SEENAA ZUBEEYIR IBNU AWWAAM

 


       6. SEENAA ZUBEEYIR IBNU AWWAAM

"Malaa'ikaaan Bifa Isaa Irratti Buute" Jedhan Muhammad s.a.w

Eennu gootni dur islaamummaaf seeyfii luqqifatuun, hoomaa waraanaa kaafiraa qaxxaa muree seeyfi isaatin Rasuula s.a.w tiksee?

Eennu gootni kumatti tilmaamame. Irra caalaa goototaa tahun; kan Umar ibnu Kaxxaab akka kuma namaatti madaalun lolatti erge?

Zubeeyir Ibn Awwaam: Tokko akka kumaa, Osoo lubbuun jiru warra jannataa tahu kan Ergamaan Rabbi [saw] isaaf ragaa bahe. Erga Rasuulli s.a.w du’anii booda dhimma islaamatif koree marii namoota jahan keessa inni tokko. Zubeeyir Ibnu Awwaam ilma adaadaa Rasuulaa s.a.w kan umrii ijoollummaatiin islaamahedha.

Zubeeyir Rasuula s.a.w hamma onneen isaa dhootutti jabeessee jaalata. Duula Rasuulli s.a.w duule cufa keessatti, dadhabe, na dhukkube osoo hin jedhin, humna isaa hunda osoo hin qusatin duulee lolaa ture.

Guyyaa duula Uhud dubbiin sobaa tan “Rasuulli s.a.w ajjeefame.” jettu faffacaate. Zubeeyris kan dubbii kana dhagahe, hamma isaan maal akka ta’an baruuf, akka hobonboleetitti qaamni isaa sardamaa gamanaa gamas fiigee Rasuula s.a.w barbaade. Osoo inni oliif gad dhama’u Rasuulli s.a.w itti dhufee maal akka inni dhabe gaafateen.

Zubeeyris waan dhagaheef: lubbuun isaa obsa dhabdee rifatuu irraa akka of wallalutti jiru itti hime. Rasuullis s.a.w nagaa tahuu isaanii himaniifii, isaafii seeyfii isaatifis eebba godhanii fi innis lolatti tasgabbaa’e. Zubeeyir waan hojii isaa keessatti sahaabota birootin adda isa godhu; Akkuma wareegamummaa jaalatutti sahaabota jaalatuu irraa kan ka’e, yoo jarri du’an maqaa sahaabota wareegamanii (shahiidanii) ijoollee isaatif moggaasa. Haala kanaan maqaa isaaniitii fi seenaa isaanii hanbisuun, erga sahaabonni du’aniillee yaadannoo isaanii of biratti hanbifata. Akkuma Xalhaan Ibn Ubeeydullah ijoollee isaatti maqaa anbiyoota baafatutti; Zubeeyris sahaabota qaqqaalii, jaalatamoo fi beekkamoo ilmaan isaa akka haala jaraa dhaalaniif, hawwii qaburraa kan ka’e ilmaan isaa sahaabota armaan gadiitin yaamaa ture.

Abdallah

Abdallah Binu Jahishii

Munzir

Munzir Binu Amiir

Urwaa

Urwaa Binu Mas’uud

Hamzaa

Hamzaa Binu Abdul-muxxalib

Ja’far

Ja’far Binu Abii-xaalib

Mus’aab

Mus’aab Binu Umeeyri

Ubeeyidaa

Ubeeyidaa Binu Haaris

Kaalid

Kaalid Binu Sa’iid

Amri

Amri Binu Sa’iid Binu Aas


Godaansa Zubeeyir Binu Awwaam

Aanaa gaarii fi gosa gaarii irra kan dhalate Zubeeyir ilma Awwaam akkuma sahaabota hedduu innis dararaa fi doorsisa dhandhamaa ture. Haalli kun jiruu isatti hadheessee, Akka fedhaa fi humna isaatti Rabbii isaa gabbaruu waan hin danda’iniif, haala islaamummaa isaa itti jabeeffatee, Rabbii isaa gabbaruu, mijeeffachuuf fala barbaadataa ture.

Osoo haala kanaan jiruu Rabbiin kool galtummaa biyya habashaa eeyyamee jennaan, biyya dhaloota, dachee irratti biyyee ishii hafarsee guddate irraa gara biyya hin beekneetti baqatuuf dirqame. Haala kanaan kool galtummaaf biyya Habashaatti Al-lamaanu baqate.

Gahee zubeyrii Duulota Keessatti

Duula Badrii:- Guyyaa duula badrii Ummatni islaamaa hanqinna diinagdee qaban ture. Nama lama malee lola guddaa san keessatti sahaabonni akka jiraniin Farda hin qaban. Nama lamaan keessaa tokko Zubeeyir Binu Awwaam ture. Zubeeyir dheerinna isaa irraa kan ka’e, Farda irra yammuuu taa’u akka nama Harree yaabbateetti miilli isaa lafa tuqa. Erga lolli eegalame; Rabbi ummata muslimaa tumsuuf malaa’ikoota dachii lola badriitti, gadi buuse. Malaa’ikoota san keessaa bifa Zubeeyir Binu Awwaamin kan bu’e Jibriili. Duula kana keessatti Zubeeyir gootota mushrikaa, warroota bebbeekamoo fi kabajamoo lama lubbuu isaanii qaaman gargar baase. Keessahu abbeeraa isaa kan yeroo inni muslima tahetti dararaa gudda irraan gahaa ture; Nowfiil Binu Kuweeylid kan jedhamu ajjeesuun mushrikkan sodaa itti buuse. Inni lammataa immoo kan guutuu qaama isaa sibiilan haguuge, kan ijji isaa qofti mul’attu, kan akkaan muslima rakkisee fi namni tokkolle itti kalahuuu hin danda’in; Ubeeyda Binu Sa’iid Ibnu Aas kan jedhamu eboon darbatee ija isaa keessa waraanee isa ajjeese. Eeboo waraane san dhaqee yoo irraa buqqisuuf jedhu humna guddaa isa gaafate. Eeboo san Rasuulli s.a.w akka isaaniif kennamtu kadhatanii kennamteef. Erga du’a isaani boodas eeboon sun kaliifotatti daddarbitee, erga du’a Usmaaan booda ijoollee Zubeeyritti deebite.

Duula Uhuud:- Duula kana kessatti Zubeeyri Rasuulaa s.a.w hamma lubbuun isaa wareegamtutti loluuf baallama seeneef. Guyyaa duula Uhud cinqiin ummata muslimootatti jabaatee kallatti hundaanu caban. Rasuulli s.a.w goota kaafiraa tokko kan akkaan muslima fardarra taa’ee gadi tumu tokko arganii, Zubeeyiriin itti ergan. Innis akkuma ajaja Rasuulaa s.a.w gara namtichi jirutti qajeele. Gooba xinno takka gubbaa dhaabbatee namticha Fardarraa muslima xuruuru kanatti, akka qeerransaatti itti utaalee Fardumarratti itti maramee, Fardarraa lafaan dhahe. Al tokko Zubeeyirii: al tokko immoo kaafirtichi gubbatti bahee, erga yeroo dheeraaf wal garagalchaa turanii booda, Rabbiin ol aantummaa Zubeeyirii kenneefi kaafirticha ajjese. Kanafis Rasuulli s.a.w jecha muslimni kamuu dhagahuf; lubbu isaa wareegu tan isa dura eessuma isaatin malee, nama tokkoonuu hin jedhin “ati ayyo fi abbo kiyyan furamadha.” jechun isa gammachise.

Duula Kandaqi (Ahzab):- Zubeeyri duula kana keessatti kaafirticha seeyfii isaatiin al tokko qofa dhahun kooraa isaatiin wajji Farda irraa facaase. Gahee inni duula kana keessatti taphates Bukaari fi Muslim Jabir irraa akka nu gabaasanitti; gaaf duula Ahzab ergamaan Rabbii s.a.w “ennu namni oduu banii qureeyzaa nuu fidu?.” jennaan Zubeeyr ana jedhe. Haluma kanaan kan waa takkallee hin sodaanne al-sadi nabiin s.a.w gafannan ana jechuun si’a sadeenu Fardaan gulufuun oduu fidaafii ture.

Ammas gahee isaa kan Kandaq; sadarkaa gootaa, gootumattu beeka! gootni beekkamaan islaamaa Aliyyi ibn Abii Xaalib Zubeeyri irraa “goota namaati!.” jechun faarseen.

Akka ilmi isaa Abdallahiin jedhetti Rasuuli s.a.w guyyaa duula Ahzaab anaafii Umar binu Abii Salama dubartoota keessatti nu dhiise. Yeroma kana Zubeeyri kan dabaree lamaa fi sadi deddeebi’u arge. Eega galees yaa abbaa koo ani sihii gidduu banii Qureeyzaa fi muslimootaa deemtun si arge bar jedhen. Innis ergamaan Rabbii s.a.w nama oduu jararraa nuu fidu jennaan, oduu fiduuf deddeebi’e. Yeroo kana Rasuuli s.a.w aayyoo fi aabboo isaa waliti qabuun ati aayyoo fi aabboo kiyyaan furamaadha naan jechuun na gammachiisan naan jedhe.

Gaafa duula Huneynii akkuma duula Uhud lubbuu isaatif osoo hin cinqamin jaalallee isaa irraa diina deebisuudhaan hanga kaafiri isa faarsu gahe. Kaafirtoonni Rasuula s.a.w ajjeesuf marsanii Zubeeyriif garuu namni tokkollee itti dhihatuu hin dandenne. Inni kaafiritoota ajjeesutti jabaannaan kaafiritooni gama durabu’aa [ajajaa] isaanii deebi’un, “gurbaan xiyya ceekuu isaa irrati baadhatu, kan amaamaa daalattii maratu nu fixutti jira.” jedhanii himatan. Yeroma jarri kana himaniif “inni Zubeeyri ibn Awwam wilii (ofduratti) hiriira keessan laaqee wilii isin facaasaa, sirritti ofirraa eegaa.” jedheen. Zubeeyris dura bu’aa jaraa hin kijibsiifne, akkuma inni jedhe hiriira jaraa laaqee fafacaasee jalallee isaa Rasuula s.a.w tiksaa ture.

Duula Yamruuk:- Ilmi isaa Urwaan akka nuu odeessetti gaafa duula kanaa sahaabdonni Zubeeyriin “hidhadhuu nu hidhachiisi, lolii nu lolchisiisi!.” jedhanin. Innis “na kijibsiftanii taa’aa!.” jennan, “si hin kijibsifnu!.” jedhanii waadaa seenaniif. Booda Zubeeyris Farda irratti bahee, Farda isaa buraaqsaa hiriira waraana kaafirtootaa dhoosee akka baheen Kan namni tokkolee duubaan hin jirre. Osoo gama muslimtoottaati deebi’aa jiruu kaafirtoonni lugaama Farda isaa qabuun bakka gaafa duula Badrii dhahame ceekuu isaa dhahan. Urwaan waa’ee dhahama tanaa yeroo himu; “ani ijoolummaa kiyyatti: dhahama qaawwa kanaa quba keessa naquun taphataa ture.” jechuun nuu odeesse.


Baniinsa Masrii

Amri Ibnu Aas yeroo Masrii banuuf qophaahe waraana 3500 (kuma sadihiifii dhibba shan) qofa qaba ture. Xiqqeenna waraana kanaatif amiira mu’mintootaa Umaritti xalayaa bareesseefii waraana akka ida’uuf gaafate. Umaris xiqqeenna waraana kanaatiif yaaddawee waraana sahaabdonni gurguddoon akka Zubeeyrii, Miqdaad binu Aswad, Ubaadaa binu Saamit, Maslama binu Mukallad fa’a ka keessa jiran, walititi qabee xalayaa bareesse itti erge. Qabiyyeen xalayaa sanii waaranaa kuma afur ergeefi, kan kumaa hundaa keessa tokkoon akka kumaa Zuubeeyir Binu Awwaam keessa jiruu fi hogganaa waraana ergameetifis ajajaan Zubeeyriin ta’uun keessatti ibsamee jira .

Zuubeeyiris yeroo Amri bira gahuu, waraanni Amrii jogola kuffaara Baabiloon cabsuu dadhabee, kaa marse arge. Innis waraana qooduun jogola irra marsee, lolaaf dheebotee, ji’a torba guutuu kuffaara lola sodaatee jogola keessaa gadi bahuu dide itti marsanii eegaa turan.

Zubeeyriinis dhibeen Koleeraa (Xaa’uun) naannoo san jiraachuu itti himnaan, “Koleeraa fi waraanalle waraanuuf dhufne.” jedhee socho’uu dide.

Amri baniinsa irratti turraan, Zubeeyri akkana jedhe: “an lubbuu too Rabbii fin kenna! wareegama kiyyaanis baniinsa akka nuuf arjoomu hawwa.” jedhee kortoo jogolatti hirkisee muslimootaan “yoo Allahu Akbar jechuu koo dhageettan na jalaa qabaa.” jedhee ajajee, mushriktootatti cabsuuf kortoo koree jogalarraa bahee gadi bu’e. Zubeeyris Allahu Akbar jedhaa guraadeen mushriktootatti kan gadi bu’aa jiru akkuma arganiin waraanni muslimaa, Zubeeyriin booda hedduminaan gara jogolaatti ol bahuuf kortotti ol kore.

Yeroo kana Amri kortoon hin cabdii shakkee, waraanaf osoo inni dhiphatuu, waraaanni muslimaa kan zubeeyri booda seenes Seeyfi luqqifatee Allah akbar jedhaa jogola keessa warra ruumiitin lolaa jogolatti gadi bu’e.

Ummanni Ruumis waraana muslimaatin marfamuu jaraa arganii, lolanii akka hin hinjifanne barraan harka kennatan. Haala kanaan Rabbiin muslima irra ansuu dhaan Mootummaa Baabilooni fi Masriitif sababa tahee, ummanni muslimaa irra aanee, injifannoo goonfate.


Hinaaffaa Zubeeyr binu Awwaam

Asmaa’an intalli Abbaa Bakrii niitin Zubeeyr akka jette,.” Zubeeyri guyyaa na kaadhimatu, diinagde, horii, lafaa fii angoo takallee hin qabu ture, Farda isaa malee. Ani Farda isaa kana kunuunsuu malee, ka qooshaa /bukoo/ qooshu malee dinagdee biraa qabaatee hindalaguuf ture. An qooshaa kanallee seeratti bilcheessu hin danda’u. Hintala ollaa takkattu naaf bilcheessa ture.”

“Guyyaa tokko osoo Oorruu Rasuulli s.a.w Zubeeyriif laatan keessaa timira guuree gara mana deebi’utti jiruu, Rasuulli s.a.w sahaabota waliin natti dhufan. Yeroo kana dadhabbii kiyya arganii, Gaala naaf dhaabanii akka an isaan duubaan yaabbadhu na gaafatan. Osoo dadhabbiin kiyyaafi dheerinni karaa na yaachisuu, Zubeeyriin abbaa warraa koo hinaaffaa isaa yaadadhe, affeerraa Rasuulaa s.a.w dide. Erga manatti gale booda Zubeeyrin Abbaa manaa koo akka Rasuulli s.a.w fuulatti natti dhufanii Gaala isaan duuban akka yaabbadhu na affeeruu isaanii itti hime. inni Rasuulatti s.a.w hinaafa osoo hin tahin sahaabota hedduu Rasuula s.a.w waliin jiran saniif hinaafaa shakkite. Yeroo kana maaliif hin yaabbatin jedhee inni na gaafannaan, akka ati hinaftu yaadadhee, booda osoo an yaabbadhee silaa nan dhiiftu jedhee sodaadhee irraa of qusadhe.” jettee itti himte. Innis yeroo kana garaan isa dadhabee“akkanatti na jalaa dadhabuu kee irra osoo yaabbattee caala filadha.” jedhee isii gammachiise.


Du’a Zubeeyri Binu Awwaam

Zubeeyir binu Awwam, goota onneeen isaa akka hojjaa isaatti dheerinni itti qixxaatu kan hin jirree dha. Goota dirree lolaa keessatti kan akka gaaddisa mukaa, muslimaa hara baafachiisudha. Goota dirree lolaa arjoomaa humnaati. Goota akka roobaatti waan qabu hunda namaan gahu. Hiyyeessa; onneen imaanaan dureessaati. Rabbiin goota akkana gidduu sahaabotaa keessatti uumee, Sababa irree isaatin namoota mushrikaa heddu lafarraa balleesse. Isaas Rabbiin beellama isaaf qabe kan du’aa bira hin darbine. Guyyaan isaa gahee lola Saffiina (lola duula Kormaa Gaalaa) keessatti lubbuun isaa addunyaa kanarra godaante.




Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH