JECHOOTA_HAYYOOTAA
#JECHOOTA_HAYYOOTAA
Dubbisaa #Share waliif godhaa waan guddaa irraa baruu dandeessu.
==>. Diinni yoo si woraane, qaama kee si
madeessa,hiriyyaan sobaa garuu sammuu kee si madeessa.(Araboota)
==>. Muka jallaa gaaddidduun isaatis jallaadha(French).
==>. Dubartootni bifaan warra irraa dhalatte
fakkaati,amalaan garuu warra itti heeruman
fakkatu(Oromoota)
==>. Qabsoo bishaanii fi dhagaa gidduutti godhamu keessatti, turee bulee kan mo'atu bishaanuma. (Japanese)
==>. Simbirroon risaa dukaa fiigdu, waan inni jalaa baqatu itti fakkaata (Japanese)
==>. Si'a torba yoo kufte, si'a saddeet lafaa ka'i (Jaappanoota)
==>. Hiriyyaan kee namma akkamii akka ta’e natti hiimi, ati nama akkamii akka taate siifan himaa (Russia)
==>. Gowwaan mammaaksa tuffata, abshaalli immoo irraa barata. (Chinese)
==>. Maallaqni hin dubbatu,garuu soba dhugaa fakkeessa. (South African)
==>. Namni akka itti jiraatu beeku, beekumsa ga'aa qaba. (Swedish)
==>. Iccitiin akkuma Simbirroo ogguma nama harkaa baatu balali'uu eegalti. (Saudi Arabia)
==>. Waa'ee Qilxuu, Qilxuu irraa baradhu, waa'ee Birbirsaa immoo Birbirsa irraa baradhu. (Zen)
==>. Beekumsa (ogummaa) kee guyyaa tokkoof yoo dagatte, inni immoo guyyaa lamaaf si dagata. (Chinese)
==>. Yoo manni kee laga qarqara ta'e, naacha fira godhadhu. (Indian)
==>. Duuti maqaan isaa hin tolu. Ykn ni ture
jedhu;ykn immoo ni ariifate jedhu. (Engliz)
==>. Nama Giriikii tokko erga harka fuutee
booda,quboota kee lakkaawwadhu. (Albanian)
==>. Keessummummaa ganda harree dhaqxee waa'ee gurraa hin haasa'iin. (Jamaican)
==>. Simbirroon Allaattii duuba fiigdu, waan inni baqatu seeti. (Japanese)
==>. Jabanaan kee inni haaraan akka bishaan baatu hanga mirkaneeffattutti, isa moofaa hin gatiin (Swedish)
==>. Bakka itti kufte osoo hin taane iddoo iraa sigigaatte (mucucaatte) ilaali lammata akka hin kufne jecha Afrikaanotaati.
==>. Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu osoo hin taane, barumsi nama keessa darbuudha!
==>. Barumsa barattee yoo qoramtu,jireenya immoo qoramtee baratta!
==>. Nama si sobu wajjiin gammaddee kolfuu, irra nama dhugaa sitti himu wajjiin gadditee boohuusi wayya!
==>. Namni carraa gaarii qabu osoo bishaan galaana keessatti darbaniiyyuu, Qurxummii afaanitti qabatee keessaa baha!
==>. Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu, aariin xinnoon bishaan bobeessiti!
==>. Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo,gadda waggaa tokkootti jijjiirama!
==>. Hiyyeessa jechuun nama qarshii hiyyoome osoohin taane, nama sammuu hiyyoomeedha!
==>. Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn
lugnummaa osoo hin taane, bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti!
==>. Jireenya kee fooyyessuudhaaf yaaliidhaan shaakala ati taasiftu keessatti kufaatiiwwan simuudatan kufaatii osoo hin taane, akeektuu galma gahiinsa yaalii keetiiti!
==>. Addunyaa kana irratti Harreen akka namaatti yaadu jiraatuu baatus, namni akka harreetti yaadu hin dhabamu!
==>. Akka addunyaatti yaadii, akka naannootti hojjadhu!
==>. Dhalli namaa wanta haara argannoodhaan uumuun (kalaqu) kan nama gammachiisu yoo ta'u, garuu ufii isaatii uumamuu (kalaqamuu) yoo Irraaffatu immoo kan nama gaddisiisuudha!
==>. Kan nama qaaneessu ba'aa guddaa sammuu irratti baachuu osoo hin taane, sammuu hin yaanne baachuudha!
==>. Yoo rakkoon wahii si muudate rakkoo si mudate saniif yaaduu osoo hin taane, akkaataa rakkoo si muudate san keessaa itti baatu yaaduu qabda!
==>. Osoo dhugaan kophee hin godhatin, dharti addunyaa naannofti!
==>. Mucucaattee dugdaan yoo kufte balleessaan kee ta'uu kan hin dandeenye yoo ta'u, balleessaan kee ta'uu kan danda'u kuftee yoo achitti hafteedha!
==>. Wal beekuu irra, walii beekuu wayya!
==>. Bishaan kadhaan argame dheebuu nama hin baasu!
==>. Sareen yeroo hunda duttu akka hin birmanneef uf gooti!
==>. Kan nama nyaatu dukkana osoo hin taane, wanta dukkana keessa jiruudha!
==>. Irra caalatti kan dinqisiifatamuu qabu namoota addeessa irra qophatan osoo hin taane, namoota akkaataa isan addeessa irra ittiin qophatan barsiisaniidha!
Addunyaan tun sirraa waan tokko eegdi waan ta'eef, waan gaarii tokko hojjadhu!
==>.wanti gaarii hojjachuu bu'aa mataa keenyatiif nu fayyaddii!!!
Comments
Post a Comment