Seenaa Rasuula (S.A.W) keenyaa
#Dubbisi_Seenaa_Bareeddu
Seenaa Rasuula (S.A.W) keenyaa
===> Maqaa isaanii hanga hidhata sanyii 22tti akka armaan gadiitti wajjiin haa ilaalluu,
1. Muhammad
2. Abdullah
3. Abdul Muxxalib
4. Hashim
5. Abdul Mannaaf
6. Qusay
7. Khaalib
8. Murraah
9. Ka'ab
10. Lu'ay
11. Ghalib
12. Fihir
13. Maalik
14. Naadir
15. Kinaanah
16. Khuzeymaah
17. Mudrikaah
18. Iliyaas
19. Mudar
20. Nizar
21. Ma'ad
22. Adnaan
23........
24...... jechuudhaan itti fufa.
===> Nabi Muhammad ( s.a.w ) zamana arbaa jedhamu keessatti dhalatan.
===> Akka laakkofsa Awrooppaa bara 570 tti. Baatii Rabi'ul awwal keessa guyyaa wixataa dhalatan.
===> Haatahuu garuu guyyaa itti
dhalatan kana irratti hayyoota seenaa jiddutti garaa garummaan ni jira.
===> Barreessitootni seenaa Nabi Muhammad ( s.a.w ) baatii kana keessa guyyaa 2ffaa irratti dhalatan kan jedhan jiru.
===> Baatiidhuma kana keessa guyyaa sadaffaa irratti dhalatan kan jedhanis jiru.
===> Baatiidhuma kana guyyaa 12 ffaa irratti kan jedhanis jiru. Kanaan alas kan jedhan ni jiru.
===> Nabi Muhammad ( s.a.w ) abbaa isaanii ijaan arganii hin beekan.
Garaa haadha isaanii keessa yommuu jiranitti du'aan boqotan.
Jaalala haadhas akka nama
kamittuu guutumaan guututti argachuu hin dandeenye.
Umrii isaanii waggaa jahatti harmeen isaanii addunyaa tanarraa du'aan godaanan.
===> Eegasii booda akaakayyuun isaanii Abdul Muxxalib isaan guddisuuf itti gaafatamummaa fudhatan.
Umrii isaanii waggaa saddetitti immoo akaakayyuun isaanii ni du'an.
===> Eegasii immoo abbeeraan isaanii Abu xaalib itti gaafatamummaa isaan guddisuu
fudhatan.
===> Nabi Muhammad ( s.a.w) bifa kanaan hawaasa keessatti maqaa dabalataa "Muhammad Amiin" (Muhammadii amanamaa) jedhu argachuudhaan umrii isaanii xinneenyaa dabarsan.
===> Maqaa Umma Rasuula S.A.W
Aamina Bintu Wohaab, Binu AbdiMunaaf, Binu Zahrata, Binu Kilaab,
Ergama keenyaa Salalahu aleeyhii
wosalam isiitu Dhalee
Erga isiin Dhaltee irraa Duute Booda Nama Heddutu Hoosise
Erga isiin duute Nama Heddutu
Hoosise
Isaan keessa Takka
Ummu Eymantu""fudhate Hoosise
Ammas Namni bira Hoosise jira isiinis
Suheeyba jedhaniin
Ammas Rasuula keenyaa S.A.W
Akaakoon isaa birattii guddate Waan jedhen Akaakoo Isaa kun Firaasha Tokko qaba jedhe Firaasha kana Ujjoollen irraa Teteeysii Namoonni hundii Mogga Taa'ani jedhe Duuba
===> Ammoo isa kana Abdul Muxxalib Kun Akaakoo Isaati Ujjoollee tana irraa Dhoorkee
Muhammad Bichaan guddisuuf jecha Ujjoollee Kana irraa Dhoorka jedhe Duuba
===> Akkanatti gartee Dhufeetiin Nabin keenyaa Salalahu aleeyhii wosalam irraa gatta'a jedhee Ujjoollee tana irraa Dhoorkee isaa jaalachurra irra ga ta'a jedha duuba Waan jedhen isaa kana jaalachurra irra isaa birattii Akkanatti jabeenya qaba jedhe
===> Nabin keenyaa Salalahu aleeyhii wosalam ergasii booda Akaakoon isaallee irraa du'anii
===> Booda Addeerri isaanii ""Abu Xaalib"" fudhatanii isaanis ergasii Rasuula S.A.W Kaafiira kana sirritti irraa Dhoorka turanii
===> Booda Abdul Muxxalib du'anii
===> Rasuullii keenyaa Salalahu aleeyhii wosalam hedduu rakkatanii
===> Akkana jedhanii osoo jecha Takka Naa jette Tan gaafa guyya qiyaama sii Falmu
===> Jechaa Laa ilaah haa illaallah jedhu osoo naa jette jedhe gaafate
===> Abi Xaalib Waan jedhen Jechuu
fedheeti Qureeyshiin Mogga jirti waan naan jettu hin Beeku jedhe dide jedhe
===> Duuba subhaanalla
Rasuullii keenyaa Salalahu aleeyhii
wosalam
===> Gaafa ergaman Ilmaa Nama Hundatti ergaman
===> Rabbiin keenya yaa Nab kiyyaa ilmaa Nama kana guututti sii ergine jedha duuba
===> Haala Mu'umintoota gammachiisa Taaten
===> Haala Ujjoollee kaafiira Dinina Taaten
===> Rabbiin keenya ammas yegguu
qur'aana keessaatti dubbatu
Qulqullaaye Inni Furqaan Buuse
Gabricha isaa Muhammad irratti
akkamiif akka ilmaa Nama kana dininuf jedhe Duuba
===> Nabin keenyaa Salalahu aleeyhii wosalam
===> Towraat keessaattille dubbatame jira
Isaan Ilmaa Maryam
Yaa ilmaan israa'el
Yaa ilmaan Yaa'aqub
Anii ergama Rabbitti Karaa keesanitti Haala isiin gammachiisa taheen Rasuula gana dhufaa jiru
Kan maqaan isaa AHMAD jedhamu
Maqaa Muhammad jedhamu
Akaakoo isaattu Baasef
Maqaa ""AHMAD"" jedhamu kana
Rabbittu Samii Torban irraa Baasef
===> Isaalleen Towraat keessaatti fi
Injiil keessaatti Dubbatame jira
===> Rasuullii keenyaa Salalahu aleeyhii wosalam
===> Achi booda Diina kanattii Rabbiin isaa isaa erginaan jabeessuuttii Seenee
===> Rasuullii keenyaa Salalahu aleeyhii wosalam
===> Duraan gaara Hiraa keessaatti
Rabbii isaa gabbara Turee
Manama fa'a arga turee
Osoma akkana turu gaaf tokko Rasuullii keenyaa Salalahu aleeyhii wosalam Osoma Akkanatti taa'a jiruu JIBRIL itti Dhufee
===> MUHAMMAD Jedhe yaame Qara'ii jedhen jedhe
Qara'uu hin dandahu jedhen jedhee
Qara'ii jedhe itti deebi'e
Qara'uu hin dandahuu jedhen jedhe
Sadaffa irratti hudhe qabe qara'ii
jedhen jedhe Qara'uu hin beeku maal Qara'a jedhen jedhe
Booda Suura IQRA Qara'ee akkasiin qara'ee jedhe
===> Rasuullii keenyaa Salalahu aleeyhii wosalam
Amma Dubbiin Tuni isaa Dhibde jedhe
Booda KADIJJATTI Dhufee
Mee akkam taha dubbii akkanattu Na qabate jedhen jedhe
Abboo jetten KADIJAAN Yaa
MUHAMMAD Atii Nama Aja'ibaati
===> Nama Nama gaarii Bulchuu Nama Namattii waan gaarii dalaguu Rabbiin siin xiqqeessu Abshiiir jetten KADIJAN
===> Booda Fuute Deemtenii WORAQA BINU OWFIL bira geessite
===> Mee ilmaa Addeera keeti kana waa gaafadhu jetteni
===> WORAQA BINU NOWFAL Kun Worra Nasaara irrayyi
===> Booda maaltu sitti Dhufee Yaa Nab Muhammad jedhe gaafate
===> Bar bakka Akkanatti waan akkana tahee jedhe itti hime jedhe
===> Yaa abbo jedhe Osoo gaafa san kan Na jiraachisuu Taate Waan jabaadha Wonni kee kunii sila Gaafa Ummanni kee kunii
Biyyee irra Sii Baasu san odoo Rabbiin Na jiraachise jedheni
===> WORAQA BINU NOWFAL akkasumatti achumaan du'ee jedhe Duuba
===> Rasuullii keenyaa Salalahu aleeyhii wosalam
===> Achirra eegale Duula isaa itti fufe jedhe Duula itti jajjabaachuutti seene
===> Qureeyshiin isaa Rakkiste KA'ABA birattii duuba Qureeyshiin Namni Torbaa
Dhufanii Bira Dhadhaabatanii
===> Tokko keessaa Dildhu Worra ebalu ebalu Tan gaalli irra Dhalee Maaltu as Fidee jedhanii irraa kaayan Isaa SUDUUJA godha jiruu
===> Kana waan jedhe ABDALLA BINU MAS'UUD Ka'ee waan tokko gochuu hin dandeennee FAAXIMATTI hime jedhe
===> Booda Faaximan akka malee fiiga Dhuftee DIL'UU kana irraa fuute Darbite Arrabsite
===> Rasuullii keenyaa Salalahu aleeyhii wosalam Haala kanaan Dil'uun irratti darbama ture
===> Rasuullii keenyaa Salalahu aleeyhii wosalam gaafa kana hundaa salaanni Waajiba irratti hin godhamnee
===> Kootta gara keeyriidha jechuun ummata waamu itti fufan jechuudha
===> Rasuullii keenyaa Salalahu aleeyhii wosalam
===> Gaafa Tokko Rasuullii keenyaa Salalahu aleeyhii wosalam Safa ol Bahaniti Lalaban Yaa'an worrii Qureeyshii kun ni jedhen
===> Rasuullii keenyaa Salalahu aleeyhii wosalam{Osoo Jechin Gamanan Dhuftee Dhuftee Jedhani Amantanii jedhen jedhe Ee ni Amanna jedhan Yoo akkas taate jedhen{Rasuullii keenyaa Salalahu aleeyhii{wosalam Ibidda Rabbi jala Baha jedhen
===> Booda ABI LAAB Lafa ka'eee Abboo kanaaf wolitti Nu qabdee jedhen jedhe Harkii kee sii haa Cittu
===> Achumaan Rabbiin keenya
TABBATI YADA Itti Buuse
===> Irraa Baradha Ustaaz keenya Rabbiin isinirraa haa jaalatu
===> Kutaan itti hanga wol garuu
===> Dubbisa irra Baradha
===> Shere gochuu hin dagatina
jazakumullahu keeyran
Rabbiif Jedhii Sharee Gochuu Hin
Irraanfatani
Fidaak Abii wa ummii yaa Rasuulallah
Mee namni hundinu
Rasuula keenya irratti salawaata haa
buufnuu!
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
Comments
Post a Comment