GORSA HAYYOOTA ISLAAMAA.

GORSA HAYYOOTA ISLAAMAA
••••••••••••••••••••••••••••••••

☞Sodaa Rabbii keetii uffata godhadhu.

☞Waan balleessite toowbatuuf jarjarfadhu.

☞Zikrii baay'isuun fedhii lubbuu keetii
injifadhu.

☞An maaliifiin uumame jedhii of
gaafadhu.

☞Naamusaa fi kabajaa kee tikfadhu.

☞Uzriin maletti salaata dabarsuu fi dhiisuu
irraa of qusadhu.

☞Yeroo baay'ee Rabbii kadhatuu amala
taasifadhu.

☞Rizqii yoo argatuu barbaadde, fira kee
maxxanfadhu.

☞Umrii dheeratuu yoo barbaadde, toltuu
dalagadhu.

☞Obbolewwan keetiif yaada gaarii
qabaadhu.

☞Haqaa fi baaxil ragaan adda baafadhu.

☞Barnoota amantii keetii xiqqollee ta'u
baradhu.

☞Shari'aa diin keetii sirritti akeekkadhu.

☞Kheeyrii keessatti umrii dheertuu
kadhadhu.

☞Waan qabdu irraa sadaqaa kennadhu.

☞Kan dhukkubsate bira deemii gaafadhu.

☞Kan kheeyritti si waame jalaa
owwaadhu,

☞Ilma namaa hundaaf kabajaa qabaadhu.

☞Haadhaa fi Abbaa kee tola itti ooluun
gammachiifadhu.

☞Kan tola sitti oole hunda galateeffadhu.

☞Jannata argatuu yoo feete amala kee
bareeffadhu.

☞Ejjannoo gaarii mataa keetiif qabaadhu.

☞Kaayoo kee irratti kutannoo fi abdii
godhadhu.

☞Odoo rakkoon hin dhufne Rabbii kee
baradhu.

☞Waan hundafuu filannaa qabaadhu.

☞Namummaa keetiin of tahii mulladhu.

☞Waan kennattu yoo dhabde sharrii tee
namarraa qabadhu.

☞Hamiidhaan foon namaa nyaatuu irraa
fagaadhu.

☞Yooo ati of qabde Rasuulli[S.A.W]Jannata
siifof qabee akka jiru hubadhu.

☞Atiis arraba fi waan miila jidduu jiru san
haraamirraa qabutti jabaadhu.

☞Nama bultii waliin ijaartu diiniin
madaalii filadhu.

☞Rabbiin si hin dhoorkinee, mirga keetiif
falmadhu.

☞Biyya fi lammii keetiif bilisummaa
barbaadadhu.

☞Dhaamsi koo xiqqaatus, hanganuma
guddifadhu.

☞Gorsi koo kun yoo siif tahe fudhadhu.

☞Yoo dogoggora qabaate naaf
sirreeffadhu.

☞Zannii wal balleessuu irraa Rabbi
sodaadhu.•••

Eessaa akka dhufte, eessa akka jirtu fi
eessatti akka deemaa jirtu beekuuf of
qoradhu•••

Erga Dubbistee "Share Godhii keyrii Heddummeeffadhu.

~Dogongora jiruu dhifaama~

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH