ARRABA KEE TOOHADHUU
ARRABA KEE TOOHADHU
•••••••••••••••••••••••••••
Yeroo kankee mormii irratti hin gubin. Keessattuu namoota hammeenya namaa malee toltuu namaa haasawuu hin jaalanne wajjin wal hin mormin. Osoo haga fedhellee dhugaa jirtu itti himtee, isaan waan ati jettu sirraa fudhachuudhaaf qophaahoo miti. Durumaan qalbii isaanii cufanii jiran.
Yoo namoonni oduu dharaa waa’ee kankee facaasan, hin cinqamin, namoota sanniiniifis bakka hin kennin. Deebii isaanii kennuudhaafis yeroo kankee hin gubin. Ati arraba isaanii too’achuu hin dandeettu. Garuu qalbiin tantee qulqulluu yoo taate, Rabbii kee gammachiisuu ni dandeetta. Kanaafuu, kaayyooon kee Rabbii kee gammachiisuu malee, nama ololaan deemu ittisuu ta’uu hin qabu.
Yoo namoonni biroo waa’ee kankee, oduu dharaa facaasaa jiran taate, diriirfadhuu gammachuun ciisi. Warri sun, badii ati dalayde sirraa dhiqanii, toltuu isaanii ammoo siif gumaachaa jiran. Adaduma warri sun waan ati hin qabneen si hamataniin, Rabbi badii kankee sirraa fuudhaa isaanirra kaaya. Toltuu isaanii ammoo fuudhee toltuu kankee irratti siif ida’a. Haaluma wal fakkaatuun atis, oduu dharaa waan namaa odeessaa jirta taanaan, badii isaanii isaan irraa dhiqaa akka jirtu beeki. San daran ammoo toltuu tantee isaaniif dabarsaa kankeetii ammoo harka duwwaa akka hafaa jiru yaadadhu. Kanaafuu Arraba kee toohadhu.
YAA RABBI
► Arraba keenya kheeyrii dubbachiisi
► Hamii irraa nu fageessi
► nama toltuu namaa dubbatu nu taasisi
► akka maqoo namaa dhoksinu nu dandeessisi !!!!

Comments
Post a Comment