Du'aa'ii yeroo Imalaa godhamuu

 



Du’aa’ii yogguu imalaaf bahanii

اللَّهُ أَكْـــــــــــــبَرُ، اللَّهُ أَكْــــــــــــبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ
سُبْحانَ الَّذِي سَخَّرَ لَنَا هَذَا وَمَا كُنَّا لَهُ مُقْرِنِينَ * وَإِنَّا إِلَى رَبِّنَا لَمُنقَلِبُونَ
اللَّهُــــمَّ إِنَّــــــا نَسْــــــــــــأَلُكَ فِي سَـــــــفَـــــــرِنَا هَـــــــــذَا البِـــــرَّ وَالتَّــــقْوَى، وَمِــنَ الْعَــــمَلِ مَــا تَرْضَى، اللَّهُــــمَّ هَــــوِّنْ عَلَيْــــنَا سَــفَرَنَا هَذَا وَاطْوِ عَنَّا بُعْدَهُ، اللَّهُــــمَّ أَنْتَ الصَّــــاحِبُ فِي السَّـــــفَرِ، وَالْخَليفَةُ فِي الْأَهْلِ، اللَّهُــمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنْ وَعْـــــثَاءِ السَّـــفَرِ، وَكَآبَةِ الْمَنْــــظَرِ، وَسُوءِ الْمُنْـــقَلَبِ فِي الْمَالِ وَالْأَهْلِ، وإذا رَجَعَ قَالَهُنَّ وَزَادَ فِيـــــهِنَّ: (آيِبُــــونَ، تائِبُـــونَ، عَابِدُونَ، لِرَبِّنَا حَامِدُونَ)
Rabbiin hundarra guddaadha. Rabbiin hundarra guddaadha. Rabbiin hundarra guddaadha. “Inni kana nuuf laaffise qulqullaa’e; nuti isa danda’oo hin turre. Nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha.” Yaa Rabbi nuti imala keenya kana keessatti toltuufi tika, hojii irraa waan ati jaallattun si kadha. Yaa Rabbi imala keenya kana nuuf laaffisi. Fageenya isaa nurraa mari. Yaa Rabbi imala keessatti situ shariika; maatii keessatti situ bakka bu’aadha. Yaa Rabbi cinqii imalaa, ilaalcha gaddisiisaafi deebii hamaa qabeenyaafi maatii keessatti arguu irraa sittin maganfadha.
Yeroo deebi’es kana jedhee kan armaan gadii itti ida’a:
 “nuti deebi’oodha; yoo Rabbiin fedhe toobbataa, Rabbiin gabbaraa, Rabbii keenya faarsaadha.



Du’aa’ii nama geejjiba yaabbatee


بِسْمِ اللَّهِ، وَالْحَمْدُ للَّهِ  }سُبْحانَ الَّذِي سَخَّرَ لَنَا هَذَا وَمَا كُنَّا لَهُ مُقْرِنِينَ * وَإِنَّا إِلَى رَبِّنَا لَمُنقَلِبُونَ{، الْحَمْدُ لِلَّهِ، الْحَمْدُ لِلَّهِ، الْحَمْدُ لِلَّهِ، اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ، اللَّهُ أَكْبَرُ، سُبْحَانَكَ اللَّهُمَّ إِنِّي ظَلَمْتُ نَفْسِي فَاغْفِرْ لِي، فَإِنَّهُ لاَ يَغْفِرُ الذُّنُوبَ إِلاَّ أَنْتَ
Maqaa Rabbiitiin. Faaruun kan Rabbiiti. “Inni kana nuuf laaffise qulqullaa’e; nuti isa danda’oo hin turre. Nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha.” Faaruun kan Rabbiiti. Faaruun kan Rabbiiti. Faaruun kan Rabbiiti. Rabbiin hundarra guddaadha. Rabbiin hundarra guddaadha. Rabbiin hundarra guddaadha. Yaa Rabbi ati qulqulloofte. Yaa Rabbi ani lubbuu kiyya miidheeraa naaf araarami. Dubbiin, si malee kan yakka araaramu hin jiru.


Du’aa’ii nama geejjibni duraa dadhabee

بِسْمِ اللَّهِ
Maqaa Rabbiitiin



Du’aa’ii yeroo magaalaa yookiin biyya seenanii

اللَّهُمَّ رَبَّ السَّمَوَاتِ السَّبْعِ وَمَا أَظْلَلْنَ، وَرَبَّ الأَرَضِينَ السَّبْعِ وَمَا أَقْلَلْنَ، وَرَبَّ الشَّياطِينِ وَمَا أَضْلَلْنَ، وَرَبَّ الرِّيَاحِ وَمَا ذَرَيْنَ، أَسْأَلُكَ خَيْرَ هَذِهِ الْقَرْيَةِ، وَخَيْرَ أَهْلِهَا، وَخَيْرَ مَا فِيهَا، وَأَعُوذُ بِكَ مِنْ شَرِّهَا، وَشَرِّ أَهْلِهَا، وَشَرِّ مَا فِيهَا
Yaa Allaah gooftaa samii torbaniifi waan isaan gaaddisiisanii, gooftaa dachii torbaniifi waan isaan baatanii, gooftaa shayxaanaafi waan isaan jallisanii, gooftaa qilleensaafi waan inni faffacaasee! Toltuu magaalaa kanaa, toltuu jiraattota isheefi toltuu ishee keessa jirun si kadha. Hamtuu ishee, hamtuu jiraattota isheefi hamtuu ishee keessa jiru irraa sittin maganfadha.


Du’aa’ii yeroo gabaa (suuqa) seenanii

لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَحْدَهُ لاَ شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ، وَلَهُ الْحَمْدُ، يُحْيِي وَيُمِيتُ، وَهُوَ حَيٌّ لاِ يَمُوتُ، بِيَدِهِ الْخَيْرُ، وَهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ
Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru. Inni tokkicha hiriyaa hin qabneedha. Mootummaan kan isaati. Faaruunis kan Isaati. Inni ni jiraachisa ni ajjeesa. Inni jiraataa hin duuneedha. Toltuun harka isaa jira. Inni waan hunda irratti danda’aadha.


Du’aa’ii musaafirri nama biyyaatiif godhu


أَسْتَوْدِعُكُمُ اللَّهَ الَّذِي لاَ تَضِيعُ وَدَائِعُهُ
Rabbii isa amaanaan biratti hin bannettin amaanaa isin kenna.


Du’aa’ii namni biyyaa musaafiraaf godhu

أَسْتَوْدِعُ اللَّهَ دِينَكَ، وَأَمَانَتَكَ، وَخَوَاتِيمَ عَمَلِكَ ، زَوَّدَكَ اللَّهُ التَّقْوَى، وَغَفَرَ ذَنْبَكَ، وَيَسَّرَ لَكَ الخَيْرَ حَيْثُ ما كُنْتَ
Amantii kee, amaanaa keetiifi dhuma hojii keetii Rabbittin amaanaa kenna. Rabbiin taqwaa galaa siif haa godhu. Badii kee siif haa araaramu. Bakka jirtu hundatti toltuu siif haa laaffisu.


Adeemsa imalaa keessatti takbiiraafi tasbiiha gochuu

قَالَ جَابِرٌ  (كُنَّا إِذَا صَعَدْنَا كَبَّرْنَا، وَإِذَا نَزَلْنَا سَبَّحْنَا)
Jaabir (ra) ni jedhe: "yeroo gaaratti ol baane takbiiraa jenna. Yeroo buune immoo tasbiiha goona"



Du’aa’ii yeroo imala yookiin kan biroo keessatti qubatte gootu

أَعُوذُ بِكَلِمَاتِ اللَّهِ التَّامَّاتِ مِنْ شَرِّ مَا خَلَقَ
Hamtuu Rabbiin uume irraa jecha Rabbii guutuuttin maganfadha.

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH