3. SEENAA USMAAN BINU AFFAAN Bara mootiin sanyii Habashaa kan biyya yaman bulchaa ture. Duula ka’abaa diiguuf Arba fe’atee dhufe. Ergamaan Rabbii nabi Muhammad s.a.w dhalatanii, Usmaan isaaniin booda ykn bara Arbaa booda ganna jaha turee dhalate. Usmaan haala gaarii irratti guddate. Takkaa siidaa dhaa ykn taabotaa sujuudee, gadi godhate (fogodee) hin beeku. Farshoo ykn dhugaati sammu hadochu takkaayyuu afaanin hin qabne. Zamana jaahilummaa keessatti tapha shabaabaa ta hamtuu ykn gadii aantuu taate tamuu hin taphanne. Zulmii ykn hamtuu namarratti hin raawwanne. tolaa fi amala gaarummaan qabaachuun isaa kun dardara Qureeyshii beekkamaa fi jaalatamaa isa taasise. Ummata kessatti gaarummaan maqaan isaa yaamamaa ture. Usmaan maatii gaarii keessaa dhalate. Gosa isaa keessatti, dinagdee fi arjoomaan waan maqaa qabuuf, dhugaa dubbachuun, haqa namaa eeguun, baallama kabajuun, ummata Qureeyishii biratti beekkamaa ta’e...
Comments
Post a Comment