WAL DORGOMMII
WAL DORGOMMII
•••••••••••••••••••
Qabeenyaan wal irra caaluudhaaf guyyuu dorgommitti jirra. Garuu wal dorgommii aakhiraa irraanfannee jirra.
***
Yeroo ammaa kana yoo namni bilbila haarawa bitatu anis bitachuu qaba jedhaa of cinqina. Akkasuma uffata haarawa namarratti yoo arginus uffatuma san bitachuu kajeella. Yoo tokko mana haarawa ijaaratus, ka isa caaluu qabaachuudhaaf hawwina. Inni tokko beekkamee yeroo addunyaa irratti maqaan isaa leellifamus, nutis akka isaa ta’uudhaaf qilee buuna……. Waldorgommiin addunyaa tun xumura hin qabdu.
Garuu…
Karaa islaamummaa irratti, karaa kheeyrii irratti, jannata argachuuf jecha nama wal dorgomu arguun rakkisaa dha. Namni hifzii qur’aanaa irratti wal dorgomu xiqqaadha. Namni soomanaan wal dorgomu hin jiru. Namni salaata sunnaan wal dorgomu hin jiru. Saffaa duraa argachuuf kan manaa dursee bahus dhabamee jir, Salaamtaa dursani jechuunis hafee jira. Sadaqachuu irrattis harki nu gabaabbatee jira. Ziyaaraanis haftee jirti. Walumaa galatti Jannata argachuudhaf wal dorgommi jiru keessa hin jirru. Fagooma teenya qabeenyaan wal dargomuu irratti qabamnee jirra. Rabbi nuu haa laaffisu.
Yaa Allaah:
► Nama karaa kheeyrii irratti wal dorgomee, jannatul firdowsiin badhaafamu nu taasisi!
©kalaamnigaariinsadaqaadha

Comments
Post a Comment