SEENAA UMAR BINU KAXXAAB
2. SEENAA UMAR BINU KAXXAAB
Nabi Muhammad s.a.w akka jedhe “osoo na boodaan nabiyyiin jiraatee silaa Umartu taha! jedhe.” “Garuu ani nabiyyii boodaati nabiyyiin biraa na boodaan hin jiru.” Inni nama islaamummaan isaa Banaa [Furtuu] islaamummaa tahe. Godaansi isaallee tumsa ummata islaamaa tahe. Akkasuma inni nama motummaan isaallee motummaa haqaa taate. Inni nama yeroo hedduu qur’aannii Rabbi yaada isaa qunnamee bu’eedha. Inni nama ergamaan Rabbii nabi Muhammd s.a.w Jannataan isa gamachiise. Inni nama sheyxxaanni karaa isaa irraa dheessu. Inni nama osoo booyu imimmaan fuula isaa irratti karaa baafate. Nama hedduu Rabbi gabbaraa tahe. Namaa hedduu dinagdee irraa dantaa dhabaa tahe. Akkasuma nama hedduu duulaa tahe jihaada irratti. Inni nama karaa Rabbii irraatti nama tokkoofillee hin quuxoyne. Nama dhugaa dubbatu hanguma feetellee yoo hadhooyte dhugaan sun. Inni nama yeroo duraatiif yahuudaa biyyoota arabaa keessaa baase xiqqaattuu haala taateen.
Koottaa ni jiraachifnaa lubbuuwwan teennaafi ruuhiiwwan teenna seenaa sahaabticha qeeransa kanaatiin.
Umar ilma Kaxxaab bara Arbaa “عام الفيل” irraa waggaa 13 turee Makkaan keessatti dhalate. Gosti isaa Adiyyi jedhamti. Nama qaama jabaatiifi goota namaati. Kan namni kaluu jiruufi fagoo jirullee isa sodaatu. Dandeetti dubbisuufi barreessuu nama dandahu. Zamana jaahiliyyaa /barrentumaa/ keessatti Ambasaaddara “سفير” qureeyishii tahee dalagaa ture. Yeroma san Rabbiin nabi Muhammadiin s.a.w ergee jennaan nabi Muhammadiifi s.a.w sahaabotatti diina guddaa tahee hedduu rakkisaa ture.
Seenaa Islaamawuu Umar
Guyyaa tokko Ummu Abdallaah binti Abiheysamaa karaa biyya Habashaa osoo godaanssaaf deemaa jirtu, Umar ibnu Kaxxaab itti dhufee eessa akka deemaa jirtu gaafateen. “Lafa isin keessaatti nu darartan keessaa, gara lafa Rabbiin itti gabbaruu danddeenutti deemutti jira.” jetteeni deebifteef. Umaris Rabbiin isin waliin haa jiraatu jedheen. Akkuma isaan addaan baateen jaarsi isii Aamir itti dhufee jennaan akka Umariin agartte baqataaf ka’uu isaanii itti himtee jennaan dhiirsa isiitti Umaris gara laafiinsafi akka itti qalbii cabee isaaniif gadde ajaa’ibaa itti himte. jaarsi isii akkana jedhe.”Osoo harreen Kaxxaab islaamooyteellee Umar hin islaamayu.” jedhee yaada Umariif qabu ibse.
Gaafa tokko Umar farshoo dhuguuf gara mana farshoon itti gurguramtuu yoo gahu, warri farshoo gurguru hinjiran ture. Yaada isaa jijjiiree ka’abaa xawaafuf yoo deemu nabi Muhammadii s.a.w ka’abaa jalatti salaataa jiru arge. Carraa nabi Muhammadiin arguu kanatti gammadaa waan Muhammad jedhu dhokatee dhageeffatuuf murteeffate. Akka nabi Muhammad hin arginetti girdoo ka’aba jalatti dhokatee dhageeffachuu eegale.
Yeroma san mi’aan qur’aanaa onnee isaatti waa uume. Booda lubbuu isaatiin haasahu eegale. Qur’aanni kun walaloo tahuu shakke. Yeroma san nabi Muhammad s.a.w suuraa Al-Haaqqaa ayata qur’aanaa 40-4
إِنَّهُ لَقَوْلُ رَسُولٍ كَرِيمٍ (٤٠) وَمَا هُوَ بِقَوْلِ شَاعِرٍ ۚ قَلِيلًا مَا تُؤْمِنُونَ. الحاقة: 40-41
Qur’aanni kun jecha ergaa kabajamaati jecha walalootii miti.” jedhu qara’e.
Ammas Umariin qalbiin isaa qur’aanni kun jecha nama waa raaguu ta’uu shakite. Yeroo kanas nabi Muhammad s.a.w aayata itti aantu suuraa Al-haaqqa 42 “jecha raagaa hintaane.”
وَلَا بِقَوْلِ كَاهِنٍ ۚ قَلِيلًا مَّا تَذَكَّرُونَ. الحاقة: 42
jedhu qara’e. Yeroo kana garuu akkana ufiin jedhe. Aanaa kiyyaafi gosa kiyyaa waliin nagahaan jiraachuu naa wayya moo, islaama tahee aanaa kiyyaafi gosa kiyyaan waliin diinoomuu naaf wayya jedhee tasgabbii dhabe.
Nabi Muhammadis s.a.w akkana jedhee du’aayii kadhate. “Yaa Rabbi Abi Jahli binu Hishaamii fi Umar binu Kaxxaab keessaa nama gara keetitti jaalatamaa taheen islaamummaa tana jabeessi.” jedhee kadhate.
Guyyaa tokko Umar nabi Muhammadiifi s.a.w sahaabaan isaa Gaara safaa jalatti walitti qabaman jechaa beekee seeyfii isaa luqifatee nabi Muhammad s.a.w ajjeesuu qaba jedhee bahe. Yeroma san namticha gosa banii Zuhraa irraa taheen walitti dhufe. Namtichi “eessa demta?.” jedhee isa gaafannaan Muhammad “ajjeesuu deema.” jedheen. “yoo ati isa ajjeefte gosti isaa banii Haashimif baniin Abdimanaaf si dhiiftii yaaddaa?.” Jedheen. Umaris dallanee “Atiin kunuu isa jala deemuu hin ooltu.” isaan jedhe. Namtichis “sila obboleettiin tee Faaximaafi jaarsi isiillee Seid binu Zeyd islaamawanii, jiranii yoo ajjeesuun kee hin oolle ofirraa eegalii.” jedheen.
Yeroma san gara mana Faaxumaatti qajeele. Yoo mana obboleetitti dhihaatu sagalee qur’aanaa namni mana keessaa qara’utti jiru dhagahe. Sagaleen dhagahes sahaabdicha Kabbaab jedhamu, obboleettii isaatiifi jaarsa isii qaraasisutti jira ture. Umar mana seennaan Kabbaab jalaa dhokate. “maali sagaleen ani dhagahe?.” jennaan obboleettiin “nuti homaa hin dhageenne.” jetteen: “isin lamaan islaama taatan jechaa dhaghee jira. Dubbiin kun dhugaadha jedheen?.” Battalumatti jaarsi Faxumaa akkana isaan jedhe “atuu osoo islaamoytee, towbattee, waan ormi kee gabbaru kana dhiiftee.” jennaan Umar dhahaa jabduu dhahee lafatti kuffise. Faaxumaanis jaarsarraa dhoorguudhaaf kaatee jennaan: isis dhahee dhiiga fuularraan garagalche. Dhiiga isii argee heedduu rifatee garaa nyaatte.
Waraqaa qur’aanaa tan harkaa qabdu askenni jedheen. “Nicicirtaa sitti hin kennu!.” jennaan Umar hamtuu takkaanillee akka hin tuqne isiif kakate. Faaxumaaniis dallansuu isii irraa tasgabooftee “Ati najisaa ka’ii dhiqadhu.” jetteenn. Ka’ee dhiqatee xalayaa qur’aana kan suuraan Xaahaa itti barreeffame; haga Ayaata 14tti qara’e.
طه (1) مَا أَنْزَلْنَا عَلَيْكَ الْقُرْآنَ لِتَشْقَى (2) إِلَّا تَذْكِرَةً لِمَنْ يَخْشَى (3) تَنْزِيلًا مِمَّنْ خَلَقَ الْأَرْضَ وَالسَّمَاوَاتِ الْعُلَى (4) الرَّحْمَنُ عَلَى الْعَرْشِ اسْتَوَى (5) لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا وَمَا تَحْتَ الثَّرَى (6) وَإِنْ تَجْهَرْ بِالْقَوْلِ فَإِنَّهُ يَعْلَمُ السِّرَّ وَأَخْفَى (7) اللَّهُ لَا إِلَهَ إِلَّا هُوَ لَهُ الْأَسْمَاءُ الْحُسْنَى (8) وَهَلْ أَتَاكَ حَدِيثُ مُوسَى (9) إِذْ رَأَى نَارًا فَقَالَ لِأَهْلِهِ امْكُثُوا إِنِّي آنَسْتُ نَارًا لَعَلِّي آتِيكُمْ مِنْهَا بِقَبَسٍ أَوْ أَجِدُ عَلَى النَّارِ هُدًى (10) فَلَمَّا أَتَاهَا نُودِيَ يَا مُوسَى (11) إِنِّي أَنَا رَبُّكَ فَاخْلَعْ نَعْلَيْكَ إِنَّكَ بِالْوَادِ الْمُقَدَّسِ طُوًى (12) وَأَنَا اخْتَرْتُكَ فَاسْتَمِعْ لِمَا يُوحَى (13) إِنَّنِي أَنَا اللَّهُ لَا إِلَهَ إِلَّا أَنَا فَاعْبُدْنِي وَأَقِمِ الصَّلَاةَ لِذِكْرِي (14)
“maalumatu qur’aana kana akkanatti tolchee isa kabaje?.” jennaan sahaabdichi duraan mana keessatti dhokate Kabbaab binu Arattii itti bahe “gammadi yaa Umar!.” isaan jedhe. “Ergamaan Rabbii kan du’aayii kadhatuu dhagahee: akkana jedhee; ‘Yaa Rabbi islaamummaa tana jabeessi. Umarii fi Abu Jahli irraa tokkoon’ jedhe. “Sunis ani sitahuun kajeela.” yeroma san “gara Muhammad jiru na akeeki, dhaqee islaamaya.” jennaan akka gama mana Gaara Safaa san jiru itti hime.
Umar seeyfii isaa fannifatee dhaqee balabla itti dhadhahee: jennaan; sahaabdichi tokko qaawwaan laale. Umarii seyfii fannifatee dhaabbatu argee rifatee kara Rasuulaa s.a.w deebi’ee; “Umartu seyfii qabatee balbala dhaabbata.” jedheen.
Yeroma san Hamzaan binu Abdul Muxxalib “yaa Rasuula Rabbii s.a.w hayyamiif, yoo kan nagahaaf dhufu taate, isa kabajna: yoo inni hammeenyaaf dhufe immo seyfima isaatiin isa ajjeefna. Jennaan ergamaan Rabbii s.a.w hayyama isaaf godhe akka seenuuf.
Umar akka seeneen ergmaan Rabbi s.a.w mormoo isaa qabee hargufaa “maaltu sifide?.” jedheen “Rabbiif Rasuula s.a.w isaatti amanuuf dhufe.” jennaan eregamaan Rabbii s.a.w gammadee “Allahu Akbar!.” jedhe.muslimttnnis akka inni amanuu dhufe beekanii jennaan gammadan umaris achumatti islaamahee hojii eegale.
Umar yeroma san; “gadi baanee islaamummaa teenna haa mul’ifnunnuu jedhee sahaabota sarara lamatti qoode. Sarara tokkoffaa, ofii hogganee sarara lammaffaa Hamzaan hogganaa, haala saniin islaamummaa yeroo dheeraaf dhokatte ifatti baasan.
Mushriktoonni Makkaa humna jabeeffatuu islaamummaa arginaan hedduu rifatanii gaddan. Keessaahuu islaamawuun Umariifi Hamzaa hamilee isaanii tan islaamuummaa bariin balleesina jedhanii dhaadataa turan hamilee cabsite.
Islaamummaan akkuma doqna arjoomsitu, luyna gootomsitu Umariinis Leenca islaamaaf bookkisu gootee isa jijjirte. Kan dur ergamaa Rabbii ajjeesuuf halkaniifi guyyaa hirriba dhabaa ture, amma isa tiiksuuf lubbuu, ijoolleefi dinagdee isaatiin kan akka utubaatti islaamaaf dhaabbatu ta’e. Gara jabummaan dur ummata islaamaatif qabu mi’aan qur’aanaafi dhugaan diin islaamaa onnee isaa wasaka kaafirummaa keessaa dhiqxe. Hamma Gaala dhukubsatu bira taa’ee imimmaan isaa jiksuti isa jijjiirte. Hamma uumamnii cufti Rabbiif akka bultu hawwu takka gahe. Onneen isaa iimaanaan daraarte.
Godaansa /Hijraa\ Umar
Rabbiin Hijraa/godaanssa/ hayyama godhee sahaabonni hundi dhokatanii kara Madiinaa godaanan: Umariin male; Umar garuu guyyaa godaansaaf ka’e seyfii isaatiif eboo isaa qabatee ka’abaa yeroo torba irra xawaafee (naannawee) mushriktootaan akkana jedheen: namni Haati isaa isa haa dhabduu fedhe, takki “namni jaartiin isaa harmallaa haa taatuu fedhe kan ijoolleen isaa yatiima haataatuu fedhe, laga duubatti na haa eegu.” jedhee deeme. Hundi mushrikootaa sodaatanii dhiisan.
Godaansi isaa sodaa mushriktootaatiif hin taane, ajaja Rabbii guutuuf qofa malee. Ummanni Ansaaraa Umariif biyya qofa osoo hintaane, onnee isaaniillee bananiifii gammachuufii mirqaansaan isa simatan. Inni garuu waan jaalalleen isaa nabi Muhammad s.a.w irraa Makkatti hafeef gammachuu guddaa dhagahuu hindandeenne.
Yeroo muraasaan booda nabi Muhammadiifi s.a.w Abbaan Bakriitis kara Madiinaa godaanan. Sana booda Rasuullii s.a.w Abbaa Bakrii fi Umariin Waziira (ministeera) godhatee haala saniin islaamumma jabeessaa turan.
Sadarkaa Umar nabii biratti qabu
Nabi Muhammad s.a.w dhugumatti kan jaalatuu tahe Umariin, kan faarsu ta’e yeroo dheeraaf. Sunis waan argeefi dhugaa dubbachuu isaa, iimaana isaa, bololuu isaa diinii kanaaf jecha. Akkasumas nabi Muhammad s.a.w akkana jechuun isa faarsaa ture. “Osoo nabiyyiin naboodaan kan jiraatu taatee silaa Umartu taha.”
Akka Anas ilma Maalik irraa nuu odeeffametti ‘Guyyaa tokko nabi Muhammad s.a.wAbbaa Bakrii, Umarii fi Usmaan wajjiin Gaara Uhudii gubbaa bahanii jennaan Gaarri sosso’een. Yoo kana nabin Rabbii s.a.w Gaara milaan gadi dhiitee dhaabbadhuu sigubbarra kan jiru Nabiyyii, Siddiiqii fi shahiidee lameen qofa. Shahideen lamaan sunis Umarii fi Usmaan turan’.
Ammas akka Abdellah ilma Umar irraa nuu odeefametti “Irra gara laafaan ummata kiyyaa, ummata kiyyaaf: Abbaa Bakriiti. Aksuma irra jabaan isaanii immo diin Rabbii keessatti Umari.” jedhan nabiin Rabbii s.a.w.
Jannataan Gamachiifamuu Umar
Abdurahmaan binu Oowuf irraa akka nuu odeefametti “Ab baanBakriillee,Umarillee,Usmaanillee,Aliyyillee,Talahaall een,Zubeeyrilleen, Abdurahmaanilleen, Sa’aad ilma Abbaa Waqqasillee, Sa’iid ilma Zeydiillee, Abu Ubeeydaa ilma Jarraahillee warra janataati.” jedhe nabi Muhammad s.a.w Akka Anasii ilma Maalikii irraa nuu odeeffametti ergamaan Rabbii s.a.w jannata seenee Gamoo (qallaa) Ziqayyarra tolfame argee; gamoon kun kan eennuuti jedhee gaafatee jennaan kan dardarticha warra qureeyishii ta’uu itti himan. Yeroma san nabi Muhammad s.a.w of seehee dardartichi sun eennu jedhee gaafannaan Umar ibnu Kaxxaab jedhaniin. Hadiisa kana kan nuuf gabaasan Imaamu Tirmizi Ahmadiifi Ibnu Hibbaan akkasuma Sheekul Albaaniinis qulqulleessanii jiru. Jaalala Umariif qabu irraa kan ka’e nabin Rabbii s.a.w intala isaa Hafsaa tan jedhamtu irraa fuudhe. Maqaa isaas Abu Hafsi jedhee isa moggaase. Hikkaan isaa Abbaa Leencaa jechaadha.
Duula Umar
Duula nabi Muhammad s.a.w duulan irraa Umar duula tokkos hafee hin beeku.
Qur’aanaa fii Umar
Umar ibn Kaxxaab qur’aana suuraa Al-baqaraa waggaa 10ni /kudhani/ ol irra ture. Osoo yeroo gabaabdutti haffazuu dandahuu sababni, isaas aayata takka bira hinkutu, hujirra oolchuu malee. Yeroo qur’aana dhageeffatu hedduu booya.
Guyyaa tokko osoo yaabbiidhaan karaa deemu, gurbbaa tokko kan suuraatu Xuur aayata 7 - 8 gahutti qara’u dhagahe
إِنَّ عَذَابَ رَبِّكَ لَوَاقِعٌ (7) مَا لَهُ مِنْ دَافِعٍ. الطور: 7-8
Hiikkaan isii ‘Azaabni Rabbii keetii argamaadha yaa nabi Muhammad namni Azaaba san deebisu hin jiru’. aayata kana dhagahee jennaan osoo booyuu, yaabbii isaa irraa kufee dhibamee ji’a tokko ciise.
Guyyaa tokko Umar Waa sadihiin Rabbiin kiyya yaada koo na deeggare jedhee dubbate sunis;
Osoo bakka dhabbannaa Ibraahim bakka salaataa godhannee an jennaan Rabbiin bakka san bakka salaataa godhadhaa jedhee aayata qur’aanaa buuse.
Waa’ee hijaabaa ani nabi Rabbiitiin s.a.w waliin mari’annan Rabbiin aayata hijaabaa buuse.
Dubartiin walitti qabamnaan hinaaffaa nabi Muhammad s.a.w irratti ani dubartoota saniin jedhe. Anii Rabbii kiyya ni kajeela yoo nabi Muhammad s.a.w isin gadii dhiise, Rabbiin akka dubartoota biraa tan isinirra caalttu taate isaaf laatu jedheen. Akkasumatti Rabbiin aayaata qur’aanaa kan waan ani jedhe deeggartu buuse.
Umar akkas haa jedhu malee aayata kudhanii shan ol kan ta’utuu argame qur’aana keessatti kan isa deeggaru.
Sheyxaanni Umariin Baqachuu
Ilmi Namaa yoo akkaan Rabbi sodaachutti jabaate, Rabbiinis gabricha isaatif ulfinnaafii kabajaa nama sanii dabalee, nama biratti namni akka isa sodaatu godha. Kanaaf jecha nabiin Rabbii s.a.w akkana isaan jedhe. “mee naaf odeessi yaa ilma Kaxxaabii Rabbii lubbuun tiyya harka isaa keessa jirtuun kakadhee waa sinqunnamne, sheyxaanni karaa tokko keessaatti siqunnamee hoo; maqu malee hin taane karaa kee san irraa.”
Taytaa Qabaachuu Umar binu Kaxxaab
Abbaan Bakrii dhibamee jennaan, Umariin bakka buusuudhaaf garii sahaabotaatiin mari’ate. Isaan keessaa sa’id binu Zeeydi, Useeydi binu Hudeeyri, Abdurahmaan binu Oowfi fii Usmaan ibnu Affaan hundi isaanii afaan tokkoon irratti walii galan.
Gidduma kana sahaabdichi tokko dhufee Abbaa Bakriitiin akkana isaan jedhe. “Yaa Abbaa Bakrii Rabbii keetitti maal himuu hedda, yoo sigaafate; Umariin kan nurratti filtuuf jabeenna isaa osoo gartu.” Abbaan Bakriis dhibeen waan itti jabaateef “olqabaa nateessisaa.” jedhee “kanaan na sodaachiftanii? Rabbii kiyyaan ni jedha; irraa caalaa namaati file namarratti“.
Sana booda Umar angoo irratti bahee haala gaariin walqixxummaadhaan ummata islaamaa bara dheeraa bulche.
Bulchiinsa Umar Ibnu Kaxxaab
Mootummaa isaa keessatti waraana cimaa qopheessee, biyyoota hedduu cabsee diinii islaamaa baballisaa ture. Biyyoota inni cabse keessaa; Faarsi /Persia/ Iraaq, Shaam, Masrii, Ruumii fi biyyoota biroos cabsee mootummaa isaa jala oolche.
Faaris (Persia) waraanni muslimootaa bay’inni isaanii laakkofsaan 10,000 kan gahan hogannummaa Abu Ubeeydaa binu Mas’uud kan jedhamuun hogganamee, dulaaf karaa biyya Faaris bobba’e. Faarisis waraana hoggantoota jajjabaa lamaan Jaabaani fii Mardaan kan jedhamaniin muslimtootaan lolan. Muslimtoonni lola kana moo’atanii hoggantoota jaraas booji’uudhaan biyya jaraa cabsanii qabatan.
Yeroo booda ummanni Faarisii humna haarawaan walitti qabamee ummata muslimaatitti duuluudhaaf waraana cimaa qopheessan. Ummanni muslimaas dhagahee yeroma san ariitiidhaan Umaritti ergaa dabarse. Amiirri mu’imintootaa Umar waraana bakka hunda jiran akka kara Madiinaa dhufan ajaja dabarse. Waraanni hundi bakka jiruu dhufe. Amiirri mu’umintootaa waraana kana natu hogganuu qaba jedhe. Haa ta’u male ummanni muslimaa dura dhaabbatee akka inni hogganaa jabaa bakka buusee hafu godhan. Hogganaa cimaa naaf akeekaa jedhee gafatee jennaan namni hundi afaan tokkoon Sa’ad binu abii Waqqaas filate.
Sa’ad ibnu abii Waqqaas waraana hogganee kara Iraaq deeme. Waraana san keessa warri duula Badrii duulan namoota 99tu keessa jira. Warroonni beey’atul Redwaan ykn warroonni ahdii jaalalaa Rasuula s.a.w godhan namoota dhibba sadihiif kudhanii way. Namoonni 300 warrootaa Makkaan Rasuula s.a.w waliin cabse. Akkasuma waraanni 700 ilmaan sahaabotaatii fii waraana biroo kan san malee jiru qabatee, Iraaq naannoo Al-qaadisiyyaa jedhamutti waraanni lamaan wal qunnaman.
Duulli kun kan argame Hijraa irraa ganna 16 keessatti.
Waraanni Faaris 150,000 kan gahu hogganaa isaanii cimaa kan tahe Rustum kan jedhamuun hogganamee bakka Al- qaadisiyyaa jedhamutti waraanni lamaan lola walitti banan.
Waraanni Faaris hedduminna guddaa qabaatullee, Rabbiin tumsa ummaata muslimaatiif godhe. Waraanni muslimaa Faarisiin cabsee magaalaa Nahaawandii jedhamtu harkaa qabatan. San qofatti hin dhaabanne magaalaa akka Asbihaan, Azrabijaani fi Kurasaan tan jedhamtu cabsanii handhurfatan. Haala kanaan diinii islaamaa babal’isaa turan.
Akkasuma biyya Shaam hogganaan isaa Abu Ubeeydaa ilma Jarraahi jedhamuun cabsanii islaamummaa bal’isan. Kana qofaa miti biyya akka Masrii waraana hogganaan isaa Amribnul Aas jedhamuun cabsan.
Bulchiinsa Umar Sodaa Rabbii Keessatti
Haala jireenya ummataaf bakka bu’oota isaa waliin qabu:- Guyyaa tokko ajajaan ganda tokko umariin salaamuuf dhufee umarii ilma isaa dhungatu argee jennaan “Ati ilmaan tee ni dhungattaa?.” Ani Rabbitti kakadhe takkaa ilma kiyya dhungadhee hinbeeku jedheen; Yeroma san “Umar namni ilmaan isaatiif rahmata hin goonee ummataaf raahmata hin godhu.” jedhee taytaa irraa buuse.
Guyyaa takka mootiin Qeysar ergamaa isaa haala Umar akka laaluuf erge. Ergamaan mootichaa Madiinaa gahee, meeti mootiin keessan jedhee ummata gaafate. “Nuti mootii hin qabnu; ajajaa ykn Amiira malee.”, erga jedhaniini gara inni jirutti akeekaniif. Yeroma kana Umarii harka isaa boraafatee oo’a aduu keessa cirracha lafaa irra rafu arge. Itti dhiyaate: “yaa Umar; walqixxummaa dalagdee, of amantee, nagaha argattee, akkanatti rafte! mootiin keenna immoo waan miidhaa namatti dalageef jecha, halkan hirriba dhabee qaaxiraa bula. Diiniin kee diinii dhugaa tahuu ragaa baha. Garuu ergaa dhufeef geessee, deebi’ee islaamaya.” jedheenii deeme.
Galgala tokko Umar; gabricha isaa waliin utuu deemaa jiru, intaloo takka tan okkotee ibiddarra keettee, tan ijoolleen isii beelaaf qabbanarra moggaa isii teettee boottu argee itti gore. “Ijoolleen maaliif booyan?’ jedhee gaafatee jennaan beelaaf qabbanatuu bochisa jettee deebifteef. “Haala keessan kana Umar quba qabaa?.” jedhee gaafate. “Umar quba nu hin qabu. Mootummaa teenna mooyee nu irraanfate.” jettee deebifteef. Yeroma san Umar rifatee gabricha isaa wajjiin deemee gara mana kuusa midhaanii ykn magaazinaa gulufe.
Umar harcee fii zeeytii gabrichi akka dugda isaa irra kaayu gaafannaan gabrichi immoo baadhachuun akkaa dirqama gabraa taate beekee baadhachuu fedhe. “Guyyaa qiyaamaa cubbuu tiyya situu narraa baataa?.” jedheenii dide. Dugda isaa irratti baatee deemee nyaata dalageefii ijoollee nyachisee obaasee haadha ijoolleetiin; ganama Umariin biratti natti koottu, achitti nagartaa jedheenii biraa deeme.
Borumtaa ganama deemttee argitee akka inni Umariin ta’e beeytee rifatte. “Hin rifatin.” jedheenii isiifii ilmaan isiitiif mindaa ji’aa godheef, mana dinagdee muslimootaa irraa.
Eega Umar du’e sahaabdichi maqaan isaa Usmaan binu Abii Aas jedhamu; jaartii Umar fuudhe. Maaliif akka fuudhe gaafatanii jennaan Rabbii kiyyatti kakaadhee kajeellaa dinagdeeti fii ilmaaniitiif isii hin fuune. Akkaataa Umar galgala ibaadaa itti godhu natti haa himtuuf malee jedhee deebiseef.
Guyyaa tokko Umar salaata Jum’aa kuxbaa irraa ture. Yeroon booda dhufee ummata dhiifama gaafatee, waan isa mudate akkana jedhee himeef: “ani uffata tokko malee hin qabu najalaa baqaqee (tarsa’ee) jennaan niitiin (jaartiin) tiyya hanga isiin naaf hodhituu eeguuf ture.” jedhee rakkoo isaa himeefii na hofolchaa jedheen.
Akkasuma biyya Shaamii dhaqee nyaata takkaa inni hin nyaatin dalaganii dhiyeessaniifii jennaan, heeddu erga dinqisiifatee booda akkana isaaniin jedhe “mee yoo nuti kana sooranne, dhaboon muslimtootaa hoo; warroonni buddeena gogaa nyaatanii hin quufin hoo maaliin jiraatan?.” jedhe.
Guyyaa tokko magaalaa dhaqee Gaala gabbataa tokko argee “Gaalli kun kan eennuuti?.” jedhee gaafate. Ilmi isaa Abdallah kan jedhamu “kiyya anatu warroota Gaala tiksanitti kennadhee akkanatti naaf gabbatee deebi’ee.” jedheen. “Kan ilma Amiira mu’mintootaati jedhanii kan namaatiin adda baasanii siif gabisanii mitii?.” jedhee: Gaala gurguree qarshii jalqaba inni ittiin bite deebiseefii, bu’aa argame kara mana tajaajila dinagdee muslimootaatitti deebise.
Waan raajii namatti tahu guyyaa tokko; guyyaa hoo’ii isaa akkaan jabaatu, keessummaan biyya Iraaqi irraa itti dhufte. Yeroo kana Umar Gaalota sadaqaa wajjiin cinqamutti jira. Kessumoota keessaa; namni tokko akkana isaan jedhe. “Yaa Amiira mu’mintootaa; hanga ofii Gaala kanaan waliin cinqamtuu, maaliif nama gabraa kan tiysu itti hinbarbaanne.” isaan jedhee jennaan: “ana caalaa nama gabraattu jiraa? akka gabri sayyida isaatiif gabraa, ani cufa muslimtootaatiif gabra.” jedhee deebiseef.
Gaafa tokko halkan ummata too’atuuf osoo ganda keessa deemuu, haadhaafi intala kan wal morman dhagahe. Haati mucattiin “yaa intala tiyya bishaan aannanitti areeri (makii) gabaa geessi.” jetteen. Intallis akkana jettee haadha isiitiif deebifte. “Lakki! Bishaaniif aannan walitti makuu Umar dhoorgee jira.” jettee deebifteef. Haati intalaa ammas deebiftee; “Umar waa nu argaamii, walitti maki (areeri).” jetteen. “Yoo Umar nun argin, Rabbiin Umar nun arguu?.” jettee intalli haadha cubbuu irraa deebifte. Yeroma san Umar dubbii intalaa dhagahee, kara ilma isaa Aasim jedhamu deemee intala san akka fuudhu ajaje. Aasim intala san fuudhee intala maqaan isii Leylaa jedhamttu irraa argatte.
Intala Aasim argate tana, Abdul Aziiz binu Marwaan kan jedhamu fuudhee ilma maqaan isaa Umar jedhamu argate. Umariin kunis kan kaliifaa 5faa Umar Abdul Aziiz kan jedhamu bara bulchiinssaa isaa keessatti dinagdeen heddummaattee yookiin baay’attee, qananii irraa namni sadaqaa fudhatu dhabameedha.
Guyyaa tokko Umar ibnu Kaxxaab sahaabota isaa walitti qabee “mee hawwiin keessan maali?.” jedhee gafate. Osoo addunyaan tun Ziqiyaan guuttamtee, eegasanii sadaqanne hawwii keenna jedhaniin. Booda “mee ati hoo maal hawwita?.” jedhanii gaafatan. “Ani osoo dhirran akka Abu Ubeeydaa binu Jarrah, Mu’aaz binu Jabal, Saalim Mowlaa abii Huzeeyfaa, Huzeeyfaa binu Yamaan kan akka isaanii lafa guttee hawwaa.” jedhee deebiseef.
Du’a Umar ibnu Kaxxaab
Umar mootummaan isaa eega babal’atte, magaalota harawa hedduu ijaare. Fkn; Kuufaa, Basraa, Fusxaax fa’a. Warroota magaalota bulchan namoota gaggaarii kan Qur’aana, Hadiisa, sunnaa ykn karaa Rasuulaa s.a.w beekan angoof dirqama ta’uu beeksisee magaalota hundarratti bulchaa godhee muude.
Halkan tokko abjuun Umar kan Lukkuun al lama afaan isaatiin isaa kontooru (waraanu) argee, ganamuma san namootaaf hime. Araba biratti Lukkuun alagaadha. Sababa kanaaf nama Araba hin tahintu na ajjeesa jedhee hiikkate. “Ani wareegama (shahiidummaa) argadha jedhee dubbate.
Sababa biyyoonni islaamaa hundi babaladhatteef waraanni muslimtootaa heddummaatee, biyyoota hedduu qabatanii diin islaamaa babali’saniif jecha waanyoon kaafirtootaatif munaafiqtootaa hedduu jabaachaa dhufe.
Yeroma kana kaafirtootaafi munaafiqtoonni lafti itti dhiphattee hedduu yaaddawan. Dhiphinna isaaniitifis; falli amiira mu’imintootaa Umariin ajjeesuu qofa akka ta’e wal mari’atan. Keessaahuu; kan akka Hurmuzaan dhalataa biyya Faaris kan tahe, Jufeeynaa kan amantiin Nasaaraa ta’e, fii Abuu Lu’luu’aa kan amantiin isaa Majuusaa ta’e Umariin ajjeesuf murteeffatan.
Guyyaa tokko salaata subhii irratti amiira mu’mintootaa Umariin ajjeesuuf Abuu Lu’luu’aan akka isaaf tolutti mijjeefatee tarree salaataa kan duraa keessa dhaabbatee eegeen. Amiiri mu’mintootaas Umar akkuma durii imaamummaaf duratti bahe. Yeroma Umar salaatatti seene garaa isaa keessa al-tokko waraanee, baqatiinsaaf of duubaa gargalee namoota jihaa isaa dubaan dhaabbatan, ufjalaa waraanaa gadi bahe. Namoota isaan waranaman keessaa 7 ni du’aan 6 ni madaawan. Dhumarratti namtichi tokko ufata fularratti darbee jennaan Abu Lu’lu’aan lafa dhahee bakka jigetti ufuma uf waraanee uf ajjeese. Umar ummataan salaatuu dadhabuu isaa agarraan harka Abdurahmaan binu Oowfii qabee akka ummata salaachisuuf duratti harkisee dabarse. Umariin baatanii kara mana isaa geessan. Umar gara manaa erga galaniini booda gagbbii irraa akka bayfateen ummanni salaatee jedhee gaafate. Akka salaatan sahaabonni itti himnaan “namni salaata dhiise islaamummaa keessaa qooda hin qabu.” jedhee osoo dhiigni irraa jiguu udu’a godhee salaate.
Booda warroota koree marii 6 haan Usmaan binu Affaan, Aliyyii binu Abiixaalib, Abdurahmaan binu Oowfi, Zubeeyri binu Awwaam, Xalahaa binu Ubeeydullah, Sa’aad binu Abii Waqqaas, erga yaamsisee dhufanii booda kitaaba Rabbii qabadhaa jedhee dhaameef.
Umar jannata qofatti osoo hin taan awwaalcha qabriitinis oollaa Rasuulaatiif Abbaa Bakrii ta’uu waan hawwaa tureef awwaala isaatiif Aa’ishaa hayyama gaafate. Aa’ishaan hayyamteefii jennaan gamachuu irraa kan ka’e akka nama hin dhukubsatiniititti humni isaa jabaatte “murttiin Rabbii ta’ee jira.” jedhe Rabbiin galatoomfate.
Akkuma hawwii isaa ji’a Muharram hijraa irraa ganna 24 ttii du’ee ganama guyyaa Dilbataa ollaa nabitiifi Abbaa Bakriititti awwaalame.
Inni aduunyaa haqa dalaguufi qajeellumaann guute, gara laafinsaafi haala rifataa taheen hala kanaan adunyaa kanarraa godaane.
Amiira mu’mintootaa Umariin eenyummaa isaa ibsuuf jechi nutti xiqqaata. Hundumaafu galata inni ummata islaamaatiif oole Rabbiin jannatatti isaa haa kafalu.
Comments
Post a Comment