Ibaadaan nama hin salaannee ni Qeebalamtii ?
Ibaadaan nama hin salaannee ni Qeebalamtii ?
Fatwaa Sheekh Ibn Baaz ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ irraa_
ﻣﻦ ﻓﺘﺎﻭﻯ ﺍﻟﺸﻴﺦ ﺍﺑﻦ ﺑﺎﺯ ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ
Gaafii Namni tokko tokko Ka soomutu jira,akkasumas ibaadaa hedduu hojjata, Garuu hin salaatu Soomaa fi Ibaadaan isaa irraa qeebalamtii ?
Deebii Bismillaah walhamdulillaah Deebiin sirrii Namni *Beekaa* salaata dhiisu Kufrii islaamummaa irraa isa baaftu guddittii kafara.
Kanaaf Soomni isaatii fi Ibaadaan birootis sirrii hin taatu,Hanga Salaata dhiisuu san irraa Gara Rabbii deebi'utti (Toowbatutti)
Rabbi Akkana jedha :-
{ ﻭَﻟَﻮْ ﺃَﺷْﺮَﻛُﻮﺍْ ﻟَﺤَﺒِﻂَ ﻋَﻨْﻬُﻢ ﻣَّﺎ ﻛَﺎﻧُﻮﺍْ ﻳَﻌْﻤَﻠُﻮﻥَ { ( ﺳﻮﺭﺓ ﺍﻷﻧﻌﺎﻡ 88: )
Yoo Sharrakan (Kafaran) Dalagan (Ibaadaan) isaan dalagan hunduu jalaa haqamti (baddi)
Akkasuma Aayatootaa fi Hadiissan hiikkaa kana qabaniif Jecha Soomnii fi ibaadaan isaa hin qeebalamu.
Warri Ilmii qaban baay'een immoo Sababa Salaata dhiiseef Kufrii islaamummaa irraa isa baaftu hin kafaru gara jechuutti deeman.
Salaata dhiisuun Yoo salaanni dirqama ta'uu Amanee Salaata *ceem'amaaf* dhiise Soomnii fi ibaadaadhan isaa Martuu ni qeebalamti jedhan.
Garuu sirriin jecha duraati, Sunis Salaata dhiisuun Kufrii guddittii Islaamummaa keessaa isa baaftu kafara ka jedhuudha.
Yoo beekkaan dhiise,Haa dirqama ta'uu isii raggaasisullee kafare.
Ragaalee baay'ee Ta'aniif
✍Ragoota san irraa;-
ﻗﻮﻝ ﺍﻟﻨﺒﻲ ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ : *)) ﺑﻴﻦ ﺍﻟﺮﺟﻞ ﻭﺑﻴﻦ ﺍﻟﺸﺮﻙ ﻭﺍﻟﻜﻔﺮ ﺗﺮﻙ ﺍﻟﺼﻼﺓ ) ﺍﺧﺮﺟﻪ ﻣﺴﻠﻢ ﻓﻲ ﺻﺤﻴﺤﻪ
Jidduu Namichaatii fi Shirkii kufrii wanti jiru Salaata dhiisuudha.
ﻭﻟﻘﻮﻟﻪ ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ : ( ﺍﻟﻌﻬﺪ ﺍﻟﺬﻱ ﺑﻴﻨﻨﺎ ﻭﺑﻴﻨﻬﻢ ﺍﻟﺼﻼﺓ ﻓﻤﻦ ﺗﺮﻛﻬﺎ ﻓﻘﺪ ﻛﻔﺮ ) ﺍﺧﺮﺟﻪ ﺍﻹﻣﺎﻡ ﺃﺣﻤﺪ
(Ahdiin jidduu keenyaa fi Jaraa jiru Salaata, Namni Salaata dhiise Kafare )
*[ ﻣﺠﻤﻮﻉ 10/267 *]
Share gochuun isinitti hin ulfaatin Jzk
Comments
Post a Comment