Posts

Showing posts from 2022

Sadarkaa nabirratti s.a.w. salaata buusuun qabdu.

Image
  Sadarkaa nabirratti s.a.w. salaata buusuun qabdu. #Abbaa xalhaarraa r.a. nabiin s.a.w. guyyaa tokko kan gammachuun fuula isaarraa iftu nutti olseene, gammachuudha fuula keetirratti garra maaliifi? jenneen. Akki Nuun jedhe malaaykichaatu natti dhufee yaamuhammad Rabbiin namni tokkolleen salaata takka sirratti buusee ani kudhan irratti buusu malee hin hafu, namni tokkolleen yoggu takka sirratti salaamtaa buusee ani yoggu kudhan irratti buusu malee hin hafu, kuni sin gammachiisuu? siin jedha naan jedhe. Nasa'ii 1283, albaaniin hasan jedheen. Namni hadiisa kana odeesse. Abuu xalhaa, maqaan zeydi ibnu sahli ibnu aswad al-khazraji anna-jjaarii sahaabaa beekamaadhaa, eessumman nabiirraa tokko. manguddoota 12n aqabaa keessaa tukko. badrifii lola san boodaa hundarratti hirmaatee jira. nama haalaan islaamaaf tumsaa ture. Isa kan qabrii nabii qotee lahdii ciibse. Hadiisa 92 qaba. Soomanaa jihaada godhaa jiraate, akkasumatti soomanaa jihaada godhaa du'e. akkuma duulaa...

Iimaanni Qalbiin amanuu, arrabaan dubbachuufi qaamaan hojjachuudha. Tokkollee keessaa hir'annaan iimaanni hin jiru.

Image
  Iimaanni Qalbiin amanuu, arrabaan dubbachuufi qaamaan hojjachuudha. Tokkollee keessaa hir'annaan iimaanni hin jiru. Kalaamni Gaariin Sadaqaa: Iimaanni Qalbiin amanuu, arrabaan dubbachuufi qaamaan hojjachuudha. Tokkollee keessaa hir'annaan iimaanni hin jiru. 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 Iimaanni haasaa, hojiifi waan qalbiitti qabatamuudha. Sadeen kunuu iimaana. Akkuma Maghribni raka’aa sadii ta’ee yoo tokko irraa hir’ate maghriba hin jedhamne, iimaannis yeroo sadan kun: hojiin yookiin haasaan yookiin qalbiitti hidhachuun irraa hir’ate iimaana hin jedhamu. ☪️☪️☪️ Maalummaan sadan kanaa kan tokkoon ishee dhibamuudhaan iimaanni guutuun dhibamu waan sharii’aan Muhammad (saw) ittiin dhuunfaa taateedha. Qalbiitti hidhachuu kan jedhame namootaaf gaarii yaaduufi hisdii irraa qulqullaa’uu miti. Isa kana lubbuun nama baay’ee odoma Rabbiin jiraachuu hin amanneeyyuu itti daba. Kan itti fedhame haasaafi hojii qalbiiti.  ⭐️Haasaan qalbii: “dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru; Muhammad im...

Haasawa Haalaan Bareedaa Nama Towbaa Isaa Irra Turuu Barbaadeef

Image
  Haasawa Haalaan Bareedaa Nama Towbaa Isaa Irra Turuu Barbaadeef .."  Mee dubbisaa waliifiis SHARE godhaa..  Gurbaan tokko Imaam ibraahim Ibn Ad-hamitti dhufee ja'een.. " Yaa Imaam Diliin dhiisuu dadhabe, towbadhuus ittumaan deebi'a.. Mee maal furmaata naaf dhaamta akkaan towbaa irra turu".. Gaafiin kuni cimaadha.. irra hedduun keenya haalli kunis nu qunnama.. Dilii irraa towbannee ammas daddeebinee keessa buuna..  Imaam Ibraahiimiis, jechoota 5 amma siif dubbadhu kana sirritti na hordofi ja'een:..  1) "Yoo dilii dalaguu feete, Rizqii Rabbii hin nyaatin" ja'een.. Gurbaaniis:.. "yaa imaam, wanni dachii gubbaa jiru hundinuu Rizqii isaatii.. duba akkamitiin ykn maal nyaadheen jiraadha?" ja'een..  Imaam Ibraahiim:.. "Duba Rizqii isaa nyaachaati isatti dilooytaa?? kuni nama sammuu qaburraa hin eeggamu." ja'een Gurbaan: "mee tan lammaffaatoo maali?" ja'ee gaafate.. Imaam Ibraahiim:.. 2) "Yeroo dilii dala...

ULAAGALEE SALAATAA

Image
  ULAAGAALEE SALAATAA ********* Ulaagaaleen (sharxiin) salaataa sagal. Isaanis: Islaama, sammuu qabaachuu, ga’eessa waa adda baasuu danda’e ta’uu, hadasa of irraa kaasuu, najaasaa deemsisuu, awrata (qaama) sataruu, yeroon salaatichaa itti seenuu, qiblaatti gara galuufi niyyaadha.  Hadasa jechuun waan wuduu diiguudha. Ulaagaa duraa: Islaama Faallaan Islaamaa kufriidha; kaafirri odoma hojii kamuu dalagee hojiin isaa itti deebifamaadha. Ragaan jecha Rabbii ol ta'eeti:  {مَا كَانَ لِلْمُشْرِكِينَ أَنْ يَعْمُرُوا مَسَاجِدَ اللَّهِ شَاهِدِينَ عَلَى أَنْفُسِهِمْ بِالْكُفْرِ أُولَئِكَ حَبِطَتْ أَعْمَالُهُمْ وَفِي النَّارِ هُمْ خَالِدُونَ} [التوبة: 17] “Odoo lubbuu isaanii irratti kufrii ragaa ba’anii jiranii masjiidota Rabbii jiraachisuun mushrikootaan hin malu. Isaan dalagaan isaanii baddeetti. Isaan ibidda keessatti hafoodha.” [Attawbaa:17]  {وَقَدِمْنَا إِلَى مَا عَمِلُوا مِنْ عَمَلٍ فَجَعَلْنَاهُ هَبَاءً مَنْثُورًا} [الفرقان: 23] “Nutis gara dalagaa isaan dalaganii feene...

Arkaanni Salaataa kudha afur:

Image
Arkaanni Salaataa kudha afur: ************************** Arkaana jechuun roga manaa isa cimaadha. Arkaana Salaataatti kan fedhame qaama isaa kan gonkumatti hafuun hin eeyyamamne; yoo irraanfatames raka'aa sanarra deebi'ama. Yoo takbiiraa ihraamaa ta'e qofa salaata fayyaatu deebifama. Isaanis kudha afur: namni dandeettii qabu dhaabbachuu, takbiiraa yeroo salaanni harramatamuu, Faatihaa qara’uu, rukuu’a godhuu, irraa ol ka’uu, qaama torba irratti sujuuda bu’uu, isa irraas ol ka’uu, sujuuda lamaan jidduutti taa’uu, arkaana hunda keessattuu tasgabbaa’uu (xuma’iniinaa godhachuu), duraa duuba eeguu, tashahhuda dhumaa (attahiyyaatuu dhuma irratti qara’amu), isaaf jecha taa’uunis, Nabiyyii (saw) irratti rahmata buusuufi salaamtaa lamaani.  👇👇👇👇👇👇👇 . Rukniin inni duraa namni dandeettii qabu dhaabachuudha. Ragaan isaa jecha Rabbii ol ta'eeti:  {حَافِظُوا عَلَى الصَّلَوَاتِ وَالصَّلَاةِ الْوُسْطَى وَقُومُوا لِلَّهِ قَانِتِينَ} [البقرة: 238] “Salaatowwan irratti, keessattuu ...

AKKAATAA SALAATA NABIYYICHAA (SAW) SIRNA WUDUU WALIIN baradhaa Nabiyyii (saw) hordofaa!!

Image
AKKAATAA SALAATA NABIYYICHAA (SAW) SIRNA WUDUU WALIIN baradhaa Nabiyyii (saw) hordofaa!! Kun jechoolee gabaabduu sirna salaata Ergamaa Rabbii (saw) ibsuudhaaf kaa'amteedha. Ishee gara Muslimaafi Muslimtittii hundaatti dhiheessuun fedhe. Kunis akka namni ishee argu hunduu salaata keessatti Nabiyyichatti (saw) hidhachuudhaaf qabsaa'uufi. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: "akka anaa salaatuu na argitanitti salaataa." Bukhaariitu gabaase. Ibsa isaa gara nama dubbisuuttin dhiheessa. Wuduu waliin gahata. Innis akka Rabbiin jecha Isaa kana keessatti ajajetti wuduu'achuudhaani: "Yaa warra amantan! Yeroo salaataaf kaatan, fuula keessaniifi harka keessan hanga ciqileetti dhiqadhaa. Mataa keessaniis haxaa'aa; Luka keessanis hanga koronyootti (dhiqaa)." (Almaa'idaa: 6). Ammas Nabiyyiin (saw) ni jedhan: "salaanni kamuu xahaaraadhaan malee hin qeebalamtu."  Wuduun akka armaan gadiitti ta'a: Wuduu qalbii isaatiin niyyata; arrabaan hin dubbatu. Saba...

Ijjannoo Ahlassunnaan Maqootaafi Sifaata Rabbii irratti qaban

Image
  Ijjannoo Ahlassunnaan Maqootaafi Sifaata Rabbii irratti qaban ************@@@@@@@@@@@@@@ Rabbiin amaloota ol aanaafi maqoolee gaggaarii qaba.  Namni kamuu Rabbiin caalaa Rabbiin beekuu hin danda'u. Kanaafuu waan Inni kitaaba isaa keessatti yookiin sunnaa ergamaa Isaa keessatti ofirraa morme Isarraa dhabamsiifna; waan Inni ofiif mirkaneesse ni mirkaneessina. Faallaa isaa hundaa ni dhabamsiifna. Amaloota guutuu isaaf mirkaneessina. Garuu akkaataa itti hin goonu uumamatti hin fakkeessinu. Yoo Namni tokko adda baasee sifaata hanqinaatiin Rabbiin ibse nutis adda baafnee irraa mormina. Fakkeenyaaf Rabbiin niitiifi ilma of irraa mormeera. Rabbiin ni jedhe: “Niitii kan hin qabne ta'ee akkamitti ilmoon isaaf ta’a?” (Al-an’aam: 101).  Ammas ni jedhe: “hin dhalle hin dhalannes.” (Al-Ikhlaas: 3). Isa Yahuudonni donnummaan isa dubbatan of irraa morme: “Yahuudonni "harki Rabbii sakaalamtuudha" jette. Harki isaanii hidhamtee waan jedhaniinis abaaramaniiru. Lakki! Harki Isaa lamaan...

Mul'ataafi Kaayyoo Ergamaa Rabbii beektuu laata?

Image
     Mul'ataafi Kaayyoo Ergamaa Rabbii                   beektuu laata?  Ergamaan Rabbii (saw) abbaa mul’ata guddaati. Addunyaa kanarratti namni isaanii ol mul’ata guddaa qabu tokkollee hin jiru. Sababni isaas mul’anni isaanii wahyii Rabbiitiin kan deeggarameedha. Mul’anni hoggantoota baay’ee waan waggaa shan, kudhan, digdama ykn soddoma keessatti ta’u nuuf ibsuuf yaala. Garuu mul’anni Ergamaa Rabbii (saw) waan hanga Guyyaa Qiyaamaatti ta’u nuuf ibse. Mee hadiisa armaan gadii ilaalaatii mul’ata akkamii akka ta’e xiinxalaa: عَنْ تَمِيمٍ الدَّارِيِّ، قَالَ: سَمِعْتُ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ: «لَيَبْلُغَنَّ هَذَا الْأَمْرُ مَا بَلَغَ اللَّيْلُ وَالنَّهَارُ، وَلَا يَتْرُكُ اللَّهُ بَيْتَ مَدَرٍ وَلَا وَبَرٍ إِلَّا أَدْخَلَهُ اللَّهُ هَذَا الدِّينَ، بِعِزِّ عَزِيزٍ أَوْ بِذُلِّ ذَلِيلٍ، عِزًّا يُعِزُّ اللَّهُ بِهِ الْإِسْلَامَ، وَذُلًّا يُذِلُّ اللَّهُ بِهِ الْكُفْرَ» مسند أحمد مخرجا (28 / 15...

HAQNI RABBII MAALII???

Image
  Haqni Rabbii maali? 👇👇👇👇 Haqni Rabbii gosa ibaadaa hundaa isaaf kennuudhaan isa tokkoomsuudha.  Rabbiin ni jedhe: “Gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. [Inni] akkaan mararfataa rahmata godhaadha.” (Albaqaraa: 163).  Akkasumas hojii qalbii, arrabaafi qaamaa keessatti wanti biraa isatti qindeeffamuu dhiisuudha. Rabbiin ni jedhe: “Rabbiin gabbaraa; Isatti homaa hin qindeessinaa.” (Annisaa’i: 36). Shirkiin guddaan toltuu namaa tokkollee namaaf hin hambisu. Rabbiin ni jedhe: “Dhugamatti, gara keetiifi gara warra si dura turaniittis “yoo Rabbitti waa qindeessite dalagaan kee ni bada; warra hoonga’an irraas taata” jechuun wahyiin buufameera.”  (Azzumar: 65). Dubbii kana Nabiyyii Isaa Muhammadiin (saw) jedhe. Kan nama biraa immoo akkam ta’a ree? Rabbiin shirkii tawbaadhaan malee gabrichaaf hin araaramu. Rabbiin ni jedhe: “Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeeffamuu hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama.” (Ann...

Amantii Rabbiin biraatti bilisa nama baasu Islaamummaa qofa

Image
  Amantii Rabbiin biratti bilisa nama baasu Islaamummaa qofa . ❤❤❤❤❤❤❤ Islaamni amantii Rabbii isa kophaa ta’eedha. Rabbiin gabroota Isaa namaafi jinnii irraa isa malee hin qeebalu. Rabbiin ni jedhe: “nama Islaamaan alatti amantii barbaade isarraa hin qeebalamu.” (Aali Imraan: 85). Ammas Rabbiin ni jedhe: “Amantiin Rabbiin biratti Islaama qofa.” (Aali Imraan: 19). 👇👇👇👇 Islaamni amantii nabiyyoota hundaati. Rabbiin ni jedhe: “[Yaa Muhammad] Si dura ergamaa irraa tokkollee “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; kanaafuu Ana qofa gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine.” (Al-ambiyaa’i: 25).  Ammas Rabbiin ol ta'e ni jedhe: “Dhugumatti, Nuti akkuma gara Nuuhiifi nabiyyoota isa booda turaniitti beeksisa goone gara keetti beeksisa gooneerra; Gara Ibraahiim, Ismaa’iil, Is-haaq, Ya’aquub, ilmaan Ya’aquub, Iisaa, Ayyuub, Yuunus, Haaruuniifi Suleymaanittis beeksisa gooneerra. Daawuudiif Zabuuriin kennine. Ergamtoota san dura seenaa isaanii siif himneefi kan s...

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH

Image
      SEENAA JAABIR BIN ABDALLAAH Jaabir bin Abdallaan radiyallaahu anhu sahaabaa guddaa Ergamaa Rabbii s.a.w keessaa isa tokko ture. Abbaan isaa lola Uhud irratti wareegame shahida tahe. Sababa kanaan obboleettiiwwan isaa 9 kunuunsuuf itti gaafatamummaan harka isaatti kufe. Deeyniin abbaa isaa hin kafalamne hedduun illee gurmuu sahaabaa dargaggeessa tahe kana irratti kufee ture. Namootni mallaqa abbaa isaa irraa qabanis nuuf kaffaliif halkanii fii guyyaa isa rakkisaa turan. Sababa kanaan Jaabir yeroo hundaa obboleettiiwwanii fii deeynii abbaa isaa kaffaluuf jecha osoo cinqamuu fii yaaddawu dabarsa. Imala Zata Ar-Riqaa irratti Jaabir ibn Abdallah Ergamaa Rabbii s.a.w wajjiin imalee ture. Hiyyummaa isaa irraa kan ka'e Jaabir gaalli inni yaabbatee ture baay'ee laaftuu tan taatee fii tan suuta deemtu turte. Jaabir gaala biroo bitachuuf mallaqa hin qabuu ture. Sababa kanaan namni hunduu duubatti isa gatee fuulduratti imalu. Ergamaan Rabbii s.a.w illee bifa walfakkaatuun duuba...