WANTOOTA IRRA CAALOO TAHAN
WANTOOTA IRRA CAALOO TA'AN
••••••••••••••••••••••••••••••••••
◆◆Irra caaltuun Jaalalaa ...Rabbii fi Rasuula(saw) jaallatuudha .
◆◆Irra caaltuun yeroon namni Rabbitti dhihaatuu Sujuuda keessatti .
◆◆Irra caaltuun imimmaanii ...tan sodaa Rabbiitiif buutu,
◆◆Irra caaltuun Amantii ...tan Islaamaati .
◆◆Irra caaltuun Ummataa ...kan nabi Muhammadi (saw),
◆◆Irra caalaan kitaabaa ...Furqaani .
◆◆Irra caaltuun qaraatii Qur'aanaa ...Tajwiidaan qara'uudha .
◆◆Irra caalaan Hadiisaa ...Sahiiha .
◆◆Irra kabajamtuun manaa ...Ka'abaadha
◆◆Irra kabajamaan dhagaa ...Hajar Al- Aswadi .
◆◆Irra caalaan torbaanii ...guyyaa Jum'aati .
◆◆Irra caaltuun ji'oowwanii ...Ramadaana
.
◆◆Irra caaltuun ulee ...tan nabi Muusaati (as) .
◆◆Irra caaltuun yaabbii ...tan nabi Suleeymani(as) .
◆◆Irra caalaan nabiyyootaa ...nabi Muhammadi (saw) .
◆◆Irra bareedaan namaa ...Abbaa keenna Adami (as) .
◆◆Irra qaaliin meeshaa ...tan Jannataati .
◆◆Irra ol aantuun Jannataa ...Firdowsi .
◆◆Irra caalaan maqaa kabajaa ...Gabricha/ttii Rabbii jedhamuudha
◆◆Irra jabaan namaa ...kan yoo Aare of qabuu dandahu .
◆◆Irra kabajamaan namaa ...kan Rabbi sodaatu .
◆◆Irra caaltuun dubartii ...tan naamusa isii eeggattu .
◆◆Irra ol aantuun(fiixeen) duniyaa ...Jaartii gaarii qabaatu .
◆◆Irra caaltuun Jaartii ...tan ajaja jaarsaa 99% fudhattu .
◆◆Irra caalaan dhiirsaa ...kan jaartii isaa biratti haala gaarii qabu .
◆◆Irra caaltuun bultii ...tan wal Jaalalaan diiniin jiraatani .
◆◆Irra caalaan barsiisaa ...kan Qur'aana barsiisuu .
◆◆Irra caaltuun tarkaanfii ...tan gara Masjiidaa deemtu .
◆◆Irra caaltuun teessumaa ...tan Masjiida keessaati
◆◆Irra gaariin arrabaa ...kan zikrii baayyisu .
◆◆Irra caaltuun jireenyaa ...tan Mu'uminaati .
◆◆Irra bareedduun sagalee ...tan Qur'aanaati .
◆◆Irra argisiiftuun daawwitii ...Hadiisaa fi Qur'aana .
◆◆Irra caalaan beekumsaa ...hamma beekanitti dalaguudha .
◆◆Irra caaltuun suuraa Qur'aana ...Al- Faatihaadha .
◆◆Irra caaltuun Aayata Qur'aanaa
...Aayaat Al-Kusiyyi .
◆◆Irra caaltuun zikrii ...Laa Ilaaha Illallnama .
◆◆Irra caaltuun du'aa'ii ...Al-Hamdu Lillaah .
◆◆Irra amanamaan Ummata kanaa ...Abuu Ubeedaadha .
◆◆Irra iimaana qabeessi sahaabaa ...Abuu Bakri .
→RABBUMATU BEEKA !!!

Comments
Post a Comment