Mul'ataafi Kaayyoo Ergamaa Rabbii beektuu laata?



     Mul'ataafi Kaayyoo Ergamaa Rabbii 

                 beektuu laata? 

Ergamaan Rabbii (saw) abbaa mul’ata guddaati. Addunyaa kanarratti namni isaanii ol mul’ata guddaa qabu tokkollee hin jiru. Sababni isaas mul’anni isaanii wahyii Rabbiitiin kan deeggarameedha. Mul’anni hoggantoota baay’ee waan waggaa shan, kudhan, digdama ykn soddoma keessatti ta’u nuuf ibsuuf yaala. Garuu mul’anni Ergamaa Rabbii (saw) waan hanga Guyyaa Qiyaamaatti ta’u nuuf ibse. Mee hadiisa armaan gadii ilaalaatii mul’ata akkamii akka ta’e xiinxalaa:

عَنْ تَمِيمٍ الدَّارِيِّ، قَالَ: سَمِعْتُ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ: «لَيَبْلُغَنَّ هَذَا الْأَمْرُ مَا بَلَغَ اللَّيْلُ وَالنَّهَارُ، وَلَا يَتْرُكُ اللَّهُ بَيْتَ مَدَرٍ وَلَا وَبَرٍ إِلَّا أَدْخَلَهُ اللَّهُ هَذَا الدِّينَ، بِعِزِّ عَزِيزٍ أَوْ بِذُلِّ ذَلِيلٍ، عِزًّا يُعِزُّ اللَّهُ بِهِ الْإِسْلَامَ، وَذُلًّا يُذِلُّ اللَّهُ بِهِ الْكُفْرَ» مسند أحمد مخرجا (28 / 154)

Tamiim Addaarii irraa akka odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii (saw) akkana jedhaniin dhaga’e: “Dhimmi kun (amantiin Islaamaa) bakka halkaniifi guyyaan dhaqqabe hundaa ni dhaqqaba. Rabbiin ol ta’e mana biyyees ta’ee kan gogaa (kallee) irraa hojjatamellee osoo amanticha kana hin seensisin hin dhiisu. Kabajamaan ittiin kabajamaee xinnaataan immoo isaan xinnaatee [isa seena]. Inni kabajaa Rabbiin ittiin Islaama kabajuufi xinneenya ittiin kufrii xiqqeessuudha.” Hadiisa kana Imaamu Ahmadtu gabaase. Hadiisichi sahiiha.

Mul’anni Ergamaa Rabbii (saw) kun akka amantiin Islaamaa gara fuulduraa yeroo ta’e keessatti addunyaa kana hundarra tamsa’u nuuf ibsa. Kan isaan mana biyyee jedhan mana ijaaramee ol dhaabbate hunda hammata. Manni kallee immoo waan akka duunkanaa kan namni yeroof hidhatee keessa jiraatuudha. Isa kanallee yoo ta’e amantichi seenuuf jiraa Ergamaan Rabbii (saw) nutti himan. Islaamummaan yeroo nuti jirru kana keessa hacuucamuutu mala; garuu abbaan fedhe jibbus jaalatus addunyaa kana hunda wal ga’uuf deema. Kun mul’ata Ergamaa Rabbii (saw) kan abdii guddaa Muslima hundatti uumuudha. Namni Muslimaa rakkoo yeroo ammaa aalama Islaamaa mudateef jecha abdii kutachuu hin qabu. Akkasumas hadiisa abdii nama kutachiisu qofa walitti himuu hin barbaachisu. Namoonni gariin “Qiyaamaan dhihaateera; kana booda haalli sirraa’u hin jiru. Kanaafuu hedduu hin cinqaminaa” yaada jedhu walitti himaa oolanii bulu. Waan abdii uumu immoo hin dubbatan. Garuu namni mallattoolee Qiyaamaa sirriitti qorate, ammallee mallattooleen baay’een akka hafan ni hubata. Dhugaadha mallattooleen xixiqqaan baay’een argamaniiru; garuu kan ammallee fuulduratti argaman baay’eedha. Isaan keessaa hadiisni kun isa tokko. Hadiisichi fuuldura ifaa bareedaa ummata Muslimaatti mul’isa. Inni kunis himamee akka Muslimni abdii bareedaadhaan amantii isaatiif hojjatu godhamuu qaba. 

Ergamaan Rabbii (saw) mul’ata isaanii kan hanga Qiyaamaatti jiru sirriitti adda baasanii dubbatan. Sahaabota isaaniitiif ni ibsan. Mee hadiisa lamaan armaan gadii ilaalaa.

عَنْ حُذَيْفَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ، قَالَ: «لَقَدْ خَطَبَنَا النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ خُطْبَةً، مَا تَرَكَ فِيهَا شَيْئًا إِلَى قِيَامِ السَّاعَةِ إِلَّا ذَكَرَهُ، عَلِمَهُ مَنْ عَلِمَهُ وَجَهِلَهُ مَنْ جَهِلَهُ، إِنْ كُنْتُ لَأَرَى الشَّيْءَ قَدْ نَسِيتُ، فَأَعْرِفُ مَا يَعْرِفُ الرَّجُلُ إِذَا غَابَ عَنْهُ فَرَآهُ فَعَرَفَهُ»  صحيح البخاري (8 / 123)

Huzeyfaa irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: “Ergamaan Rabbii (saw) nu gorsan (khuxbaa nuuf godhan). Isii keessatti waan hanga guyyaa Qiyaamaatti jiru osoo hin dubbatin hin dhiifne. Namni bare isa bare; namni wallaales wallaaleera. Ani isa keessaa waanin dagadhe [yeroo inni uumame] argeen akka namni tokko nama irraa fagaatee ture itti dhufnaan yaadatutti isii bara.” Bukhaariitu gabaase.


عن عَمْرَو بْنَ أَخْطَبَ، قَالَ: «صَلَّى بِنَا رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ الْفَجْرَ، وَصَعِدَ الْمِنْبَرَ فَخَطَبَنَا حَتَّى حَضَرَتِ الظُّهْرُ، فَنَزَلَ فَصَلَّى، ثُمَّ صَعِدَ الْمِنْبَرَ، فَخَطَبَنَا حَتَّى حَضَرَتِ الْعَصْرُ، ثُمَّ نَزَلَ فَصَلَّى، ثُمَّ صَعِدَ الْمِنْبَرَ، فَخَطَبَنَا حَتَّى غَرَبَتِ الشَّمْسُ، فَأَخْبَرَنَا بِمَا كَانَ وَبِمَا هُوَ كَائِنٌ، فَأَعْلَمُنَا أَحْفَظُنَا»  . صحيح مسلم (4 / 2217)

Amr bin Akhxab irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: “Ergamaan Rabbii (saw) salaata Fajrii nu salaachisee mimbara irra ba’ee hanga Zuhriin geessutti nu barsiise (khuxbaa godhe). Ergasii bu’ee salaatee ammas mimbaratti ol bahe. Hanga Asriin ga’utti nu barsiise. Ergasii bu’ee salaate. Ammas mimbaratti ol bahee hanga Maghribni ga’utti nu barsiise. Waan duraan tureefi waan fuulduratti ta’us nutti hime. Irra beekaan keenya nama gaafas sirriitti haffaze (qabateedha).” Muslimtu gabaase.

Hadiisni kun lamaan taatee tokkicha bifa adda addaatiin gabaasan. Gorsichi dhuma umrii Ergamaa Rabbii (saw) keessa kan gochameedha. Ergamaan Rabbii (saw) yeroo sahaabota dhiisanii gara fuula Rabbii deemuutti dhihaatan barumsa dheeraa walitti dhaabbataa kana barsiisan. Gorsichi salaata Subhii irraa kaasee hanga Maghribaatti ture. Barumsicha keessatti taatee gurguddaa duraan tureefi kan gara fuulduraatti ta’uuf deemu kanneen Rabbiin isaan barsiise sahaabotatti himan. Sahaabonni hunda isaa wal qixa hin yaadatan ture. Akka Huzeyfaan jedhetti inni waan isaan himan sana irraa garii dagatee yeroo inni uumame akka nama duraan nama wahii argee ka’ee waggaa dheeraa irraa turee itti dhufeetti yaadata ture. Nama waggaa kudhan ykn kudha shan sirraa turee dhufe ogga argite “nama kana eessattin beeka?” jettee xiqqoo yaaddee kaatee hin yaadattuu? Akkuma kana taatee Ergamaan Rabbii (saw) himan Huzeyfaan dagatee ogga inni uumame “Ahaa! Isiin Ergamaan Rabbii (saw) himanii turan sun kunooti” jedhee yaadata ture. Warri kun mul’ata Ergamaa Rabbii (saw) kanneen tokko tokkoon adda ba’anii ibsamaniidha. Gariin ammallee hin xumuramne.

Wantoota gaafas Ergamaan Rabbii (saw) himan keessaa kan gara fuulduraatti uumamus baay’eetu jira. Kanaafuu ammallee addunyaan kun takka ni jiraataa abdii hin murinaatii hojii ummata fayyadu hojjadhaa. Mul’ata cimaa Ergamaan Rabbii (saw) barsiisan keessaa tokko seenaa armaan gadiiti: 

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ: أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، قَالَ: «إِذَا هَلَكَ كِسْرَى فَلاَ كِسْرَى بَعْدَهُ، وَإِذَا هَلَكَ قَيْصَرُ فَلاَ قَيْصَرَ بَعْدَهُ، وَالَّذِي نَفْسِي بِيَدِهِ لَتُنْفَقَنَّ كُنُوزُهُمَا فِي سَبِيلِ اللَّهِ» صحيح البخاري (4 / 85) ومسلم.

Hadiisa Abuu Hurayraafi Jaabir bin Samuraa oddeessan keessatti Ergamaan Rabbii (saw) akkana jedhan: “Yeroo Kisraan (mootiin Faaris) kan ammaa du’e isa booda Kisraan biraa hin jiru. Yeroo Qaysar (mootiin Room Shaamiin jiru) inni ammaa du’e Qaysar biraa sana booda hin jiraatu. Rabbii lubbuun kiyya harka isaa jiruun kakadhee, kuusaan qabeenya isaanii karaa Rabbii keessatti kennamti (saddaqamti).” Bukhaariifi Muslimtu gabaase.

Mee mul’ata cimaa akka kanaa ilaali. Yeroo sanatti addunyaa kana irraa mootummaan cimaan sadarkaa duraa Kisraa (mootii Faaris) ture. Waraana kutaa baay’ee qabaachuu wajjiin kutaan tokkichi loltoota kuma dhibba lamaafi kuma shantama (250,000) ol ture. Kanuma wajjin Ergamaan Rabbii (saw) yeroo Kisraan inni amma jiru Yazdajar jedhamu du’e Kisraan biraa deebi’ee hin muudamuu ibsan. Dubbiin yoo gadi fageenyaan ilaaltan baay’ee ulfaataadha. Garuu qabatamaan hojiirra oolee mootummaan Faaris kan waggaa kumaa ol ummata hacuucaa ture achumaan diigame. Loltoota Muslimaa kuma soddoma hin caalleen bara Umar bin Alkhaxxaab keessa diigaman. Mootummaan cimaan Faarisitti aanu kan Room ture. Kan Roomis inni Shaam keessa ture erga du’ee lammaffaa deebifamee hin muudamne. Hadiisa Imaamu Ahmad, Abuu Ya’alaafi Ibn Abii Shaybaan faan gabaasan, kan warri siiraa baay’inaan dubbatan, garuu warra hadiisaa biratti sanadni isaa da’iifa ta’e kana mee akka seenaatti ilaalaa:


عَنِ الْبَرَاءِ بْنِ عَازِبٍ قَالَ: أَمَرَنَا رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ بِحَفْرِ الْخَنْدَقِ، قَالَ: وَعَرَضَ لَنَا صَخْرَةٌ فِي مَكَانٍ مِنَ الخَنْدَقِ، لَا تَأْخُذُ فِيهَا الْمَعَاوِلُ، قَالَ: فَشَكَوْهَا إِلَى رَسُولِ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَجَاءَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، وَضَعَ ثَوْبَهُ ثُمَّ هَبَطَ إِلَى الصَّخْرَةِ، فَأَخَذَ الْمِعْوَلَ فَقَالَ: «بِسْمِ اللَّهِ» فَضَرَبَ ضَرْبَةً فَكَسَرَ ثُلُثَ الْحَجَرِ، وَقَالَ: «اللَّهُ أَكْبَرُ أُعْطِيتُ مَفَاتِيحَ الشَّامِ، وَاللَّهِ إِنِّي لَأُبْصِرُ قُصُورَهَا الْحُمْرَ مِنْ مَكَانِي هَذَا» . ثُمَّ قَالَ: «بِسْمِ اللَّهِ» وَضَرَبَ أُخْرَى فَكَسَرَ ثُلُثَ الْحَجَرِ فَقَالَ: «اللَّهُ أَكْبَرُ، أُعْطِيتُ مَفَاتِيحَ فَارِسَ، وَاللَّهِ إِنِّي لَأُبْصِرُ الْمَدَائِنَ، وَأُبْصِرُ قَصْرَهَا الْأَبْيَضَ مِنْ مَكَانِي هَذَا» ثُمَّ قَالَ: «بِسْمِ اللَّهِ» وَضَرَبَ ضَرْبَةً أُخْرَى فَقَلَعَ بَقِيَّةَ الْحَجَرِ فَقَالَ: «اللَّهُ أَكْبَرُ أُعْطِيتُ مَفَاتِيحَ الْيَمَنِ، وَاللَّهِ إِنِّي لَأُبْصِرُ أَبْوَابَ صَنْعَاءَ مِنْ مَكَانِي هَذَا» مسند أحمد مخرجا (30 / 625)

Baraa’i bin Aazib irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: “Ergamaan Rabbii (saw) dawoo boollaa (khandaqiin) qotuu nu ajajan. Dhagaan guddaan tokko boolla dawoo keessatti nu mudate. Burruusni isii cabsuu dadhabe. Achumaan Ergamaa Rabbiitti (saw) himanne. Ergamaan Rabbii (saw) ni dhufan. Huccuu isaanii lafa kaa’anii gara dhagaatti gadi bu’an. Burruusa fudhatanii ‘”bismillaah” jedhanii yeroo tokko rukutanii tokko sadaffaa dhagichaa cabsan. Achumaan “Allaahu Akabr! Injifannoon Shaam naaf kenname. Wallaahii ani bakka kiyya kana irraa gamoolee isii didiimaan argaa jira” jedhan. Ergasii “bismillaah” jedhanii rukuttaa biraa rukutanii tokko sadaffaa dhagichaa cabsan. Achumaan “Allaahu Akabr! Injifannoon Faaris naaf kenname. Wallaahii ani bakka kiyya kana irraa magaalota isiin argaara; gamoolee isii a’adiis nin argaa jira” jedhan. Ergasii “bismillaah” jedhanii rukuttaa biraa rukutanii tokko sadaffaa hafe cabsan. Achumaan “Allaahu Akabr! Injifannoon Yaman naaf kenname. Wallaahii ani bakka kiyya kana irraa Hulaalee San’aan argaa jira” jedhan. Imaamu Ahmad faatu gabaasan.

Mee seenaa kana dhaabbadhuu xiqqoo xiinxali. Lola Khandaq jechuun yeroo Araboonni bakka baay’een kan akka Qurayshii, Ghassaan, Yahuudaan Khaybariifi Banii QUrayzaan walitti funaanamtee loltoota kuma kudhanii oliin guutummaatti Islaama addunyaa irraa dhabamsiisuuf murattee kaateedha. Yeroo sanatti lakkoofsi Muslima addunyyaa irra jiruu hanga loltoota kanaa hin ga’u ture. Ergamaan Rabbii (saw) fi sahaabonni baay’ee yaadda’anii turan. Furmaata barbaadanii dadhabanii Salmaan Alfaarisiin yaada dawoo boollaa qotuu kan Arabni hin beekne fide. Achumaan sana qotuutti seenan. Sahaabota gurguddaayyuu lubbuun kokkee geessee turte. Suuraan Ahzaab baay’inaan waan kana ibsa. Rakkoo kana keessatti Ergamaan Rabbii (saw) mul’ata akkasii dubbatan. Munaafiqoonni yeroo kana dhaga’an “nuti fincaanuu akka itti fincaannu dhabnee waan namichi kun dubbatu ilaalaa” jedhan. Garuu dubbichi osoo dheeraa hin turin qabatamaan argame. Mee mul’ata kanaa olii dhageessanii ykn argitanii beektuu?

Walumaa galatti mul’ata qabaachuun nama tokkoo dirqama. Yoo hogganaa wahii ta’e immoo mul’ata ifaa qabaachuutu irraa eegama. Hordoftoota isaa gara itti kakaasu beekuu qaba. Mul’ataa isa kana immoo qabatamaan lafarratti argamsiisuuf sirriitti hojjachuutu irraa eegama. Kana gochuuf immoo karoora qabaachuutu irraa eegama.


الذبح لغير الله

Waan Rabbiin malee jiruuf Qaluu

***************************

{ قُلْ إِنَّ صَلَاتِي وَنُسُكِي وَمَحْيَايَ وَمَمَاتِي لِلَّهِ رَبِّ الْعَالَمِينَ (162) لَا شَرِيكَ لَهُ وَبِذَلِكَ أُمِرْتُ وَأَنَا أَوَّلُ الْمُسْلِمِينَ} [الأنعام: 162، 163]

Jedhi: "Dhugumatti salaanni kiyya, qalmi kiyya, jireenyi kiyyaafi duuti kiyyas Rabbii Gooftaa aalama qofaafi. Shariikni isaaf hin jiru; isuma kanattin ajajame; ani jalqaba Muslimootaati.” [Al-An’aam: 162-163]


{فَصَلِّ لِرَبِّكَ وَانْحَرْ} [الكوثر: 2]

Gooftaa keetiif sagadii isaaf qali. [Alkawsar: 2]


Aliyyii irraa odeeffamee [ra] ni jedhe: Ergamaan Rabbii [saw] jechootii afur natti himan: “nama waan Rabbiin malee jiruuf qale Rabbiin abaare; nama haadhaa abbaa isaa abaare Rabbiin abaare. Nama waan adabbii dirqama isarratti godhu hojjate nama qubsiise Rabbiin abaare. Nama daangaa dachii jijjiire Rabbiin abaare.” Muslimtu gabaase.


Xaariq bin Shihaab ni jedhe: Ergamaan Rabbii [saw] ni jedhan: “namni tokko sababa tisiisaa jannata seene; namni biraa immoo sababa tisiisaa ibidda seene.” Sahaabonnis ‘sun akkamitti ta’e yaa Ergamaa Rabbii?’ jedhan. Nabiyyiin [saw] ni jedhan: “namoonni lama ummata wahii kan taabota qabanitti dhufan. Namni tokkollee hanga taabotichaaf waa dhiheessutti hin darbu ture. Isa tokkoon waa dhiheessiif jedhan. ‘Wanti ani dhiheessu na bira hin jiru’ jedhe. ‘Osomallee tisiisa ta’ee dhiheessi’ jedhan. Tisiisa dhiheessee karaa gadhiisaniif. Sanaan ibidda seene. Isa kaaniinis dhiheessi jedhan. Inni immoo ‘ani Rabbii guddaa gaditti eenyuufuu kan homaa dhiheessu hin taane’ jedhe. Achumaan morma isaa rukutan; sanaan jannata seene.” Ahmadtu gabaase.


Barnoota Boqonnichaa

. Hiika jecha Rabbii “salaanni kiyyaafi qalmi kiyya” jedhuu. Waan Rabbiin malee jiruuf qaluu jechuun:

. Sanamaaf qaluu,

. Nyaachuuf qalamee maqaa Rabbiitiin ala waa irratti jedhamuu,

. Yeroo roobni bade akka roobni dhufuuf kan qalamu.

. Yeroo mana ijaaran dhiiga buusuu jedhamee kan qalamu.

. Yeroo namni wahii xiyyaara ykn konkolaataa irraa gadi bu'u kabajaa isaaf dhiiga dhangalaafamu.

. Yeroo hojii ykn warshaa wahii banan sodaa jinniif dhiiga dhangalaafamuufi kkf.


Hiika jecha Isaa “Rabbii keetiif salaatii Isaa qali”,

. Nama waan Rabbiin male jiruuf qale abaaruun jalqabame,

. Nama maatii isaa abaare abaaruu, ati maatii nama biraa abaarraan innis kan kee abaaruunis kanuma,

. Nama waan adabbii dirqama isarratti godhu hojjate kan jedhame nama waan haddii qabu hojjate kan nagaa godhee qubsiisuudha.

. Nama daangaa dachii jijjiire abaaruu, daangaan jedhame kun geppoo lafaa jidduu keetiifi ollaa keetii jiru duuba aansitee ykn itti siqattee jijjiiruudha.

. Nama dhuunfaa tokko addatti abaaruufi warra yakka qaban akka walii galaatti abaaruun wal dhaba.

. Seenattii guddoo, isiin seenaa tisiisaati.

Tisiisa isii osoo itti hin yaadin, adabbii isaanii jalaa ba’uuf hojjateen ibidda seenuu isaa,

Hammeenya shirkiin qalbii Mu’umintootaa keessatti qabdu beekuu, namni sun akkamitti ajjeefamuu irratti obse osoma isaan hojii mul’ataa qofa isarra barbaadanii beekuu?

Namichi inni ibidda seene Muslima ta’uu, osoo kaafira ta’ee sababa tisiisaa ibidda seene hin jedhamu.

. Kana keessa hadiisa sahiiha “jannanni hidhaa kophee keessaniirra isinitti dhihoodha; ibiddis akkasuma” jedhuuf ragaatu jira.

. Hojii qalbiitu hundarra barbaadamaa beekuu, warruma taabota gabbaru birattillee akkasi.

Caalaan Namaa nama ofirra darbee kan biraa fayyaduudha

Rasuul (saw)

***********************

Namichi tokko Ergamaa Rabbiitti (SAW) dhufee 'nama hundarra eenyutu Rabbiin biratti jaalatama? Hojii hunda caalaa kamtu Rabbiin biratti jaalatama?' jedhe. Nabiyyiin (SAW) ni jedhaniin: "Nama hunda caalaa kan Rabbiin biratti jaalatamu kan hundarra nama biraa fayyaduudha. Hojiin hundarra Rabbiin biratti jaalatamu gammachuu ati Muslima irra seensiftu, ykn cinqaa isarraa saaqxu, ykn hidaa irraa kafaltu ykn beela irraa ariituudha. Ani obboleessa kiyyaaf haajaa baasuuf jecha deemuutu masjida kiyya keessa ji'a tokko i'itikaafa taa'uurra na biratti jaalatama. Nama dallansuu isaa liqimse (qabate) Rabbiin hanqina isaa dhoksa. Nama osoo haaloo ba'achuu danda'uu dallansuu isaa liqimse Rabbiin guyyaa Qiyaamaa qalbii isaa jaalalaan ykn tasgabbiidhaan guuta. Nama haajaa obboleessaa baasuuf jecha wajjin deemee xumureef Rabbiin guyyaa Qiyaamaa ogga miilli namaa Siraaxa irraa mucucaattu miila isaa gadi dhaaba."

Hadiisichi Sahiih Attarghiib keessa jira.

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH