ULAAGALEE SALAATAA
ULAAGAALEE SALAATAA
*********
Ulaagaaleen (sharxiin) salaataa sagal. Isaanis:
Islaama, sammuu qabaachuu, ga’eessa waa adda baasuu danda’e ta’uu, hadasa of irraa kaasuu, najaasaa deemsisuu, awrata (qaama) sataruu, yeroon salaatichaa itti seenuu, qiblaatti gara galuufi niyyaadha.
Hadasa jechuun waan wuduu diiguudha.
Ulaagaa duraa: Islaama
Faallaan Islaamaa kufriidha; kaafirri odoma hojii kamuu dalagee hojiin isaa itti deebifamaadha. Ragaan jecha Rabbii ol ta'eeti:
{مَا كَانَ لِلْمُشْرِكِينَ أَنْ يَعْمُرُوا مَسَاجِدَ اللَّهِ شَاهِدِينَ عَلَى أَنْفُسِهِمْ بِالْكُفْرِ أُولَئِكَ حَبِطَتْ أَعْمَالُهُمْ وَفِي النَّارِ هُمْ خَالِدُونَ} [التوبة: 17]
“Odoo lubbuu isaanii irratti kufrii ragaa ba’anii jiranii masjiidota Rabbii jiraachisuun mushrikootaan hin malu. Isaan dalagaan isaanii baddeetti. Isaan ibidda keessatti hafoodha.” [Attawbaa:17]
{وَقَدِمْنَا إِلَى مَا عَمِلُوا مِنْ عَمَلٍ فَجَعَلْنَاهُ هَبَاءً مَنْثُورًا} [الفرقان: 23]
“Nutis gara dalagaa isaan dalaganii feenee (dhufnee) dhukkee faca’aa isa goone.” [Alfurqaan: 23]
⭐️⭐️⭐️
Ulaagaa lammaffaa: sammuu qabaachuu
Faallaan isaa maraatummaadha; maraatuun immoo hanga fayyutti qalamni irraa kaafamaadha (maleykaan dalagaaa isaa hin barreessanu). Ragaan immoo hadiisa “qalamni nama sadii irraa kaafameera: nama rafe hanga dammaqutti, maraatuun hanga fayyuttiifi daa’imni hanga ga’eessomutti.”
🔥🔥🔥🔥
Ulaagaa Sadaffaa: Tamyiiza
Faallaan isaa daa’imummaadha. Daangaan isaa waggaa torba. Ergasii salaatatti ajajama. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “ilmaan keessan waggaa torbatti salaatatti ajajaa; waggaa kudhanitti immoo (yoo isaan didan) ishee irratti isaan rukutaa. Ciisa keessattis adda babaasa.
Ulaagaan afraffaan hadasa kaasuudha:
Hadasa jechuun wantoota wuduu balleessan kan akka fincaanii, bobbaatii ykn kanneen dhiqannaa dirqama godhan kanneen akka haydiifi janaabaati.
Kan asitti dubbatame hadasa isa wuduu dirqamsiisuudha. Inni wuduu’a godhachuun kaafama. Kan isa dirqama godhus hadasuma kana.
Ulaagaan Wuduu immoo kudhan: Islaama, sammuu qabaachuu, tamyiiza (gaariifi badaa adda baruu), niyyaa, hanga xahaarattiin dhumtutti murtii ishee tursiifatee ishee kutuu niyyachuu dhabuu, wanti wuduu’a diigu nama irraa dhaabbachuu, dura isaa istinjaa yookiin istijmaara godhachuu, bishaan qulqulluu ta’uu, halaala ta’uu isaa, waan gara qaamaa bishaan dhaqqabuu dhowwus of irraa kaasuufi nama yeroo hunda hadasni irraa ba’uuf immoo waqtiin salaataa seenuudha.
Dirqamni wuduu immoo ja’a:
. Fuula dhiqachuu: lulluuqqachuufi bishaan funyaan seensisuunis kana jala seena. Daangaan isaa oleedhaan bakka rifeensi mataa itti biqilu irraa eegalee hanga lafee areedaati. Dalgaan immoo hanga laaftuu gurra lamaaniiti.
. Harka lamaan ciqilee waliin dhiquu,
. Mataa hunda irra haxaa’uu: gurri lamaanis kana jala seena.
. Miila lamaan koronyoo wajjin dhiquu,
. Duraa duuba eeguu fi
. Wal hordofsiisuudha.
Ragaan kanaa jecha Rabbii ol ta'eeti:
{يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا قُمْتُمْ إِلَى الصَّلَاةِ فَاغْسِلُوا وُجُوهَكُمْ وَأَيْدِيَكُمْ إِلَى الْمَرَافِقِ وَامْسَحُوا بِرُءُوسِكُمْ وَأَرْجُلَكُمْ إِلَى الْكَعْبَيْنِ} [المائدة: 6]
“Yaa warra amantan! Yeroo salaataaf kaatan, fuula keessan, harka keessan hanga ciqileetti dhiqadhaa. Mataa keessaniis haxaa'aa; Luka keessanis hanga koronyootti (dhiqaa).” [Almaa’idaa: 6]
Ragaan wal duraa duuba eeguu immoo hadiisa “waan Rabbiin eegaleen eegalaa” jedhuudha. Ragaan wal hordofsiisuu immoo hadiisa namicha booqaa luka isaa irratti dhiiseeti. Nabiyyiin (saw) yeroma nama tokko kan koomee miila isaa irra booqaan hanga saantimaa kan bishaan isa hin tuqne arganu wuduu’a deebisuutti isa ajajan. Waajibni isaa immoo yeroo yaadataaranu bismillaah jechuudha.
👇👇👇👇
Wantoonni wuduu’a diigan immoo saddeeti: waan kallattii lamaaniin (kallattii teessumaatiifi qunxurrootiin) ba’e, waan fokkisaa najasa qaama irraa ba’u, sammuun deemuu (yeroo hanga ta’e of wallaaluu), fedhii saalaatiin dubartii tuquu, farjii fuulduras ta’ee duubaa harkaan tuquu, foon gaalaa nyaachuu, du’aa dhiquufi Islaamummaa irraa deebi’uudha. Rabbiin kana irraa nu haa eegu.
. Ulaagaan Salaataa shanaffaan najaasaa deemsisuudha:
❤❤Najaasaan waa sadi irraa deemsifama: qaama, uffataafi bakka salaataa irrraayi. Ragaan jecha Rabbii ol ta'eeti:
{وَثِيَابَكَ فَطَهِّرْ} [المدثر: 4]
“Uffata keetis qulqulleessi.” (Almuddassir:4).
Ulaagaan ja'affaan Awrata dhoksachuudha:
Nama odoo qaama isaa satarachuu danda’uu qullaa salaate salaanni isaa akka badu beektoleen walii galaniiru. Daangaan awrata dhiiraa handhuuraa hanga jilbaati. Garbittiinis akkasuma. Dubartiin bilisni immoo fuula ishee malee qaamni ishee cuftinuu awrata (sataruun dirqama).
Ragaan jecha Rabbii ol ta'eeti:
{يَا بَنِي آدَمَ خُذُوا زِينَتَكُمْ عِنْدَ كُلِّ مَسْجِدٍ} [الأعراف: 31]
“Yaa ilmaan Aadam masjiida hunda biratti huccuu keessan qabadhaa.” [Al-a’araaf: 31]
Masjiidatti kan fedhame salaata.
Ulaagaan Torbaffaan Waqtiin Salaatichaa Seenuudha:
Ragaan hadiisa irraa hadiisa Jibriil kan inni Nabiyyiif (saw) waqtii jalqabaatiifi waqtii dhumaa irratti imaama ta’ee salaachisee ergasii “yaa Muhammad salaanni jidduu waqtii kana lamaaniiti” jedheedha. Ammas Ragaan jecha Rabbii ol ta'eeti:
{إِنَّ الصَّلَاةَ كَانَتْ عَلَى الْمُؤْمِنِينَ كِتَابًا مَوْقُوتًا} [النساء: 103]
“Salaanni Mu’umintoota irratti dirqama yeroon ishee murteeffame taateetti.” [Annisaa’i: 103]
Ragaan waqtiilee immoo jecha Rabbii ol ta'eeti:
{أَقِمِ الصَّلَاةَ لِدُلُوكِ الشَّمْسِ إِلَى غَسَقِ اللَّيْلِ وَقُرْآنَ الْفَجْرِ إِنَّ قُرْآنَ الْفَجْرِ كَانَ مَشْهُودًا} [الإسراء: 78]
“Aduun dabuu irraa hnga dukkana halkaniitti salaata ulaagaa ishee guutii sagadi. Salaata fajriis (sagadi). Salaanni fajrii (maleykaadhaan) hirmaatamaa ta’eera.” [Al-israa’i: 78]
Ulaagaan saddeettaffaan qiblaatti garagaluudha:
Ragaan jecha Rabbii ol ta'eeti:
{قَدْ نَرَى تَقَلُّبَ وَجْهِكَ فِي السَّمَاءِ فَلَنُوَلِّيَنَّكَ قِبْلَةً تَرْضَاهَا فَوَلِّ وَجْهَكَ شَطْرَ الْمَسْجِدِ الْحَرَامِ وَحَيْثُ مَا كُنْتُمْ فَوَلُّوا وُجُوهَكُمْ شَطْرَهُ} [البقرة: 144]
“Dhugumatti, gara samii deddeebi’uu fuula keetii arginee jirra. Gara qiblaa ati jaallattuu si deebisuuf jirra. (Ammuma) fuula kee gara Masjidal-Haraam (Ka’abaatti) gara galchi. Eessallee yoo taatan fuula keessan gara isaa gara galchaa.” (Albaqaraa:144).
Ulaagaan saglaffaan niyyaadha:
Bakki ishee immoo qalbiidha. Ishee sagaleen jechuun bida’aadha. Ragaan hadiisa "dalagaan kan sirrii ta'ee argamu niyyaadhaani. Nama hundaafuu wanta inni niyyatetu jira” jedhuudha.
Comments
Post a Comment