ الَّذِي أَحْيَانَا بَعْدَ مَا أَمَاتَنَا، وَإِلَيْهِ النُّشُورُ
Faaruun kan Rabbii erga nu ajjeesee, fayyisee nu jiraachiseeti.
الْحَمْدُ لِلَّهِ الَّذِي عَافَانِي فِي جَسَدِي، وَرَدَّ عَلَيَّ رُوحِي، وَأَذِنَ لِي بِذِكْرِهِ
Faaruun kan Rabbii isa qaama kiyya nagaa godhee lubbuu kiyya natti deebisee isa yaadachuu naaf eeyyameeti.


Du’aa’ii yeroo hirriba keessa gara galanii

لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ الْوَاحِدُ الْقَهّارُ، رَبُّ السَّمَوَاتِ وَالْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا الْعَزيزُ الْغَفَّارُ
Dhugaan gabbaramaan Rabbii tokkicha injifataa malee hin jiru. Inni Rabbii samii, dachiifi waan jidduu isaaniiti. Injifataa araaramaadha.


Du’aa’ii naasuu hirriba keessaafi nama bineensa wahiitiin rifatee

أَعُوذُ بِكَلِمَاتِ اللَّهِ التَّامَّاتِ مِنْ غَضَبِهِ وَعِقَابِهِ، وَشَرِّ عِبَادِهِ، وَمِنْ هَمَزَاتِ الشَّياطِينِ وَأَنْ يَحْضُرُونِ
Dallansuu Rabbii, adabbii isaa, hamtuu gabroottan isaa, nama maraachisuu shayxaanaafi natti dhufuu irraa jecha Rabbii guutuu ta’ettin maganfadha.


Waan namni abjuu fokkataa arge hojjatu

يَنْفُثُ عَنْ يَسَارِهِ (ثلاثاً)
Bitaa isaa irraan yeroo sadii afuufa.
يَسْتَعِيذُ بِاللَّهِ مِنَ الشَّيطَانِ وَمِنْ شَرِّ مَا رَأَى (ثَلاَثَ مَرَّاتٍ)
shayxaanaafi hamtuu arge irraa Rabbitti maganfata (si'a sadi jedha)
 لاَ يُحَدِّثْ بِهَا أَحَداً ، يَــتَحَوَّلُ عَنْ جَنْبِهِ الَّذِي كَانَ عَلَيْهِ ، يَقُومُ يُصَلِّي إِنْ أَرَادَ ذَلِكَ
Nama tokkottuu isa hin himu. Cinaacha irra ture irraa ni jijjiirrata. Yoo fedhe ol ka’ee salaata.

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH