SEENAA NAMA ZINAAFII KHAMRII NAANEEYSUU
Seenaa nama zinaa fii kamrii naannessu kan garuu khaliifaan muslimtootaa,ulamaa'iinii fii sheekkotiin hedduun irratti salaatan
------------------------
Seenaan kun yaadannoo khaliifaa impaayera otomaan Turkii sulxaan Muraad Al-Raabi'ii irratti barreeffamee
taa'ee jira. Seenaa kanas akkana jechuun dubbatan. Halkan guyyaa tokkoo sababa hin beekneen onnee koo irratti natti ulfaatee jennaan itti gaafaatamaa
wardiyyoota kootii waamsisee 'ka'i mee magaalaa keessa miilaan adeemnaa' jechuun ajajeen. Imala keenya eegallee yommuu ganda tokko geenyu namni
tokko daandii irratti kufee argineen.
Qaama isaa sochoosuuf yaale. Namichi garuu du'ee jira. Haatahuu garuu namootni cal je'anii isa biraan dabran.
Namootnis ani eenyu akka tahe hin barreeyyu. Namootatti iyyuu eegale.
"Maaliif nama du'e biraan cal jettanii dabartan? Maaliif lafaa oli hin kaafneen?
Koottaa haa kaafnuunii malee. Maatiin isaa hoo eessa jiran?" Jechuun gaafadhe.
'Ayii kuni bar nama kamrii fii nama zinaati.' jechuun naaf deebisan. Anis "yoo tahe hoo? Inni ummata Muhammad s.a.wjidduu isa tokkoo mitii?" isaaniif deebise.
Namicha du'e na qarqaaraa jedhee gara mana jireenyaa isaatti geessine.
-----------------
Haati manaa namichaas reeffa abbaa manaa ishee argitee rifattee booyuu eegalte. Namootni reeffa baadhatanii dhufan immoo mana gadi dhiisanii
deeman. Anaa fii wardiyyaan koo qofti mana ishee biratti hafne. Haati manaas "Rabbiin rahmata siif haa godhu. Ati shahiida. Ati suhaalihoota jidduu isa
tokko dha." jechaa boossi ture. Anis na ajaa'ibe "akkamitti akkana isaan jechuu dandeesse? Namootni yommuu nama kanaan machaa'aa fii nama zinaa jechuunyaaman ati hoo maaliif suhaaliha jechuun
yaamta?" jechuun ishee gaafadhe.
"Eeyyan namootni akkana akka isaan jedhan naan beeka." naan jette. Iccitii isaas akkana jechuun dubbatte. "Abbaan manaa koo yeroo hunda galgala-galgala gara mana dhugaatii (kamrii) deemuun kamrii hanga humni isaa eeyyame bituudhaan gara mana keenyatti fida.
Eegasii immoo lafatti jigsuun 'hanga muslimtootni dhugan yoo lafatti jigse wayya, carraa kamrii dhuguu isaanii xinnoollee tahu osoo hir'isee wayya' jechuun dubbataa ture. Dubartoota qaama ofii gurguratan deemeetiin takkatti qabee gara manaatti eega fidee booda 'har'a mallaqa kootiin bulta' jechuun maallaqa kenneefii balbala cufadhuu rafii lafti yoo bari'u gara deemtutti deemi jedhaan. Eegasii mana dhufuun har'a galgala cubbuu dubartii tanaa hir'isee mii,
ma'asiyaa dargaggoota magaalaa keessa jiranii xinnaatus hir'isee mii jechuun dubbata. Abbaan manaa koo yommuu yeroo hunda waan kana godhu "maaloonamootni sirratti ilaalcha badaa horatu,
yoo duutes namni sirratti salaatuu fii si awwaalu tokkollee hin argattu." jedhaanii ture. Inni garuu natti seeqataa "Hinsodaatin. Ani yoo du'e kaliifaa
muslimtootaa, ulamaa'ii gurguddaa fii suwaalihootatu narratti salaata' jechuun naaf deebise." Jechuun nuuf himte.
Subhaanallah. Anis of to'achuu dadhabee imimmaan dhangalaase. "Eeyyan dhugaa isaa dubbate. Ani kaliifaa muslimtootaa ti. Boru dhiiqnee irratti salaatna" jedheen.
Sirna awwaalcha isaa irrattis Kaalifaan Muslimtootaa kan ture sulxan Muraad, ulamaa'iinii fii suhaalihootni akkasumas ummatni hedduun irratti argamuu danda'aniiru. Subhaanallah!!!
-----------------
Dalagaan toltuun nuti Rabbiif jecha dalagnu maaf xinnoo hin tahin Rabbiin biratti sadarkaa guddoo nu gonfachiifti.
Rabbiin warra waan dhageenye irraa waa
barannu nu haa taasisu.

Comments
Post a Comment