Du'aa'ii yeroo Du'aa/Janaazaa jadhamuu

 



Du’aa’ii yeroo ija du’aa gadi qaban jedhamu

اللَّهُمَّ اغْفِرْ لِفُلاَنٍ (بِاسْمِهِ) وَارْفَعْ دَرَجَتَهُ فِي الْمَهْدِيِّينَ، وَاخْلُفْهُ فِي عَقِبِهِ فِي الْغَابِرِينَ، وَاغْفِرْ لَنَا وَلَهُ ، يَا رَبَّ الْعَالَمِينَ، وَافْسَحْ لَهُ فِي قَبْرِهِ، وَنَوِّرْ لَهُ فِيهِ
Yaa Rabbi abaluuf (maqaa isaa waamee) araarami. Sadarkaa isaa qajeeltota keessatti ol kaasi. Booda isaatii warra hafan keessatti bakka buusiif. Yaa Rabbii aalamaa nuufi isaafis araarami. Qabrii isaa keessa isaaf ballisi; keessa isaa isaaf ibsi.


Du’aa’ii yeroo janaazaa irratti salaatanuu

اللَّهُمَّ اغْفِرْ لَهُ وَارْحَمْهُ، وَعَافِهِ، وَاعْفُ عَنْهُ، وَأَكْرِمْ نُزُلَهُ، وَوَسِّعْ مُدْخَلَهُ، وَاغْسِلْهُ بِالْمَاءِ وَالثَّلْجِ وَالْبَرَدِ، وَنَقِّهِ مِنَ الْخَطَايَا كَمَا نَقَّيْتَ الثَّوْبَ الأَبْيَضَ مِنَ الدَّنَسِ، وَأَبْدِلْهُ دَاراً خَيْراً مِنْ دَارِهِ، وَأَهْلاً خَيْراً مِنْ أَهْلِهِ، وَزَوْجَاً خَيْراً مِنْ زَوْجِهِ، وَأَدْخِلْهُ الْجَنَّةَ، وَأَعِذْهُ مِنْ عَذَابِ القَبْرِ وَعَذَابِ النَّارِ
Yaa Rabbi isaaf araarami. Isa mararfadhu. Nagaa isa godhi. Irra dabriif. Qubsuma isaa kabaji. Seensa isaa ballisiif. Bishaan, bishaan qabbanaafi cabbiin isa miici. Akka huccuu adii xurii irraa qulqulleessitetti yakka irraa isa qulqulleessi. Mana mana isaa caalu, maatii maatii isaa caalaniifi niitii niitii isaa caaltu bakka buusiif. Jannata isa seensisi. Adabbii qabriitiifi adabbii ibiddaa irraa isa tiksi.


Du’aa’ii ilmoo du’eef godhamu salaata irratti salaatamu keessatti

اللَّهُمَّ أَعِذْهُ مِنْ عَذَابِ القَبْرِ
(اللَّهُمَّ اجْعَلْهُ فَرَطاً وَذُخْراً لِوَالِدَيْهِ، وَشَفِيعاً مُجَاباً، اللَّهُمَّ ثَقِّلْ بِهِ مَوَازِينَهُمَا، وَأَعْظِمْ بِهِ أُجورَهُمَا، وَأَلْحِقْهُ بِصَالِحِ الْمُؤْمِنِينَ، وَاجْعَلْهُ فِي كَفَالَةِ إِبْرَاهِيمَ، وَقِهِ بِرَحْمَتِكَ عَذَابَ الْجَحِيمِ، وَأَبْدِلْهُ دَاراً خَيْراً مِنْ دَارِهِ، وَأَهْلاً خَيْراً مِنْ أَهْلِهِ، اللَّهُمَّ اغْفِرْ لِأَسْلاَفِنَا، وَأَفْرَاطِنَا، وَمَنْ سَبَقَنَا بِالْإِيمَانِ) فَحَسَنٌ
اللَّهُمَّ اجْعَلْهُ لَنَا فَرَطاً، وَسَلَفاً، وَأَجْراً
Yaa Rabbi adabbii qabrii irraa isa tiksi
“yaa Rabbi maatii isaatiif dursaafi kuusaa, manguddoo Rabbiin isaaf qeebalu taasisi. Yaa Rabbi madaala isaanii ittiin ulfeessii mindaa isaanii ittiin guddisiif. Mu’uminoota gaariitti isa dhaqqabsiisi. Wabii Ibraahiim keessa isa godhi. Rahmata keetiin adabbii jahannamaa irraa isa tiksi. Mana mana isaa caaluufi maatii maatii isaa caalu bakka buusiif. Yaa Rabbi warra nu durseef araarami. Kan iimaanaan nu dura bu’aniifis” jedhe gaarii ta’a
Yaa Rabbi kan jannata keessatti dursee nu eeguufi mindaa nuuf taasisi.


Du’aa’ii yeroo du’aa qabrii galchan godhamu

بِسْمِ اللَّهِ وَعَلَى سُنَّةِ رَسُولِ اللَّهِ
Maqaa Rabbiitiin; karaa Ergamaa Rabbii (saw) irratti.


Du’aa’ii erga du’aa awwaalanii godhamu
اللَّهُمَّ اغْفِرْ لَهُ، اللَّهُمَّ ثَبِّتْهُ
Yaa Rabbi araaramiif. Yaa Rabbi gadi isaa dhaabi.



Du’aa’ii taaziyaa (gaddaa)

إِنَّ للَّهِ مَا أَخَذَ، وَلَهُ مَا أَعْطَى، وَكُلُّ شَيْءٍ عِنْدَهُ بِأَجَلٍ مُسَمَّى... فَلْتَصْبِرْ وَلْتَحْتَسِبْ ، (أَعْظَمَ اللَّهُ أَجْرَكَ، وَأَحْسَنَ عَزَاءَكَ، وَغَفَرَ لِمَيِّتِكَ) فَحَسَنٌ
Wanti Rabbiin fudhate kan Isaati. Kan Inni kennes kan Isaati. Wanti hunduu Isa biratti baallama beekamaadhaani. … haa obsitu mindaa Rabbirratti haa herreggattu

Yoo “Rabbiin mindaa kee haa guddisu. Obsa kee siif haa gaaromsu. Du’aa keetiif haa araaramu” jedhe gaariidha.


Du’aa’ii yeroo qabrii ziyaaranii

السَّلاَمُ عَلَيْكُمْ أَهْلَ الدِّيَارِ، مِنَ الْمُؤْمِنِينَ وَالْمُسْلِمِينَ، وَإِنَّا إِنْ شَاءَ اللَّهُ بِكُمْ لاَحِقُونَ، [وَيَرْحَمُ اللَّهُ الْمُسْتَقدِمِينَ مِنَّا وَالْمُسْتأْخِرِينَ] أَسْاَلُ اللَّهَ لَنَا وَلَكُمُ الْعَافِيَةَ
Yaa warra ganda mu’umintootaafi muslimoota irraa taatan nagaan isin irra haa jiraatu. Nuti yoo Rabbiin fedhe isinitti dhaqqaboodha. Rabbiin nurraa warra durseefis ta’ee kan boodaatiif haa araaramu. Nuufi isiniif nageenyan kadha.

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH