WAAN HIN BEEKNEE HIN DUBBATIN
WAAN HIN BEEKNE HIN DUBBATIN
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••
☼ Arrabni kee waan qalbii kee keessa jiru dubbata. Kanaafuu qalbii kankee hammeenya, hinaaffaa, jibbaa, wallaalummaa fi mamii irraa qulqulleessi. Yoo qalbiin tantee wantoota kanniin irraa qulqulloofte, dubbiin arraba kankee irraa bahus bareedaa fi jaalatamaa ta’a.
☼ Namoota ibaadaa fi islaamummaa irratti laafaa ta’an yoo argite, waa’ee isaanii jarjartee hin murteessin. Dubbii fokkotaa fi waan hamilee isaanii cabsu itti hin dubbatin. Maaltu beeka tarii namoonni sunniin karaa qajeelatti deebi’uudhaaf wal’aansotti jiran ta’a. Kanaafuu itti dhihaadhuu isaan gargaari. Garuu Maqaa itti hin baasin
***
Yeroo ammaa kana maqaa namatti baasuu fi nama arrabsuun akkaan salphaa ta’ee jira. Waa’ee namaa gaarii dubbachuurraa waa’ee nama sanii dharaa fi hammeenya dubbachuun, qilleensa oksijiinii harganuu caala laafaa ta’ee jira. Nama tokko waan hin qabneen hamtuu isaa dubbatuun ammoo dilii guddaadha. Ergamaan Rabbiitis ﷺ namni hedduun Azaaba sababa arrabaatiin akka seenu himanii jiran. Kanaafuu Arraba keenyaa haa hiinu. Waan hin beeknee dubbachuu irra cal’isuu haa filannu.
YAA ALLAAH
► Arraba keenya kheeyrii dubbachiisi
► gaarii dubbachuu nuuf laaffisi
► nama toltuu namaa dubbatu nu taasisi
► Waan hin beekne dubbachuurraa nu fageessi
By: kalaamnigaariinsadaqaadha

Comments
Post a Comment