WAA'EE SHAMARRANII ILAALCHISEE HADIISA NAMA RIFACHIISUU


Waa’ee Shamarranii Ilaalchisee Hadiisa Nama Rifachiisu !!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Nabiin Rabbii  (SAW) gaafa Samii bahan dubartoota hedduu ibidda keessatti argan. Kan jarri haala sodaachisaan azzabamaa jiran. Subhaanallaah 

"Aliyyii Ibn Abi Xaalib -akka jedhe aniif Faaximaan Guyyaa tokko Mana Rasuula Rabbii dhaqnee isaanitti Ol seenne jedhe isaanii Boo'icha hamaa boo'anii imimmaan isaanii qorop, qorop gochuu jiruu. Aliyyiin waan jedheen "Fiidaaka Abi wa Ummii " Yaa Rasuulallah Maaltu si boochise Yaa Rasuula Rabbii jedheen. 

"Nabiin  (SAW) waan jedhaniin Yaa Aliyyi wanni na boochise gaafan Samii bahun dubartoota ummata kiyyarraa ta'an kan isaan Azaaba garaa garaatiin azzabamaa jiranin arge . Waanan Guyyaa san arge yaadadheen of qabuu dadhabe kanatu na boochise Yaa Aliyyi jedhaniin. 

1: Dubartii tokko kan isiin Rifeensa Mataa isiitiin fannifamte ibidda keessatti, fannifamuu qofas mitii Mataan isii kan inni Falaq, Falaq jedhun arge jedhan 

2: Takkammoo kan Arraba ishee keessaa ol harkisanii Arraba kanaan rarraasanin arge. Kana gubbaan ibidda jahannam kan itti coccobsanin arge jedhan. 

3: Takkammoo miila ishee kana ol dachaasanii harma isheetti hidhan, harka ishee ammoo sammuu isheetti kan hidhanin arge jedhan. 

4: Takkammoo kan harma ishee tiin rarraasanin arge jedhan. 

5: Takkammoo kan Mataa ishee kana Mataa karkarroo fakkeessee qaamni ishee harree fakkaatu, ammalle Gosootni Azaabaa Gosa Miliyoona tokko kan gahutu isiirra jiraan arge jedhan. 

6: Takkammoo kan Suuraa saree fakkaattu, kan ibiddi afaaniin seenee jalaan irraa bahu,sana gubbaan kan Malaykaan madooshaan gaaraa Mataa keessa gadi dhooftun arge jedhan. 

Kana yaadannaan imimmaan of qabuu dadhabe yaa Aliyyi jedhaniin. Yeroo kana Faaximaan rifattee of qabuu dadhabdee waan jette yaa habiibii kiyya, yaa dasii ija kiyyaa maaluma Badiin ummata kanaa jetteen 

 Ergasii Rasuulli  (SAW) Waan jedhaniin Yaa intala too 

1: sheen rifeensaan rarraasan sun Mataa ishee dhiira irraa hin sattarattu jedhan. 

2: Isheen Arrabaan rarraafamte sun Abbaa Manaa ishee rakkifti jechaan Arrabaan jedhan. 

3: Isheen harmaan rarraafamte isheen firaasha Abbaa Manaa Ishee balleessiti nama biraa firaasha isaarra fiduun ta'ee Fedhii isaa guutuufii dhabuun ta'u jedhan. 

4: Isheen miilli ol dacha'ee harmatti hidhamee harki ishee sammuutti hidhamee qixaaxa hamaan qixaaxamtu sun "Janaabdaa irraa hin qulqulleeffattu, ammallee "Haydii irraas sirriitti hin qulqulleeffattu, ammas Ibaadaa Rabbii irratti da'iifa  (laaftuudha) jedhan. 

5: Isheen Mataan ishee Mataa karkarroo fakkaatu kan qaamni ishee harree fakkaatu sun  kan namaaf nama walitti dirtu, kan kijiba namarra keessu jedhan. 

6: Isheen suuraa saree fakkaattu sun kan ibiddi irraan seenee jalaan bahu sun isheen  "haasida  (kan waan namaatti hinaaftu ) ,ammas kan waan namaaf goote himattu kan waan Rabbiif jecha gootes kan himattuudha jedhan. 

 Nabiin Rabbii  (SAW) waan jedhan Faaximaan  Yaa intala too kasaarte hoongofte intalti Abbaan Manaa irraa rakkatu kan kabajaa hin kennineef jedhaniin. 

Share - gochuun obboleeyyan keessan Ibiddarraa hambisaa. JZK.

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH