SALAWAATAA FI FAAYIDAA INNI QABUU


SALAWAATAA FII FAAYIDAA INNI QABU
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Allaahumma Salli Wasallim Alaa Nabiyyinaa Muhammad ! 

Nabiyyii Keenyarratti Salawaata Buusuun Sawaaba qaba. Wanni Sawaaba qabu Ibaadaadha jechuudha. Salawaanni Du’aaii Nabiif godhuudha. Rabbiin akka
Sadarkaa Isaa daran ol fuudhu, akka faaruu Isaaf dabalu, akka Rahmata Isaaf guddisu kadhachuudha.
Ibaadaan akka du’aaii sa’aa fii guyyaa hin qabdu.
Rasuulli s.a.w Salawaata Isarratti buusuu Ilaalchiisee akkana je’e: “Namni Salawaata takka Narratti buuse,
Allaahan salawaata/rahmata kudhan isarratti buusa.” Sahiiha Muslim: 384

• Salawaata takka Nabiirratti buusuu jechuun <Allaahuma Salli Alaa Nabiyyina Muhammad> <Sallallaahu Aleeyhi Wasallam> jechuu fii salaawata gosa biraarraa takka jennaan, Rabbiin nama San Salawaata kudhan irratti buusa.

• Rabbiin salawaata kudhan irratti buusa jechuun Rahmata kudhan Isaaf kataba, Isaaf dabala jechuudha. Hadiisa biraa Keessatti Ergamaan keenya
s.a.w akkana je’e: “Nama Salawaata takka narratti buuse, Allaahan salawaata/Rahmata kudhan irratti buusa, Cubbuu Isaa/dilii Isaa kudhantu Isarraa haqama, Sadarkaa kudhantu Isaaf ol fuudhama.” Sunana Nasa’ii: 1297

Hadiisa biraa kanuma Nasa’iin Gabaase kheeysatti Jibriil nama Salawaata takka Rasuularratti s.a.w buuse kudhanin irratti buusa jechuutu jira.

• Salawaata takka Rasuula keenya s.a.w Irratti buusuun faayidaa danuu kana nuuf qaba. Yoo guddifne akkasumatti faayidaan dabalaa deemti. Jaalala Rasuulaatu s.a.w Onnee teenya kheeysatti sabata. Waan Jaalatan dubbachaa ooluun aadaa Ilmaan namaati.

• Rahmata kudhanirratti, Badiin kudhan sirraa haqamuutu itti dabalama, Badii kudhan haquurruttis Sadarkaa kudhan ol siif fuudhuutu itti dabalama.

• Duuba kana hunda eega beeyte Salawaata irratti buusuu hin hiftan. Salawaata buusuun guyyaa hunda malee guyyaa tokkoo miti.

Xumurarratti ega kana beeyte waan kana dubbiftee Salawaata Nabirratti s.a.w osoo hin buufne bira hin kutin. Share godhuun Jaalala Nabii keenyaa s.a.w facaasi.

Allaahuma Salli wa sallim Alaa Muhammadin Wa Alaa Aali Muhammad.

By: kalaamnigaariinsadaqaa 

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH