Ijjannoo Ahlassunnaan Maqootaafi Sifaata Rabbii irratti qaban
Ijjannoo Ahlassunnaan Maqootaafi Sifaata Rabbii irratti qaban
************@@@@@@@@@@@@@@
Rabbiin amaloota ol aanaafi maqoolee gaggaarii qaba.
Namni kamuu Rabbiin caalaa Rabbiin beekuu hin danda'u. Kanaafuu waan Inni kitaaba isaa keessatti yookiin sunnaa ergamaa Isaa keessatti ofirraa morme Isarraa dhabamsiifna; waan Inni ofiif mirkaneesse ni mirkaneessina. Faallaa isaa hundaa ni dhabamsiifna. Amaloota guutuu isaaf mirkaneessina. Garuu akkaataa itti hin goonu uumamatti hin fakkeessinu.
Yoo Namni tokko adda baasee sifaata hanqinaatiin Rabbiin ibse nutis adda baafnee irraa mormina. Fakkeenyaaf Rabbiin niitiifi ilma of irraa mormeera. Rabbiin ni jedhe: “Niitii kan hin qabne ta'ee akkamitti ilmoon isaaf ta’a?” (Al-an’aam: 101).
Ammas ni jedhe: “hin dhalle hin dhalannes.” (Al-Ikhlaas: 3). Isa Yahuudonni donnummaan isa dubbatan of irraa morme: “Yahuudonni "harki Rabbii sakaalamtuudha" jette. Harki isaanii hidhamtee waan jedhaniinis abaaramaniiru. Lakki! Harki Isaa lamaanuu diriiroodha. Akka fedhetti kenna.” (Almaa’idaa: 64).
Waan wahyii keessatti dhufe akkasumatti tarra. Fakkeenyaaf waan sifaataafi maqoolee Rabbii keessatti dhufe dhugaa isaa mirkaneessina. Faana isaa garii ni hubanna. Sanarratti hin daballu. Rabbiin wanti Isa fakkaatu hin jiru. Rabbiin ni jedhe: “Fakkaataan Isaa (Allaah) hin jiru. Inni dhaga’aa, argaadha.” (Ashuuraa: 11).
☪️☪️☪️☪️☪️☪️☪️☪️☪️☪️
Sifaata Rabbii maaliinuu madaaluun nuuf hin eeyyamamu. Wanti madaalamu hundeefi damee qaba. Rabbiin tokkicha fakkii hin qabneedha. Dameen isatti dhihaatu hin jiru; bu’uurri isa dursus hin jiru. Tokkicha; hirkoo waa hundaati. Hin dhalle hin dhalanne. Wanti tokkollee fakkaataa isaaf hin taane.
👇👇👇👇👇
Sammuu jechuun meeshaa Rabbiin uumeedha. Waan dhageessu waan argituun madaalti. Isa Rabbiin waa’ee Ofii hime dhageesse malee duraan hin argine. Fakkeenya dhihoo argiteen madaalti. Sammuun hunduu akka duraan argee jiruun hubata. Waan ilaaleen akkaataa kaa’a. Rabbiin sammuu hundaa keessattuu fakkaataa hin qabu. Garuu fakkii hamaa sammuu namaa keessatti uumame dhabamsiisuuf jennee maqaa Rabbii yookiin sifaata isaa hin dhabamsiifnu. Yoo kana goone ragaa sirrii kijibsiisuutti deemna. Garuu hiika hamaa lubbuu keessa seene ni dhabamsiifna. Waan Inni ittiin Of ibseefi moggaase mirkaneessinee achumatti dhaabbanna.
⭐️⭐️⭐️⭐️⭐️⭐️⭐️⭐️
Rabbiin ni jedhe: “Inni waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaanii beeka. Isaan immoo beekumsaan isa hin marsine.” (Xaahaa: 110). Ammas ni jedhe: “[Addunyaatti] agartuun Isa hin agartu. Inni immoo agartuu hunda ni arga. Inni mararfataa, beekaadha.” (Al-An’aam: 103).
Rabbiin ol ta'e samii ol, gubbaa Arshii isaatti ol ta’eera. Rabbiin ni jedhe: “Inni duruma jira; kan boodaatis; mul’ataadha; dhokataas [argaadha]; Inni waan hunda beekaadha. Inni Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee ergasii [ol ta’iinsa isaaf malu] Arshii irratti ol ta’eedha. Waan dachii keessa gadi seenuufi waan ishee irraa ba’u, waan samii irraa bu’uufi waan ishee keessa ol ba’us ni beeka. Inni eessallee yoo jiraattan isin waliin jira. Rabbiin waan isin dalagdan hunda ni arga.” (Alhadiid: 3-4).
❤❤❤❤❤
Zaata isaatiin gubbaa arshii ta’us beekumsa Isaatiin waan hunda marsuu mirkaneesse. Gabroota isaa waliin ta’uus nutti hime. Inni beekumsa, dhageettiifi agartuudhaan isaanii wali. Rabbiin ni jedhe: “Inni eessallee yoo jiraattan isin waliin jira.” (Alhadiid: 4). Inni jaalalloo isaa waliin tumsaafi gargaarsaan jira. Rabbiin Muusaafi Haaruuniin ni jedhe: “Hin sodaatinaa. Dhugumatti, Ani isin lamaan wajjinin jira; nan dhaga’a; nan argas.” (Xaahaa: 46).
👇👇👇
Rabbiin fedhii guutuu kan waan hundatti marse qaba. Wanti inni fedhe ni argama kan inni hin feene hin uumamu. Akkuma inni ofii isaatiif mirkaneesse mirkaneessinaaf. Kanarra dabalatatti hin seennu. Akka warri sammuu qofaan deemu waan hin fakkaanne keessa seenanii waan faallaa walitti fidan hin taanu. Rabbiin ni jedhe: “Akka kanatti Rabbiin waan fedhe hojjata.” (Aali Imraan: 40). Ammas Rabbiin ni jedhe: “garuu Rabbiin waan fedhe hojjata.” (Albaqaraa: 253). Ammas Rabbiin ni jedhe: “[Inni] abbaa Arshiiti; guddaadha.
Waan fedhe akkaan hojjataadha.” (Alburuuj: 15-16).
Waan ragaan wahyii mirkaneesse isaaf mirkaneessina. Waan sanaan alaa irraa ni dhaabbanna. Hanqina sammuun irraa dhabamsiisu kan akka gadduu, boo’uu, beela’uufi kkf odoma ragaan itti dhufuu dhabeewuu ni dhabamsiifna.
Comments
Post a Comment