Du'aa'ii Salataa

 



Du’aa’ii salaanni ittiin banamu

اللَّهُمَّ بَاعِدْ بَيْنِي وَبَيْنَ خَطَايَايَ كَمَا بَاعَدْتَ بَيْنَ الْمَشْرِقِ وَالْمَغْرِبِ، اللَّهُمَّ نَقِّنِي مِنْ خَطَايَايَ كَمَا يُنَقَّى الثَّوْبُ الْأَبْيَضُ مِنَ الدَّنَسِ، اللَّهُمَّ اغْسِلْني مِنْ خَطَايَايَ، بِالثَّلْجِ وَالْماءِ وَالْبَرَدِ
Yaa Rabbi! Akka jidduu bahaafi lixaa wal irraa fageessite jidduu kootiifi jidduu dilii kootii wal irraa fageessi (cubbuu irraa na fageessi). Yaa Rabbi! Akka uffanni adiin xurii irraa qulqullaahutti anas dilii koo irraa na qulqulleessi. Yaa Rabbi! dilii koo irraa cabbii, bishaaniifi cabbiidhaan na dhiqi.

سُبْحانَكَ اللَّهُمَّ وَبِحَمْدِكَ، وَتَبارَكَ اسْمُكَ،وَتَعَالَى جَدُّكَ،وَلاَ إِلَهَ غَيْرُكَ
Yaa Rabbi faaruu keetii wajjinin si qulqulleessa; maqaan kee bu'aan isaa baay'ate, ulfinni keetis olta’e, si malee dhugaan gabbaramaan biraa hin jiru.


Du’aa’ii rukuu’aa

( سُبْحانَ رَبِّيَ الْعَظِيمِ ( ثلاث مرَّاتٍ
Rabbiin kiyya guddaan qulqullaa’e (si'a 3)


Du’aa’ii yeroo rukuu’a irraa ka’anuu

سَمِعَ اللَّهُ لِمَنْ حَمِدَهُ
Rabbiin Nama Isa faarseef dhaga’e.

رَبَّنَا وَلَكَ الْحَمْدُ

Rabbii keenya faaruun keeti.


Du’aa’ii sujuudii

( سُبْحَانَ رَبِّيَ الأَعْلَى ( ثلاث مرَّاتٍ
Rabbiin kiyya ol ta’aan qulqullaa’e (si'a 3)


Du’aa’ii jidduu sujuuda lamaanii

رَبِّ اغْفِرْ لِي، رَبِّ اغْفِرْ لِي
Yaa Rabbi naaf araarami! Yaa Rabbi naaf araarami.


Tashahhuda Duraa (Attahiyyaatuu)

التَّحِيَّاتُ لِلَّهِ، وَالصَّلَواتُ، وَالطَّيِّباتُ، السَّلاَمُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللَّهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلاَمُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللَّهِ الصَّالِحِينَ. أَشْهَدُ أَنْ لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَأَشْهَدُ أَنَّ مُحَمَّداً عَبْدُهُ وَرَسولُهُ
Kabajaan, salaatonni (ibaadaan adda addaa) fi dubbiin gaggaariin hunduu kan Rabbiiti. Yaa Nabiyyichaa! Nageenyi sirra haa jiraatu; Rahmanni Rabbiitiifi barakaan isaas. Nageenyi nuufi gabroottan Rabbii gaggaarii irra haa jiraatu. 'Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiruu' ragaan ba'a. Muhammadis gabricha Rabbiifi ergamaa isaa ta'uu ragaan ba'a.


Tashahhuda Boodaa

اللَّهُمَّ صَلِّ عَلَى مُحَمَّدٍ، وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كَمَا صَلَّيتَ عَلَى إِبْرَاهِيمَ، وَعَلَى آلِ إِبْرَاهِيمَ، إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ، اللَّهُمَّ بَارِكْ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كَمَا بَارَكْتَ عَلَى إِبْرَاهِيمَ وَعَلَى آلِ إِبْرَاهِيمَ، إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ
Yaa Rabbi akkuma Ibraahiimiifi maatii Ibraahiim irratti Rahmata buufte Muhammadiifi Maatii Muhammad irratti Rahmata buusi; Ati faarfamaa guddaa waan taateef. Ammas akkuma Ibraahiimiifi maatii Ibraahiim irratti barakaa buufte Muhammadiifi Maatii Muhammad irratti barakaa buusi; Ati faarfamaa guddaa waan taateef.


Du’aa’ii tashahhuda boodaa keessatti salaamtaa dura godhamu


اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنْ عَذَابِ الْقَبْرِ، وَمِنْ عَذَابِ جَهَنَّمَ، وَمِنْ فِتْنَةِ الْمَحْيَا وَالْمَمَاتِ، وَمِنْ شَرِّ فِتْنَةِ الْمَسِيحِ الدَّجَّالِ
Yaa Rabbi ani adabbii qabriifi adabbii jahannamaa irraa sittin maganfadha. Mokkoroo jireenyaafi du’aa irraa, akkasumas mokkoroo Masiih Addajjaal irraa sittin maganfadha.


Du’aa’ii woswaasii salaataafi Qur'aana keessatti nama mudateef godhamu

أَعُوذُ بِاللَّهِ مِنَ الشَّيطَانِ الرَّجِيمِ، وَاتْفُلْ عَلَى يَسَارِكَ (ثلاثاً)
Shayxaana abaaramaa irraa Rabbittin maganfadha.” Ergasii gara bitaatti yeroo sadii tufa.

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH