SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH

 


    SEENAA JAABIR BIN ABDALLAAH

Jaabir bin Abdallaan radiyallaahu anhu sahaabaa guddaa

Ergamaa Rabbii s.a.w keessaa isa tokko ture. Abbaan isaa lola

Uhud irratti wareegame shahida tahe.

Sababa kanaan obboleettiiwwan isaa 9 kunuunsuuf itti

gaafatamummaan harka isaatti kufe. Deeyniin abbaa isaa hin

kafalamne hedduun illee gurmuu sahaabaa dargaggeessa tahe

kana irratti kufee ture. Namootni mallaqa abbaa isaa irraa

qabanis nuuf kaffaliif halkanii fii guyyaa isa rakkisaa turan.

Sababa kanaan Jaabir yeroo hundaa obboleettiiwwanii fii

deeynii abbaa isaa kaffaluuf jecha osoo cinqamuu fii yaaddawu

dabarsa.

Imala Zata Ar-Riqaa irratti Jaabir ibn Abdallah Ergamaa Rabbii

s.a.w wajjiin imalee ture. Hiyyummaa isaa irraa kan ka'e Jaabir

gaalli inni yaabbatee ture baay'ee laaftuu tan taatee fii tan

suuta deemtu turte. Jaabir gaala biroo bitachuuf mallaqa hin

qabuu ture. Sababa kanaan namni hunduu duubatti isa gatee

fuulduratti imalu. Ergamaan Rabbii s.a.w illee bifa

walfakkaatuun duuba imaltootaa irraan waan imalaa turaniif

Jaabirii duuba irraan gaala isaa suuta deemtu waliin rakkatu

arganiin. "Yaa Jaabir! Maal taate maal rakkatte?" Jechuun

gaafataniin.

Jaabiris "Yaa Ergamaa Rabbii gaala tanatu suuta deemaa jira"

jedhee isaaniif deebise.

Ergamaan Rabbii s.a.w "Mee gadi jilbeeffachiisi." Jedhaniin.

Jaabir gaala isaa gadi jilbeeffachiise. Ergamaan Rabbiis s.a.w

gaala isaanii gadi jilbiiffachiisan.

"Mee alangee kan kee natti kennadhu" jedhaniin. Jaabir

alangee isaa isaanitti kenne. Ergamaan Rabbii s.aw alangee

irraa fuudhanii gaala isaa duuba irraa suuta shax godhaniif.

Yommuu kana gaalli Jaabir humna godhatteetiin sochii ishee

saffisaan eegalte. Jaabiris gaala isaa jabeessee eega qabatee

booda Ergamaa Rabbii s.a.w wajjiin gammachuun imala isaa itti

fufe. Gaalattiin bifa ajaa'iba isatti taheen tan imaltuun taate.

Ergamaan Rabbii s.a.w Jaabir wajjiin haasawuuf fuula isaanii

gara Jaabiritti deebisan. Mata dureen Ergamaan Rabbii Jaabir

wajjiin haasawuuf jecha filatan osoo akkamii fii maal tahee

isinitti fakkaata?

Jaabir Ibni Abdallah dargaggeessa umrii dargaggummaa

jalqabaa turee dha.

Dargaggootni immoo yeroo hedduu kan isaan yaddeessu

waa'ee bultiitii fii jireenyaa waan taheef Ergamaan Rabbii s.a.w

dhimma kana irratti haasawa isa wajjiin eegalaniin.

"Yaa Jaabir! Sila ati fuutee jirtaa?" jedhanii gaafataniin. "Eeyyan

fuudhee jira." jedhee isaaniif deebise. Ergamaan Rabbiis s.a.w

"Tan dubrummaa qabdu moo tan asiin dura heerumtee jirtu

fuute?" jedhanii gaafataniin. Jaabiris "Yaa Ergamaa Rabbii, tan

asiin dura heerumtee jirtu fuudhe." jedhee isaaniif deebise.

Ergamaan Rabbii s.a.w ni dinqisiifatan. Akkamitti dargaggeessi

akka isaa jiru kan yeroo jalqabaatiif fuudhu dubartii asiin dura

heerumtee turte fuudhuu akka dandahe dinqisiifatan.

Ergamaan Rabbii s.a.w ija rahmataatiin isa ilaalaa "Yaa Jaabir,

Maaliif durba durbummaa qabdu akka sirritti wajji taphattaniif

fuudhuu dhabde?" jedhanii gaafataniin. Jaabir yommuu kana

akkana jechuun isaaniif deebise. "Yaa Ergamaa Rabbii s.a.w,

Abbaan koo lola Uhud irratti shahida tahe. Yatiimman 9

obboleettiiwwan koo kan tahan natti dhiisee sokke. Sababa

kanaaf jecha dubara xinnoo tan umriin isaaniin qixaa taate

ofitti dabaluu hin barbaadne.

Hanga san tan umriidhaan isaan caaltu akka haadha isaaniillee

naaf taatuuf jecha dubartii asiin dura heerumtee turte fuudhe."

jechuun isaaniif deebise.

Yommuu kana Ergamaan Rabbii s.a.w dargaggeessa fedhii isaa

guutuu obboleettiwwan isaatiif jecha aarsaa godhe wajjiin

haasawaa akka jiran hubatan. Ergamaan Rabbiis s.a.w baacoo

dargaggeessaf tahu tokko dubbachuun itti baacan. "Tarii

yommuu Madiinaa seenuuf dhihaanne yommuu Sarar geenyee

dhaabbannu, jaartiin tee dhufaatii keenya dhageesseetiin

boraatii tottoolfachuu eegalti" jedhaniin. Hagam tokkoyyuu

dubartii asiin dura heerumtee jirtu fuudhus isheen yomiyyuu

isaaf aruuza akka taatee mul'attu ibsuufiif jecha barbaadanii

akkas jedhaniin.

Yommuu mana keetti deebitee galtu jaartiin tee ni gammaddi,

siree keessan tottolchitee eegasii immoo boraatii sisirreessiti

jechuun hamilee isaa daran ijaaruuf yaalan. Jaabir garuu

hiyyummaan isaatii fii kan obboleettiiwwan isaa sammuu isaa

keessa dhufe. "Boraatii? Yaa Ergamaa Rabbii s.a.w, wollaahi

nuti mana keessaa boraatii hin qabnu." Isaaniin jedhe.

Ergamaan Rabbii s.a.w <<In Shaa Allah, yeroo muraasa booda

boraatii ni bitattu.>> jedhaniin.

Ergamaan Rabbii s.a.w yommuu kana Jaabir rakkina keessa

akka jiru hubataniif. Kanaaf jecha Jaabiriif mallaqa hagoo

kennuufii barbaadan. Akkanas jedhaniin.

<<Yaa Jaabir! Gaala kee natti gurguradhu!?>>. Jaabir yommuu

kana gaalli isaa qabeenya takkattii inni qabu akka tahe

yaadate. Gaalli isaa dadhabduu taatu iyyuu ammatti isaaf

jabaattee deemaa jirti. Haa tahuu garuu Ergamaan Rabbii s.a.w

naaf gurguriif yommuu isa gaafatanitti diduun gochaa fokkotaa

tahuu xiinxalle. Kanaaf akkana jedhe "Hayye haa tahu yaa

Ergamaa Rabbii s.a.w, meeqa naaf kaffaltu?" Isaaniin jedhe.

Ergamaan Rabbii s.a.w <<Dirhaama tokko.>> jedhaniin.

"Dirhaama tokko!? Yaa Ergamaa Rabbii na guyyoomsutti jirtan"

jedhe Jaabir.

Ergamaan Rabbii s.a.w itti aansuun << Dirhaama lama. >>

jedhaniin. "Hin tahu. Yaa Ergamaa Rabbii ammas na

guyyoomsaa jirtu." Jedhe Jaabir.

Bifa kanaan gatii isaa olkaasuu itti fufan hanga dirhaama 40 tti.

(Dirhaamni 40 yeroo sanatti warqii giraama 28 tahutti

tilmaama.)

Jaabir ni jedhe "Tole, haa tahuu garuu hanga Madiinaa gahutti

akkan yaabbadhu naaf eeyyamamuu qaba." Ergamaan

Rabbii s.a.w "Eeyyan ni dandeessa!" Jechuun walii galan.

Yommuu Madiinaa gahan Jaabir gara mana isaatti deemuun

fe'aa isaa buufate. Eegasii gaala isaa ollaa masjiidatti hidhatee

Ergamaa Rabbii s.a.w wajji salaatuuf deeme. Yommuu

Ergamaan Rabbii s.aw masjiida keessaa bahan "Yaa Ergamaa

Rabbii! Kinoo gaalli keessan" jedheen Jaabir. Ergamaan Rabbii

s.a.w << Yaa Bilaal, Jaabiriif dirhaama 40 fii kan biroo

dabalataan kenniif >> jedhan.

Jaabir mallaqa isaa Bilaaliin irraa eega fudhatee booda

rakkoolee keessa jiru yaadachaa fii maal fa'a ittiin dalaguu akka

qabu yaadaatiin sokke. Gaala biroo bitachuu qaba moo teessoo

manneen keessaa bitachuu qaba?

Ergamaan Rabbii s.a.w fuula isaanii gara Bilaalii deebisanii <<

Yaa Bilaal! Gaala tana fuudhiitii Jaabiriif deebisi! >> jedhaniin.

Bilaal radiyallaahu anhu gaalatti qabatee gara Jaabiritti deeme.

Yommuu gahu Jaabir ni dinqisiifate. Ergamaan Rabbii s.a.w

walii galtee bittaa fii gurgurtaa keenya ni diigani moo jechuun

shakke.

Bilaal "Yaa Jaabir, gaala kee fudhadhu!" Jedheen. Jaabir

"Maaliif? Maaltu

Uumame?" jechuun Bilaaliin gaafate.

Bilaalis "Ergamaa Rabbiitu mallaqaa fii gaala illee akka siif

kennu na ajaje." isaan jedhe.

Jaabir ibn Abdallah gara Ergamaa Rabbii s.a.w deebi'uudhaan

maaltu akka uumame gaafate. Ergamaan Rabbii s.a.w << Yaa

Jaabir, yommuu akkasitti gatii irratti siin mormu dhugaa gaala

kee fudhachuuf sitti fakkaatee?" jedhaniin. Gatii xinnoo irraa

kan jalqabanii fii suuta gatii ol kaasaa kan gaafachaa turaniif

gaala isaa bituuf barbaadanii akka hin taane ibsaniif.

Ergamaan Rabbii s.a.w kan akkas godhaniif Jaabiriin mallaqaan

qarqaaruu barbaadaniit. Haala dinqisiisaa taheen!

Nabiyyii rahmataa nageenyii fii rahmanni Rabbii hanga guyyaa

qiyaamatti isaan irra haa jiraatu. Sallallaahu aleyhi wesallam

Seenaa kana keessatti yoo xinxallinee ilaalle waan hedduu

irraa baranna!

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan