Iimaanni Qalbiin amanuu, arrabaan dubbachuufi qaamaan hojjachuudha. Tokkollee keessaa hir'annaan iimaanni hin jiru.



 Iimaanni Qalbiin amanuu, arrabaan dubbachuufi qaamaan hojjachuudha. Tokkollee keessaa hir'annaan iimaanni hin jiru.

Kalaamni Gaariin Sadaqaa:

Iimaanni Qalbiin amanuu, arrabaan dubbachuufi qaamaan hojjachuudha. Tokkollee keessaa hir'annaan iimaanni hin jiru.

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇


Iimaanni haasaa, hojiifi waan qalbiitti qabatamuudha. Sadeen kunuu iimaana. Akkuma Maghribni raka’aa sadii ta’ee yoo tokko irraa hir’ate maghriba hin jedhamne, iimaannis yeroo sadan kun: hojiin yookiin haasaan yookiin qalbiitti hidhachuun irraa hir’ate iimaana hin jedhamu.

☪️☪️☪️

Maalummaan sadan kanaa kan tokkoon ishee dhibamuudhaan iimaanni guutuun dhibamu waan sharii’aan Muhammad (saw) ittiin dhuunfaa taateedha. Qalbiitti hidhachuu kan jedhame namootaaf gaarii yaaduufi hisdii irraa qulqullaa’uu miti. Isa kana lubbuun nama baay’ee odoma Rabbiin jiraachuu hin amanneeyyuu itti daba. Kan itti fedhame haasaafi hojii qalbiiti. 


⭐️Haasaan qalbii: “dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru; Muhammad immoo Ergamaa Rabbiiti. Wanti Nabiyyiin keenya (saw) Rabbii isaanii irraa fidan haqa” jechuu dhugoomsuudha. 

⭐️Hojiin qalbii: Rabbiin jaallachuu, Nabiyyii isaafi amantii Islaamaa jaalachuu, waan Rabbiifi ergamaan Isaa jaallatan jaalachuufi ibaadaa keessatti isaaf qulqulleessuudha.

Haasaan jedhame jechoolee toltuu walii galaa kan akka dhugaa dubbachuu, maatiidhaaf haasaa laaffisuu, salaamtaa jechuufi nama karaa bade sirreessuu keessatti hin daangeffamu. Isa kana lubbuun hunduu odoma kan Rabbitti kafartuufi jiraachuu isaa mormitu taateeyyuu ni jaalatti. Kan itti fedhame waan ergaan Muhammad ittiin beekameedha. Kana keessaa ol aanaan shahaadaa lamaan dubbachuu, tasbiiha jechuufi Rabbiin guddisuudha.

🔥🔥🔥🔥🔥🔥

Hojiinis hojii toltuu walii galaa kan akka maatiif tola ooluu, karaa irraa waan rakkisaa dabsuu, hiyyeessa nyaachisuu, miidhamaa gargaaruu, keessummaa kabajuu keessatti hin daangeffamu. Isa kana lubbuun iimaana hin qabneyyuu ni feeti. Hojiitti kan fedhame hojii isa nabi Muhammad (saw) nutti fidan kan akka salaataa, zakaa, sooma, hajjiifi kkf dha.

Hojiin toltuun kan ergaan samii hundiifi uumamni itti walii gale kan akka namaaf tola yaaduu, dhugaa dubbachuu, maatiif tola ooluu, hiyyeessa nyaachisuu, karaa irraa waan rakkisaa dabsuufi kkf yeroo hojjattu yoo ikhlaasaan ta’eef iimaana dabala. Garuu isaan dhabamuudhaan iimaanni hin dhabamu. Argamuun ishee iimaana hin argamsiisu. Wanti isheen agarsiiftu uumamni isaa sirrii ta’uu, namummaan inni irratti uumame hin jijjiiramneedha. Inni dhugaa simachuutti dhihoodha. Rabbiin ni jedhe: “Uumaa Rabbii ishee inni irratti nama uume [qabadhaa].” (Arruum: 30).

👇👇👇👇👇👇

Iimaanni ni dabalata, ni hir’ata. Ni barbadaa’as. Hojii gaariidhaan dabalee yakkaan hir’ata. Kufriifi shirkiidhaan malee hin barbadaa’u. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: “Mu’uminoonni dhugaa warra yeroo maqaan Rabbii dubbatamu onneen isaanii rifattu, kan yeroo keeyyatoonni Isaa isaan irratti dubbifamtu Iimaana isaaniif dabaltuudha.” (Al-Anfaal: 2). 

Ammas ni jedhe: “warra amananiif iimaana akka dabaluuf.” (Almuddassir: 31). Rabbiin ni jedhe: “akka isaan iimaana isaanii wajjin iimaana dabalataniifi.” (Alfath: 4).

☪️☪️☪️

Booda kufriitii iimaanni kan armaan gadiitiin malee hin mirkanaa’u:

1. Qalbiin amanuudhaan: qalbiin dubbachuudhaani: Innis ergaa dhugoomsuudha. 

2. Hojii qalbiitiini: innis Rabbiifi ergamaa Isaa, waan isaan lamaan jaalatan jaalachuudha.

Ergasii arrabaan dubbachuudha.

Sana booda qaamaan hojjachuudha.

Namni onnee isaatiin dhugoomsee arrabaan dubbachuun osoo mijaa’uu dubbachuu dide mu’uminaa miti.


Namni qalbiin dhugoomsee arraba isaatiin dubbatee hojii sharii’aan Muhammad (saw) ittiin dhufte hojjachuun mijaa’eefii hojjachuu dhiise Mu’uminaa miti.

Namni dubbachuu yookiin hojjachuu niyyatee mijaa’uufii dide “Rabbiin lubbuu kamuu dandeettii isheetiin malee hin dirqisiisu.” (Albaqaraa: 286). Rabbiin ni jedhe: “Rabbiin lubbuu kamiyyuu waan isheedhaaf kenne malee hin dirqisiisu.” (Axxalaaq: 7).


Muslimni yeroo waan iimaana isaa hir’isu kan haasaa, hojii yookiin qalbii keessa bu’e iimaanni isaa hunduu ni hir’ata. Sababni isaas iimaanni sadan kana waan ta’eef. Akkuma raka’aan sadii magriba ta’u isaan sadan iimaana ta’u. Yeroo namni salaatu raka’aa sadan irraa tokko keessatti waan salaata balleessu hojjate, odoma inni raka’aa biroo bifa sirriin raawwateeyyuu, salaanni isaa hunduu ni bada. Kun immoo isa nuti iimaanni hojii gaariidhaan dabalee yakkaan hir’ata jenneen wal hin faallessu. Akkuma salaanni guutuun waan salaata balleessu tokkoon badu akkasuma hojii gaarii kan akka dhaabbii dheeressuu, khushuu’aafi qiraatii faan ni dabala. Waan dhorgamaa akka gara samii ilaaluu, akka sareetti dhundhuma diriirsuufi kkf’n ni hir’ata malee hin badu. Waan sharii’aan iimaana hir’isa jedhe malee wanti iimaana hir’isu hin jiru. Salaatas wanti balleessu waan sharii’aan hin balleessa jedhe qofa.

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH