Posts

Showing posts from 2020

Duutii deemsa gama akhiiraa hundi keenya godhaa jirruuf sadarkaa lammaffaati

Image
Duutii deemsa gama akhiiraa hundi keenya godhaa jirruuf sadarkaa lammaffaati. ↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓ Islaamni Jiruun jalqabaa fii dhumaa duniyaa jechuu hin barsiisu. Jalqabni Biyyee irraa, eegas Abbaa fii haadharraa, eegasi biyyeetti deebi'a, eegas biyyaa kaafamee galata hojii isaa fudhata. -------Akka nu hundaaf galuuf deemsi keenya akkana--- *Durri Adunyaadha, Isiin tuni Oyruu bareedduudha, bakka itti facaafatanii. *Lammeeysoon Barzakhi: Isiin tuni girdoo duniyaa fii akhiiraa jidduu jirtu. Qabriidha. Facaafata duniyaa irratti namni tolfate qabritti asheeta isaa irraa xiqqo xiqqoon murataa, oyruu Isaa ta tolte halaalaa achi laalaa gammada. Qabriin akkasi. *Sadeeysoon: Akhiiraadha, guyyaa irraa boodaati, ganda xumuraati. Asitti oyruun akka gaarii bilchaattee namuu waan facaafate murata, omisha isaa asitti argata. Ganda kanatti namni oyruu Isaa duniyaatti tolche Jannata taati wanni inni muratu. Kan duniyaatti oyruu Isaa gaffeeyse, oyruu Isaa silaa qotee tolchuu q...

Isaanifis guyyaan fokkiftuun sun ni jirti jedhee namni yaade hin turre.

Image
Isaanifis guyyaan fokkiftuun sun ni jirti jedhee namni yaade hin turre.  Guyyaan jibbamtuun namuu dhandhamuuf jibbu sun isaanittis ni dhufti jedhee namni eegaa ture tokkollee hin turre.  Eeyyan Duuti nama kamuu akka salphatti fudhattu sun nama kabajamaa fii jaalatamaa sana addunyaa tanarraa ni fudhatti jedhanii yaaduun ulfaataa ture.  Maaliifuu Jaalalli hawaasni muslimaa isaaniif qabu hedduu guddaa ture.  Tahus guyyaan du'a isaanii sun ni geesse.  Oduun Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad s.a.w du'e jettu hawaasa keessatti dhaga'amte.  Umar Ibnu khaxxaab r.a gaddi sammuu isaanii koree jennaan dallansuun seeyfii isaanii oli baasanii lallaban.  "Mee namni Ergamaan Rabbii du'eera jedhee dubbatu haa jiraatu seeyfii kanaan morma isaa irraa dabarsa." Jedhan. Namuu osoo hin dubbattin cal'ise.  Booda Abubakar Assiddiiq r.a ni dhufan. Sahaabtotatti sagalee isaanii ol qabanii dubbatan. "Yaa ummata Muhammad s.a.w! Isin gidduu namni Muhammadiin gabbaraa...

WAA TORBAN TA NAMA BALLEESSITU IRRAA BAQADHAA

Image
Akki jedhan Ergamaan Rabbii ﷺ  WAA TORBAN TA NAMA BALLEESSITU IRRAA BAQADHAA Yaa Ergamaa Rabbii maalii dha Jarri jedhanii gaafatan (sahaabaan) Akkas jedhan. 1. Shirkii/Rabbi waliin ka biroo gabbaruu. 2. Sihrii/Falfala. 3. Nafsee rabbi laguu godhe haqaan malee ajjeesuu. 4. Dhala nyaachuu. 5. Qabeenya yataamaa nyaachuu. 6. Jihaada keessatti Yeroo kaafiraan wal gahan dheessuu. 7. Dubartii qulqulluu Zinaa dalagde jedhanii Maqaa xureessuu. * ﻣﺘﻔﻖ ﻋﻠﻴﻪ : * * ‏( 89-2766 ‏) Nama Keyrii Baratetti Hojjatu Nu haa taasisu Rabbiin Woliif dabarsaa keyrii hin tuffatinaa ti.

Istigfaaraa (Araarama Barbaaduu) godhee gara Rabbii towbaa wonti deebi’uuf

Image
Istigfaaraa (Araarama Barbaaduu) godhee gara Rabbii towbaa wonti deebi’uuf :- 1. Rasuulli (S.A.W) Rabbii guyyaa keessaati si’a dhibba (100) Istigfaaraa godhanii towbaa waan deebi’aniif 2. Mallattoo gurraattii sababa maasiyaatiin qalbii irratti qabattee qulqulleessuuf 3. Rooba samii irraa argachuuf 4. Rabbiin duniyaa akka naa razzaquuf (naa hihiruuf) 5. Rabbiin dachee tolchee fireen akka biqiltuuf 6. Nashaaxaa fi jabeenya Rabbiin akka naaf kennuuf 7. Muka xuubaa jedhamu kan galmee nama Istigfaaraa baay’isee keessatti argamu akka argadhuuf 8. Rabbiin duniyaa fi aakiraa akka na sattaruuf 9. Caalaa ilmaan Aadam akka tahuuf, isaan sun worra Toowbaati (gara Rabbii deebi’an  10. Nabiyyiin (S.A.W) nama hamtuu dalagee Towbaa akka haarawoomsu waan ajajaniif 11. Gaddaa fi yaaddoo of irraa deemsisuuf 12. Rabbiin Towbaa gabrichaatiin ni gammada waan taheef, qalbii gabrichaa gammachiisuun jazaa (galata) isaaf deebi’a 13. Rabbiin worraa Towbaa deebi’u waan jaalatuuf jaalala isaa argac...

🏆 SEERA 10 JIREENYA GAARIIDHAAF 🏆

Image
🏆 SEERA 10 JIREENYA GAARIIDHAAF 🏆  1. Yoomiyyuu nama hin jibbin,onnee tee qulqulleessi. 2. Hin yaaddawin,Rabbitti irkadhu. 3. Jireenya salphaa jiraadhu,jiruun siif salphata fedhii rabbiitiin. 4. Xiqqoo eeggadhu,waanuma argattetti gammadi,Alhamdulillaah jedhi. 5. Hedduu kennitu hedduu argatta,ni badhaafamta fedhii rabbiitiin. 6. Yeroo hundaa seeqadhu,seequun sadaqaadha,namoonni birootis yoo si wajjiin jiran ni gammaduutii. 7. Jaalalaan jiraadhu,namoota birootis rabbiif jecha jaaladhu. 8. Adaduma hedduu salaattuun,hedduu badhaafamta. 9. Beekkumsa kee namaaf qoodi,yoo kan aayata takkollee qur`aana keessaa kan beektu taate. 10. Yeroo hundaa rabbii kee yaadadhu, waan hafe onneen kee ni barbaadiiti.

SEENAA BAREEDDUU TANA DUBBISAA

Image
SEENAA BAREEDDUU TANA DUBBISAA SHER GODHAA!!!! ------------------------------------------------ Mootii tokkotu jira "intala akkaan bareeddu ta haala gaarii qabdu ta rabbiin sodaattu qaba. -Callee gatiin isii guddoo takka qabditurte callee warqii kaana gurgurtee masjida ittiin ijaarte. Gaafa tokko masjida san ilaala jettee deemte. namoota achi keessa dalagan hundaanuu gadi akka bahan ajajjee. sana booda mucaan tokko ol fagaatee.Waan jiruuf ajaja san hin dhageenne. inni achumarratti hafe. isiin waan namni hunduu bahan seetee ol seentee hijaaba ofirraa fuutee masjida ilaaluu jalqabde. yeroma san mucaan arge. bareeduma isii yeroo argu rifatee sirritti jaalatee hanga dhibamu gahe. booda san manatti galee firaasharra ciisuu jalqabe dhibeen guyyamaa guyyatti itti hammaachuu eegale. _____________________ -Haati isaa dulloomtuu wahiiti . "maal taate ilma koo"jetteen innis qaanfata erga itti himee booda akkas jedhe"yoo isii hin argatin du'uu kooti"jedhe ...

Seenaa Rasuula (S.A.W) keenyaa

Image
#Dubbisi_Seenaa_Bareeddu Seenaa Rasuula (S.A.W) keenyaa ===> Maqaa isaanii hanga hidhata sanyii 22tti akka armaan gadiitti wajjiin haa ilaalluu, 1. Muhammad 2. Abdullah 3. Abdul Muxxalib 4. Hashim 5. Abdul Mannaaf 6. Qusay 7. Khaalib 8. Murraah 9. Ka'ab 10. Lu'ay 11. Ghalib 12. Fihir 13. Maalik 14. Naadir 15. Kinaanah 16. Khuzeymaah 17. Mudrikaah 18. Iliyaas 19. Mudar 20. Nizar 21. Ma'ad 22. Adnaan 23........ 24...... jechuudhaan itti fufa. ===> Nabi Muhammad ( s.a.w ) zamana arbaa jedhamu keessatti dhalatan. ===> Akka laakkofsa Awrooppaa bara 570 tti. Baatii Rabi'ul awwal keessa guyyaa wixataa dhalatan. ===> Haatahuu garuu guyyaa itti dhalatan kana irratti hayyoota seenaa jiddutti garaa garummaan ni jira. ===> Barreessitootni seenaa Nabi Muhammad ( s.a.w ) baatii kana keessa guyyaa 2ffaa irratti dhalatan kan jedhan jiru. ===> Baatiidhuma kana keessa guyyaa sadaffaa irratti dhalatan kan jedhanis jiru. ===> Baatiidhuma kana guyyaa 12 ffaa...

Ibaadaan nama hin salaannee ni Qeebalamtii ?

Image
Ibaadaan nama hin salaannee ni Qeebalamtii ? Fatwaa Sheekh Ibn Baaz ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ irraa_ ﻣﻦ ﻓﺘﺎﻭﻯ ﺍﻟﺸﻴﺦ ﺍﺑﻦ ﺑﺎﺯ ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ Gaafii Namni tokko tokko Ka soomutu jira,akkasumas ibaadaa hedduu hojjata, Garuu hin salaatu Soomaa fi Ibaadaan isaa irraa qeebalamtii ? Deebii Bismillaah walhamdulillaah Deebiin sirrii Namni *Beekaa* salaata dhiisu Kufrii islaamummaa irraa isa baaftu guddittii kafara. Kanaaf Soomni isaatii fi Ibaadaan birootis sirrii hin taatu,Hanga Salaata dhiisuu san irraa Gara Rabbii deebi'utti (Toowbatutti) Rabbi Akkana jedha :- { ﻭَﻟَﻮْ ﺃَﺷْﺮَﻛُﻮﺍْ ﻟَﺤَﺒِﻂَ ﻋَﻨْﻬُﻢ ﻣَّﺎ ﻛَﺎﻧُﻮﺍْ ﻳَﻌْﻤَﻠُﻮﻥَ { ‏( ﺳﻮﺭﺓ ﺍﻷﻧﻌﺎﻡ 88: ) Yoo Sharrakan (Kafaran) Dalagan (Ibaadaan) isaan dalagan hunduu jalaa haqamti (baddi) Akkasuma Aayatootaa fi Hadiissan hiikkaa kana qabaniif Jecha Soomnii fi ibaadaan isaa hin qeebalamu. Warri Ilmii qaban baay'een immoo Sababa Salaata dhiiseef Kufrii islaamummaa irraa isa baaftu hin kafaru gara jechuutti deeman. Salaata dhiisuun Yoo salaanni dirqama ta...

NAMOONNI WAA 5 JAALCHUUN WAA 5 IRRAA DAGATAN

Image
NAMOONNI WAA 5 JAALCHUUN WAA 5 IRRAA DAGATAN ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Rassulli Rabbii (S.A.W) Akkana Jechuun dubbatan 1: Jiruu jaalachuun Du'a Dagatu 2: Duniyaa jaalachuun Aakhiraa Dagatu 3: Fooqii (qallaa) Jaaru jaalachuun Qabriin jiraachuu Dagatu 4: Maallaqaa Jaalachuun Hisaaba guyyaa Qiyaamaa irraa dagatu 5: Uumama jaalachuun Kan isaan uume Dagatu (Salawaatu Rabbii Wa salaamuhuu Aleeyhi) ✔ Isin Obboleeyyan Kheeyrii Tuffatuun "Share" Godhuu Hin Dagaatina.!!! RABBIIN WARRA DAGAME IRRA NUN GODHIN

JECHOOTA_HAYYOOTAA

Image
#JECHOOTA_HAYYOOTAA Dubbisaa #Share waliif godhaa waan guddaa irraa baruu dandeessu. ==>. Diinni yoo si woraane, qaama kee si madeessa,hiriyyaan sobaa garuu sammuu kee si madeessa.(Araboota) ==>. Muka jallaa gaaddidduun isaatis jallaadha(French). ==>. Dubartootni bifaan warra irraa dhalatte fakkaati,amalaan garuu warra itti heeruman fakkatu(Oromoota) ==>. Qabsoo bishaanii fi dhagaa gidduutti godhamu keessatti, turee bulee kan mo'atu bishaanuma. (Japanese) ==>. Simbirroon risaa dukaa fiigdu, waan inni jalaa baqatu itti fakkaata (Japanese) ==>. Si'a torba yoo kufte, si'a saddeet lafaa ka'i (Jaappanoota) ==>. Hiriyyaan kee namma akkamii akka ta’e natti hiimi, ati nama akkamii akka taate siifan himaa (Russia) ==>. Gowwaan mammaaksa tuffata, abshaalli immoo irraa barata. (Chinese) ==>. Maallaqni hin dubbatu,garuu soba dhugaa fakkeessa. (South African) ==>. Namni akka itti jiraatu beeku, beekumsa ga'aa qaba. (Swedish) ==>. Icci...

GORSA HAYYOOTA ISLAAMAA.

GORSA HAYYOOTA ISLAAMAA •••••••••••••••••••••••••••••••• ☞Sodaa Rabbii keetii uffata godhadhu. ☞Waan balleessite toowbatuuf jarjarfadhu. ☞Zikrii baay'isuun fedhii lubbuu keetii injifadhu. ☞An maaliifiin uumame jedhii of gaafadhu. ☞Naamusaa fi kabajaa kee tikfadhu. ☞Uzriin maletti salaata dabarsuu fi dhiisuu irraa of qusadhu. ☞Yeroo baay'ee Rabbii kadhatuu amala taasifadhu. ☞Rizqii yoo argatuu barbaadde, fira kee maxxanfadhu. ☞Umrii dheeratuu yoo barbaadde, toltuu dalagadhu. ☞Obbolewwan keetiif yaada gaarii qabaadhu. ☞Haqaa fi baaxil ragaan adda baafadhu. ☞Barnoota amantii keetii xiqqollee ta'u baradhu. ☞Shari'aa diin keetii sirritti akeekkadhu. ☞Kheeyrii keessatti umrii dheertuu kadhadhu. ☞Waan qabdu irraa sadaqaa kennadhu. ☞Kan dhukkubsate bira deemii gaafadhu. ☞Kan kheeyritti si waame jalaa owwaadhu, ☞Ilma namaa hundaaf kabajaa qabaadhu. ☞Haadhaa fi Abbaa kee tola itti ooluun gammachiifadhu. ☞Kan tola sitti oole hunda galateeffadhu. ☞Jannata argatuu yoo feete amala ke...

GORSA BABBAREEDAA ERGAMAA RABBII S.A.W

Image
kalaama gaarii sadaqaa GORSA BABBAREEDAA ERGAMAA RABBII S.A.W Ergamaan Rabbii ﷺ ni je'e "Namni rabbii fi guyyaa aakhiraatti amanu yeroo dubbatu waan kheeyrii haa dubbatu garuu ammoo yoo wanni inni dubbatu san kheyr hin taane haa callisuu/ dubbii san haa firraa dhiisu Namni rabbii fi guyyaa aakhiraatti amanu, ollaa isaa haa kabaju/ ollaa isaatii wajji haala gaariin haa jiraatu/ ollaa isaa haa jaalatu. Rasuulli ﷺ akku je'e guyyaa qiyaamaa ka akkaan rakkoo no hammaattu san namni akkaan narra fagaatu kan teeysumti isaa narraa fageeyfamtu nama arra haala gaarii dhabee ollaa isaati wajji yaa'iin karaa wal nyaatee isaanitti hammaate ja'an Namni rabbii fi guyyaa aakhiraatti amanu keeysummaa isaa haa kabaju " Dhiiroo hadiisa rasuula keenyaa ﷺ mi'aawaa kana hangam takka itti fayyadamutti jirra addunyaa aakhiraa akka milkooynu ???? Haasawa keenya eeggachaa haasawu jirraa?  Hadiisa biraa keeysatti Nabiin rahmataa akki je'e kheyr namni dalagate hunda na...

Maaliif Nabi Muhammad ‎ﷺ ‏Jaalanna ‎?

Image
Maaliif Nabi Muhammad ﷺ Jaalanna ?! Nabi muhammad ﷺ waan hundarra isaan jaalachuun dirqama! Garuu sababaan isa jaalachuun dirqama itti taate maali ? Nabi muhammad ﷺ jaalachuun wanni dirqama itti tahe 👉 Isaatu dukkana kufrii irraa gara ifa islaamaatti nu fide. 👉 Isaatu Gabrummaa shirkii irraa Gara bilisummaa rabbi qofa gabbaruu tti nubaase. 👉 Isaatu kheeyrii fi sharrii adda nuuf baase akka ibidda hin seenne nugodhe. Kanaaf isaan jaalachuun dirqama tahe. ▶. Garuu akkamitti isa jaalanna ?!  👉. Nabi muhammad ﷺ jaalachuun 1. Karaa isaan deeman irra deemuu ni 2. Sunnaa isaanii hordafuuni. 3. Waan isaan irraa dhoorkan dhiisanii, waan isaan itti ajajan dalaguuni. 4. Isaan kabajuuni.  FKN yaroo maqaan isaanii dubbatamu Salawaata irratti buusuu, Yaroo hadiisn (haasooyni) Isaan dubbatamu Callisanii dhaggeeyfachuu fi KKF. 5. Ahlii (maatii) Isaanii jaalachuun. 6. Nama isaan arrabsu yaroo agarte Dandeeysu Irraa dhoorkuun, dadhabdu Nama san jibbuu dha (osoo haadha...

Channel keenya argachuudhaaf linkii asii gadii cuqusuun argattuu.

Image
Channel keenyaa argachuu dhaaf link arman gadii cuqusaa!         ↓↓↓↓ ✩Telegram https://t.me/kalaamnigaariinsadaqaadha/ ✩Face book https://fb.me/kalaamnigaariinsadaqaadha/ https://www.blogspot.com/kalaamagaarii.blogspot.com ✩Youtube https://www.youtube.com/channel/UCiBsAz-WV4QN4TuWfzVJ-Fw Subscribe, like, share!!! Thank you!! Galatoomaa!! Kalaamni gaariin sadaqaa dha.!!!

kalaamni Gaariin sadaqaa

https://youtu.be/cglKP_MUOZM

kalaamni Gaariin Sadaqaa dha

NAMNI WAAN SIIN JEDHU HIN DHABU ATI KAAYYOO TEE IRRAA IF DUUBA HIN DEEBI'IN ☞Yoo dureessa taate☞waa qaba Siin jedhu . ☞Yoo hiyyeessa taate☞si tuffatuu . ☞Yoo furdaa taate☞Hin yaadu sin jedhu . ☞Yoo qal'aaa taate☞dhibe qaba Siin jedhu . ☞Yoo nama jaalatte☞faaydaadhaf Siin jedhu . ☞Yoo nama jibbite☞nama hin jaalattu Siin jedhu . ☞Yoo nama gorsite☞kan ofiituu hin beektu Siin jedhu . ☞Yoo caldhiste☞garaattii dhibee baata sin jedhu ☞Yoo dubbatte☞dubbaata sii godhu . ☞Yoo hiriyyoota waliin deemte☞sagagaaltuu sin jedhu . ☞Yoo bultii hin qabaatin hafte sin jedhu . ☞Yoo deegartuu☞fakkeessa sin jedhu . ☞Yoo moormuu baatte☞shororkeessa siin jedhu . ☞Yoo hojii qabaatte firani Siin jedhu . "Yoo hojii dhabdee wallaala sin jedhu!! Safuu Namni waan naman jedhu hin dhabuu ! JAALALTI TEENYA RABBUMAAF QOFA NUUF HAA TAATU... AMIIIIIN LIKE SHARE......