Utubaalee Islaamummaa Shanan Amantaa Hojii Musliimonni yemmuu du’an hojiin isaanii gaarin hojii isaanii badaa waliin akka madaalamu ni amanu. Hojiin isaanii badaan isa gaarii irra caalee kan argamu yoo ta’e kara gahaannamaa (ibidda barabaraa) akka adeemanii fi gara jannataatti galuu isaanii dura gidiraan akka isaan irra gahuudha. Hojiin isaanii gaarin yoo madaale immoo fedha Waaqayyoo yoo ta’e qajeelumaan gara jannataa adeemuu ni danda’u. Haata’u malee isaan mirkaneeffachuu hin danda’an; sababni isaas hunduu kan murteeffamu filannoo Waaqayyootin waan ta’eefi. Isaan keessaa tokko tokko kan yaaadan namoonni jihaada irratti du’an qajeelumaan gara jannataa akka galaniidha. Haata’u malee walumaa galatti Musliimonni hunduu gara gahannamaa adeemuu jalaa bahuu akka danda’an guutumaa gututti mirkaneeffachuudhan beekuu hin danda’an. Kanaafidha Musliimonni baay’en sodaa keessa kan jiraataniif. Hojiin isaanii gaarin caalaa akka madaalu Musliimonni gochaawwan shan akka hojjetan ajajama...
Comments
Post a Comment