Saayinsii fii Teknolojii Eenyuutu Ittiin Beekkamee Ture ?
Saayinsii fii Teknolojii Eenyuutu Ittiin Beekkamee Ture ?
Irra badaan adawwiin ilma namaa wallaaluummaa dha, wallaalummaan hanga adawwiin khee si miidhuu hin dandeenye takka si miidha.
Mee Qabxilee armaan gadii jiran khana sirritti gad lallaalaa
➡ Abbaas bin farnaas nama yeroo duraatiif xayyaaraa tolche,
➡ Ibn haysam nama yeroo duraatiif fotoo kaameeraa tolche,
➡ Ibn siinaa nama yeroo duraatiif beekkomsa ji'olojii lafa khaayee,
➡ Abul qaasim azzahraawii nama yeroo duraatiif awroppaa kheessatti sarjiin godhe,
➡ Al idriisii nama yeroo duraatiif dachiin khubbaaa fakkaatuu isii itti dhaqabee lafa khaaye dha,
➡ Ibn al biixaar hayyuu biqiltuu addunyaa isa duraati,
➡ Ibnu nafiis nama yeroo duraatiif seelii dhiigaa itti dhaqqabe,
➡ Ibn khalduun nama yeroo duraatiif
saayinsii haawaasummaa lafa khaaye,
➡ Abu bakar arraazii nama yeroo duraatiif beeyladaarratti dawaa itti jarrbe,
Duuba hayyoonni muslimtootaa tanneeniifii khanneen biraalleen akka fakkeenyattii khaasuun ni dandayama, hayyoonni khun beekkoomsa qur’aanaatii fii hadiisa bu’ura godhatuudhaan
addunyaadhaaf dhaloota isaan booda dhufuuf gumaacha gurguddaa akkanaa gumaachuu dandayan,
Nutihoo dardaroonni zamana khanaa amantii kheenyaaf, biyya kheenyaaf,
hawaasa kheenyaaf wanni gumaachuudhaaf yaadaa jirru maali!!?
Moo usneetuma nyaannee dhuyinee, fuunee dhadhallee, osoo humaa hin hojjatin du'udhaa yaanni kheenya, yeroo kheenya maaliirratti dabarsaa jirra mee haa laallu.
Warra yeroo isaanii, umrii isaanii waan
faayidaa hin qabnerratti dabarsee booda sheenawurraa Rabbi nun taasisin!!!?

Comments
Post a Comment