SUNNAALEE GUYYAA JUMU'AA

SUNNAALEE GUYYAA JUMU’AA
•••••••••••••••••••••••••••••••••

Guyyaa jumu'ah Ergamaan Rabbii (S.A.W) jedhaniinii jiru hadiisa Abuu hureyraan (R.A) odeesse keessatti guyyaa kana keessa wantoota gurguddootu jiru

==>. Aadam (A.S) kan uumame
==>. Jannata kan seene
==>. Jannata keessaa kan bahe
==>. Qiyaamaanillee guyyaa kana dhaabbatti (buuti) (abuu daawudii fi nasa'ii)

1. Qaama dhiqachuu

2. Shittoo Dibachuu (dhiiraaf)

3. Rigaa fayyadamuu

4. Uffata qulqulluu uffachuu

Guyyaa tana qaama dhiqachuu fi shittoo (urgooftuu) dibachuun [dhiiraaf] ni jaalatama kana ilaalchisee

Ergamaan Rabbii (S.A.W) Hadiisota hedduu dubbatanii jiru kanniin keessaa yaa muslimoota.kun guyyaa rabbiin isiniif ayyaana godheedha wanta kana ta'eef qaama keessan dhiqadhaa rigaa (siwaaka ) fayyadamaa.

5. Yeroon gara masjiidaa deemuu

6. Masjiida eega gahanii booda gateettii namaa irraan tarkanfataatiin nama rakkisuu dhabuu

7. Imaamni khuxbaa gochaa jiraatus tahiyatu masjiid salaatuu

8. Khuxbaan eegalamnaan fuula gara imaamatti deebi'anii khuxbaa caqasuu

9. Yommuu khuxbaan godhamu haasawa kamuu gochuu dhabuu

10. Sadaqaa heddummeessuu

11. Suuratul khahfiin qara'uu

12. Du'aa'ii heddummeessuu

Guyyaa kana keessatti waqtiin du'aa'iin
namaa sirritti nama irraa qeebalamtutu
jira jedhan Ergamaan Rabbii (S.A.W).

Guyyaa Jum'aa keessa waqtiin takka ni
jirti. Waqtii kanatti namni Rabbii isaa waan
takka gaafate wanti inni gaafate sun hanga haraama hin tahinitti Rabbiin waan inni gaafate sana isaaf kenna." jedhan. 

Kanaaf du'aa'ii heddumeessuun gaarii dha.

13. Nabiyyii (S.A.W) irratti salawaata heddummeessuu

Guyyaa jumuaah nabiyyii (S.A.W) Irratti salawaata baay'innaan buusuun ni jaalatama hadiisa aws ibn aws (R.A) dabarsaniin Ergamaan Rabbii (S.A.W) akkana jedhanii jiru.

Guyyaawwan keessaa caalaan jumu'aadha guyyaa tanatti ana irratti salawaata baay'isaa salawaanni keessan wanta ana bira gahuuf (tirmiizii)

-----------------

Ergaa kana "share" haa goonuu.

Ergamaan Rabbii (S.A.W) akkana jedhaniiru. "Namni dalagaa toltuu takka namatti agarsiise mindaa hanga namicha dalagaa sana dalagee sana ni argata."

Rabbiin warreen itti fayyadaman nuhaa godhu!.

Aamiin Yaa Allaah!!!


Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH