SEENAA SA'AAD BINU ABII WAQQAAS

 


       8. SEENAA SA'AAD BINU ABII WAQQAAS

Sa’aad miseensa koree warra marii jahaati. Warroota kurnan osoo lubbuun ardirra jiran jannatan badhaafamanii keessaa tokko. Warroota dura nabi Muhammadin s.a.w hordofuun iddoo isaan deeman hunda waliin deeman keessaa tokko. Eessuma Nabi s.a.w Rabbitille. Goota lubbuun isaa akka leencaati. Goota duulaa dirree Al- qaadasiyyaati. Tokkoo warra magaalota hedduu lolaan cabsee baneeti. Akkasumaa tokkoo warra ibidda majuusaa, tan gabbaramtuu taate dhaamseeti.

Sa’aad binu Abii Waqqaas gosa kabajaa fi ulfinna guddaa qabduu irraa Makkatti dhalate. Innis ulfinna gosa isaaniitif qooda ganamaan taate osoo hin tuffachiisin, maqaa hamaaf osoo hin oolchin ijoollummaa isaa akka nama umriin waataraa (umriin cimoometti) yaadaa, hojii kabajaa fi jaalatamummaa ummata biratti isaaf uumtu dalagaa, osoo akka dardaraa tapha bu’aa dhabeessa ta’e hin taphatin, osoo ijoollee waliin hin hofin, guddate.

Yeroo umriin isaa ijoolletis; dandeettii waan tokko dogongoraan malee murteessuu irraa kan ka’e, akka umriin isaa nama guddaatti kabajamaa ture.

Sa’aad Binu Abi Waqqaas eela kaafirummaa fi dukkana miidhaa ummanni Makkaa itti tare, harka humna qabu qabatee, keessaa ol harkisee, gara ifa aduu qaama isaani kan bishaan shirkiitin jiidhee wal gahe, akka gooyfatan godhuuf hawwaa ture. Hawwiin isaa kun hundi osoo islaamummaatti Rabbiin Nabi Muhammadiin s.a.w hin ergi dura ture.

Yeroo ijoollummaa isaa irraa kaasee, yammuu hiriyyoonni isaa tapha fafaa taphattu inni akka nama duulli lolaa guddaan itti jirutti, Xiyya, Gooboo (kan xiyya ittiin darban) fi Gaachana dalagaa ture. Rabbi gaachana amantii Islaamaa isa godhuuf, daa’imummaan shaakala isa eegalsiise.

Sa’aad osoo hin islaamahin guyyaa sadi dura abjuu ]manaaba[ arge. Akka inni abjuu isaa san himeetti; “bishaaan tuujii guddinna irraa dukkana uumate keessatti kufe. Garba itti kufe keessaa anaa bahuuf dhidhiitataa jiruu, ifni baati wahi naaf ife. Garba itti kufe keessaa bahe ifa san jala deemun gara bakka baatiin sun irraa baatuu yoo an gahu, Namoota sadi gara ifa sanitti na dursan arge. Namoonni sunis Zeydi Binu Haaris, Abubakar Siddiiqi fi Aliyyi turan. Hangam akka isaan na dura achi turan itti siqee yoo an gaafadhu, sa’atima takkaaf akka ta’e natti himan. Yeroo kana hirribaa dammaqe. Akkuma hirribaa dammaqeen yoo an gad bahu lafti bariitee jirti. Makka keessaa hamma bubben isiillee Nabi Muhammad s.a.w islamummaatti nama waamaa jira dubbii jettu deemtunitti ummanni hafarsaa jira.”

Sababa kanarraa ka ka’e innis abjuu arge hiikachutti seene. Booda gara nabi Muhammad s.a.w jirutti deeme. Nabi Muhammadii s.a.w fi hordoftoonni isaa Gaara keessatti salaata Asrii irraa bahanii jiran ture. Booda innis osoo namoonni tokkollee, ka inni abjuu keessatti arge malee, ka biraa hin dursin ta’un islamahe.

Sa’aad Ibn Abii Waqqaas islaamahuu isaa, Rabbii fi Rasuulatti s.a.w amanuu akka dhageetteen haati isaa; dararaa hadhooytuu isa dhandhamsiiste.

Akka Sa’aad dubbatetti Harmeen isaa ta inni ardii tanarratti waa cufa keessatti jaalala isii qabuuf jedhee isii durfatu, qormaata kufaati fi hoffaltii hin qabne, kan hoffaltii fi kufaatiin isaallee jiruu guutuu mukukkula sammuu fi onnee namatti taatu dhiheessiteef.akkana jetteen

“Yaa Sa’aad mee waa si gaafadhaa naaf deebisi.” Maaltu amantii tee tan ittin ija banatte, kan abbootii keetirraa ganamaan dhaaltetti, si jibbisiisee fuula si jijjiirsisiise irraa garagalte? Jetteen.”

“Eegaa waa lama filadhu; Amantii guyyaa keessa qabatte, Muhammadii s.a.w jala deemtu irraa deebi’uu. Kun immoo ta irra gaariiti. Yoo hin taane immoo; anaa harka kiyyaan soorata siif sooree, dhaabee si guddiseettu, Sababa amantaa kee soorata lagadhee du’ee biyyee ta’a. Yoo san gaabbitee gaabbiin onnee si dhukkubsitee, dhukkubsatuu irra, Namni si balaaleffatee, nama haadha isaa ajjeese jedhee si wal akeekuu irra, waan filattu situu beeka.” jetteen.

Akkuma jettees guyyaa hedduuf nyaataa fi dhugaati didde. Hamma akka dungoo ibiddii itti qabatee baqee dhumuutti, foon isii irraa dhumee, lafee fi gogaa qofatti hafte. Lafeen isiis qal’dhattee ulee taate.

Sa’aad yoo kana cufaa waan harmee isaa yeroo yeroodhaan too’ataa ture. Harmeen isaa garuu xiiqii fi jibbiinsa amantii islaamaatiif qabdurra ka dur irra itti hammaatte.

Booda Sa’aad gochii isii kun hamma dhabee, obsa isa dhoowwee garaa muratee dhugaa sodaa Rabbii fi jaalala Rasuulaf s.a.w qabu tan onnee isaa keessa itti hime.

“Yaa deessee na dhageettaa? An jaalala jabduu sii qaba. Garuu jaalalli tee sodaa Rabbii fi jaalala Rasuulaaf qabu waa hin caaltu. An Rabbii fi Rasuula s.a.w siif jedhee hin ganu. Osoo ati lubbuu takkaa miti kuma qabaattee, kumeen sunis takka takkaan si keessaa bahaa jiraattee, amantii tiyya, dhugaa waa cufa ifa baasu, siif jedhee hin dhiisu. San irra du’a kee filadha.” jedheen.

Yoo kana haati isaa murannoo, amantiif gad jabaatuu, Rabbii fi Rasuulaaf s.a.w jedhee waan fedhe wareeguu isaa gartee, waa cufa madaaltee, garaa murattee, osoo hin jaalatiin lubbuu isiitif nyaata nyaatuu eegalte. Rabbiinis Suraa Ankabuut aayata (8) tan armaan gadii tana haala jara lamaanii irratti buuse.

وَإِن جَاهَدَاكَ عَلَىٰ أَن تُشْرِكَ بِي مَا لَيْسَ لَكَ بِهِ عِلْمٌ فَلَا تُطِعْهُمَا ۖ وَصَاحِبْهُمَا فِي الدُّنْيَا مَعْرُوفًا. لقمان: 15

Duula Badriitiifii sa’aad

Rasuulli s.a.w yeroo tokko nama muraasa basaasummaaf gara Hijaaz erge. Waraana basaasummaaf ergame keessaa Sa’aad Binu Abi Waqqaas tokko ture. Ergaa basaastummaa tanarratti Xiyya diinatti darbatuun nama yeroo duraatif, diin islaamatif jedhee xiyya darbate tahe.

Sa’aadi fi obboleessi isaa Umeyir ka umriin isaa ijoollummaarraa ganna kudha shan hin caalle, Duula badrii duuluuf iddoo Rasuulli s.a.w waraana kurfeessutti waliin argaman. Umeyir Umriin isaa xinnaa waan tureef Rasuulli s.a.w hiriira waraanaa keessaa isa baase akka hafuuf jedhee. Yeroo kana Umeyir umrii isaattu xinnaa dha malee, dheebuun inni jihaadaaf qabu waan akkaan guddoo taateef, lola kanarraa hafuuf deemuu isaa obsuu hin dandeenne. Imimmaan gadi naqee boohuu eegale. Rasuullis s.a.w yeroo kana boohichi isaa kun isa quuqeenii akka deemu eeyyameef.

Eyyama kana Umeyir qofa osoo hin taane Sa’aadis itti gammadee, obboleessa isaa kan waraana hidhachuu hin dandeenne, kan irreen hin jabaatin kanaaf meeshaa lolaa hidheefii, gammachuun gara dirree lolaatitti waliin bahan.

Booda garuu yeroo waraanni lola geessee duularra gara Madiinaa galu; Sa’aad obboleessa isaa kan dirree badritti waliin gammadaa deeman, gatee kophaa isaa gaddaan mararfataa gale. Umeyir mucaan xinnoon, kan onnee isaa malee humni isaa hin guddatin sun; wareegamee obboleessa isaa Sa’aadin gatee biraa gara mana aakeratti baqate.


Duula Uhudiifii sa’ad

Duula Uhud irratti waraanni muslimootaa ka Rasuulli s.a.w Gaara uhud irra qubsiisan, Rasuulli s.a.w akka Gaara tana gadi dhiiftani hin bu’ine jedhanii lola dura itti dhaaman isaan dhiisanii bu’an. Yeroo kana waraanni kaafiraa dirreen mijooftee fi Fardaan itti marsanii muslima gargar facaasan. Hedduun isaanii dhumnaan, hedduun isaanii baqatan. Namootni kudhan gahan garuu Nabi Muhammad s.a.w biratti hafuun diina isaan ajjeesuf itti dhihaatu irraa lubbuu isaanii tan Nabi s.a.w dursiisanii of wareeguuf, ofii du’anii Rasuula s.a.w hanbisuuf nyaapha irraa deebisaa turan. Warroota sanneen keessaa Sa’aad Abi Waqqqaas tokko ture.

Lola kanarratti Roorroon hammaatte jennaan Rasuulli s.a.w Sa’aadif Xiyya kennaafii “Yaa Sa’aad darbadhu ati Aayyoo fi Aabboo kootin furamaadha.” jedhaniin.

Sa’aad haala saniin maqaan isaa Rasuula s.a.w biratti yaamamuun ijaa fi humna nyaapha hollachiiftu taate isa jabeessite. Yeroma kana gurbaa Mushrikaa kan akkaan ummata muslimaa miidhutti jiru tokko Rasuulli s.a.w fagootti argee sa’aadin ajajeen, Sa’aadis xiyya isaa madaalee itti gadi dhiise. Xiyyi inni madaale gadi dhiise iddoma inni tilmaameef geette. Dardartichi duraan muslima qaqqalee lafatti kuffisaa ture, dabareen isaa sababa harka Sa’aadin geettee, takkattima xiyyi kallaca isaa argatteen miilaan lafarraa ol ka’ee, lafatti gadi dhahe. Yoo kana Rasuulli s.a.w hamma qaariffaan isaanii mul’attutti kolfan. Dardartichi Sa’aad xiyyaan dhahe kun; uffanni isaa irraa gargar saaqamee qaamni isaa kan saalaa badhetti bahee, du’ee raqa fakkaate.

Lola kanarratti Sa’aad akka dubbatetti “namoota lama kan Rasuula s.a.w waliin uffata a’adii uffatanii lolan arge. Namoota san kanaan duras, achii boodas takkaalle hin argine.”jedhe.

Akka Haafiz barreessetti “Namoonni sunninis; Mala’ikoota Jibriili fi Mikaa’il turan.”

Erga lola kanaatii booda Sa’aad jiruu isaa guutuu jecha Rasuulli s.a.w “ati Aayyoo fi Abboon furamaadha.” ka jedhaniin san yaadataa gammadaa ture.

Sa’aad binu abii Waqqaas onnee gootoomen, irree isaa jabeeffatee duula Rasuulli s.a.w duulan cufa hirkoo Rasuulaa s.a.w ta’ee isaani fi Rabbii diin islaamaa nuuf buuse tajaajilaa ture.

Erga du’a Rasuulaa s.a.w boodas sahaabota duuka hiriiruun diin islaamaa utubaa isaa jabeessanii gadi dhaaban. Yeroo angoo kaliifaa Abbaa Bakariitis; osoo jalaa hin laafiin irree islaamaa ta’uun, daandii Rabbitti isa geessu irra tolaan imalaa ture.

Bara bulchiinsa Umar keessa ummanni Faaris dagaaginna islaamaa cunqursuuf lolaaf ka’an. Umar dubbii kana akka dhagaheen, biyyoota bulchiinsa isaa jalatti bulan cufatti xalayaa aarifachiisaa erge.

Akkuma inni xalayaa irratti dhaame: Namni meeshaa waraanaa, Farda lolaa, Nama mala beeku, Nama haasaa godhuu danda’u, collee, walaloo qindeessuu danda’u, fi waan lolaaf ta’u kan qabu hundi akka yaamicha isaa kabajee Madiinatti dhufu ajaja baase.

Ummanni biyya bulchiinsa Umar keessa jiraatan, hawwii jihaadaa ka qaban hedduun isaanii, yaamicha Amiira Mu’mintootaa awwaatanii kallattii hundaan, gootummaan bookkisaa Madiinatti wal gahan.

Ummata akka hongeen itti buutee soorata agabee, dheebotutti jihaada beelahee, dheebote kanaaf, Umar nama isaan karaa Rabbii fi Nabitin s.a.w isaan hogganee, gara galma milkiitti isaan geessu filuuf murteeffatee, ummataan waliin maritti seene. Yeroo kana ummanni afaan tokkoon Sa’aad dhihoo Rasuulaa s.a.w kan eessuma Rasuulaa ta’e filatan.

Umaris filmaata ummata kanaa jaalatee, Amaanaa fi Alaabaa diin islaamaa, Hoggansaa fi Angoo waraana kanaa Sa’aaditti ba’aa hammana gahu itti kenne.

Ajama Arabaaan lolee cabsuuf gootota onneen isaanii leenca daggalaa isaan goote walitti qabamaniif, Hoggansa Sa’aadin yoo inni Madiinaa ka’e, Umar Sa’aadiin addatti isa baasee gorsa galaa siinqii hundarraa caaltu isaa hidhe.”Yaa Sa’aad ati eessuma Rasuulaa s.a.w ta’uun sin dagin. Akkasuma sahaaabaa Rasuulaas s.a.w ta’uun sin dagin. Rabbiin jabaan cubbuu cubbuun hin dhiqu. Toltuun cubbuu dhiqa malee. Rabbi nama tokkoonille firummaa hin qabu. Waan inni dalageettu Rabbitti isa kaleessa malee. Rabbiin biratti, sadarkaa qabatinsaa fi laaffinsaan wal hin caalan. Sodaa Rabbiitiini malee. Badhaasni jannataallee haala kanaan dhufti. Amrii Rabbii kan Rasuulli s.a.w itti yoo dalagan agarteen, dirqama kee kana akka baatu.” Kana hunda erga gorseenii booda Sa’aadiin eebba godheefii geegesse.

Waraana kanniin keessaa, namoonni lola badrii irratti guumaacha diin islaamaatif godhan nama sagaltamii sagal, namoonnni dhibba sadihi fi kudhanii ol ta’an immoo warroota beey’atul Ridwaan, dhibbi sadih immoo warra Makkaan Rasuula s.a.w waliin cabse. Ijoollee sahaabotaa dhibba torbaa fi loltoota biraa waliin ta’uun, seenaa muudaa hin qabne, tan hanga har’aatti islaama boonsitu galmeessuf karaa bu’an.

Naannoo Al-qaadasiyyaa jedhamu erga waraana qubsiisee booda Sa’aad Binu Abii Waqqaas: Nama murtii karaa Rabbii fi Rasuulaa s.a.w irratti kennu, Nama boojuu qoodu, nama yaamicha karaa diin islaamaatti godhu, Nama waraanarratti dubbiidhan onnachiisee kakasuu fi akkasuma nama afaan arabaa turjumaanu ka Faarisitti filate. Basaasa qindeesse gara gandootaa fi magaalota itti duuluf deemanitti erge.

Erga gurmuu waraana tokkoo waan barbaachisu hunda qindeessee, guuttatee booda gandoota xixiqqoo naannoo Faaris jiran banuuf, waraana iddoo heddutti qoqqoodee erge. Hundinu milkaa’anii galan.

Osoo lola hin eegaliin dura ummata Faaris tolaan gara amantii islaamaatti seensisuuf namoota haasawa danda’an, bulchaa Faaris kan ta’e Kisraa fi Abbaa duulaa (ajajaa waraanaa) Rustumitillee nama erge.

Namoonni ergaman kunniin akka hojii Rasuulaa s.a.w islaamummaa fudhachuu, Yoo hin tahin gibira kennuu fi yoo filmaata isaani dhihaate kanneen didan; akka isaaniin loluuf qophaahan hubachiisaniin.

Hundi isaanitu filmaata isaanif irra tolu ka dhihaatef didanii lola filatan. Haala kanaan duulli kurfaahee, Sa’aad aayata qur’aanaa suuraa Anfaal akka qar’amu ajaja kenne.

Loolli jalqabuuf yeroon Muraasni yoo isaa hafu Sa’aadin dhibeen qabdeen. Dhibeen isa qabe kun Sa’aadin; Yaabbifi lafa taa’ulle isa dhooggee, qomaan boraati irratti hirkataa fi ciisichatti isa deebiste.

Sa’aad Rabbii gaditti qaamni isaa ta inni abdate, isa gante. Haa ta’uyyuu garuu inni abdii hin kunne. Iddoo isaa nama ajaja isaatin waraana ummata muslimaa ajaju, ka maqaan isaa Kaalid Binu Urfuxaa jedhamu bakka buufate.

Lolli eegaluuf waa cufti qindaa’ee yoo jedhan, salaatni zuhrii yeroon isii geette. Sa’aadis osoo salaata Zuhrii hin salaatin akka waraana hin eegalle ajaja kenne.

Waraanni muslimaa salaata Zuhrii salaate akka irraa baheen, Sa’aadis ummata muslimaa onnee isaanii gootomsuuf, Haasawa isaan kakaasu godhe.

Dhuma haasawa isaa irratti dhaamsa jajjabdu dhaameef. “Allaahu Akbariin: ummata nabi Muhammadiif s.a.w malee hin kennamne. Yoo an Allahu Akbarii duraa jedhe isinis Allahu Akbar jedhaa. Funyoo kophee keessanii sirritti hidhadhaa. Allahu Akbarii lammataa yoo an jedhe, meeshaa keessan hunda kurfeeffadhaa. Yoo sadaffaa Allahu Akbar an jedhe, Si’aayani goototni haa duratti bahan. Kaafira haa ari’an. Allahu Akbarii afraffaa an jedhu, Ilkaan keessan ciniinnadhaa, Garaa keessan jabeeffadhaa. Nyaapha keessanitti fiigaa, rifachiisaa, itti shorroqaa, humna keessan walitti qindeessaa jabeessaa jabeeffadhaa. Akka bitoon harka naannessitutti diina itti marsaa. Baha isa dhoorkaa.” jedheen.

Malli naaf hin jiru, Dandeettinillee“ ”لاحول ولا قوت إلا بالله“ naaf hin jirtu, ka Rabbii tokkochaa malee.” jedhaa kadhaa tana kadhadhaa.

Ummanni muslimaas; dandeetti Rabbii qarqarsifatanii, akka akeekaa Sa’aaditti deemanii duula san irratti dhukkee fi reeffa nyaapha walitti qixxeessan.

Dhumarratti abbaan duula kuffaaraa Rustumiin morma isaa irraa kutanii, eboo irratti fannisuun, yoo ittiin dhadatan kuffaarran dur gootummaan lolaa turan irreen isaani tan luuynomte, tan gadhee taate, baqachuu eegalan.

Waraanni kaafiraa ka hafe immoo rifannota irraa kan ka’e dhamaasaan isaan qabattee, hamma guraadee isaanii harkaa fuudhanii isaanin ajjeesan gahan.

Guyyaa sadihi fi qixxee booda; lakkoofsi waraana dhumee hedduminnarraa kan hin beekkamnee fi kan bishaanitti duudee dhume qofti kuma sodddama akka ta’etu himama. Boojun lola sanirraa argame lakkofsi isaa tilmaamuu hin dandeenye.

Haala kanaan Sa’aad waraana hogganuun lola hijraa boodaa ganna kudha jahatti adeemsifamte, Al-qaadasiyyatti moo’atee gammachuu fi milkii guddaa argamsiisee, Faaris guutu bulchiinsa muslimaa jala oolche. Ummanni muslimaas kan galataa isa godhate.


Baniinsa Mana A’adaadii

Jaabir ilma Samraa akka Rasuularraa s.a.w odeessetti “Ummanni kiyya banuuf deema manneen a’adaadi mooticha Faaris (Kisraa).” Ahmadi fi Muslimtu galmeesse.

Ammas Jaabir akka odeessetti Rasuularraa s.a.w “ummanni kiyya dilboo (kaaznaa) mooticha Faaris banuuf deema.” Muslim akka gabaasetti.

Sa’aad lola Al-qaadasiyyaa booda ji’a lama guutuu biyyoota gita bittaa Faaris jala turan, harka muslimtootatti deebisuuf loolaa ture. Magaalota inni bane keessaa; Birsi, Baabil, Bihirsiir.. fa’a.

Mul’ata Rasuulli s.a.w ummanni kiyya gamoo a’adii bana jeedhanii dubbatan sanis yeroma kana banuun dhugaa taasise, Masaraa mootii Kisraa manneen A’adii fi naannoowwan isiillee jiran falmii ciccimtoo, munaafiqaan morma wal qabataa bulchiinsa muslimaa jala oolche.


Dhagahama Kadhaa Sa’aad

Sahaaban kadhaa Sa’aad yoo inni Rabbii isaa kadhatu ta lafa hin geenne tana qalbisanii; maalirraa akka carraa kanaaf gahe isa gaafatan.

Sa’aadis deebii sahaabdotaaf kennetti, eebba Rasuulli s.a.w isaaf godhanirraa akka ture dubbate.

Akka Xabraaniin gabaasetti “guyyaa tokko sahaabonni Sa’aadin kadhaan kee akkanatti awwaatamuun maalirrayyi jechuun gaafatan. Sa’aadis duula lola Badrii keessatti; Rasuula s.a.w dura dhaabadhee yeroo diina Rasuula s.a.w irraa deebisaa turetti Xiyya afaan goboo irra kaayee, “Yaa Rabbii hirpha nyaaphaa sosochoosi, qalbii isaanillee sodaa itti buusi.”, jedhee waan akkanaa kanniin kadhataa yoo an darbadhu, Rasuulli s.a.w dhagahanii “Yaa Rabbi kadhaa Sa’aad awwaadhuuf.” jedhanii naaf kadhataa turan, jechuun Sa’aad sababaa awwatama kadhaa isaa dubbate.

Bara Kalifaa Umar keessa Sa’aad dura bu’aa magaala Kuufaa yeroo turetti, Umanni kuufaa Umaritti himata Sa’aad irraa qabu iti ergate. Umaris Sa’aadin yaamsise isa shaaree [angoo irraaa buusee] bakka isaa Ammaar Binu Yaasir buuse.

Sa’aadis erga Umaritti dhaqee booda maalif akka isa yaamsise gaafate. Akka ummanni kuufaa himata itti bane ibseef. Sa’aadis himata kanatti dallanee “Ani dura Arabaati, ka dura xiyya diinatti darbate. Ani duula cufa ka Rasuulli s.a.w yoo duulu waliin duule. Ka duula san keessa hamma siinqiinillee nuuf hin jirretti, baala nyaataa hanga akka Gaala, akka Re’ee shishii buufnu takka geennetti duulle. Aniin kana cufa dalage yoo akka ummanni kuufaa na himate ta’e, dalagaan tiyya cufti badde. Ani akka Rasuulli s.a.wyoo lubbuun jiru ummata bulchaa turetti fakkeessifadhe yoo ani hin bulchin dubbiin tiyya badde.” jedhe. Umaris an dhugaa akka ati jetteen si beeka jedhee isa jabeesse.

Umaris himata Sa’aadittii baname kana mirkaneeffachuuf, namoota itti amanu keessaa nama filatee Sa’aadin waliin gara magaalaa kuufaatti isa ergee akka himata ummanni isarratti bane kana gaafatan ajaje.

Namootni Umar erge Sa’aadin qabani Masjiidota kuufaa keessatti argaman irra naannahaa himata Sa’aaditti qaban gaafatan. Masjiidota hedduu deeman keessatti tola ooluu isaa dhagahanuu, dhumarra masgiida tokkotti wanni isaan muudate kan addaa ture.

Namtichi maqaan isaa Usaamaa binu Qataadaa jedhamu, erga badii isaa feetan jedhee himata Sa’aad irraa qabu itti tarresse.

  1. Sa’aad kun waraana waliin hin duulu.
  2. Boojuu wal qixatti nuuf hin hiru
  3. Murtii kennuu irrattis wal hin qixxeessu, jedhee isa himate.

Sa’aad yoo kana rifatee, yoo namni kun kan na argaaf dubbatu tahe, waa sadihin itti kadha. Umrii isa dheeressi, hiyyummaas itti dheeressi, mokkoraaf isa kahi jedheenii isa abaare.

Abdul Malik akka Usaamaa binu Qataadaa ka Sa’aad abaarerraa odeessetti ‘Usaama kana yeroo dheeraa booda isaa nyaarri ijaa itti dheeratee, dullummaa irraa fuularratti gad jige, kan mokkoraaf kararra taa’ee dubarti qimmidu (mushuushu), ka Abaarsa Sa’aadittu natti qaqqabe jedhee haasawaa deemu isa arge jedhe.’

Qeysi ilma Haazim akka Sa’aad irraa dubbatetti ‘Guyyaa tokko ummata hedduu taanee, namticha waa’ee Aliyyii binu Abi Xaalib haasahutti marsinee osoo dhageennu, Sa’aad dhufee maalitti akka nu marsinee dhageeffannu laale. Erga haaswa addaan baree booda gara namticha yaabbi gubbaa ta’ee, badooma Aliyyi himutti ummata of jalaa qabaa dhihaate. Ful dura isaa dhaabbate.

Akkaan ka dallane Sa’aad “Yaa abboo maal haasawutti jirta? Aliyyii dura nama ijoollee irraa amanee, nama salaata dursa Rasuula s.a.w waliin salaatee, hunda keenyarra Aliyyii dandeetti qabu, beekaa keenya, isa dirree waraanaa xiyyaa fi eeboo gidduutti sodaa malee alaabaa Rasuulaa s.a.w ol dhaabe, isa hintala Rasuulaa s.a.w Faaximaa fudherraa badooma dubbatta?.” jedheenii erga namticha ummata duratti qaanessee, Aliyyirraa dhugaaa dubbate booda; mirkaniif jedhee gara qiiblaatti garagaluun; “Yaa Rabbii namtichi kun yoo inni ka jaalallee kee arrabsutti jiru ta’e, ummata kana dandeetti fi ogummaa keetin dhugaa isaan beeksiftu malee addaan hin oofin.” jedhee isatti Rabbii isaa kadhate. Rabbii dandeetti isaatin dhugaa sahaabdicha guddaa isaa ifa nuuf godheen kakadhee, Namtichi sun yeroma san horiin inni yaabbate isaan buxxuulee, osoo namni addaan hin faffaca’in namtichi yaabbii isaa irraa lafatti kufee, mataan dhakatti bu’ee du’e.”

Sa’aad Binu Abii Waqqaas guyyaa tokko Makkaan dhaqnaan, Umanni makka waahee awwatama kadhaa isaa waan beekaniif, hedduun isaanii gara inni jirutti eebba isaa barbaacha itti dhaqan. Sa’aad dullummaa irraa ijji isaa lameenuu ka badde ta’ee ummataa osoo eebbisu, Gurbaan qaari’ee Makkaa tokko itti dhufe. “ka kadhaan tee akkanatti awwaatamtu taatee osoo jirtuu, maalif ija keetif Rabbi guddaa si dhagahu ofiif hin kadhanne?.” isaan jedhe. Sa’aadis “An murtii Rabbi natti murteessetu na biratti jaalatamaadha. Fayyaa koo irraa jedhee fudhachuu jaaladha.” jedhee deebiseef.


Du’a Sa’aad Binu Abii Waqqaas

Gootni dirree lolaa fi qe’ee, inni nyaapha islaamaa dhahata qalbii sodarraa itti dabalsiise, Arjoomaan lubbuu fi dinagdee isaa kennate, gootni irkoo diin islaamaa fi Rasuulatif s.a.w ta’e, Umrii isaa dheertuu keessatti kan duulaan qooda guddaa fudhate, guyyaan Rabbiin isaa garaa haadhaatti itti murteesse geese. Gara jaalallee isaa Rasuulatti s.a.w lubbuun godaanuf, jannata keessatti isaan qunnamuuf, waadaa Rabbiin osoo inni lafarra lubbuun jiru seeneef, qooda isaa fudhachuuf, jannata keessatti boqachuuf guyyaan isaa geesse.

Mus’aab ilmi Sa’aad Binu Abii Waqqaas akka Abbaa isaa irraa dubbatetti ‘Abbaan kiyya hadhaa du’aa keessa yeroo jirutti gudeeda kiyyarratti isa erkifadhe. Abbaa koo sahaabdicha guddaa kana dhabuun natti ulfaatee imimmaan kiyya addaan cituu didee roobe. Yeroo kana abbaan kiyya “maaf bootta? yaa ilma koo Hin boohin! Rabbi na hin dararu. Ani warra Jannataati!.” naan jedhe.’

Imaamu Zuhri akka Sa’aad irraa dubbatetti ‘Sa’aad Binu Abii Waqqaas uffata ciccittuu suufaa takka garsiisaa, Yoo an du’e uffata tanaan na maraati, osoo uffata takka itti hin dabalin isumaan na awwaalaa. Uffanni tun ta an duula badrii keesssatti godhee diina Rabbii dura dhaabadhee, Rasuula s.a.w irraa ittiin lole. Uffata tana guyyaa kanaafis ol kaawwadhe.” jedhee dhaammate.’

Sahaabdichi guddaan hojiiwwan boonsisaa fi dhaadachiisaa ummata islaamaf hanbise, Hanbaan seenaa isaa ka gadii takkalle of keessa hin qabne, Fakkeenyi dalagaawwan isaa kan Rasuulaa s.a.w fi kan Rabbii qur’aana keessatti hojiiwwan warroota irra gaggaarii jedhee nuuf buuse keessaa taate, kan osoo lubbuun jiru jannatni isa dheebotte, ka osoo warri seenaa barressu hundi wal gurmeesse sahaabaa tolli isaa galmaahee hin xumuramne san, ardii tanaa irraa gara mana barri isii lakkawamee xumura hin qabnetti, gara mana ollaa Rasuulaa s.a.w taate tola waa hundarraatin guuttamtetti deemuf imala adunyaa kanaa xumurate deeme.

Eessumni Rasuulaa s.a.w bakka Aqiiq jedhamu kan maayilii kudhan Madiinarraa fagaatutti, lubbuun isaa qaama isaa keessaa garaa jabaatte baate.

Erga inni du’ee booda Reeffa isaa ceekurratti baatanii Madiinatti geessan.

Marwaan Binu Hakamtuu irratti duulatee (salaachise) iddoo Baqii’i jedhamutti awwaalame.

Ummu Salamaan akka jette.” Sa’aad haftee Rasuula s.a.w Rabbiiti. Innillee nu gatee deeme.” jette gadda isii ibsatte.

Du’a isaa boodas warroonni hojii isaa dhaalan, maqaan isaa ummata muslimaa biratti lubbuu horatee halkanii fi guyyaa akka yaamamu godhan.




Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH