SEENAA ALIYYI BINU ABII XAALIB
4. SEENAA ALIYYI BINU ABII XAALIB
Seenaa leenca hinjifataa ta’ee Aliyyii binu Abii Xaalib hasawuu deemna. Aliyyi dura nama ijoollee irraa islaamaweetti. Guddina ijollummaa isaa keessaatti mana Nabi Muhammad s.a.w keessatti guddifame. Guyya Rasuulli s.a.w godaansa ykn hijraa gara Madiinaatti godhan, kan firaasha isaanii irra ciisee argameedha. Kan inatala Nabi Muhaammad s.a.w Faaximaa fuudheedha. Abbaa Hasanii fi Huseeni, dardara caccaaltuu lameen jannataa. Aliyyi binu Abii Xaalib warroota kuranan jannataa keessaa tokko. Inni goota duulaadha. Diinagdee irraa danta dhabeessa, Rabbiin gabbaraa fi ka Rabbi sodaata ta’eedha.
Maqaan isaa kan kabajaa Abul Hasan, kan haati itti baafte immoo Asad, Aliyyi immoo kan abbaan isaa moggaaseefiidha. Kan qoosaa Abu-Turaabiidha.
Aliyyii Binu Abii Xaalibii fi Muhammad s.a.w mana tokkotti guddatan. Muhammad s.a.w Sababaa erga abbaan isaati fii haati isaa du’anii booda Akaakayyun isaa guddisee, boodaa akaakayyuun isaa Abdul-Muxxalib du’ee jennaan Abbeeraan isaa kan Abbaa Aliyyii ta’e Abii Xaalib fuudhee mana isaatittin gale.
Abbaan Aliyyii hedduu hiyyeessa ture. Hamma haati mana isaa rakkinna hiyyummaa irraa kan ka’e yaaddoon laalattutti. Akkuma Muhammad s.a.w mana seeneen barakaan duuka gara mana Abiixaalib balbala ol seente gara mana Abii Xaalib. Nyaanni hanqatuu irra kan dur ijoolleen osoo hin quufin hafan, erga inni dhufee booda immoo nyaanni irraa hafuu eegale. Abii Xaalib barakaa nabi Muhammad s.a.w akka argeen sorata isaallee, hanga nabi Muhammad s.a.w galutti kan hin sooranne ta’e. Yoo inni mana hin jiraatinis isa eega ture. Ijoolleen manaas walitti qabamanii osoo Muhammad s.a.w hin jirretti yoo nyaatan hin quufan. Aanan yoo dhuguuf jedhan isa dura obaasu. Barakaa irraa kan ka’e weelkaa ykn kubbayyaa inni itti dhugee hambaa hambise, yoo dhugan kubbaayyama tokkootu cufa isaanii wal gaha. Yoo isa malee dhugan weelkaan ykn kubbaayyan sun nama tokkochaayyu hin quubsu ture.
Kana kan qalbise Abii Xaalib ati barakeeffamaadha jedhaanii ture.
Muhammad s.a.w guddatee jennaan of danda’ee adda bahe. Barri of jijjiiraa osoo deemuu yeroo tokko barri abaar ykn hongeen buutee. Muhammad s.a.w yeroo kana of danda’ee waan jiruuf, Abbeeraa isaa Abbasitti dhaqee fira isaanii Abii Xalib rakkinna akka qabuu fi ilmaan isaa irraa fuudhanii akka guddisan mari’ateen. Abbasis yaamicha isaa kana tolatti na yaamte jedheenii fudhate. Abbaas Ja’fariin fudhachun,
Muhammadis s.a.w Aliyyiin irraa fudhatanii gargaaran. Booda Aliyyi mana Kadiijaa niitii nabi Muhammaditti s.a.w ijoollummaa isaa xumuratee. Haalaa, amalaa fi akkasumas waa hedduu Muhammadiin s.a.w irraa qabsiifate. Aliyyi ijoollummaa isaatiin dubbisuu fi barreessuu baratee akkasumas collee ta’un kan warra Haashim keessatti beekamuudha. Haala Muhammad s.a.w dhaaluun guyyaa tokko farshoo hin dhugne taabotaafis gadi hin fogonne.
Ifa Aduu Islaamaa
Muhammad s.a.w kan ergameef daandii dhugaa irra nama oofee galma milkii islaamaa namatti haa agarsiisuufi. Karaa kanas hordofuun Kadiijaan nama dura faana Rasuulaa s.a.w buute taate. Aliyyis ijoollummaan warra islaamaye irraa ta’uun Nabi Muhammad s.a.w waliin dhokatanii salaataa turan.
Aliyyi nadhii islaamummaa dhandhamee mi’aa’inna isii arginaan, ummata Makkaa kan kufrummaa keessa jiru, akka islaamummaa dhandhaman fedhe. carraa kamittuu fayyadamuun siidaa ykn taabota ballessee galma islaamummaatiif utubaa dhaabuu barbaade.
Gaafa tokko garuu hawwiin isaa kun galma ga’uuf tarkaanfii jalqabaa eegale. Seenaa diiguu boca siidaa ykn taabotaa inni nu odeesses, akka armaan gadii kana; “guyyaa tokko Rasuula s.a.w waliin gara ka’baa deemanii taabota caccabsuuf murteeffatan. Aliyyi taa’ee Rasuulli s.a.w ceekuu isaa irra
dhaabbatee Aliyyi oliin ka’uu dadhabe. Sababa kanaaf Rasuulli taa’anii inni ceekuu isaanitti ol bahee jennaan, taabota sanniin qofa osoo hin taane mogowwan samii cufa waan dhaqqabu hanga itti fakkatutti itti mijaawee taabota ka’baa irra jiru hundda caccabsanii achii osoo namni hin argin naannawa sanii baqatan.
Obsa Aliyyi
Ijoollummaan isaa waan islaamummaan cimoomteef, ummanni kuffaara Qureeyishii dararaa muslima irraan gahaa turte, isas ijoolle jettee gidira irraa hin qusanne. Ta’us garuu Aliyyi jaalala Rabbii fi Muhammad s.a.w irraa kan ka’e miidhaan isa qaqqabe cufti hanga ulfinna rifeensa takkaallee itti hin dhagayamne.
Dararaan muslimarratti cimnaan Rasuulli s.a.w godaansa muslimaa eyyaman. Ummanni muslimaas iddoo dhaloota biyya isaanii irraa dhoksaan, bakka handhuuri isaanii itti awwaalamte, da’imummaa isaanii itti dabarsan, yaadannoo isaanii cufa, diin islaamatif jecha maatii fi dinagdee isaanii gatanii gara biyya ormaatti godaanan.
Warroota hidhamanii fi eegumsi itti jabaate, kan akka Abbaa Bakrii fi Aliyyi, akkasuma Rasuula s.a.w Rabbii kan eyyama Rabbi irraa eeggatu malee, hunduu godaananii Makka mu’mintootaa irraa ontee, ifni yeroo muraasaf calanqise badee dukkanaoofte.
Guyyaan nabi Muhammad s.a.w hawwiin eegu geettee Rabbiin baqaaf eyyamnaan kuffaarri Makkaa yeroo ajjeesuf mari’atte wal gurmeessitee gara mana nabi s.a.w yeroo deeman, nabi Muhammad s.a.w Aliyyi waliin mana keessa jiran ture. Akka hayyoonni seenaa tokko tokko dubbatanitti, aadaa arabaa keessatti namni ciisee osoo jiruu ajjeesuun safuu ture. Sababa kanaaf mana nabi Muhammad s.a.w marsanii osoo eeganuu hirribni tareen. Nabi Muhammadis yeroo kana argee Aliyyin akka firaasha isaa irra ciisu fi hamtuun takkallee akka isa hin dhaqqabne itti himee, akkasuma amaanaa isa bira ture hundaa akka irraa galchu itti dhaame. Yeroo gadi bahu immoo: kuffartonni rafan akka hin dammaqne biyyee matarratti naqee, Suuraa Yaassin aayata saglaffaa (9) qara’aa biraa deeme.
وَجَعَلْنَا مِن بَيْنِ أَيْدِيهِمْ سَدًّا وَمِنْ خَلْفِهِمْ سَدًّا فَأَغْشَيْنَاهُمْ فَهُمْ لَا يُبْصِرُونَ. يس: 9
Hiikni aayata tanas “goone jirra duubaa fi dura isaanillee, hagugnee jirra isaan hin argan.”
Kara deemaan tokko kuffaartota mana Nabi Muhammad s.a.w duratti wal gahe rafu arge. Erga isaan dammaqsee booda, maalif akka isaan achitti wal gahan gaafateen. Kuffaartonnis biyyee matarraa dhadhahataa Nabi Muhammadiin s.a.w ajjeesuf hamma bariitee inni hirribaa ka’u eegutti jiraachu isaanii itti himan. Namtichis haala jaraa kana dinqisiifataa akka Nabi Muhammad s.a.w qaata manaa
bahee tare itti hime. Yeroo kana mana isaa ol seennan ka ciisaa jiru Aliyyin ta’uu argan. Isas bakka nabi Muhammad s.a.w jiru gaafannaan, essa akka jiru hin beeku jennaan, nabi Muhammad s.a.w jalaa miliquu hubatanii, ajjechaa isaa irraa abdii kutatan. Aliyyis amaanaa Nabi Muhammad s.a.w biratti dhiise, irraa galchee guyyaa muraasa booda dhokatee baqaaf ka’e.
Guyyaa muraasa booda Aliyyi kol-galtummaaf gara Madiinaa dandii isa geessu irra bahee. Guyyaa akka namni isa hin hanbifneef, halkan dukkanan dhakaa mukatti bu’aa, miilli isaa buqqachaa’ee dhiiga dhangalaasaa bakka jaalalleen isaa jiran Madiinaa gahe. Rasuulanis s.a.w yeroo wal simatan dheebu walii qabanirraa wal jala caafaman. Madiinattis nagaa argatee Faaximaa intala Rasuulaa s.a.w tan Rasuulli s.a.w akka lubbuu isaatti jaalatuu fi isa fakkaattu wajji bultii ijaaratan.
Gochi kunis jaalala jiddu Rasuulaa s.a.w fi Aliyyi jiru dabale. Bultii isaanii keessatti urgoo Rasuulaa s.a.w kan isaan shabaabota jannataa jedhanii moggasan Hasanii fi Huseeniin akkasuma dubaree Ummu Kulsuumii fi Zeynabaa argatanii jiru.
Obbolummaa Jidduu Muhaajiraa fi Ansaaraa
Rasuulli s.a.w akkuma Madiinaa seeneen, Masgiida erga ijaaree wanti inni dursa raawwate; obbolummaa islamummaa gidduu muhaajiraa fi Ansaaraa tokkochummaa Rabbii irratti tokko godhee walitti hidhe. Aliyyi qofa malee. Wanti inni san godheefis; Aliyyiin obboleessa addunyaa fi akiraa godhee waan ofii qabateefi. Jaalala kanas osoo wanta addunyaa keessa jiru hundaan wal bira qabanii madaalani, Jaalala Rasuulli s.a.w Aliyyif qabu tan galkaa onnee isaa dhoste tana hin madaaltu. Jaalala tanas Rasuulli s.a.w gochaa fi jechaan ibsaafii turan.
San keessaa hadiisa Tirmiiziin nu gabaase keessatti, “Ani Aliyyi irraahi, innis anarraahi.” jechuun hangam takka akka ofitti anfatan ibsan.
Ammas hadiisa biraa keessatti “namni Aliyyin miidhe, anas miidhe.” jechuun yoo qoreelleen isa waraante, Rasuullis s.a.w waliin dhukkubsatee kan duuka laalatu ta’e.
Gahee isaa Duula Keessatti
Muslimtoonni erga Madiinatti godaananii nagah argannaan, kuffaarri qureeyishii hirriba dhabde. Achittis hokkaruunii (jequunii) eegallaan Nabin jihaadaaf labse. Aliyyis warroota jihaada keessatti hirmaatan keessaa qooda fudhachuun isa jalqabaa ture. Shahiidumma argachuufis akka nama dirree raaree ykn saharaa keesssatti bishaan qabbanaahaa soquutti shahidumma barbaacha bololaa ture.
Duula Badrii
Hawwii shahiidummaa argachuuf Aliyyi Rasuulaa s.a.w fi Abbaa Lubaabaa wajjiin Gaala tokko dabaree dabareen, kan yaabbatan tahanii karaa bu’an. Aliyyi immoo shahiidummaa duras mindaa biraa argachuu fi jaalala Rasuulaaf s.a.w qabu irraa, isaafi abbaan lubaabaallen dabaree isaanii Rasuulaa s.a.w dabarsanii, miilaan deemuf hawwan. Rasuulli s.a.w garuu akkana jedheen isin humnaan narra cimoo miti. Anis mindaan isinirra dureessaa miti, jechuun didan. Isaan sadiinuu dabareen yaabbataa, yeroo kan miilaan deemaa dirree lolaa gahan.
Akka aadaa Arabaatti osoo waraanni lameen walitti hin seenin dura, gidduu goototaattii walii bahuutu adeemsifama. Garee lameen irraahuu namoota goota ta’an filatuun eegalame. Namoota muslimmaa irraa, namootni sadi duratti bahan. Warri kaafiraa tuffii fi of tuulummaan namoota nuun wal qixxatu as baasi jechuun Rasuula s.a.w itti lallaban. Kuffaaronni islaamummaa haa jibban malee, namni jarri waraanuu fedhan muhaajira ture.
Yeroo kana leenca Rabbii fi Rasuulaa s.a.w ka tahe; Hamzaa, Ubeeyidaa Ibn Haarisii fi Aliyyi duratti bahan. Si’uma takkaan isaa fi Hamzaalleen namoota isaaniin loluuf duratti bahan, ajjeesuun mo’atan. Rasuullis s.a.w malaa’ikaan Jibriil, Israafiliifi Mikaa’iil duula kanarratti Abbaa Bakrii fi Aliyyi waliin looluu himan.
Duula Kandaq
Duula kana keessatti gootni islaamaa Aliyyiin binu Abii Xaalib lakkoofsa mushriktootaa kan kuma kudhan gahu sodaatee dubatti hin deebine. Inumaahu goota mushrikaa kan ardii Arabaa keessatti tokkicha kumaan lakkahaamu Amri Ibn Wuddi jedhamuun kan beekkamuun wal dhaane. Seenaa guyyaa kana godhamees hayyootni akka armaan gadii jechuun gabaasan.
Duula kana keessatti mala Salmaan Al-Faarisin maleen, nannawa Madiina guutuu boolla bal’oo taate, diinarraa of baraaruf ummanni muslimaa qote. Hallayyaa qotame kanas mushrikoonni darbuu dadhabanii ji’a tokkoo ol turan. Amri Ibnu Wuddis Rasuula s.a.w ajjeesuf waan karoorfateef, obsuu dadhabee hallayyaa irraan farda utaalchisee seene. Dura waraanatti bahe nama isaan wal dhaanu gaafate. Muslimtoonnis hunduu ajaja Rasuulaa s.a.w eegaa waan jiraniif, cal’isan garuu Aliyyi ana jedhe. Rasuulli garuu s.a.w siin hin madaalu jedhanii Aliyyiin dhorkan. “Amriis yeroo kaan duunee jannata seenna jettanii hin dhaadattani, “mee eennu ree kan qara seeyfii kootiin morma irraa muree jannata seenu?.” jedhee lallabe. Ammas Aliyyi leenci Rabbii ana jedhee duratti bahe. Yeroo kana Rasuulli s.a.w Aliyyiin koofiyyaa ofii itti godhee akka duratti bahu eyyameef. Haatahu garuu muslimtoonni Amrii kana waan beekaniif, Aliyyiin dhabuu sodaatanii du’aa’ii godhaniif.
Amris yeroo Aliyyin bira gahu “ati eennu?.” jedheen. Aliyyis eennummaa isaa itti himee jennaan, ani ijoollee akka keetii ajjeesuun naaf hin eeyyamtu gabbaramtuu (siidaa) tiyyaa jedheen. Aliyyi immoo an “Rabbiin kiyya si ajjeesu naaf eeyyama. Garuu dura islaamummatti si yaama.” jedheen. Yeroo kana Amri Fardarraa utaalee bu’ee, Farda yaabbatee dhufen irraa miila ciree. Aliyyis mataa dhahee koofiyaa sibiila dhoose mataa isaa dhaqqabe. Yeroo kana Rasuullaa s.a.w fii muslimtoonni ijaafii qalbii isaanii tumsa Aliyyii barbaaduuf samitti ol fuudhuun du’aa’ii godhaaniifi. Innis battalumatti goota Arabni abdatte kana miila irraa ciruun ajjeese. Haala kanaan Rabbiin injifannoo goota islaamaa Aliyyiif godhee irra oolche.
Duula Keeybar
Duula keeybar irraa gootni islaamaa Aliyyi sababa dhukkubbii ijaa lola kanarraa hafe. Garuu jaalallee isaa irraa hafuun gonkumaa waan ta’uu hin qabne ta’ee itti mul’ate. Kanaaf erga waraanni karaa bu’e osoo dhukkubuu waraana dhaqqabe.
Halkan barii Rabbiin keybariin banuuf jedhu, kana keessatti Rasuulli s.a.w akkana jedhan. Boru! alaabaa islaamaa tana nama harka isaatti Keeybar banu kan Rabbii fi Rasuula s.a.w isaa jaalatu, kan Rasuulli s.a.w fi Rabbis isa jaalatuuf kenna jedhan.
Namoonni eennu kennuu heda laata? Eennu namni kun jechuun ofis gaafataa tokkoon tokkoo isaani ana osoo ta’e jedhe hawwaa bulan. Yeroo bariites hunduu osoo anaaf kenna jedhee eeguu, Rasuulli s.a.w “Aliyyiin eessa jira?.” jechuun gaafate. Jarriis “ija dhukkubsate.” jedhaniin. Rasuulli s.a.w “naaf haa dhufuu! naa fidaa.” jedhani jennaan Aliyyi bakka inni jiruu fidaniif. Rasuulli s.a.w ijatti tufeefi Rabbi kadhateefi akka waan takkaa hindhibaminitti fayyee.
Battalumatti alaabaa itti kennee hoggantummaa waliin deem jedheen. Aliyyi yeroo alaabaa baatee deemu akkana jedhee Rasuula saw gaafate. Yaa Rasuula Rabbii isaaniin lolaa hamma isaan islaama tahanitti jedheen. Rasuullis akkana jedhanii deebisaniif Yaa Aliyyi yoo isaan birageette islaamummatti isaan yaami. Haqa Rabbii irraa waan isaanirratti dirqmatahu itti himi. Rabbin nama tokko harka keetirratti qajeelchutu Gaallan diddiimtuu araba siifcaala jedhaniin.
Yahuudaan keeybar gaafa san jogola saddeet ]8[ qabdi saddeettanirraa jogola Naa’im jedhamutti qajeelan muslimtoonni. Jogola kana keessa mooticha isaanii goota nama kumaan madaalu marhabuu kan jedhamutu jira.
Akkuma achi gahaniin Aliyyi islaamummati isaan yaame. Nididan lolaaf dirretti gadi bahan jegnichi warra yahuudaa marhabuu kan jedhamu dhaadatee eennutu naaf baha jedhe. Achumaa gurbaan muslimaa kan qaamaaan qal’aa kan iimaanaan furdaa isaaf bahe kan maqaan isaa Amiri binu
Akwa kan jedhamu akkuma isaaf baheen ajjeesame.Taraa lammataa immoo leenci Rabbii Aliyyi binu Abiixaalib isaaf bahee ajjeesee akka daaraa bubbeen fuute isagodhe. Achitti yahuudaan harka kennattee biyya gadi dhiiftee baate.
Alhamdulillaahi galanni kan Rabbii guddaati.
Duula Tabuuk
Erga Rabbiin muslimtoota injifanno fatihii Makkaatiin gamachisee, ummanni Rum muslimaan duuluuf kurfaaye. Rasuullii s.a.w kana dhageennaan “inuumaayyuu jarrii hindhuftu, nutu dhaqee lolaan.” jedhee waraana kurfeesse. Guyyaa kana garuu goota islaamaa duula hundarrattii hirmaatu, kan yeroo garii alaabaa islaamaa ittii kennuun, yeroo garii immo; gootota mushrikaa tokkoo kumaan lakkahaman haa ajjeesuuf durattii baasun itti fayyadamu kana duula kana keessattii hirmaachisuu irra Madiinaa warra isaa biratti bakka buufatee deemuu fedhe. Munaafiqtoonnis jaalala Rasuullii s.a.w Aliyyif qabu waan beekaniif akka hamtuun isa hin dhaqqabneef manatti isa dhiisa jechuun oduu [Eeybessuu] eegalan. Oduun tun gurra Aliyyii buunaan battalumatti duularratti hirmaatuuf fiigee Rasuula s.a.w dhaqqabee, “dubartiifi ijoollee wajjiin nagattee deemtaa?.” Jedheen. Rasuullis s.a.w dubbii mi’ooftuu tan muslimni tookkollee osoo waan fedhe dalagee argachuu hin dandeenne, tan hamma luubbuun qaama keessa jirtu hindaganne akkana jedhee himeef. “yaa Aliyyi koo ati narraa ta’uu hinfeetuu? Sadarkaa Haaruun Muussaa biratti tahe. Garuu ana booda nabiyyiin biraa hinjiru malee.” jedheen.
Yeroo kana Aliyyis seenaa Muusaa fi Haaruun; guyyaa Musaan baallama Rabbii isaa guutuf, Haaruniin ummata iisaatti dhiifate deeme san akkuma yaadeateen gammachuun gara Rasuulli s.a.w isa dhiifatanitti deebi’e.
Gahee Aliyyii du’a Rasuulaa s.a.w Booda
Guyyaan geettee Muhammad s.a.w gara irraa argame, kan nu hunduu itti deemuuf deemnutti deeme. Yeroo kana jaalalleedhan isaatti guyyaan dukkanaahe. Keesumaayyuu Aliyyi kan akka abbaa ta’ee isa guddise, kan dukkana jaahilummaa irraa jaalalaan harka qabee gara ifaa islaamaatti yaamen, Barsiisaa, abbaa ifaa, obboleessa karaa islaamummaa kan jaalalarraa hintala akka lubbuu ofiitti jaalatu kaadhimeef, Nabiyyii waa cufaa san dhabuun; gadda imimmaan jigusuun hin ibsine, kan onnee isaa ciccirte gadde. Rasuulli s.a.w Aliyyi abdii guddaa irra kaahun waraana duura buusee isa ergu, yaamicha karaa islaamaa haa babal’isuuf dura bu’aa godhee gara Yamanitti erguun, kan ummanni Yaman harka isaa irratti amane, Aliyyi aklaaqaa fii beekkumsa Rasuula s.a.w irraa qabsiifatullee, ajaja Rasuulli s.a.w kenneef hundaa dirqma bahullee, dheebuu Rasuulaaf qabu hin baane.
Rasuulli s.a.w darbinaan Aliyyi akka warra diin irraa gargalanii ulaagaalee islaamaa hir’isuu ykn ergamaan hin jiru jedhee islaamummaa tajaajiluu irraa duubattti hin deebine. Inumaayyu Abbaa Bakarii wajjiin warra diin irraa gargalan hamma islaamummatti deebisanitti lole.
Akkasuma gaafa angoo Umar Binu kaxxaab keessattis, warroota isatti irra dhihoo ta’anii amaanaa Rasuulaa s.a.w bakkaan gahuuf halkanii guyyaa carraaqan keessaa isa tokkoodha. Hamma Umar yeroo Madiinaa dhiisee deemu bakka bu’aa isa godhatee deemu gahe. Sahaabdonnis beekkumsa Aliyyi qabuu fi aklaaqa isaa waan beekaniif bakka guddaa kennaafi turan. Keesssumayyu Umar akkana jedhaanii ture; “osoo Aliyyi jiraachuu baatee, mootummaan Umar garagalte!.” Kana qofas osoo hin taane “bakka Aliyyi hin jirree jiraachuu irraa ni maganfadha.”! jedhaanii ture.
Erga Umar ajjefamee Usmaan mottummaaf filatame. Aliyyis Usmaanin beellamuu irratti dura bu’aa ture.
Waanyoon yeroo kamuu muslimtootaa hin raftu. Ammas akkuma Umariin ajjeesan Usmaaninis aajjeesuf mushriktoonnii qophaahanii jennaan. Aliyyi guyyaa sanis goorsaan yaalii godhee deebisuu dadhabnaan, akkuma Rasuula s.a.w hamtuu irraa tiksaa ture, bulchitoota islaamaas tiiksu irraa of hin qusanne. Kanaaf mushriktootaan loluuf Usmaanin eyyama kadhateen. Usmaan dinnaan ijoollee isaa Hasanii fi Huseeniin ganda isaa akka eegan ajaje. Wanti Rabbi murteessee garuu namni nama tiikseef waan hin hafneef Usmaan ni ajjeefame.
Aliyyi Mootummaaf Filatamuu
Usmaan ajjeefamnaan Madiinaan nageenyi isii boorahee, ummanni muslimaas bulchaa malee hafe. Kanaafis nama nagaa isii deebisuu fi ummata ishee bulchu barbaacha, ummanni muslimaa mala maluu eegalan. Cinqii isii kana keessaa nama baasu; kan Aliyyiin caalu tokkollee waan hin agriniif isuma filataniin. Inni garuu bulchaa tahuu irra, gargaaraa bulchaa tahuu naaf wayya jedhee dide. Akka ummanni nama biraa filatuufis badee oyruu keessatti dhokate. Muslimtootni garuu kan Usmaaniin bakka bu’u, kan amaanaa Rasuulaa s.a.w fi kaliifota isas bakkaan gahu, isa kan caalu akka hin jirre yaaduun, koreen marii bakka inni dhokatetti dhaqanii angoo itti kennan.
Sahaabdonni gurguddoon akkasuma muslimtoonnis Masjidu-nabawii keessatti beellamaniin. Haala kanan Aliyyi erga angoof filame, dalagdoota beekkumsa qaban gargaarsaaf filate.
Nageenya Madiinaa kan boorahes deebisuuf hidhate. Aliyyi erga Amiira mu’umintootaa tahee, amaanaa ummata isaa, amaanaa Rabbiin mormatti na dire, dinaara takkallee maaf hin taane, yoo bu’aa ummataatif hin tahin hin baasu jedhee, akkuma duula keessatti goota waarana tahun beekkame addunyaa irrattis bulchaa haqaa tahun mottummootaaf fknya tahe. Gargaartota (bulchitoota) wal qixxumaa fi haqaa dalaguu irratti kan ajajuu fi rakkoo ummataas hamma qe’etti faana bu’anii akka ummata too’atan jara too’ataa ture.
Magaalaa kuufaa keessas deemaa jireenya ummataa hubataa, jallataa gara haqaatti kan waamu, fedhinnaa ummataa kan fixuuf ture. Akkasuma warra aanaa isaatii fi lubbu isaas ummataan wal qixxeessee, masaraa keessa jiraatuu didee, goojjo kessa jiraataa ture.
Gaafa tokkos gabrichi isaa Qunbur kan jedhamu hajaa qabaachuu Aliyyii waan argeef, kennaa dureeyyiin moototaa ergan keessaa akka kaaheef itti hime. Aliyyi didee gara mana isaa deeme. Yoo mana gahu kennaa mana guute argee, dallanee Gabricha isaatin “Ibidda mana kiyya seensisuu feetaa? jedheen. “Adduunyaa na hin dagin, nama biraa dagi!.” jedhee, harka qalleeyyii Madiinatiif, hundaa qoodee fixe. Gaafa tokko osoo kuxbaa godhaa jiruu, ijoollee isaa Hasanii fi Huseeniin uffata haara’a irratti arge. Akkuma kuxbaa geesseen eessaa fuudhanii akka uffatan gafannaan, dureessa Faaristu nuu erge jedhanii itti himan. Innis ijoollee isaa nama biraatiin akka adda hin taanee fi haqa isaanii akka hin taane itti himee, uffata cufaa irraa baasee, mana diinagdee muslimtootaatti deebise.
Aliyyi yeroo waa bitatus gatii akka isaaf rakasiisanii fi dhiisaniif hin eyyamu. Fkeenyaaf guyyaa tokko uffata bitachuu magaalaa bahee, namni hunduu mallaqa irra fudhachuu dide. Innis nama isa hin bekne soqee dardarticha tokko argee irraa bitate. Abbaan dardartichas yeroo dhufu, “ummatni ilmi kee Amiira mu’umintootaa uffata mallaqaan itti gurgure.” jennaan dardartichis amiira muslimtootaa tahuu beeknaan mallaqa qabatee dhaqee dhifama gafate. Aliyyi garuu galatomfatee mallaqas osoo irraa hin fudhatin geegesse. Akkasumas mootii tahuyyuu, hamma hiyyummaa irraa seeyfii jaalatu gurguratu gahe. Magalaas bahe “ennu namni seeyfii tana narra bitu Rabbii firii dhoosetti kakadhee: osoo wanta marxoo takkaan bitadhu qabaadhee seeyfii cinqii fuula ergamaa Rabbii irraa s.a.w dhabamsiisuun lolaanii ture hin gurguru.” jedhee dubbate.
Aliyyi haqaa fi wal qixxummaa dalaguun isaa muslimtoota qofa osoo hin taane, ilma namaa hunda birratti amala gaariifii nama dinqisiisaa ta’een kaafira qalbii jaraa bitee gara islaamummaatti seensisu ta’e.
Yeroo tokko Aliyyiin jalaa koombortaan badde. Kobortaa isaa kana gurbaa diin nasaaraa qabu tokko magaalaa keessatti kan gurguratu harkatti qabee “kiyya.” jedheen. Nasaartichis “kiyya.” jedheenii mormachuu eegale. Sababa kanaaf lameenuu gara mana murtiitti deeman.
Abban murtii kan Shureeymi jedhamu Aliyyiin ragaa yoo qabaate fidatee akka dhufu ajaje. Innis ilma isaa fidatee dhufe. Abban murtis “ilmi abbaadhaa ragaa tahuu hin dandahu.” jedhen. “Inni ilma kiyya kan Rasuuli s.a.w shabaaba jannataa tahuu himani. Akkam ragaa tahu hin dandenne?.” jennaan “shabaaba jannataa ta’us ana biratti ilmi abbaadhaa ragaa bahuu hin danda’u.” jedhen. Aliyyis kun haqa kiyya jedhee hindinne murtii abbaan murtii murteesseef ni fudhate. Ani mootiidha! isarra humna qaba jedhee, dirquun irra fudhachuu hin yaalle.
Nasaartichis haala Aliyyi dinqisiifatee, islaamummaa malee kan amala akkanati nama tolchu; mootii fi harka qalleyyii wal qixxessu kan hin jierre tahuu hubatee gara islaamummaa seene. Aliyyi kalattiin islaamummatti nama waamuu qofaan; osoo hin taane, Al-kallattin bareedina amala isaatiin islaamummatti nama waamaa turan.
Du’a Aliyyii
Jalqaba bulchinsa isaa keesatii yeroo muraasa booda mokkortiin ummata islaamaatti buuteen, guddaafii xiqqaan akkasuma dhalaa fi dhiira osoo hin jenne lolli dhiigni muslimaa keessatti dhangala’e argame. Sababa munaafiqtoonni Usmaaniin ajjeefteef, ummanni muslimaa yaada lamatti wal qooduun wal morman. Yaanni tokko erga dhiiga Usmaan haloo baanee booda bulchaa filanna kanjedhuufii inni lammataa immo bulchaa filannee humana muslimaa galma tokkoo keessaatti walitti gurmeesinee booda haloo Usmaan bahanna kan jedhu ture.
Yeroo kana warri Usmaaniin ajjeese durumaa jibbiinsa tokkummaa islaamaatiifi jibbiinsa islaamaa irraa kan ka’eef ammas mala malachuu eegalan. Dubbii hfarsuun jidduu muslimaatti akka ibidda citatti qabatee safisiisan Umata muslimaas yaada lamatti wal qoode, walitti buusan. Lola kana keessatti nama kuma (70,000) torbaatamaa ol kan ta’utu dhume. Lolli kunis lola Saffiinaa ykn duula kormaa Gaalaa jedhamuun beekama.
Haa tahuu garuu Aliyyi lola kana akka Roobnii ibidda dhaamsutti erga waldhabbii muslimaa dhaamsee booda ummanni muslimaa nagaafii tasgabbii argate. Akka yeroo angoo Usmaan, Umariifii Abbaa Bakriititti waa cufa irraa quufee bule.
Haa tahuu garuu munaafqitoonni fi warrootni Usmaan ajeesan ammas hin rafne. Hamma ummatni muslimaa bulchaa malee jiraatu barbaadan.
Kanaaf jecha Amiira mu’umintootaa Aliyyin Madiinatti, Mu’aawiyaa bulchaa Shaam Shaamitti, akkasuma Amri ibnu Aasii bulcha Masrii Masrittii sadiinuu halkan tokko keessatti ajjesuf qophaahan. mala baafatan kanas raawwachuf; hijraa irraa bara afurtamatti (40) ji’a Ramadaanaa bultii kudha torbatti (17) guyyaa Jimaataa sadeenuu al tokkotti ajjesuf qophaahan. Rabbiin garuu guyyaa Mu’aawiyaa fii Amri ibn Aasii hingeesine. Aliyyin garuu isaa salaata Fajriitif ummata walitti waamuf deemu, munaafiqtichi Abdurahmaan binu Muljim jedhamu seeyfiin mataa isaa rukute. Aliyyi rukutamee jennaan “لا إله إلا الله فزت ورب الكعبة” jechaaa ture. Hikkaan isaas “haqaan gabbarammaan hin jiruu Rabbiin malee, ani milkaawee Rabbii Ka’baatiitti kakadhee!.”
Namootni sagalee isaa dhagahanii gamaa isaa ori’an. Battalumatti Aliyyiin iddoo inni itti kufe irraa kaasanii namticha isa dhahes Abdurahmaan binu Muljim kan jedhamu qabanii Aliyyiin baadhatanii gara manaa geessan. Aliyyis akka ummanni deemee salaatu ajaje.
Jarris salaatanii munafiqtichas qabanii gara isaatti geessaan. Eega gaggabsuu sirritti bayfatee, ijoollee isaa Hasanii fi Huseenin akkasuma warroota isaa waamun “tola itti oolaa. Qubsuma isaa tolchaa. Yoo ani lubbuun jiraadhe dhiiga kiyya dhiisuu fi kaffalatuu anatu murteefata. Yoo ani du’es isuma qofa ajjeesaa. Naan dhaqqabsiisaa nama biraa hin ajjeesinaa. Rabbin warroota daangaa dabran hin jaalatu.” Haala kanaan gootni islaamaa kan Rasulli s.a.w jannataan gammachise, abbaan shabaabota lameen jannataa, jalalleen Rasuulla s.a.w addunyarraa boqate. Hirriba dhuma hin qabne rafe. Rabbiin isaafi fakkaatota isaatis jannatatti wal nuhaa agarsisu.
Comments
Post a Comment