Zikrii Yaroo Azaanaa Godhamuu

 




Zikrii yeroo Azaanaa godhamu

يَقُولُ مِثْلَ مَا يَقُولُ المُؤَذِّنُ إِلاَّ فِي (حَيَّ عَلَى الصَّلَاةِ وَحَيَّ عَلَى الْفَلَاحِ) فَيقُولُ: لاَ حَوْلَ وَلاَ قُوَّةَ إِلاَّ بِاللَّهِ
Waanuma mu’azzinni jedhuu jedha. Garuu “hayya alassalaafi hayya alal falaah” irratti qofa 'Laa howla walaa quwwata illaa billaah' 
(لاَ حَوْلَ وَلاَ قُوَّةَ إِلاَّ بِاللهِ) jedha. “tooftaafi humni Rabbiin biraa malee hin argamu” jechuudha.

وَأَنَا أَشْهَدُ أَنْ لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَحْدَهُ لاَ شَرِيكَ لَهُ وَأَنَّ مُحَمَّداً عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ، رَضِيتُ بِاللَّهِ رَبَّاً، وَبِمُحَمَّدٍ رَسُولاً، وَبِالْإِسْلاَمِ دِينَاً (يَقُولُ ذَلِكَ عَقِبَ تَشَهُّدِ الْمُؤَذِّنِ)
Ni jedha: “anis akka dhugaan gabbaramaan Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee hin jirreefi muhammadis gabricha Rabbiifi ergamaa Isaa ta’uu ragaan baha. Allaahn gabbaramaa keenya ta’uu, Muhammad ergamaa ta’uufi Islaamni amantii kiyya ta’uu jaaladheera.” (Kan inni kana jedhu yeroo mu’azzinni shahaadaa lamaan jedhee xumure)

يُصَلِّي عَلَى النَّبِيِّ صلي الله عليه وسلم بَعْدَ فَرَاغِهِ مِنْ إِجَابَةِ الْمُؤَذِّنِ
Booda haala kanaan azaana jawaabee xumuree Nabiyyii (saw) irratti salawaata buusa.

اللَّهُمَّ رَبَّ هَذِهِ الدَّعْوَةِ التَّامَّةِ، وَالصَّلاَةِ الْقَائِمَةِ، آتِ مُحَمَّداً الوَسِيلَةَ وَالْفَضِيلَةَ، وَابْعَثْهُ مَقَامَاً مَحمُوداً الَّذِي وَعَدْتَهُ، إِنَّكَ لَا تُخْلِفُ الْمِيعَادَ
Sana booda ni jedha: “yaa Rabbii waamicha guutuu kanaafi salaata dhaabamaartuu! Muhammadiif wasiilaafi kabajaa kenne. Sadarkaa kabajamaa isaaf waadaa seente irrattis isa kaasi. Ati waadaa hin faallessitu waan ta’eef.

يَدْعُو لِنَفسِهِ بَيْنَ الْأَذَانِ وَالإِقَامَةِ فَإِنَّ الدُّعَاءَ حِينَئِذٍ لاَ يُرَدُّ
Azaanaafi iqaamaa jidduu du’aa’ii godha. Du’aa’iin yeroo kanaa hin didamu waan ta’eef.

Comments