Du'aa'ii yeroo adda adda godhamuu

 


Du’aa’ii namni nama mokkoramaa arge godhu

الْحَمْدُ لِلَّهِ الَّذِي عَافَانِي مِمَّا ابْتَلاَكَ بِهِ، وَفَضَّلَنِي عَلَى كَثِيرٍ مِمَّنْ خَلَقَ تَفْضِيلاً
Faaruun kan Rabbii waan ittiin si mokkore irraa nagaa na godheefi waan uume baay’ee irra na caalchiseeti.


 Waan taa’icha keessatti jedhamu

(عَنِ ابْنِ عُمَرَ رضي الله عنه قَاَلَ: كَانَ يُعَدُّ لِرَسُولِ اللَّهِ ﷺ‬ فِي الْمَجْلِسِ الوَاحِدِ مِائَةُ مَرَّةٍ مِنْ قَبْلِ أَنْ يَقُومَ: ((رَبِّ اغْفِرْ لِي، وَتُبْ عَلَيَّ، إِنَّكَ أَنْتَ التَّوَّابُ الغَفُورُ)
Ibn Umar irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaa Rabbiitiif (saw) taa’icha tokko keessatti si’a dhibba tokko “yaa Rabbi naaf araarami; tawbaa kiyya qeebali. Ati simatu akkaan tawbaa qeebalaa araaramaadha waan taateef” jechuu lakkoofna ture.


Du’aa’ii nama ‘Rabbiin siif haa araaramu’ jedheef godhamu

وَلَكَ
Siifis haa araaramu.


Du’aa’ii nama toltuu sii ooleef gootu

جَزَاكَ اللَّهُ خَيْراً
Rabbiin toltuu si haa mindeessu.


Waan Rabbiin ittiin Dajjaal irraa nama tiksu

مَنْ حَفِظَ عَشْرَ آيَاتٍ مِنْ أَوَّلِ سُورَةِ الْكَهْفِ عُصِمَ مِنَ الدَّجَّالِ
Namni jalqaba suuraa Kahf irraa aayata kudhan haffaze Dajjaal irraa tikfama.


Waan nama ‘Rabbiif jechan si jaaladha’ jedheen jedhamu

أَحَبَّكَ الَّذِي أَحْبَبْتَنِي لَهُ
Inni ati isaaf jecha na jaalatte si haa jaalatu.

Du’aa’ii nama qabeenya isaa sii kenneef gootu

بَارَكَ اللَّهُ لَكَ فِي أَهْلِكَ وَمَالِكَ
Rabbiin maatii keetiifi qabeenya kee keessa barakaa siif haa godhu.


Du’aa’ii yeroo hidaan kaffalamu nama kaffaluuf godhamu

بارَكَ اللَّهُ لَكَ فِي أَهْلِكَ وَمَالِكَ، إِنَّمَا جَزَاءُ السَّلَفِ الْحَمْدُ وَالأَدَاءُ
Rabbiin maatii keetiifi qabeenya kee keessa barakaa siif haa kaa’u. Mindaan hidaa galataafi kafaltiidha.


Du’aa’ii nama shirkii irraa sodaatee

اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ أَنْ أُشْرِكَ بِكَ وَأَنَا أَعْلَمُ، وَأَسْتَغْفِرُكَ لِمَا لاَ أَعْلَمُ
Yaa Rabbi ani osoon beekuu sitti qindeessuu irraa sittin maganfadha. Waan hin beekneef immoo araaraman si kadha.


Du’aa’ii namni hixaa fokkataa sodaate godhu

اللَّهُمَّ لاَ طَيْرَ إِلاَّ طَيْرُكَ، وَلاَ خَيْرَ إِلاَّ خَيْرُكَ، وَلاَ إِلَهَ غَيْرُكَ
Yaa Rabbi hixaan hixaa kee malee hin jiru. Toltuunis toltuu kee malee hin jiru. Dhugaan gabbaramaan si malee hin jiru.


Du’aa’ii nama arrabsiteef gootu

اللَّهُمَّ فَأَيُّمَا مُؤْمِنٍ سَبَبْتُهُ فَاجْعَلْ ذَلِكَ لَهُ قُرْبَةً إِلَيْكَ يَوْمَ الْقِيَامَةِ
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: yaa Rabbi mu’umina ani arrabse hundaawuu arraba sana Guyyaa Qiyaamaa si biratti dhiheenya taasisiif.


Yeroo kaafirri salaamtaa jedhe akkaataa ittiin deebisan

إذَا سَلَّمَ عَلَيْكُمْ أَهْلُ الْكِتَابِ فَقُولُوا: وَعَلَيْكُمْ
Yeroo warreen kitaabaa salaamtaa isiniin jedhan “isin irras haa jiraatu” jedhaa.



Waan namni dhimmi isa gammachiisu yookiin jibbisiisu mudate jedhu

كَانَ النَّبِيُّ ﷺ‬ إِذَا أَتَاهُ الْأَمْرُ يَسُرُّهُ قَالَ: (الْحَمْدُ لِلَّهِ الَّذِي بِنِعْمَتِهِ تَتِمُّ الصَّالِحَاتُ) وَإِذَا أَتَاهُ الْأَمْرُ يَكْرَهُهُ قَالَ: (الْحَمْدُ لِلَّهِ عَلَى كُلِّ حَالٍ)
Nabiyyiin (saw) yeroo dhimmi isaan gammachiisu isaan mudate ni jedhu: “faaruun kan Rabbii ni’imaa isaatiin wanti gaggaariin guuttuuti.” Yeroo wanti isaan jibban isaan mudate immoo “haala hundarrattuu faaruun kan Rabbiiti” jedhu.


Waan namni dhimmi isa gammachiisu itti dhufe hojjatu

كَانَ النَّبيُّ ص إِذَا أَتَاهُ أَمْرٌ يَسُرُّهُ أَوْ يُسَرُّ بِهِ خَرَّ سَاجِداً شُكْراً لِلَّهِ تَبَارَكَ وَتَعَالَى
Nabiyyiin (saw) yeroo dhimmi isaan gammachiisu yookiin itti gammadamu isaanitti dhufe galata Rabbii guddatee ol ta’eetiif sujuudii bu’u turan.

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH