SEENAA ABDU-RAHMAAN BINU OOWFII

 


    7. SEENAA ABDU-RAHMAAN BINU OOWFII

Isaannan Rabbiin milkii isaanii garaa haadhaa keessatti barreesse keessaa, Abdurahmaan bin Oowfi tokko.

Tokkoo warra saddettan dura islaamawaniiti, tokkoo kurnan warra jannataati, tokkoo jahan koree mariiti.

Osoo Nabi Muhammad s.a.w lubbuun jiran tokkoo warra fatwaa kennaniiti. Kan tola kana cufaan islaamummaa keessatti Rabbiin isa badhaase kun Abdurahmaan Binu Oowfiiti.


Islaamahuu Abdurahmaan Binu Oowfii

Abdurahmaan Binu Oowfii jalqaba barii diin islaamaa warra saddeettan amanee keessaa isa tokko. Erga Abu Bakri Siddiiq amanee guyyaa lama booda innis Muhammadiin s.a.w dhugoomsee, osoo isaan ganda Gaara safaa jalatti argamu, gara ganda Arqam Binu Arqamitti hin galin islaamummatti seene.

Erga Islaamummaatti seenee inni dararaa fi hammeenyi of nama wallaalchistu ummata mushrikaa kan Makkaa irraa isatti hammaattullee, Innis hamma jabeenna dararaa fi hammeenya sanii islamummaatti ka dur irra jabaatuu eegale.


Godaansa Abdurahmaan Binu Oowfii

Inni warroota gara Habashaatti godaanan keessaa tokko. Erga oduu sobaa ummanni Makkaa islaamahee Nabi Muhammad s.a.w waliin salaatuu jalqabe jedhu dhagahee gara Makkaatti deebi’e. Garuu dubbiin soba ta’u isaa erga Makka gahe hammeenyaa fi dararaa isarra gahaa ture, dachaan itti dabalamte isa simatte jennaan beeke. Boodas yeroo lammaffaaf deebi’ee gara biyya Habashaatti godaane.

Nabi Muhammad s.a.w godaansa gara Madiinaa akkuma hayyameen, warra duraa irraa ta’uun Abdurahmaan Binu Oowfiitis gara Madiinaa godaane.

Erga ummanni Makkaa gara Madiina godaane, Rasuulli s.a.w Muhaajiraa fi Ansaara walitti obboleewwan godhe. Akka carraa ta’ee Abdurahmaanis Sa’aad Binu Rabii’in walitti obboloome.

Sa’aad badhaadhinna diinagdeetin Ansaarota keessatti maqaa qabeessa ture. Diinagdee isaa cufa iddoo lamatti hiree qooduufi, niitii lamaan qabu keessaallee takka obboleessi isaa Abdurahmaan binu Oowfii ta jaalate filatee, akka gad dhiisuuf waadaa seeneef.

Abdurahmaan tola arjoomina Sa’aad erga galatoomfatee, qabeenyaa fi haadha warraalle itti didee, akka magaalatti daldalaaf isa qajeelchu gaafateen. Sa’aadis akkuma fedha Abdurahmaan isaaf godhe.

Erga Abdurahmaan hojii daldalaa eegalee booda guyyaa tokko, isaa Urgooftu urgeeffatee deemu, kan fuulli isaa gamachuu irraa ife, Rasuulli s.a.w fuulatti dhufaniin. Foolee urgooftuu isaa dinqisiifataa, “Abdurahmaan maal argatte!?.” jedhanii gaafataniin. Abdurahmaanis akka fuudhe itti hime. Ammas Rasuulli s.a.w mahrii hangam takka kennee akka fuudhe gaafataniin. Abdurahmaanis warqii hammi isii killee geettu, akka kennee fuudhe himeef.


Sadarkaa Abdurahmaan Binu Oowfii

Rabbitti kakadhee sadarkaa sahabdicha kabajamoo kanaa waanin jedhee isa ibsu hin beeku. Jecha itti dhabe; jecha sanuu ka qalamni barreessuu irraa hifate. Sadarkaa isaa hedduu irraa, tan guddattee, sadarkaa kamiinuu hin madaalle arge. Mee eennu namni nabiyyii s.a.w nabiyyoota hundaa caalu ka salaachisu ta’ee ka argame? Garuu Abdurahmaan Binu Oowfii guyyaa duula tabuuk Imaama ta’uun Nabi Muhammadiin s.a.w dura dhaabbatee ummata salaachise.

Akka Mugiiraa irraa odeeffametti “Rasuulli s.a.w fincaanif jecha ummatarraa fagaate. Waqtiin salaata fajriiti. An weelkaa bishaanii qabadhee waliin deeme. Booda Rasuulli s.a.w an bishaan buusaafii, inni shanacha isaa, fuula isaa al sadii sadii dhiqate. Booda dhumdhummee isaa dhiqatuuf yoo inni kooti ol harkisu itti toluu dide. Kootii isaa baafatee dhumdhummee isaa dhiqachuun wuduu’a isaa xumuree,yoo nuti gara ummataa deebinu, Abdurahmaan Bin Oowfii ka salaachisu ta’ee ummanni salaatatti jira. Anaa fi Rasuullis s.a.w duubaan hidhannee erga salaata xumurree booda; Rasuulli s.a.w waqtiin salaataa darbuu irra, ummatni osoo isaan hin eegin salaatuu isaanii akka gaarii dalagan itti himuun gammachiisan.”

Oduu Abii Sa’iid nuu gabaase “guyyaa tokko wal dhabbiin Abdurahmaan Binu Oowfii fi Kaalid jiddutti uumamte. Kaalid waan kana obsuu dadhabee Abdurahmaanin waa jedhe. Dubbiin deemte Rasuula s.a.w bira geette. Rasuulli s.a.w arrabsamuu Abdurahmaan dhagahanii jennaan, sahaabota tiyya narraa hin arrabsinaa Osoo isin sadaqaa ziqaya hammi isii gaara Uhud geettu kenattanii, ganaa (shanacha) sahaaboonni koo kennatan hin geettu.” jechuun darajaa sahaabota isaanii nuuf himan.

Sa’iid Binu Zeyid akka Rasuula s.a.w irraa nuuf dubbatetti, “Nabin Rabbii s.a.w osoo Abba Bakrii, Umar, Usmaan, Aliyyi, Zubeeyr, Xalhaafii Abdurahmaan faa waliin Gaara gubbaa jiran, Gaarri sosocha’uu eegalte. Rasuullis s.a.w Gaara miilan gadi dhiitaa “gadi dhaabadhu namuu sirra hin jiru. Anaa, Siddiiqi fi shahiide malee jedhan’.

Duula badrii keessatti warroota duulan cufa Rabbiin (SW) waan feetan dalgaa, an isinii araaramee jira jechuun qur’aana isaa keessatti dubbate. Isaannan Rabbiin qur’aana isaatin faarse osoo isaan lubbuun jiran, warra Rabbiin waan feetan dalagaa jedheen keessaa Abdurahmaan Binu Oowfi sahaabdicha duraati.


Arjooma Abdurahmaan Binu Oowfii

Akkuma qaamni namaa dhiiga malee hindalagnetti sahaabonnis ajaja qur’aanaa fi Rasuulaatiin ala, lubbuun isaanii hojii takka kan hin rawwanne turan. Suuraa qur’aanaa Al-imraan aayata 92.

لَن تَنَالُوا الْبِرَّ حَتَّىٰ تُنفِقُوا مِمَّا تُحِبُّونَ ۚ وَمَا تُنفِقُوا مِن شَيْءٍ فَإِنَّ اللَّهَ بِهِ عَلِيمٌ. آل عمران: 92

“Gaaritti hin geettan, hamma waan jaalattan kennattanitti.” ta jettu erga dhagahe, Abdurahmaan lubbuun isaa jecha Rabbii kana hojitti jijjiiruf isa ciiftee boqachuuf tasgabbii dhabde.

Erga eebba Muhammad s.a.w Rabbiin awwaateefi Abdurahmaan duroomee, diinagdee isaa bakka sadihitti qoodun, ummata Madiinatif harka tokko kenne, harka tokko immoo haqa namaa irraa kafale, harka sadaffaa ni hambifata.

Urwaan akka Abdurahmaan irraa odeessetti “Abdurahmaan kuma shantama karaa Rabbi keessatti diinagdee isaa akka kennan maatii isaatti dhaame. Kuma shantama inni dhaames; kuma tokko tokkotti hiruun namaa qoodanii fixan.”

Zuhriinis akka Abdurahmaan irraa dubbatetti “Abdurahmaan guyyaa addunyaa tanarraa boqatuuf kalaahe, diinagdee isaa irraa Dinaara dhibba afur afur ummata duula badrirratti duulanif akka kennamu dhaamee du’e. Garuu sahaabonni duula Badrii duulaan nama dhibba qofattu yeroo sanitti argame. Hunduu dhibba afurii isaani dhaamamte fudhatan.”

Akka Abu Hureeyraan Nabi irraa odeessetti; “Erga kooti: irra caalaan keessan nama tola maatii kiyyaa oole.” jedhan Nabin Rabbii s.a.w. Abdurahmaanis Iddoo isaa kuma dhibba afuritti gurguree, Jidduu maatii Rasuulatti s.a.w qoode.

Osoo Nabin s.a.w lubbuun jiran walakkaa diinagdee isaa kennatee jira. Erga saniille; dinaara kuma afurtama, Gaala dhibba shanii fi Farda dhibba shan kennate. Guyya tokko akka inni gabra soddoma bituun bilisoomsellee irraa dubbatama.

Anas akka Abdurahmaan irraa odeessetti; “Abdurahmaan haadha warra isaa Afraniifuu diinaara kuma dhibba tokko tokko qoode.”

Guyyaa tokko daldaaltonni Abdurahmaan Gaala dhibba torbaa kan kotteen isaanii hedduminnarraa lafa sochoosan meeshaa ummanni barbaadan fe’anii gara Madiinatti seenan. Aa’ishaan didiisa sagalee dhageette jennaan, namoota isitti dhihaatu maal akka ta’e gaafatte. Akka sagalee kootte Gaalota Abdurahmaan ta’e itti himan. Aa’ishaan booda “Rabbiin barakaa isaaf haa heddummeessu, waan kennate keessatti. Immoo mindaa aakeraattu irra caala.” jettee eebbisteen.

Eebba isii kana namni isii bira jiru ka dhagahe, gara Abdurahmaan binu Oowfi deemun, akka Aa’ishaan “Rabbiin barakaa isaaf haa heddummessu, waan kennate keessatti immoo mindaa aakeraattu irra caala.” ka jettee eebbifteen itti himan. Abdurahmaanis yeroma san sardammiidhaan gara isii dhaqe. “Dhugaa dubbatte yaa aayyoo mu’mintootaa, kunoo ragaa naf ta’i. ija kee duratti kenadhaa.” erga jedhee geesse booda, Gaallan cufa ba’aa isiiti fi Raroo waliin kennate. Dubbii Aa’ishaa dhugomfatuuf qabeenyaa adunyaa kanarra badhaasa Rabbii kan akeraa filate.


Gootummaa Abdurahmaan Dirree Lolaatitti

Abdurahmaan gootummaa dirree lolatinis gaachana diin islaamaa ta’uun, humna fi diinagdee isaa wareega ture. Guyyaa lola Badrii Amrii ilma Usmaan ibnu Ka’ab kan goota mushrikaa Makkaa tahe, ajjeesuudhaan gumaacha diin islaamaatif godhe.

Guyyaa duula Uhudis, Yeroo miilli namaa na baasi jettee baqattutti, inni garuu akka Qeerransa daggalaatti onnoomee, diina falmaa ture. Hamma qaamni isaa iddoo diigdamaa ol waraanamtutti, Nyaata xiyyaa fi guraadee mushrikaa of godhe. Ka iddoon waraanama garii guddinnarraa harka namaa seensistutti qaamni isaa diin islaamaatif jecha ciccirame.


Hajaa Dhabuu Lubbuu Isaa Fi Diinagdee Isaatirraa

Guyyaa tokko waan inni sooma ooleef yeroo furiinsaa nyaata fidaniif. Akka nyaata argeen sahaabdota isa dura du’an kan akka Mus’ab binu Umeyrii yeroo inni du’e waan isaan awwaalan dhaban san yaadatee, nyaata didee boohe. Uffanni Mus’abiin ittiin awwaalan, gara mataa olharkisan miila hanqatee, yoo miilatti gadi harkisan immoo mataa irraa mulqama. Qaama isaa wal hanqatee waan ittiin awwaalan dhabanii rakkataa turan fa’a yaadatee, garaan isa dadhabee sagalee isaa ol kaasee boohe.

Maal akka ta’e isa gaafatanii jennaan; dhugumatti sodaannee jirra addunyaan nutti bal’atte Rabbiin miindaa Aakiratti nuu kennuuhedu asumarratti ariifachiisee nuu kenninnaa.

Guyyaa tokko Usmaan bara angoo isaa funyaan hamma dhiigni irraa dhaabachuu didutti yeroo dheeraaf funuunaanii ture. Yeroo kana nama Hamraan jedhamu naaf yaamaa jedhee yaamaniif. Erga Hamraan dhufee booda Barreessi waan an sitti himu jedhee ajajeen. “Na booda Angoon akka Abdurahmaanif kennamtu dhaamsa koo barreessi.” jedheeni Hamraanis barresse.

Erga geesse booda Hamraan gara Abdurahmaan Binu Oowfii deemun isa gammachiisuf jedhee akka Usmaan angoo isaaf dhaame itti hime.


Uf Gadi Qabiinsa Abdurahmaan

Abdurahmaanin gammachiisuf dubbiin itti himan, garuu isaa yaada itti buuste. Jidduu qabrii fi menbaraa dhaabachuun akka Usmaaniin dura Rabbi isa ajjeesu “Yaa Rabbii dhugumaan ati ka mootee, Angoo Usmaani fi waan bulchiinsi isaalle taate, dhuguma amriin teeti! Akka Usmaan dura an du’u naaf awwaadhu.” jedhee angoo jibbiinsarraa ka ka’e, angoo qabatee jiraachu irra du’a isaa filate.

Akkuma kadhaa isaa Rabbiinis awwaateefii kadhaa isaa booda ji’a jaha turee Usmaanin dura du’e.

Sa’aad ilma Hasan ka gosti isaa teymi akkana jedhe “Abdurahmaani fi gabroonni isaa, uffanni isaanii fi nyaatni isaanii garaagarummaa hin qabuu ture.” jedhee nuuf gabaase.


Du’a Abdurahmaan

Waa tolee jiraa Abdurahmaan Binu Oowfitif. Isa angoo irra du’a filachuun “Rabbi na ajjeesi.” jedhee du’a kadhate. Dhugaa yooma dubbatanuu namni hin amanu, hamma jedhanitti seenaan isaa himaafu kan ulfaattu dha. Goota sanis biyyeen dandeettee of keessatti liqimsite. Goota wareegamaa ka ardii irra osoo lubbuun jiru, jannatni akka badhaasa isaa taate itti himame kana. Lubbuun sahaabdota nabii Rabbi s.a.w Abdurahmaaniin of biraa dhabuu itti obsitee, erga inni umrii 75tti du’e booda Sa’aad binu Waqqas kan eessuma Rasuulaa s.a.w ta’e fa’atu reeffa isaa baadhatanii, Usmaan Binu Affaan irratti salaachisuun addunyaa kanarraa isatti nagaha dhaamanii, gara mana aakeraa ka Nabi Muhammadiyyuu s.a.w irraa hin hafinitti geggessan. Haala kanaan Aliyyi fa’a ta’anii Madiinatti bakka qabrii baqii’i jedhamtutti sahaabdicha guddaa ulfaataa kana awwaalan.




Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH