SEENAA BAREEDDUU TANA DUBBISAA


SEENAA BAREEDDUU TANA DUBBISAA SHER GODHAA!!!!
------------------------------------------------
Mootii tokkotu jira "intala akkaan bareeddu ta haala gaarii qabdu ta rabbiin sodaattu qaba.
-Callee gatiin isii guddoo takka qabditurte callee warqii kaana gurgurtee masjida ittiin ijaarte. Gaafa tokko masjida san ilaala jettee deemte. namoota achi keessa dalagan hundaanuu gadi akka bahan ajajjee. sana booda mucaan tokko ol fagaatee.Waan jiruuf ajaja san hin dhageenne. inni achumarratti hafe. isiin waan namni hunduu bahan seetee ol seentee hijaaba ofirraa fuutee masjida ilaaluu jalqabde. yeroma san mucaan
arge. bareeduma isii yeroo argu rifatee sirritti jaalatee hanga dhibamu gahe. booda san manatti galee firaasharra ciisuu jalqabe dhibeen guyyamaa guyyatti itti hammaachuu eegale.
_____________________
-Haati isaa dulloomtuu wahiiti . "maal taate ilma koo"jetteen innis qaanfata erga itti himee booda akkas jedhe"yoo isii hin argatin du'uu kooti"jedhe "Haati isaas rifattee waan gootu dhabdee booda dhaquuf kaate . karaa irratti "yaa rabbi na hinsalphisin "jedhaa dhaqxe.Sana booda akkas jeetteen afaan sodaatiin"hajaan koo waan ajaa'ibaati. Narraa fuudhattaafi hin dhiiftaallee hin beeku yoo hin fudhatinillee na hin arrabsin"jetteen.
___________________
-Isiinis "homaa mitii jedhaa" jetteen.
hatis akkas jetteen "mucaa tokko qofa qaba innis masjida ati ijaarsifte keessa dalagaa ture . guyyaa tokko achitti si argee baay'ee si jaalate sanirraa
kan ka'e dhibamee mana ciisaa jira yoo ati itti hin heerumin du'uu isaati. kanaaf maaloo mucaa koo naaf dhaqqabi ."jetteen. Mucattiinis Tole jetten garuu mahrii koo salaata leeylii naaf haa godhu jetteen haatis dinqisiifatanii maal jechuudha jedhaniin
___________________
-.isheenis Halkan afurtamaa salaata leeylii yoo salaate mahriin koo sanuma qofajetteen haati gammadaa gara manaa deebite. mucaa isheettis waan hundaa itti himte. innis gammadee dhibeelleen irraa galee akkas jedhe "halkan afurtamaa hagam taate" jedhe. Guyyaa afur walirra qabee yoo salaatu homa mucattii tanaa yaadaa ture .sana booda guyyaa guyyaan qalbiin isaa gama jaalala rabbiitti siiquu jalqabde.gaafa guyyaan afurtamaa dhumatu haati isaa ka'ikaa deemnee nikaaha siif hiinaa jetteen "mucaanis akkas jedhe ""ani qaata qalbiin koo rabbii intala san uume jaalachuu jalqabe. onnee koo keessa jaalala rabbii intala sanii malee jaalalli intalaa hin jiru jedhe .
___________________
EEGAA MAARREE NAMNI RABBITTI DHIHAATE IBAADAA DALAGUUDHAAN
Namarraahis ta'e duniyaa guturraa haajaa hin qabu
.Rabbi jaalala ofii nuuf haa kennu.

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH