SEENAA USMAAN BINU AFFAAN

 


        3. SEENAA USMAAN BINU AFFAAN

Bara mootiin sanyii Habashaa kan biyya yaman bulchaa ture. Duula ka’abaa diiguuf Arba fe’atee dhufe. Ergamaan Rabbii nabi Muhammad s.a.w dhalatanii, Usmaan isaaniin booda ykn bara Arbaa booda ganna jaha turee dhalate.

Usmaan haala gaarii irratti guddate. Takkaa siidaa dhaa ykn taabotaa sujuudee, gadi godhate (fogodee) hin beeku. Farshoo ykn dhugaati sammu hadochu takkaayyuu afaanin hin qabne.

Zamana jaahilummaa keessatti tapha shabaabaa ta hamtuu ykn gadii aantuu taate tamuu hin taphanne. Zulmii ykn hamtuu namarratti hin raawwanne. tolaa fi amala gaarummaan qabaachuun isaa kun dardara Qureeyshii beekkamaa fi jaalatamaa isa taasise. Ummata kessatti gaarummaan maqaan isaa yaamamaa ture.

Usmaan maatii gaarii keessaa dhalate. Gosa isaa keessatti, dinagdee fi arjoomaan waan maqaa qabuuf, dhugaa dubbachuun, haqa namaa eeguun, baallama kabajuun, ummata Qureeyishii biratti beekkamaa ta’e.

Bara san keessatti beekkumtii fi jaalala isaa irraa kan ka’e haati ijoolle yeroo taphsiistu, maqaa isaatin akka armaan gadii jedhuun ijoollee weeddisaa taphsiisu.

Sin jaaladha - kakadhee Rahmaanittu.
jalala Qureeshiin -Usmaanin jaalattu.

Karaa dandeetti barumsaatin Usmaan akka dansaa dubbisuu fi barreessu nama danda’uu dha. Hojitti immoo daldalaa dureessa fi maqaa qabeessa. Sababa inni haqa namaa eeguu fi dhugaa dubbaturraa kan ka’e, warri bittaaf bahe ummata Qureeyshii kan biraa caalaa, isaan maamilummaa filatu. Haalli kun immoo Usmaaniin hojii daldalaa keessatti bu’aa qabeessummaa isa goonfachiise. Duroomuu isaa irraa kan ka’es fakkeenya dureessota Qureeyshii warra ta’an waliin hiriiree lakkaawame.


Islaamahuu Usmaan Binu Affaan

Usmaan nama waa xinxalluun isaa akkaan fagoo taatee dha. Sababaa kanarraa kan ka’e ummaanni Makkaa siidaa ykn taabota gabbaruun isaa wallalummaa dukkana jimjim akka ta’e durimaa kaasee beeka. Kanaaf dukkana taabotaa gabbaruu irraa akka ummanni gara ifa iimaanatti fuula garagalfatu hawwaa ture.

Jidduma kana Abbaa Bakriitiin waahela waan taheef, Akkasuma haalli jara lamaanituu kan nabi Muhammadin s.a.w wal fakkaataa waan tureef nabi Muhammad s.a.w waliinis dhihooma qabuu ture. Haaluma kanaan osoo waliin jiranuu, Rabbis nabi Muhammadiin s.a.w Rasuulummaaf isaan filate.

Usmaan Intala nabi Muhammad s.a.w Ruqiyyaa fuudhuf osoo inni yaadutti jiruu, wanni hawwii isaa dukkanessitu fi qalbii cabsitee isa seenessitu umamte. Ruqiyyaan inni waliin bultii ijaarachuuf hawwaa ture,ilma abbeeraa Rasuulaa s.a.w kan maqaan isaa Utbaa abii Lahab jedhameef akka kaadhimamte dhagahee.

Usmaan intala namummaa gaarii qabdu, tan warra gaarii irraa dhalatteen wal jala darbuun isaa, hedduu itti dhagahame. Nabi Muhammadi s.a.w akkaan haala miidhaga qabus walitti dhiheenya qaban gara firummatti jijjiiruuf yaadaa waan tureef mul’anni isaa abjuu qofa ta’ee itti golgolawe.

Osoo inni hin yaadin; halli kun uumamuun Usmaanin yaadaan boqonnaa isaarra fuudhee, haala isaa tasgabbeessu fi gadda itti dhagahame cabsachuuf gara maatii isaatti deebi’e.

Usmaan osoo maatii isaa waliin Jiraatutti jiruu, haboon (adaadaan) isaa Su’uudaa intalli Kureeyzii tan jedhamtu mana ol seentee. Su’uudaan intalli Kureeyzi manguddo aqlii qabduu waan turteef haala Usmaan keessa jiru argitee hasofsiisuni, yaaddoo isaa irraa isa boharsuu eegalte. Keessumaahu.” nabiyyii siidaa (taabota) ummanni keenya wallalummaaf gabbaru irraa karaa maqsee Rabbi tokko gabbaraa jedhu, kan siidaa (taabota) caccabsee diigutu dhufe jetteen atis waahila nabiyyicha kanaa taata, Hintala isaas fuuta.” jettee ka himteef, sammuu dur yaadaan weeraramee. Dubbii haboo isaa dhageennan, abdii godhatee ganamaf galgala sammu isaa keessa deddebisuu eegale.

Waanni haboon (Adaadaan) isaa itti himte kun mul’atas ta’u heddu isa gammachiise. Eega sanii kaasee mul’ata ykn oduu haboon (adaaddaan) isaa: isaaf himte kana sammuu kessa of deddebisaa ooluun hojii isaa kan halkanii guyyaa ta’e. Mul’ata ykn oduu haboon isaa himteef kanas sammuu isaa kessatti qabatee cal’isuu hin dandeenne. Gara Hiriyyaa takkahu jaalalle isaatti deebi’un /deemuun/ waan haboon isaa itti himte guutu taphsiiseen.

Abbaan Bakriis waan haboon isaa itti himte kana erga dhagahee booda, “Haboon tee dhugaa jette.” jedheeni akka Nabiyyiin ergame itti hime. Usmaan waan nabi Muhammad s.a.w ergamuun isaa yeroo san kaluu ta’ee hin dhagahinif.

Nabi Muhammadinis s.a.w ta’uu itti himee akkana jedheen “yaa Usmaan haqni sirratti hin dhokatu.” Ummata keenya dukkana inni keessa jiru hin beekta. Osomaa ummanni keenya akkanatti jiruu Nabi Muhammad s.a.w Nabiyyumman dhufee.” jedhaanii gara islaamummatti isa yaamuu eegale.

Usmaanis erga dhugoomse booda gara Nabi Muhammad s.a.w na geesitaa jedheen. Abbaan Bakriis fuudheeni nabi Muhammadiin s.a.w biraan gahe, Rasuullis Usmaanin.” yaa Usmaan awwaadhu yaamicha Rabbii.” jedheen. Innis Nabi Muhammadiin bira gahe islaamummmaf ragaa ykn shahadaa qabate. Isaaf Abbaan Bakris warra dursa islamawan keessa turan.


Usmaan Ruqiyyaa Fuudhuu

Nabi Muhammaditti s.a.w wahyin bu’uu osoo hin eegalin dura Ruqiyyaan intalli Nabi Muhammad s.a.w ilma Abii lahab kan maqaan isaa Utbaa jedhamuuf kadhimamtee turte. Booda Nabi Muhammad s.a.w ergamee jennaan Abii Lahab abbeeraan Rasuulaa s.a.w diina ta’uun nama isa hordofan irraa gorsuu eegale. Niitin isaa Ummu Jamiil immoo qoree karaa Rasuulli s.a.w deemurratti guuruun dararaa turte.

Rabbiin hojii isaan lameenii kana balaalefachuun, suuraa Masad buuse. Abii Lahabii fi niitiin isaa duruu durii ka kana argatani itti jabaachuun Rasuula s.a.w taa’a deemsa dhorkuuf maatii isaa waliin mari’atee, Akka ilmaan isaa ilmaan Nabi Muhammad s.a.w dur kadhimatan gadi dhiisan irratti walii galan. Sababa kanaaf Utbaan gorsa haadha fi abba isaatin Ruqiyyaa kaadhimumma isaa jalaa baase.

Usmaan akkuma ilmi Abii lahab Utbaan, Ruqiyyaa gadi dhiisee dhagaheen gammachuu irraa kan ka’e barrisuu gahe. Yeroma san gara Nabi Muhammad s.a.w deemee akka Ruqiyyaa kaadhimaniif gaafate. Nabi Muhammadis s.a.w eyyamaniifi fuudhe.

Usmaani fi Ruqiyyaan miidhaginni isaani kan fuulaa akka urjii halkan dukkana keessa wal faana iftuuti. Amalli isaan lameeniitu akkuma dachiti baay’ee tokko haala gaarii, hedduu miidhaga fi wal fakkataa ta’e qabu turan.


Obsa Usmaan

Usmaan dargageeyyi Makkaa kessatti nama maqaa qabeessa fi akkaan jaalatamaa sababa tureef, Yeroo inni islaamawe dhagahan warri Makkaa hedduu rifatan. Akka dargaggoonni isaani miila Usmaan hinhordefneef wantti hindalagin hinjiru. Sababa islaamawu isaa dura fakkeeny dargaggoota Makkaa waan tureef.

Ummanni Makkaa kan kaafira turan akka Usmaan amanti islaamaa irraa garagalu isa balaaleffachuu, jibbuu, fi dararuu eegalan. Keessumattu Abeeraan isaa ka Haakim Binu Abil Aas jedhamu isa hidhuun nyaataa fi dhugaati malee darare.

Usmaan dararaan kun qaama isaa laaffisuu, Qalbiin isaa kan durirrayyu akka Rabbiif bultu isa taasise. Adabbii kanaan isa dadhabee jennaan, Reebichaan eegaleen, kanattis dadhabnaan qaama isaa guutuu saaleniin maree ibidda itti qabsiisee hanga aarri isii usmaanii ukkaamsee ajjeesu gahutti gube. Garuu Usmaan ifa argee dukkanatti deebi’e keessa taa’uu irra jedhee du’a filate. Booda Abbeeraan isaa hamma humni isaa danda’e agabsuu, reebuu, aaran dararuu Usmaan ka dur irra Rabbiin galatomfatutti jabaate. Usmaaniin islaamummaa irraa deebisuu dadhabnaan hidhaa irraa gadidhiisan.


Godaansa Biyya Habashaa

Usmaanin sababaa islaamummaa irraa kan ka’e, ummanni Qureeyshii balaaleffannaa, jibbaa fi dararaa irraan gahaa turan itti hammessan. Halli kun sahaabota hundarrattu waan jabaatef Nabi Muhammad s.a.w akka gara biyya habashaatti baqatan eyyama kennaniif.

Biyyi Habashaa yeroo sanitti mooticha Najjaashi jedhamuun bulaa turte. Najjaashii bulchiinsi isaa kan nageenya waan tureef, Biyyi Habashaa yeroo sanitti mirga ilma namaa hin kabajji ture. Sababaa kanaaf baqatiinsi Islaama kan jalqaba gara biyya Habashaa ta’ee, Usmaani fi Ruqiyyaanis osoo hin jaalatin biyya isaanii kan dhaloota fi ummata isaani gatanii gara Habashaa godaanuuf murteeffatan. Murteen isaanii kun garuu dirqama lubbu fi islaamummaa itti ta’eeti malee, Abbaa Ruqiyyaa Nabi Muhammadin s.a.w eentu dhiisee biraa deemu fedha?

Nabi Muhammadifis s.a.w gara jabumma yoom ture? Ilma isaa tan shamaraa godaansaaf geggessuun, Usmaanin sahaaba isaanii kan akkaan jaalatamaa fi arjoomaa isaanii ta’e hoo?

Haati mu’imintootaas Kadiijaan intala isii Ruqiyyaa geegessitee yoom jaalatteti imimmaan gadi lakkifte boohuu?

Wareegamummaan kun cufti islaamummaaf ture malee Waan hunda isaanii gatanii Rabbii fi ifa islaamaa filatanii biyyaa habashaatti baqatan.

Godaansi Usmaani fi Ruqiyyaa seenaa godaansa islaamaa keessatti erga Nabi Luuxiitii warra jalqabaa, kan Abbaan warraa fi haati manaa waliin godaanan ta’an. Miila malee garaan biyya ofiitii hin bayu akkuma jedhamu, Usmaanis oduu “Ummanni Makkaa islaamaye Nabi Muhammad s.a.w waliin salaatu eegalee.” ka jedhan, akka dhagahen ka’ee gammachuun gara biyyaa isaa Ruqiyyaa waliin deebi’e. Garuu yoo inni Makka gahu oduun dhagahanii dhufan holola sobaa waan tureeef gammachuun isaanii gaddatti garagale. Ummanni Makkaas dararaan jara simatuu eegalan. Kun kanaan osoo jiruu haati mu’imintootaa Kadiijaan du’uun immoo qalbii isaani tan dararaan duriyyu cabuuf kaate akka malee gaddaan cabse. Booda garuu Rabbiin caba isaani kana fayyisuuf Ruqiyyaan ilma dhiiraa kan Nabi Muhammad s.a.w Abdallah jedhanii maqaa moggasaniif deesse.


Godaansa Madiinaa

Reebicha lafee hin cabsine dirra itti jijjiiratu akkuma jedhan, Garaa jabummaan Qureeyshii muslimatti hammaannaan, gidiraa jalaa gara itti nagaa ta’anitti akka muslimni godaanu Rasuulli Rabbi s.a.w eyyama godhan, booda akkuma muslima Makkaa kamuu Usmaani fi Ruqiyyaanis wal qabatanii godaansa lammaffa immoo Madiinatti godhan.

Yeroo muraasa booda Nabi Muhammadis s.a.w Madiinatti godaanani jennaan lubbuun isaanii yaadddo irraa boqattee jiraachu eegalan.


Lola Badrii

Ruqiyyaan dhukkubsattee osoo jirtuu ilmi isii Abdallahin du’uun, dhibee isiitti dhibee dabalee ka durii irra hammaatte, kun kanaan osoo jiruu yaamichi lolaaf lallabamu baanaan, sahabonni akkuma ajaja kana dhagahaniin yaa’u eegallan. Usmaanis galaa isaa kurfeeffatee duulaaf qophaa’e. Usmaan hangamuu duulaaf dharraa’u Rasuulli ]saw[ akka inni qa’eetti hafee Ruqiyyaa kunuunsu ykn dhibamsiisu ajajaniin.

Sahaabonni hinjifannoon milkaa’ani yoo gara qa’ee Rabbiin galatomfat gammachuun deebi’an, Ruqiyyaan Ardii addunya kana irraa du’aan boqatte jirti. Madiinaan gadda uffattee qorritee isaan eegde. Sahaabonnis akkuma madiinaa gahaniin du’a isii dhagahaniin, gammachuun isaanii akkuma fixeensa ganamaa osoo hin turin goggogde.

Usmaani fi Ummu-kulsuum

Du’a Ruqiyyaatiin turiinsa muraasa booda, Umar Binu- Kaxxaab Usamaanitti dhaquun hintala isaa ta jaarsi irraa du’uudhaan harmaloofte akka irraa fuudhu gaafii dhiheesseef. Usmaan garuu gaafi umar kanaaf itti yaada jedhee lola maleetti nagahaan geegesse. Akka usmaan fedhi fuudha hintala isaa hin qabne barraan Umer gara Nabi Muhammad s.a.w deemuun, Usmaan intala isaa Hafsaa akka itti dide Rasuulatti s.a.w himate. Rasuullis s.a.w himannaa isaa kana akkuma dhagahaniin itti seeqatanii, “Intala tee nama Usmaaniin caaluttu fuudha, Akkasuma Usmaan immoo intala Hafsaa caaltu fuudha.” jedhaniin. Akkuma jecha isaani Rasuulli s.a.w intala Omar fuudhun, Usmaan immoo intala Rasuula s.a.w Ummu kulsumiin fuudhe.

Usmaan sababa ilmaan Rasuulaa s.a.w Ruqiyyaa fi Ummu kulsumin fuudheef maqaan Zinnureeyni jedhamee mogga’eef. Zinnuureyni jechuunis Sahiba ifa lameeni jechuu dha.

Usmaani fi ummu kulsuum karaa rabbi irratti walitti hidhatan, jaalalaf gammachuun bu’aa bahi imala jireenyaa waliin eegalani, osoo dadhabe si hifadhe tokko tokkoon hin jedhiin, Guyyaan isaan dirqiin addaan kuttu akkuma tan ilma namaa kamirrayyu hin hafne, Ummu kulsuumin yaamtee, addunyaa kanarra Ummu kulsuum akka lakkofsa hijraa waggaa sagalitti du’aan isaan addaan baate. Addunyaa kanarraa boqatte.

Usmaan jiruun kophumma tan inni Ummu kulsuumitti irraanfate, itti deebitee gadda waliin taate yaada fi gaddaan weerarte. Rasuulli s.a.w jaalala namooma isaatif qabanii fi gaddi isaa isaan quuqeeni, “Osoo hintala sadaffa ta hin kaadhimiin osoo qabaadhe hin kaadhimaaf.” jedhani seenaa isaanii dubbiin ibsanii turan.


Duula Usmaan

Usmaan duula badrii malee lola Rasuulli s.a.w irratti hirmaatan cufa duulee, karaa arjummaa diinagdeenis qoodaa adda ta’e galmeessun goota islaamaa maqa qabeessa ta’ee jira.


Arjummaa Usmaan

Dhugumaan dirree arjummaa kessatti akka muka gogee baala hunda lafatti harcaafatutti, Innis qabeenya isaa karaa Rabbii irratti harcaafate.

Muslimoonni Madiinatti baqannaan, Hedduminni ummataa dabalee bishaan barbaachisuu fi boolli bishaani kan ummanni Ansaaraa dur qabu wal maduula hin dandeenye. Haalli kun immoo bishaan qaalesse akka bittaan bishaani eegalamu uumee jira. Bittaan bishaani kun ummata hiyyessa daran jiruu itti hadheesse. Osoo bishaan jiruu ilma namaatif bu’uura ta’ee jiruu hanqinna mallaqaaf qofa namni dhumutti dhihaate. Haalli kun akkuma Nabi Muhamadiin s.a.w bira gaheen, Iddoo sahaabonni walitti qabamanitti, Eennu mee, namni eela bishaanii kan namticha yahuudaa ummatatti bishaan gurguru irraa gatii qaalin Rabbiif jecha bitee, Rabbi biratti jannata badhaafamu.” jedhee gaafate?

Usmaan gara namtichaa yahuudaa deemun akka eela itti gurguru gaafate. Namtichi garuu akka dabaree dabaree guyyaa tokko tokkootin waraabachu danda’anitti malee akka itti hin gurgurre itti hime. Filmaatni biraa waan hin jirreef yaada namticha yahuudatin walii galuun, Qarshii yeroo sanii kuma kudha lamaan bite.

Ummanni Madiina yeroo dabaree usmaan waraabachuun manatti kuufataa guyya dabaree yahuudichaa immoo ofirra dabarsuu eegalaan yahudtichis Usmaanin bira dhaqee gutuman gututti akka irraa bitu gaafate. Yeroo kana Usmaanis kuma saddeet kenneefii tajaajila ummata muslimaatif oolche.

Dhiphinna Masgidaa Bal’isu

Ummaanni muslimaa daran daballaan Madiinaa keessatti, waqti salaata shananiittu masgiinni dhiphachuu eegale. Masgiida kana bal’isuuf Rasuullis s.a.w waamicha sahabdotaa godhan. Usmaan yaamicha isaani kana akkuma dhagaheen lafa masjiida dura jirtu kuma digdamaan bituun, akka masjiinni bal’ifamuf gumaache.


Qophii Duula Tabuukii Fi Arjooma Usmaan

Duulla tabuuk keessatti Abbaan Bakrii qabeenya isaa guutuu osoo waa tokko manatti hin hanbisin kennate. Umaris walakka qabeenya isaa kennatee. Duula Kana kessaatti sahabonni hanqinna geejjibaa fi galaa waan qabaniif, Usmaan dabaree sadii Gaala dhibbaa sinqii waliin kennate. walumaa galatti Gaala dhibba sadihi sinqii waliiniifii dirhaama kum tokko arjoome.

Yeroo kana Nabi Muhammad s.a.w ajabbiin “Usmaan ammaa booda osoo; hamtuu fedhe dalage waa isa hin miitu.” jedhan ittiaansuunis. “Yaa Rabbi an arjooma usmaan kana jaaladhe atis irraa jaaladhu.” jedhanii gammachuun Rabbi kadhataniif.


Hajjii Dhaamannaa Arjooma Usmaani

Hajjii dhaamanna booda Rasuulli s.a.w waraana gosa adda addatti erguuf qopheessan. Gaafa kanas Usmaan; Gaala dhibbaa fi afurtamii sagal (149) fe’a waliini fi farda jahatama (60) arjoome. Haata’u malee Rasuulatti s.a.w dhibeen hammatte jennaan du’aan boqatan. Erga du’a isaani booda bara bulchiinsa kaliifaa Abaa Bakarii keessa waraanni sun duule.


Beelahaa Madiinaa Nyaachisu Usmaan

Bulchiinsa Abbaa Bakrii keessatti hongeen (Barri Abaar) Madiinatti buutee, ummanni beelaaf saaxilamnaan, Abbaan Bakrii cinqaa ummataa kana tasgabbessuf Rabbii isaa abdachuun akkana jedhe “yoo kan Rabbiin fedhuu, boru akka bariitetti isnitti hin dhiitu; kan Rabbi isinii bal’isu taatu malee.” jedhe. Abdatiinsa isaa kanas Rabbiin Usmaanin sababa gochuuf, daldaltoonni Usmaan osoo ummanni Madiina agabuu cinqatti jiru, nyaata qabatanii biyya biroo irraa dhufan. Sooreyyiin kana arganis Usmaanin dachaan irraa bituuf gaafatan. Hin dide, al lamaa sadii itti deebi’anii kadhatanu usmaan garuu hin dideen, dhumarra garuu dachaa shaniin akka itti gurguru gaafataniin, yeroo kanas hin dide. Gatii kanaa ol argadhee gurguradhee jira jedheen Usmaan. Booda sooreyyiin kunninis aaranii biyya arabaatti namni gatii kanaa oliin sirra bitu hin jiru jedhanii itti of tuuluu eegala. “Innis isintu isa hin beekne malee hin jira.” jedheen. Eennun akka ta’e baruuf cinqamanii gaafin isa sardan. Yoo kana Usmaan akka Rabbii dachaa kudhaniin namaa kafalu tahe itti hime warra beelahaa Madiinaa irraatti Rabbiif jecha sadaqadhe jedheen.


Gabra Bilisoomsu Usmaan Guyyaa Jimaataa

Usmaan tola diinagdee kennatu qofatti arjoomni isaakan gabaabbatee miti. Guyyaa jimataa cufa ilma namaakan gabroomfamee gurguramu irra deeme gatii olka’aata’ee gabu’aa ta’e bitee bilisoomsu ta’e.

Qaanyii ykn Saalfatiinsa Usmaan

Nabi Muhammad s.a.w irra qaanfataan umata kiyyaa Usmaani, jedhan irraa dubbatan. Qaanyii isaa irraa kan ka’e.

A’ishaan Oduu nuuf dabarsite keessatti ‘Rasuulli s.a.w gudeeda isaa irraa uffanni saaqamtee osoo taa’u; Abubakar dhufee ol seenuf balbala dhadhahe eyyamsiifate ol seene Booda Umaris dhufee haaluma Abbaabakrii saniin ol seene. Dhumarra Usmaan dhufee ol seenuf balbala dhadhahe. Yeroo akka isa ta’e beekan Rasuulli s.a.w gudeeda isaanitti uffata gadi dachaasanii akka seenu eyyamanii fi seene. Erga jarri cuftuu bahanii, A’ishaan haala ta’e kana waan qalbiftee turteef; yeroo Abbaan Bakrii fi Umar dhufan kan gudeeda keetitti gad hinrariin yeroo Usmaan dhufe maaliif akka gadi rarate gaafatte. “Nama malaa’ikaan irraa qaanfattu akkamitti an irraa qaanfachuu dhaba.” jedhanii deebisaniif’.

Hasan Al-basriis haala isaa kanarra akkana jechuun irraa odeesse ‘Usmaan kan namni bira hin jirre ta’ee osoo kophaa jiruu, uffata baafate dhiqatu saalfata’ jedhe.


Wareegamummaa Fi Warra Jannataa Tahu Usmaan

Wareegamummaa Usmaan irra, Abu hureeyraan akkana jechuun odeesse; Rasuula s.a.w ‘Abubakri, Umar, Usmaan, Aliyyi, Xalhaa fi Zubeyri ta’ani osoo gaara gubbaa jiranu, gaarri sossoonaan: Rasuulli s.a.w gaaraan gadi dhaabadhu, Nabiyyi s.a.w Siddiqi fi wareegamaa malee sigubarratti hin taane’ jedhaniin.


Rabbi Gabbaru Usmaan

Rabbi gabbaru isaa irratti Usmaan kan akkaan jabaa ta’e dha. Salaata, soomana fi zikrii, qaraatii qur’aana, Akkasuma haafiza Qur’aanaati. Keessattu wanni nama ajabu salaata witrii raka’aa takka keessatti qur’aana guutu ykn juuza soddoma fixee kan bulu ture. Abdallah ilmi Omar akka jedhe ‘suuraan Zumar aayanni saglaffaan wa’e Usmaan dubbatti’ jedhe.


Sodaa Usmaan

Usmaan hanga areenni isaa jiidhutti kan boohoo ta’e. Waayee qabrii yoo dhagahu. Sahaabonni haala isaa kana qalbisan waa’een kun dinqeenii maaliif yeroo wa’een azaabaafi janataa yoo dubatamu hamma hin boonne, yeroo waa’ee qabrii dhagahu akkas cinqamee booyuu isaa sababa isaa gaafatan. Usmaanis erga dubbii Rasuulaa s.a.w dhagahe ‘Qabriin dura mana akeraatii. Namni qormaata isii darbe wanti achiboodaa qormaanni isiidhaa lafatuudha.’ ka jedhan dhagahe. nama nagahaan dura san darbetu, kan achi boodaa nagahaan darba. Kanaafii sababaan boohicha kiyyaa jedhee deebiseef.

Ammas ka Rasuulli s.a.w jedhu dhagahe.’ wanta hundarra; kan akka qabrii nama rifachiisu hin garree’. ka jedhan dhagahe

Abdallahi Ibnu Rum; Usmaan kan akkana jedhu dhagahe, “osoo azaaba fi jannata jidduu nadhaabanii garam akka seenu hin beekinii dura daaraa ta’ee baduu filadha.”


Du’a Abbaa Bakrii fii Gahee Usmaan

Eennullee ta’uu beellamni du’aa yoom akka ta’e hin beekkamu malee dhufa hin hafu. Rasuullis s.a.w osoo dalagaa Usmaan cufa jaalatanii ittiin boonanuu duuti isaan fudhattee, Bara mootummaa jalqabaa Abbaa Bakriis, Usmaan hojiiwwan diin islaamaatif dagalee ta’an hedduu dalaguun, sababaa mataa ol qabachuu diin islaamatif humnaa ta’e. Dinagdee fi yaada isaa gumaachee jira.

Abbaa Bakrii gaddaa fi gammachuu keessattille cinaa dhabbachuun, jaalala Abbaa Bakrii biratti horatee jira. Abbaan Bakris bara angoo isaa waan dhimma islaama ta’e hedduu mari’ataanii ture.

Abbaan Bakris imala mana aakiraa irraa hafuun waan qooda ilma namaa hin ta’iniif, du’aaf yeroo kalaahe; dhimmi bulchiinsa muslimtoota isa yaachise. Mormiin aangoo akka hin kaane sodaatee, nama karaa qajeelaa isaan masakee, kufaatii qileewwan kufrii irraa isaan tiksu, tokkochumma Rabbii irratti isaan bulchu, nama amaana kana baadhate bakkaan gahu filuuf, hedduu lubbuun isaa dheebotte. Ummatattis osoo hin du’in beeksisuuf murteeffate.

Abbaan Bakrii balbala du’aa irra erga gahee, Usmaanin yaamee, waan sitti himu barreessi jedhee ajajeen. Usmaanis bismillah jedhee erga eegale, dhaamsa Abbaa Bakrii itti aansuun ‘kun waan Abbaan Bakarii guyyaa itti jiruu addunyaa irraa gara akiraatti galu dhaame. Yeroon sunis; wayta baasaa lubbuu tan kafirriille dirqitti amanu, dilaawaanille, kijibaanillee dhugoomsu, yeroo san keessatti isinii dhaame. Isinirratti bakka buuse’ jedhee, osoo dubbii isaa itti hin xumuriin gaggabe. Usmaanis Umar binu Kaxxaab ka jedhu itti guute. Turiinsa muraasa booda gaggabbi isaa irraa Abbaan Bakrii beyfatee “naa dubbisi waan barreesite.” jedheen. Usmaanis akka itti barreessetti dubbiseefi jennaan, Abbaan Bakriitis yaanni Usmaan yaada isaatitti gallaan “Allahu Akber jedhe!.” Usmaaninis galatomfate. Haala kanaan addunyaa irra gara mana aaakiratti boqate

Umaris bara bulchiinsa isaa keessatti, hunda sahaabota irra Usmaan binu affaan, Aliyyii binu abii Xaalib fi Abdurahmaan binu Oowfitin mari’ataa ture. Sahaabota biroo irras kaa ufitti dhiheessuu ture. Haala kanaan Umaris; karaa haqa Rabbii, ajaja Qur’aanaa, sunnaa fi hadisaa irratti bara hedduuf erga bulchaa turee booda, Namticha kaafiraa kan maqaan isaa Abu lu’lu’aa jedhamuun; waraanamee jennaan, jiruu ardii tanarra galuuf akka kalaahe bare.

Warroota koree marii jahan; Usmaan Bin Affaan, Xalahaa, Zubeeyr, Sa’aad, Abdurahmaan, Aliyyii Binu Abiixaalib, tan Osoo Rasuulli s.a.w hojii jaraa jaalatu du’e, walitti yaamsisee ofuma keessa akka bulchaa filatan itti himee biraaa du’aan darbe. Abdurahmaan binu Oowfi yeroma san qooda angoo bulchiinsaa keessa of baase, warroota shanan keessaa kamtu ummata biratti fudhatama akka qabu osoo ansaaraa fi muhaajira, baadiyaaf magaalaa, dhiiraaf durba hin jedhiin naannahun yaada fi fedhii namaa ilaaluu fii mari’achuu eegale. Ummanni muslimaas; akkuma fedha Abdurahmaan Binu Oowfi, irra caalan isaani Usmaaniin akka jaalatanii fi angoof isa kajeelan baree jennaan Usmaani koreedhan marii afran duratti waadaa (irbuu) seenef. Warronni hafan afranis waada seenaniifi Usmaan du’a Umar booda bulchaa bulchitoota ummata biyya muslimaa ta’e.


Bulchiinsa Usmaan

Usmaan, seeraf heera Rasuullaa s.a.w, Abbaa Bakrii Fi Umar dhaalun bulchiinsa isaa karaa Rabbii, Qur’aanaa fi Hadiisaatiin ummata muslimaa karaa qabsiisaa ture. Wal qaixxumma fi nageenya biyya muslimaa buuse.

Bara angoo isaatti Usmaan haala nama dinquu fi bulcha tokkorratti gocha ulfaatu raawwataa, of gadi qabaa fi ummata kamiin qixa of godhaa ture. Hamma masgiida keessa rafuun qaamni isaa saalena masgiidatin dirmammaayaa jiru isaa dabarse, dhukkubsataa beeku fi hin beekne cufa ganda keessa nannahun gaafata ture. Gabaa keessa nannahunis qaala’insa gabaa qorataa ture. Bara bulchiinsa isaa diinagdeen heddummachuu, horoon babal’achuu, ummanni hedduun duroome, manni kuusaa diinagdee ummata musliimaa, qabeenyaan guuttame, hamma namni tokko harka nama tokko eegachu irraa of dandahutti, hamma lallabbaan kootta kenna keessan fudhadha, gara nyaataati, damma, dhadha, urgooftuu, zabiiba .. jedhanii lallabamuun godhamutti.

Ummanni badiya gara magaalatti galuu eegale, Kan muslimni muslima hin sodaanne, kan hundi wal jaalala fi walitti tola ooluuf qofa wal barbaadu, waliin nyaachuun, waliin dhuguun keessa babal’atte..walumaa galatti bara bulchiinsa isaa keessa, barrille akka Usmaanitti arjoomuu eegale.

Waan nama ajabu immoo Usmaaniin angoo dura gaala fi re’oota lakkoofsaan hanga hin beekne qabu, yeroo angoo isaa gaala lama qofa qaba ture. Wal qixxummaa namoota qofa irratti osoo hin taane, isaa fi gabra isaa jidduuttillee adeemsisaa ture.

Guyyaa tokko Gabri isaa tokko waa balleessee jennaan, gurra isaa miccire. Booda garuu, gabricha isaa yaameeni akka irraa kafalatuuf gurra jala qabe. Gabrichis bulchaa ta’uu isaa osoo beekuu qaanfataa, jechuma isaa guutuf xinnoma ishee miccire. Yeroo kana Usmaan haqa akka hin guutin baree, deebisee akka sirritti isa micciru isa ajajeen booda “kaffaltiin addunyaa tan aakira irra akkaan laaftudha.” jedhe.

Akkasuma adabbii firaa fi ambaa jidduutis wal qixxeessaa ture.

Biyyoota Usmaan Qabate

Usmaan hoggantoota filachuun akka waraana duulchisani biyyoota adda addaa banan godhe.

  Hoggantoota

  Naannoo isaan banan

Abu Mussaa Al-ash’ari

Magaala Rayyii

Waliid binu Uqbaa

Azarbijaani fi arminiyaa

Abdallah Binu Abi Sarhi

Afrikaa keessatti

Sa’id binu Aas

Xaabaristani fi Gazzaa

Abdallah binu Amri

Kuraasan, dangaa Paris, sajistan, kurmaan, sabur, arjaan, Asbihaan, Habashaa, Jaziiratu qabars,


Seenaa islaamaa kessatti bulchaan jalqaba galaana qabate, duula galannarras kan eyyame Usmaanii binu Affaani. Eyyama isaa booda mu’aawiyyaan kan bulcha biyya shaami ture duulaa waraana galaanarra ta’un akkasumas Abdallah Binu Sarhi bulchaa biyya Masrii ka ture fa’aa ta’un, Qooda guddaa fudhachuun seenaa boonsaa Islamumma keessatti galmeessisan.


Walitti Qabiinsa Qur’aanaa

Dachiin muslimaa babal’annaan hedduminni muslimas dabalee. Sababa kanaan qaraatiin qur’aana garaagarumma ummachuu jalqabde. Namoonni muslima cufti akka afaan isaanitittii qara’uun dhufte. Haala kana kan qalbise Huzeeyfaan Binu yamaan wanni kun garaa isa quqee jennaan, Lola biyya Azar bijaani fi Armaaniyaa irratti qooda fudhachuuf kan biyya Iiraaq jiru achii ka’ee Usmaanitti dhaquun baduuf deemu qurr’aana ykn dubbisa loqodaa biraatti makataa deemuf ta’u qur’aana sodatee itti hime.

Osoo wal dhabbiin akka kitaaba warra Amantii yahuudaa fi Nasaaraa Qur’aan kessatti hin uumamiin dafii dhaqqabi jedheen. Battalumatti Usmaan qur’aana Abbaan Bakrii walitti qabee Hafsaa bira jiru gara isaatti eyyama isiitin fichisiisee, Sahaabdoota akka Zeydi ilma saabiti, Abddallah ilma Zubeyri, Sa’iid ilma Aasi, Abduramaan binu Haaris binu Shaam walitti qabuun akka gama qiraa’aa takkatti deebisan taasise.


Bal’isuu Masjiida Nabiyyiiti Fi Haramaa

Sababa namni bara bulchiinsa Usmaan keessa baadiyya irraa gara magaaalaa Madiinaa fi Makkatti galuu eegaleen namni heddummaate.

Yeroo salaataa dhiphinni masjiidaa uumame. Kana akkuma hubateen masjiida Nabi kan Madiinatti argamuu fi masjiida Haramaa kan Makkatti argamu akka bal’ifamu ajaja kenne haala kanaan masjini lameenu balifame.

Dararaa Fi Du’a Usmaan

Bulchiinssa Usmaan kesssatti qananii irra ilmoon islaama cufti mindaa qabuu turan. Boodde garu humni islaamaa jabaannaan zalimman, munaaffiqqan fi warri angoo Usmaan hinaafan isa angoo irraa buusuuf oduu jalqaban. Namni dubbii kana eegale namticha yahuudaa kan islaamumma himatu kan maqaan isaa Abdallah ilma sab’a jedhamu Masrii irraa ka’un gara biyya Shaam deemun duradhaabbannaa angoo Usmaan akkana jechuun ummata kakaasuu eegale.

Usmaan nama gosa isaatif malee angoo hin qoodu jedhee, fakkeenyaf Mu’aawiyya bulcha shaam, Abdallah binu Abii Sarhi ka bulcha Masrii tahe, akkasuma Abdallah ilma Amiir kan bulchaa biyya Basraa ta’e lakkahe, warri biyya shaam oduu kana gurra hin laannef tuffate ofirraa ari’e.

Booda gara kuufaa deeme. Ummanni kuufaa duraanu kan cubbuu fi bulchaa isaanii irratti himannaa heddummatu ture. Warri kuufa Dubbii Abdallah binu sab’aa kana kessummessuun Usmaan irratti olola sobaan maranii ofuu eegalan. Nama oduu kanaaf jala yaa’u argatee humna jabeeffatee jecha Nabin s.a.w du’a isaani dura dubbatan “hokkarsi ykn jeequmsi kara kallatti bahaatiin eegala.” jedhan san dhugoomse. Booda hokkarsa eerga kaasee booda gara Masritti deebi’e ummata faalla Usmaan dhaabbatan biyyootta garaa garaa kessatti gurmeessutti seene.

Ummaanni innni gurmeesse kun meeshaa lolaa kurfeeffatanii akka gara Madiinaa deemaan ajajeen. Angoo Usmaan akka gadi dhiisisiisaniif, Ummanni gurmaa’e kun akkuma ajaja isaa fudhataniin Madiinaa dhaquun Usmaanin angoo gadi lakkisi jedhaniin. Usmaan garuu dhaamsa Rasuulaa s.a.w “Yaa Usamaan na booda Rabbiin mudawwaara si uffisuuf deemaa yoo warri munaafiqaa mudawwara ykn kombartaa kana baafadhu ykn mulqadhu siin jedhan akka hin baafanne.” jechuun kan dhaamaniif san yaadatee angoo gadi lakkisuu dide.

Ummanni Abdallahi binu sab’aan gurmaa’ee kun didda Usmaan kana humnaan angoo irraa mulquuf mana isaa akka dalla manatti naannessuun akka gadi hin baane fi namni itti ol hin seenne guyyaa afurtamaa oliif marsan. Usmaan goota obsi isaa kan akkaa gaaraatti tullame waan tureef yeroo sahaabonni ummata kanaan lolleee sirraa haa kaafnu jedhaniin gaafii sahaabotaa fashaleesse akka ajaja koo malee mana keessanii hin baane lolaaf jedheeni dhorge.

Ummanni angoof garaan isaani hinaafe kun garuu Usmaanin dararuu irraa kan ka’e akka namni dhufee isa hin ziyaarre dhorkan, hamma nyaataa fi dhugaati dhoggachuun warra isaatii fi Usmaaninillee dararan.

Boodarra Aliyyi fi sahabonni muraasni humnaan gara mana Usmaan deemuun bishaan erga kennaniifi. Zayid binu Saabitis Alii fa’aa waliin warra dhufe keessaa ka ture akka Usmaan lola eyyamuuf ansaaronni siif tumsuuf qophitti jiranii nuuf eyyami jedheen. Aliyyis itti ansuudhaan goototni dhibbi shanii akka waliin jiranii fi irraa loluuf eyyama naaf godhi jedhee Usmaanin kadhattti gadi taa’e. Osoo agartuu dhiiga kee hin dhangalaasiin jedheen. Usmaan garuu boloola Aliyyi kanaaf galata gooftaan siif haa deebi’u jedhee erga galateeffate booda akka sababa isaaatin dhiigni islaamaa islaamaan jigu hin feene itti hime. Sahaabonni garuu murtii isaa kanatti bay’ee waan hin quufinif akka inni eyyama kennuuuf jabeessani kadhachutti seenan. Muhajirtoonni, Ansaroonni fi ilmaan isaaniille Usamaanii tumsuuf bahani ka jiran eyyama isaa akka bishaanitti dheebotanii eegu turen. Hangamuu sahaabonni kadhaan isa dirqanuu, innis ajaaja dirqii kenne. Akka namni tokko isarraa lolaaf jedhee seeyfi hin luqifanne kakadhee jira. Nama ajaja kiyyaa fudhachuun irra jirutti. Yoo dubbi isaa kana dhagahan ummanni isaaf tumsuu ka’e qalbii cabee ofirra taa’e.

Usmaan lubbuu isaa wareegee ummata muslimaa dhiigaa isaani jigiinsarra hanbisuun fakkeenya ta’e. Guyyaan guyyaa bakka buusee guyyaan Usmaan manaa gadi bahu gahe jennaan, Usmaanis akkuma guyyaa kana gadi bahe morma isaa ol fuudhee ummata isa marse kanaan haasaa eegale. Rabbii isin uumeen sagalee olfuudhee isin gaafadhaa, “beektu Nabi Muhammad s.a.w, Abbaa Bakrii, Umarii fi anillee ka jiru gaara Uhuudirra baanee jeennaan gaarri hanga dhakaan irraaa gadi harca’utti hurgufamte, jennaan gadi dhaabadhu. Nabi Muhammad s.a.w, Nabiyicha, Siddiiqii fi shahiidee lameen malee namuu sirra hin jiru jedheen beektuu?.” ee ni beekna jedhaniin Usmaannis, Allahu Akbar, Shahidummaa tiyya ragaa naa bahan jedhe. Rabbii haqaan gabbaramaa malee ka biroo ka hin jirreen isin gaafadha. Sila beektu? Nabiin Rabbii fuulaa ormaa keessa laalaa, “nama tajaajila waraan kanaatiin dhaabbatte Rabbiin isaaf haa araaramu.” akka jedhan. Ka an kurfeesse waraanaa saan, hamma gaalli sakaalla fi lugaama hin dhabinitti qopheessee? Ee jedhe umaanis. Yaa Rabbi ragaa na bahi jedhee ammas itti deeb’uun sagalee ol kaasee isin gaafadhaa, Sila beektuu? Nabin Rabbii kajedhe “nama boolla ruumaa qote jannanni isaaf taatuudha.” Akkasuma waraana cinqiidhaa ka kurfeesse? ani boolloo san hin qonne? ani waraana san hoo hin kurfeessinee jedheen? Ee kurfeessite jedhaniin. Usmaan ammas of irra garagale ummata mogga isaa jirutti dubbate akka abjuun Rasuula s.a.w, Abbaa Baakrii fi Umariin arge ka isaan sadiinu nu biratti sooma kee hikta jedhaniin himeef. Usmaan yeroo marfame kana guutuu soomarra ture. Boodaa Usmaan kitaaba naa fidaa jedhee banatee dubbisutti seene, yeroo kana warri qa’ee isaa marsanille dallaa isaa cabsanii seenuu jalqaban. Booda itti marsanii kallatti cufaan qubbeen isaa seyfiin irraa ciccirutti seenan. Usmaan garuu yoo kana cufaa bismillah, tawakkaltu alallahi subhanallahi, jechutti ciche.

Hanga dhiigni isaa harcaatutti aayata qur’aanaa tana irratti. Suuraa Baqaraa 137

فَسَيَكْفِيكَهُمُ اللَّهُ ۚ وَهُوَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ. البقرة: 137

Hikkaan aayata tanaa akkana “Rabbiin gahaa isaaniiti, Rabbiin dhagaha dha, Akkasumas beekadha.” ta jettu turte. Ergasii Usmaan wareegamee guyyaa sadii turee salata magriibaa booda awwaalame.

“Rabbiin nama isaatirraa ni deebisa. Akkasuma hin jaalatu warra kafaree fi boonullee.”

Rasuulli s.a.w hadiisa Qudsii keessatti Rabbiin akkana jedhe jedhee dubbate “nama jaalalle kiyya diina godhate an isaan lola isa beeksise jedhe.” Ragaan kanaas Abbaan Qilaabaa osoo ummata waliin deemutti jiru, sagalee gurbaa tokko dhagahe. ka jedhu “wayyaa gubata koo ta ibiddanii.” yeroma kana yoo abbaan Qilaabaa gara gurbaa deeme bira gahu harki isaa lameen lukti isaa lameenis citaa ture ijji isaas jaamaa ture, kan fulli isaa dachitti gombifamaa ta’e arge. Maal taate jedhee yoo gaafatu. Guyyaa Usmaan ajeesan an ummata san waliin ture, yeroo Usmaan ajjeesan haati mana isaa iyyinaan an kabale, Usmaanis na abaare, Rabbi harka kee lamaaniif luka kee lamaanille sirraa haa kutu. Ijaa kee lamanis si haajaamsu. Jahannaminille si haa gubu naan jennan. Yeroma san baqadhee abaarsa isaa sodadhee achii tare. Kunoo agarta narraa hin hafne na dhaqqabe wanti ati gartu cufti jedheen. Tokkoolle abaarsa isaa irraa narraa hin hafne azaaba ganaa itti deemaa jiru san male. Booda Abbaan Qilaabaallee Rabbiin si haa fageessu Rahmata isaa irraa jedheeni biraa deeme. Yaziid binu Habiib akka jedheetti warroonni guyyaa san isa ajjeesu dhufan hedduun isaanii ni maratan jedhe. Sahaabdichi sifni isaa arjummaa, duulinsaan, haqa dalaguun, of gadi qabuun, wareegamuun karaa Rabbititti bulaa ture sun, dhiigni isaa ni yaate ta qulqulluu taate sun, qaaxira ykn gurzaa bulu sun qur’aana waliin, hin hafte. Ni godaane Sahaabdichi toltuu heddu fakkenyummaa namaaff dhiise sun. Usmaan ni godaane gara jaalallee Rabbiititti. Kunoo nullee hojii isaa san dubbachutti jirra toltuu isaa faarsutti jirra. kan yoomu isa hin irranfanne ta’e.

“Rabbiiin irraa haa jalatutti, Usmaanin jannatul firdosittis walitti nu haa qabu.”




Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH