Isaanifis guyyaan fokkiftuun sun ni jirti jedhee namni yaade hin turre.
Isaanifis guyyaan fokkiftuun sun ni jirti jedhee namni yaade hin turre.
Guyyaan jibbamtuun namuu dhandhamuuf jibbu sun isaanittis ni dhufti jedhee namni eegaa ture tokkollee hin turre.
Eeyyan Duuti nama kamuu akka salphatti fudhattu sun nama kabajamaa fii jaalatamaa sana addunyaa tanarraa ni fudhatti jedhanii yaaduun ulfaataa ture.
Maaliifuu Jaalalli hawaasni muslimaa isaaniif qabu hedduu guddaa ture.
Tahus guyyaan du'a isaanii sun ni geesse.
Oduun Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad s.a.w du'e jettu hawaasa keessatti dhaga'amte.
Umar Ibnu khaxxaab r.a gaddi sammuu isaanii koree jennaan dallansuun seeyfii isaanii oli baasanii lallaban.
"Mee namni Ergamaan Rabbii du'eera jedhee dubbatu haa jiraatu seeyfii kanaan morma isaa irraa dabarsa." Jedhan. Namuu osoo hin dubbattin cal'ise.
Booda Abubakar Assiddiiq r.a ni dhufan. Sahaabtotatti sagalee isaanii ol qabanii dubbatan. "Yaa ummata Muhammad s.a.w! Isin gidduu namni Muhammadiin gabbaraa turtan yoo jiraattan, haa beekuu Nabi Muhammad s.a.w du'ee jira.
Namni garuu Rabbii isaa gabbaraa ture, haa beekuu Rabbiin yoomuu jiraataa dha gonkumaa hin du'u.
Yaa Ummata Muhammad s.a.w!
Wanta Qur'aanni Rabbii nuun jedhee haa yaadannuu. Akkana jedha. 'Muhammad s.a.w Ergamaa Rabbii qofa dha. Asiin duras Ergamtoota Rabbii hedduutu dabran.
Duuba hoo maaliif?, osoo Muhammad s.a.w du'ee ykn ajjeefamee islaamummaa irraa of duuba deebituu?' Jechuun yaadachiisan.
Yommuu kana Umar Ibnu Khaxxab r.a rifatee seeyfii isaa lafatti gate.
Akka waan suuraan Qur'aanaa sun guyyaa sana buutee itti fakkaate.
Gaggabee imimmaani isaaniif lolaase.
Subhaanallah!
------------
Umar Ibnu Khaxxaab jechuun bar nama wayta awwalaa jibbiinsa Nabi Muhammadiif s.a.w qabu irraa kan ka'e diina isaan ajjeesuuf halkanii fii guyyaa barbaadu ture.
Booda garuu Eega islaamawee booda nama jaalala Nabi Muhammadiitiin injifatamuu irraa kan ka'e gaafa du'a isaanii "Nama Nabi Muhammad du'eera jedhu nan ajjeesa" jedhee dhaadatee dha.
Booda garuu Qur'aanni Rabbii onnee isaa keessa seentee isa tasgabbeessite.
Subhaanallah!
Suni hundi kan taheef jaalala guddaa isaan Nabi Muhammadiif s.a.w qaban irraayi malee waan biraatii miti.
Yaa obboleewwan islaamaa, Rabbiin jaalala isaanii nuuf kennee warra karaa isaanii hordofu nu haa taasisu jenna. Aamiin.
-------------
Mee Ergamaa Rabbii Nabi Muhammad irratti salawaata haa buufnuu!
Sallallaahu Aleyhi Wesallam!
Comments
Post a Comment