Du'aa'ii yeroo Masjiida deemanii godhamuu

 



Du’aa’ii yeroo masjiida deemanii

اللَّهُمَّ اجْعَلْ فِي قَلْبِي نُوراً، وَفِي لِسَانِي نُوراً، وَفِي سَمْعِي نُوراً، وَفِي بَصَرِي نُوراً، وَمِنْ فَوْقِي نُوراً، وَمِنْ تَحْتِي نُوراً، وَعَنْ يَمِينِي نُوراً، وَعَنْ شِمَالِي نُوراً، وَمِنْ أَمَامِي نُوراً، وَمِنْ خَلْفِي نُوراً، وَاجْعَلْ فِي نَفْسِي نُوراً، وَأَعْظِمْ لِي نُوراً، وَعَظِّم لِي نُوراً، وَاجْعَلْ لِي نُوراً، وَاجْعَلْنِي نُوراً، اللَّهُمَّ أَعْطِنِي نُوراً، وَاجْعَلْ فِي عَصَبِي نُوراً، وَفِي لَحْمِي نُوراً، وَفِي دَمِي نُوراً، وَفِي شَعْرِي نُوراً، وَفِي بَشَرِي نُوراً
Yaa Rabbi qalbii kiyya keessa ifaa godhi. Arraba koo keessas ifaa, dhageettii koo keessas ifaa, agartuu koo keessas ifaa, gubbaa kiyyas ifaa, jala kootis ifaa, mirga koo irraanis ifaa, bitaa kiyya irraanis ifaa, fuuldura kootis ifaa, duuba kiyyaanis ifaa, lubbuu koo keessas ifaa taasisi. Ifaa guddaa naaf godhi. Ifaa naaf guddisi. Ifaa naaf godhi. Ifaa na godhi. Yaa Rabbi ifaa naaf kenni. Hidda kiyya keessas ifaa taasisi. Foon kiyya keessas ifaa taasisi. Dhiiga kiyya keessas ifaa taasisi. Rifeensa kiyya keessas ifaa taasisi. Qaama kiyya keessas ifaa taasisi.


Du’aa’ii yeroo masjiida seenanii

أَعُوذُ بِاللَّهِ العَظِيمِ، وَبِوَجْهِهِ الكَرِيمِ، وَسُلْطَانِهِ القَدِيمِ، مِنَ الشَّيْطَانِ الرَّجِيمِ، بِسْمِ اللَّهِ، وَالصَّلَاةُ وَالسَّلَامُ عَلَى رَسُولِ اللَّهِ اللَّهُمَّ افْتَحْ لِي
أَبْوَابَ رَحْمَتِكَ
Shayxaana abaaramaa irraa Rabbii guddaatti, fuula Isaa kabajamaafi taayitaa Isaa turaa ta’ettin maganfadha. Maqaa Rabbiitiin; rahmataafi nageenyi Ergamaa Rabbii irra haa jiraatu. Yaa Rabbi hulaa rahmata keetii naaf bani.


Du’aa’ii yeroo masjiidaa bahanii

بِسْمِ اللَّهِ وَالصّلَاةُ وَالسَّلَامُ عَلَى رَسُولِ اللَّهِ، اللَّهُمَّ إِنِّي أَسْأَلُكَ مِنْ فَضْلِك، اللَّهُمَّ اعْصِمْنِي مِنَ الشَّيْطَانِ الرَّجِيمِ
Maqaa Rabbiitiin; rahmataafi nageenyi ergamaa Rabbii irra haa jiraatu. Yaa Rabbi ani tola kee irraan si kadha. Yaa Rabbi shayxaana abaaramaa irraa na tiksi.

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH