🏆 SEERA 10 JIREENYA GAARIIDHAAF 🏆

🏆 SEERA 10 JIREENYA GAARIIDHAAF 🏆 

1. Yoomiyyuu nama hin jibbin,onnee tee qulqulleessi.

2. Hin yaaddawin,Rabbitti irkadhu.

3. Jireenya salphaa jiraadhu,jiruun siif salphata fedhii rabbiitiin.

4. Xiqqoo eeggadhu,waanuma argattetti gammadi,Alhamdulillaah jedhi.

5. Hedduu kennitu hedduu argatta,ni badhaafamta fedhii rabbiitiin.

6. Yeroo hundaa seeqadhu,seequun sadaqaadha,namoonni birootis yoo si wajjiin jiran ni gammaduutii.

7. Jaalalaan jiraadhu,namoota birootis rabbiif jecha jaaladhu.

8. Adaduma hedduu salaattuun,hedduu badhaafamta.

9. Beekkumsa kee namaaf qoodi,yoo kan aayata takkollee qur`aana keessaa kan beektu taate.

10. Yeroo hundaa rabbii kee yaadadhu, waan hafe onneen kee ni barbaadiiti.

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH